Dr. Ayansa Medium Clinic

Dr. Ayansa Medium Clinic Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Ayansa Medium Clinic, Medical and health, Hagere Mariam.

DHULAANDHULA (LEECH INFESTATION )✅Akkuma beekamu dhulaandhulli qoonqoo horii seenuun kan dhiigsudha. Keessattuu naannoo ...
22/07/2025

DHULAANDHULA (LEECH INFESTATION )

✅Akkuma beekamu dhulaandhulli qoonqoo horii seenuun kan dhiigsudha. Keessattuu naannoo baadiyyatti hedduuminaan laagaa horii yeroo bishaan dhuganitti seenuun kan dhiigsu dhulaandhula jedhamuun beekamudha.
✅Nama irrattis kutaa qaama garaagaraa seenuun akka dhiigni nama dhangala’u maxxantuulee taasisan keessaa dhulaandhulli maxxantuu hamaadha.
✅ Maxxantuun kun salphaatti gogaa namaa irratti kan maxxanu (yeroo baay’ee keessoo Funyaanii) dhiiga baay'inan xuuxuudha. Maxxansi yeroo baayyee dhukkubbii kan hin qabne yoo ta'u, yeroo dhiiga xuuxani quufan ofuman qaama keenya irraa adda ba’u.
✅Yeroo kanas keemikaala Hirudin, jedhamu kan dhiigni bakka madaa kanaa irraa dhiiguu taasisu gadlakkisu.
✅Madaan ciniiname suuta kan fayyu yoo ta’u, infekshiniin baakteeriyaa sadarkaa lammaffaaf saaxilamun kan baratame miti.
Keessumaa namoota naannoo baadiyaa jiraatan irratti ni mul’ata.
✅Kutalee qaamaa kan akka laagaa, qaama saalaa, qaama bobbaa (Hudduu), mar’immaan fi funyaan seenuun akka dhiigan taasisa.

MALLATTOOLEEN MAXXANTUU DHULAANDHULATIN DHUFU MAALI ?
✅. Dhiigni dhangala’uu:- laagaa, qaama saalaa, ija, hudduu fi funyaan.
✅. Hir'ina dhiigaa
✅. Dhiiguu kutaa qaama garagaraa.
✅. Hafuura kutuu.
✅. Dadhabina onnee fi
✅. Du’a qaqqabsisuu danda'a

DHULAANDHULA AKKAMIN YAALUU DANDEENYA?
⚠️Loomii(viinigarii) bulbuluun dhuguu, (laagaa keessa yoo tahe)
⚠️Bishaan ciisaa/lagaa dhuguu dhiisuu.
⚠️Ashaaboo (soogidda)itti dibuu
⚠️Meeshaa hoo'isuun itti qabu.
⚠️Foorseepsii fayyadamuun qabanii baasuu. Kunis mana yaalatti ogeessa fayyaan tahuu qaba.
⚠️Rakkoo maxxantuu dhulaandhulaan dhufan yaaluu. Fkn. Hir’ina dhiigaa waan fiduuf mana yaala geessun dhiigni kennamuufi qaba.
Hub: Weerarri maxxantuu dhulaandhulaa nama keessattuu da'imman irratti mul’atu dhimma fayyaa hamaa fiduu danda’a. Kanaafuu mallattoolee, sababoota daa’imman saaxilan, fi tooftaa wal’aansaa sirrii ta’e beekuun barbaachisaa dha.

Dr. Ayansa Medium Clinic

Qoricha “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hinfayyadamne akeekkachiifameQoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuurraa...
25/11/2024

Qoricha “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hinfayyadamne akeekkachiifame

Qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuurraa hawaasni akka of qusatu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa akeekkachiise.

Abbaan taayitichaa akeekkachiisaa baaseen qorichi seeraan alaa kun elementoota fayyaarraan miidhaa geessisuu danda’an akka qabu eeruun, faayidaaf akka hinoolle hubachiiseera.

Qorichichi gabaarratti bal’inaan dhiyaataa jiraachuu fi Abbaa Taayitichaan kan hingalmoofne ta’uun, qulqullinni, nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa hinbeekamu jedheera.

Fedhii nyaataa dhabuu, teessisaa, dhukkubbii garaa, ol tuttuqaa, guraaruu, hirriba dhabuu, dadhabbii, sirriitti arguu dhabuu, raatessuu, dhukkubbii mataa, rakkoo gogaa, inzayimoonni tiruu dabaluu fi yeroo dheeraaf yoo fayyadaman miidhamuu kalee kan hordofsiisu ta’uun miidhaalee cinaa qorichichaa ta’uu ibseera.

Akkasumas carraa rakkoo tiruu, kalee, onnee , dhibbaa dhiiga sadarkaa olaanaa hamaan qabamuuf kan saaxilu danda’u ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Hawaasnis kana hubachuun qoricha kana fayyadamuurraa akka of qusatuu fi qorichichi faayidaaf wayita oolu yoo arge karaa toora bilbila bilisaa 8482’n bilbiluun abbaa taayitichaas ta’ee qaamolee to’annoof eeruu akka kennan waamicha dhiyeesseera.

MALA ITTISA ULFA HATATTAMAA (EMERGENCY CONTRACEPTIVE)******************************************✍️Ulfa ittisuu hatattamaa...
23/10/2024

MALA ITTISA ULFA HATATTAMAA (EMERGENCY CONTRACEPTIVE)
******************************************
✍️Ulfa ittisuu hatattamaa (EC) jechuun walqunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne (UPI) booda ulfi akka hin uumamne kan ittisuu jechuudha.
✍️ Malli kunis kan afaaniin fudhatamuu fi Mala ittisa meeshaa gadameessa keessaa ka'amuu (IUD) kan ofkeessa qabudha.
✍️ EC ulfa jiru irratti miidhaa hin qabu; kanaaf, ulfa baasuu hin danda'u.

MALOOTNI ULFAA ATATTAMAA MAALI?
******************************************
✍️Filannoon EC kun meeshaa gadameessa keessaa ka'amu (IUDs) gosa lama (Cu T380A IUD & Levonorgestrel 52mg IUD) fi qoricha afaaniin fudhatamu of keessatti qabata.

✍️ Malli Ulfa ittisa Meeshaa gadameessa keessaa kahamu (IUD)— lamaan isaanii iyyuu carraa ulfahu marsaa jalqabaa dhibbeentaa 1 gadi kan qaban yoo ta’u, mala ittisa ulfaa bu’a qabeessa fi itti fufiinsa qabu kan kennudha.

🌹Malawwan ulfa ittisuu hatattamaa qoricha afaaniin fudhatamu: —
1. Levonorgestrel:Levonorgestrel hormoonii sinteetikii hormoonii progesterone wajjin wal fakkaata. Innis adda durummaan ovulation, hanqaaquu ovaarii keessaa akka hin baane ittisuudhaan ykn tursiisuudhaan hojjeta.Bu'a qabeessummaa:
2. Aseeteetii Uulipristaal (ella):
Ulipristal acetate hormoonii sinteetikii kan biraa yoo ta'u, bu'aa piroojeestiroonii ugguruu fi ovulation harkifachuun hojjeta. Akkasumas hanqaaquu walhormaataa gadameessa keessatti akka hin kaa’amne gufachiisuu danda’a.

🌹ULFAA ITTISUU IRRATTI QORICHI ULFA ATATTAMAA HAMMAM BU’AA QABA?
*****************************************
✍️ Mala ittisa gadameessa keessaa (CuT380 IUD) mala EC hunda caalaa bu’a qabeessa fi carraan ulfahuu hordofee dhufu %0.1 dha.
✍️Kana jechuunis IUD booda carraan ulfaahu dhibbeentaa 99 oliin hir'itaa jechuudha.
✍️Hanga waggaa 12 ulfa ittisuu irratti bu’a qabeessa olaanaa qaba.
✍️ IUD levonorgestrel (LNG 52 mg) carraan ulfahu dhibbeentaa 0.3 qaba.
✍️Qoricha afaaniin fudhatamuun wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa 5_8 bu’a qabeessa dha.
✍️ LNG afaaniin fudhatamu : Carraa ulfaa'uu 1.7% hanga 2.6% qabata
✍️Yeroo bu’a qabeessummaa: hanga sa’aatii 72_120tti fudhatamu danda'a.
✍️Haa ta’u malee, bu’a qabeessummaan isaa yeroon ni hir’ata

🌹MALA KAMIIN FILACHUU QABNA?
*****************************************
✍️Malli ittisa gadameessa keessaa (IUD) lamanu mala EC hunda caalaa bu’a qabeessa ta’u fi ogeessa fayyaa kan barbaadudha.
✍️Argachuufis yeroo baay’ee kan fudhatu fi baasii guddaa kan gaafatudha.
✍️Ulipristal acetate (UPA) mala afaaniin fudhatamu hunda caalaa bu’a qabeessa ta’us ajaja ogeessa fayyaa kan barbaadu fi manneen qorichaa hundaatti kan hin argamnedha.
✍️Qorichi levonorgestrel (LNG), kan afaaniin fudhatamu: 1. bu’a qabeessummaan isaa gad_aanaa; 2. ajaja ogeessa fayyaa malee mana qorichaa kamiyyuu keessatti kan argamuu fi 3. gatiin isaa salphaa ta'eedha.
: Qorichi kun dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban (STIs) irraa hin eegu. Mallattoowwan akka Oldeebisisu, mataa dhukkubbii, dadhabbii fi jijjiiramni marsaa laguu jirachu danda'a.
fi godhaa

Dr. Ayansa Medium Clinic
Teessoon keenya: Aanaa Bulee Horaa magaala Garbaa, Ganda 02 Community Pharmacy fuula dura:
Odeffannoo dabalataaf:🤳+251912404574, +251944300092,

Hubannoo waa’ee Toonsilii daa’immanii irratti!Toonsilii jechuun maalii?Tonsiliin akka baay'een keenya yaadne sanatti dhu...
17/08/2024

Hubannoo waa’ee Toonsilii daa’immanii irratti!

Toonsilii jechuun maalii?

Tonsiliin akka baay'een keenya yaadne sanatti dhukkuba miti. Tonsiliin walitti qabama xannachoota xixiqqoo seelii uumamaan qaama keenya irraa dhukkuba ittisuuf gargaaraniidha. Innis utubaa qoonqoo keenya gara duubaa, arraba duuba, laagaa fi kutaalee funyaan keessaa gama duubaa wal qunnamsiisudha.

Gosoota tonsilii fi moggaasaalee isaanii:

1. Toonsilii arraba duubaa irratti mul’atu (lingual tonsil).
2. Toonsilii laagaa irratti argamu (Palatine tonsil)
3. Toonsilii laagaa fi qaawwa keessoo gurraa gama duubaati argamu (Tubal tonsils)
4. Adenoids / pharyngeal tonsils (utubaa afaanii gubbaa fi gama keessoo funyaaniitti maxxanee kan argamudha) .
Toonsiliin kan uumama gaafa daa’imni gadameessa haadhaa keessatti uumamu torban jalqabaa 4-6 keessattidha.

Faayidaan Toonsilii maalii?

Baakteeriyaa afaanii fi funyaaniin seenan nurraa dhorkuudha. Isaanis qaama Tishuu limfooyidii membireenii wajjin walitti maxxananii jiranidha. Infeekshinii ittisuu keessatti iddoo guddaa qabu. Madinummaa jalqabaa (primary immunity) jarmoota nurraa eegan keessaa tokkodha.

Toonsilii fi huubni qoonqoo tokkodhaa?

Lamaanuu naannoo laagaa keessatti argamu. Garuu walitti dhufeenyi isaanii ollummaa malee tajaajilli kennan kan wal fakkaatu miti.

Huuba qoonqoo (Uvula):- Huubni qoonqoo qaama laagaa keessaa gadi rarraatee mul’attudha. Nyaata naannessuu, liqimsuu fi dubbii afaanii keessatti gahee guddaa kan qabudha; Toonsilii wajjin waan wal qabatu hin qabu.

Infeekshinii Toonsilii (Tonsillopharyngitis)
Dhibeen kuni yeroo Toonsiliin fi keessoon laagaa jarmootaan weeraramanidha.Jarmootni kunis Vaayiraasii, baakteeriyaa tahuu danda’u.

Vaayireesota infeekshinii toonsilii fidan
*Adeenoovaayirasii,
*Enterovirus,
*Epstein-Barr virus,
*Herpes virus
*Measle,
*Cytomegalovirus kan jedhamanidha.

Baakteeriyaa infeekshinii Toonsilii fidan

*GABHS-baay’inaan mul’atan,
*S.pyogens,
*M.pneumonia,
*Baakteeriyaa giraam negaatiivii keessaa tahan- (10-15%)

Mallattooleen Infeekshinii Toonsilii maal fa’aa?

*Ho'insa/gubaa qaamaa,
*Liqimsuu dadhabuu/dhukkubbii eroo liqimsuu:
*mataa dhukkubbii,
*Foolii afaanii badaa,
*Dhiita’uu xannachoota naannoo mormaa keenyaa jiranii,
*Yeroo rafiitii kurruufuu
*qufaa

Karaalee daddarbinsa Infeekshinii Toonsilii

1. Dhangalaa yeroo hargansuu
2. Tuquudhaan

Infeekshiniin toonsilii baakteeriyaan dhufu daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa ol ta’e kan miidhu yoo ta’u, irra caalaan isaanii umuriin isaanii waggaa 5-15 gidduutti kan argamanidha. Daa’imman waggaa lamaa gadii irra caalaa infeekshinii Toonsilii Vaayirasiin dhufuun qabamu; carraan baakteeriyaan qabamuu xiqqaa tahus umurii waggaa tokkoo booda ni jiraata. Waggaa tokko dura garuu carraan infeekshinii toonsilii baakteeriyaan dhufuu qabamuu baayyee baayyee xiqqaadha.

Rakkoolee infeekshinii Toonsiliin wajjin walqabatan

1. Malaa kuufachuu naannoo Toonsilii (tonsillar and retropharyngeal abscess)
2. Dhukkuba Sombaa (Pneumonia)
3. Infeekshinii haguugduu sammuu (Mmeningitis)
4. Dhukkuba Onnee gosa Rihuumatik jedhaman (Rheumatic heart diseases)
5. Dhukkuba Kalee (Post-streptococcal glomerulonephritis)
6. Dhiitahuu Toonsilii (adenotonsilar hypertrophy)

Wal’aansa infeekshinii Toonsilii

Jalqaba irratti, sababni isaa baakteeriyaa ykn vaayirasii ta’uu isaa adda baasuun barbaachisaadha. Karaalee adda baasuu dandeenyu kan armaan gadiiti. Isaanis:-
Yoo vaayirasii ta'e mallattoon utaalloo ni jiraatu; garuu, yeroo tokko tokko vaayirasii ta'ee jalqabee gara baakteeriyaatti jijjiiramuu waan danda'uuf of eeggannoo gochuu qabna.
1. Yoo malaa kan of irraa qabu tahe mallattoo baakteeriyaati garuu kanas mirkaneeffachuu barbaachisaa.
2. Yoo foon ilkaanii, hidhii ykn arrabni yoo kan dhukkubu tahe mallattoo vaayirasii ti.
3. Qorannoo seelii dhiiga adii fi kan kanaan walqabatu taasisuun
4. Wanta akka adii fakkaatu kan toonsilii irra faca’ee jiruu yoo tahe kan baakteeriyaan dhufudha.

Qoricha infeekshinii toonsiliif!

*Dhukkubbii kan hir’isu fudhachuu/kennuu
*Qoricha farra baakteeriyaa- Kuni sababni infeekshinii toonsilii yoo baakteeriyaa tahe qofa kennama.
*Dhangala’aa gahaa fudhachuu fi boqonnaa.
*bishaaniin ulachuunis faayidaa ni qabaata
*Cuunfaa Burtukaana ykn loomii xuuxuun/akka dhugan gochuu faayidaa ni qabaata.
*Madaa afaan keessaa yoo jiraatee fi dhukkubbiin kan rakkisu yoo tahe ashaboo bishaan bulluqetti dabaluun akka lulluuqatan gochuunis ni fayyada.

Fayyaan Daa'immaniif!

Dr. Sabona

10/08/2024

ETHIOPIA on top ‼️

Tamirat Tola brings home the marathon gold to Ethiopia after 24 years of waiting.

He clocks an impressive 2:06:26 on the brutal Paris 2024
course 🤯

Dhiibbaa Dhiigaa Olka'aa ( Hypertension)******************************************Dhiigni keenya ujummoolee Dhiigaa kees...
22/06/2024

Dhiibbaa Dhiigaa Olka'aa ( Hypertension)
******************************************
Dhiigni keenya ujummoolee Dhiigaa keessa yaa'uun qaama hunda qaqqabuun oksijiinii fi nyaatni garaagaraa ( nutrients) seelota keenyaaf geessuun , kaarbondaayoksaayidii fi xuraawaa garagaraaa immo seelota keenyarraa fuudhee dhabamsiisuuf gargaara. Onneen keenya immoo dhiigni keenya ujummoolee dhiigaa keessa akka naanna'uuf dhiigaa ni darbatti ( ni facaasti). Haala kanaan dhiigni keenya kottoonfachuu fi diriinfachuun ( dhahannaa onneen ) ujummoolee dhiigaa keessa dhiibamee naanna'a. Dhiibbaa dhiigni ittiin ujummoolee dhiigaa keessa naanna'u Kun dhiibbaa Dhiigaa jedhama.
Dhiibbaan dhiigaa fayyaalessi namoota umuriin isaanii 18 ol ta'eef 120/80 mmHg gadi dha. Kanaa ol too ta'e, dhiibbaa dhiigaa Olka'aa jedhama.
Dhiibbaa dhiigaa Olka'aa sadarkaalee garaa garaa qaba.
1. Dhiibbaa dhiigaa oka'uuf jiru ( pre hypertension) ; 120/80 irra hangs 139/89 jiru dha.
2. Dhiibbaa dhiigaa sadarkaa tokko ( grade I hypertension); 140/90 hanga 159/99 jiru dha.
3. Dhiibbaa dhiigaa sadarkaa Lama ( grade II hypertension; 160/100 hanga 179/109 dha.
4. Dhiibbaa dhiigaa cimaa/ ol'aanaa ( severe hypertension ( hypertensive urgency/emergency) ; 180/110 fi isaa ol yoo ta'eedha.
Namni tokko dhiibbaa dhiigaa qaba kan jennuun dhiibbaa dhiigaa irra deddeebiin ilaalamuu yoo sadarkaa tokko ( 140/90 fi isaa ol ) ta'eef dha.
Sababii dhiibbaan dhiigaa ittiin dhufu irratti hundaa'uun iddo lamatti qoodama.
1. Dhiibbaa dhiigaa sababa ittiin dhufe kan hin beekkamne (Primary / idiopathic) . Kun baay'inaan ( %90 hanga %95) kan ta'uu dha. Dhiibbaan dhiigaa gosa kanaan dhufu dhawaatan waggaa dheeraa keessa dabalaa kan deemuu fi yeroo baay'ee too hin beekamin rakkoo fayyaa namarraan gahuu danda'a.
2. Dhiibbaa dhiigaa sababa ittiin dhufe beekamu ( secondary hypertension) dha. Dhiibbaan dhiigaa akkana Kun mama muraasa ( %5 hanga %10) irratti kan mul'atu yoo ta'uu, yeroo baay'ee namoota umuriin dargaggeesummaa irratti kan mul'atu dha.

Dr. Ayansa Medium Clinic
Teessoon keenya: Aanaa Bulee Horaa magaala Garbaa, Ganda 02 Community Pharmacy fuula dura:
Odeffannoo dabalataaf:🤳+

15/06/2024

Happy Eid Al ARafah!

TALAALLII (VACCINATION)===============================Talaalliin kunuunsa ittisaa fayyaa daa’immaniif kennaman keessaa i...
18/05/2024

TALAALLII (VACCINATION)
===============================
Talaalliin kunuunsa ittisaa fayyaa daa’immaniif kennaman keessaa isa murteessaadha. Talaalliin daa’immaniif faayidaa akka ittisa dhukkuboota ciccimoo ykn dhukkuba lubbuu namaa balaa irra buusuu danda’an irraa eeguuf, tatamsa’ina infeekshinii ittisuuf, akkasumas akka waliigalaatti ummata keessatti dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ijaaruuf kan gargaarudha.
Waa’ee talaallii daa’immaniif qabxiileen barbaachisoo ta’an tokko tokko kunooti:
GOSOOTA TALAALLI DAA'IMNI FUDHACHU QABAN.
================================
Giddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkubaa (CDC) fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) sagantaa talaallii daa’immaniif gorfame irratti qajeelfama ni kennu. Sagantaan kun talaallii dhukkuboota akka:
✅ ✅( ), ✅ , ✅ , ✅ , ✅ , ✅ , ✅ , ✅ ,✅ ✅ , ✅ fi kanneen biroo of keessatti qaba.
FAAYIDAALEE TALAALLIN DAA'IMAF QABU MAALI?
=================================
Talaalliin daa’imman dhukkuboota daddarboo rakkoo hamaa, hospitaala ciisuu, ykn du’a illee fiduu danda’an irraa ni eega.
Talaalliin dhukkuboota yeroo tokko baay’inaan mul’atanii fi lubbuu namaa galaafachuu danda’an kanneen akka pooliyoo fi Gifiraa baay’ee hir’isee jira.
MADINUMMAA TUUTAA (HERD IMMUNITY) MAALI?
==================================
Daa’imman talaaluun dhuunfaan isaan eeguu qofa osoo hin taane madinummaa tuutaaf gumaacha qaba. Uummata tokko keessaa dhibbeentaan guddaan yeroo talaallii fudhatamu, tamsa’ina dhukkubootaa daangessuuf gargaara, namoota saaxilamoo ta’an kanneen sababa fayyaatiin talaallii fudhachuu hin dandeenye, kan akka daa’immanii ykn kanneen sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’e ni eega jechuudha.
SAGANTAA TALALLIN NAMAF ITTI KENNAMU QABU
============================+=====
Akkaataa sagantaa ministeerri fayyaa Itiyoophiyaas tahe dhaabbanni fayyaa addunyaa ibsanitti talaalliin guyyaa daa’imni dhalatu irraa eegaluun ni kennama. Innis umurii irratti hundaa’uun gosoota garagaraatu kennama.
⚠️Sagantaa kanas gabatee armaan gadii irraa ni argattu.

MIIDHA CINAA TALAALLIN QABU MAALI?
============================
Talaalliin itti fayyadamuuf osoo hin mirkanaa’iin dura nageenyummaa fi bu’a qabeessummaa isaaf qorannoo fi hordoffii cimaa keessa darba. Miidhaan cinaa ( ) beekamaan bakka limmee waraanamettii dhukkubbii, ho’a qaamaa salphaa ykn kulkulfannaa qaamaa salphaa ta’uu danda’a. Miidhaan cimaan talaalliin qaqqabsiisuu baayyee xiqqaadha.
DHUKKUBOOTNI TALALLIN ITTIFAMAN KAM FA'A?
=================================
Dhukkuboonni talaalliin ittifamuu danda’an daa’imman irratti miidhaa hamaa geessisuu danda’u. Kunis miidhaa sammuu, dhukkuba somba, garaa kaasaa, dhageettiin duuduu, jaamina ijaa ykn du’a dabalateeti.
Talaalliin carraa dhukkuboota kanaa fi rakkoolee isaan waliin walqabatan haalaan hir’isa jechuudha.
ODEEFFANNOON DOGOGGORA WAYEE TALAALLI IRRATTI JIRU MAALI?
================================
Odeeffannoo sirrii waa’ee talaallii argachuuf maddoota odeeffannoo amanamoo ta’an kan akka kennitoota eegumsa fayyaa, Biiroo fayyaa mootummaa, ykn dhaabbilee yaalaa beekamoo ta’an irratti hundaa’uun barbaachisaa dha. Odeeffannoo dogoggoraa ykn himannaa bu’uura hin qabne kan talaallii irraa duubatti deebisan ykn akka hin fudhanne taasisuu malan irra of qusachuu barbaachisa.
godha

Dr. Ayansa Medium Clinic
Teessoon keenya: Aanaa Bulee Horaa magaala Garbaa, Ganda 02 Community Pharmacy fuula dura:
Odeffannoo dabalataaf:🤳+251912404574, +251944300092

17/05/2024

Effect of ***co 🚬

DHULAANDHULA (LEECH INFESTATION )✅Akkuma beekamu dhulaandhulli qoonqoo horii seenuun kan dhiigsudha. Keessattuu naannoo ...
11/05/2024

DHULAANDHULA (LEECH INFESTATION )

✅Akkuma beekamu dhulaandhulli qoonqoo horii seenuun kan dhiigsudha. Keessattuu naannoo baadiyyatti hedduuminaan laagaa horii yeroo bishaan dhuganitti seenuun kan dhiigsu dhulaandhula jedhamuun beekamudha.
✅Nama irrattis kutaa qaama garaagaraa seenuun akka dhiigni nama dhangala’u maxxantuulee taasisan keessaa dhulaandhulli maxxantuu hamaadha.
✅ Maxxantuun kun salphaatti gogaa namaa irratti kan maxxanu (yeroo baay’ee keessoo Funyaanii) dhiiga baay'inan xuuxuudha. Maxxansi yeroo baayyee dhukkubbii kan hin qabne yoo ta'u, yeroo dhiiga xuuxani quufan ofuman qaama keenya irraa adda ba’u.
✅Yeroo kanas keemikaala Hirudin, jedhamu kan dhiigni bakka madaa kanaa irraa dhiiguu taasisu gadlakkisu.
✅Madaan ciniiname suuta kan fayyu yoo ta’u, infekshiniin baakteeriyaa sadarkaa lammaffaaf saaxilamun kan baratame miti.
Keessumaa namoota naannoo baadiyaa jiraatan irratti ni mul’ata.
✅Kutalee qaamaa kan akka laagaa, qaama saalaa, qaama bobbaa (Hudduu), mar’immaan fi funyaan seenuun akka dhiigan taasisa.

MALLATTOOLEEN MAXXANTUU DHULAANDHULATIN DHUFU MAALI ?
✅. Dhiigni dhangala’uu:- laagaa, qaama saalaa, ija, hudduu fi funyaan.
✅. Hir'ina dhiigaa
✅. Dhiiguu kutaa qaama garagaraa.
✅. Hafuura kutuu.
✅. Dadhabina onnee fi
✅. Du’a qaqqabsisuu danda'a

DHULAANDHULA AKKAMIN YAALUU DANDEENYA?
⚠️Loomii(viinigarii) bulbuluun dhuguu, (laagaa keessa yoo tahe)
⚠️Bishaan ciisaa/lagaa dhuguu dhiisuu.
⚠️Ashaaboo (soogidda)itti dibuu
⚠️Meeshaa hoo'isuun itti qabu.
⚠️Foorseepsii fayyadamuun qabanii baasuu. Kunis mana yaalatti ogeessa fayyaan tahuu qaba.
⚠️Rakkoo maxxantuu dhulaandhulaan dhufan yaaluu. Fkn. Hir’ina dhiigaa waan fiduuf mana yaala geessun dhiigni kennamuufi qaba.
Hub: Weerarri maxxantuu dhulaandhulaa nama keessattuu da'imman irratti mul’atu dhimma fayyaa hamaa fiduu danda’a. Kanaafuu mallattoolee, sababoota daa’imman saaxilan, fi tooftaa wal’aansaa sirrii ta’e beekuun barbaachisaa dha.

Dr. Ayansa Medium Clinic
Teessoon keenya: Aanaa Bulee Horaa magaala Garbaa, Ganda 02 Community Pharmacy fuula dura:
Odeffannoo dabalataaf:🤳+251912404574, +251944300092,

MASEENUMMAA DHIIRAA (Male Infertility)==============================👍Maseenumaa biyyaa keenya keessatti bayyee dabalaa d...
07/05/2024

MASEENUMMAA DHIIRAA (Male Infertility)
==============================
👍Maseenumaa biyyaa keenya keessatti bayyee dabalaa dhufe jira.cimdii torba keessa tokko ni maseenu.
👍Maseenumaa 50% dhiira irraa yoo dhufu 50% dubaraa irraa dhufa.

SABABOOTA MASEENUMMAA DHIIRAA FIDAN:
1 hanqina ispermii irraa dhufuu
2 qaamni saala dhiira ka'uu dadhabu (erectile dysfunction)
3 walqunnamti saala dura dhangalasu(premature ej*******on)

HANQINA ISPEERMII MAALTU FIDA?
1 infeekshinii fkn dhukkuba manjaloo (mumps orchitis)
2 hanqina hormoonii irraa fkn hormoonii teetestiroonii jedhamu
3 alkoolii dhuguu, tamboo afufuu fi qorichoota steroid ofi keessa qaban yeroo bayyee fayyadamu
4 balaan ujumoo sanyii kormaa dabarsu (VAS deferens) fi ciidhaani (te**is) irra yoo gahe.
5 dhukkuboota akka kalee fi Tiruu
6 furdinna garmalee
7 uumaman qaamni saala dhiira garaa keessatti hafuu (undescended te**is)

QORANNOON GODHAMU KAN AKKAMITI?
1 qoranno sanyii kormaa( seminal analysis)
2 qoranno dhiigaa fkn kan kalee,tiruu fi koleestiroolii
3 Altiraasawuundii (Doppler ultrasound)
4 suumuda sanyii kormaa irraa fudhamu (testicular biopsy)

MASEENUMMAN YAALAMUU DANDA'A?
Deebii: Eyyeen
1 yaala qoricha
2 waldhansa baqaqasani yaalu (surgery)
3 karaa namtolcheen sanyii kormaa fudhani gadameesa dubartii keessatti guddisu(artificial insemination)
HUBACHIISA: cimdii tokko maseenan kan jennun waggaa 1 osoo Walqunnamti saala osoo godhani yeroo ilmoo dhabani booda.
godha

Dr. Ayansa Medium Clinic

04/05/2024

Baga Jala Bultii Ayyaana Faasikaa nagaan geessan!
Ayyaana Gaarii!

Address

Hagere Mariam

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Ayansa Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Ayansa Medium Clinic:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram