10/06/2025
Yeroo tokko tokko osoodhuma taa,anii onneen akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ka'uu malaa? Yoo maal ta'e mana yaalaa deemuu qabnaa?
************************************************
1. Waantoota qaama si'eessan kamiyyuu kan akka: bunaa, jimaa, tamboo, kookaayinii fi kkf yoo fayyadaman.
2. Jijiirrama hoormoonii qaamaa, keessumaa dubartoota keessatti kan akka marsaa laguu, ulfaa (pregnancy, fi marsaan laguu hafuu (menopause)
3. Sababa kamiin illee gaafa qaamni keenya ho'u ykn dhaqna gubaa (fever) yoo qabaatan.
4. Sochii qaamaa cimaa (straneous exercise) yoo taasisan.
5. Miirota kanneen akka aarii, sodaa fi gadda cimaa ta'an yoo namatti dhaga'aman.
6. Hoormooniin xannacha taayirooyidii irraa maddu (thyroxine) yoo haga barbaadamuu ol oomishamamee qaama keessa faca'u, fkn ucuba mormaa (goiter) yoo hormoonii kana oomishu.
********************************************
Waantoonni armaan olitti kaasne kun kan ofii isaaniin dhiisanii fi yeroo baay'ee kan miidhaa hin qabnedha. Garuu yoo dha'achuun onnee cimaa ta'ee (osuma taa'ani akka nama fiiguutti dha'atee) fi waantoo armaan gadii kana walfaana qabaanne mana yaalaa deemnee ogeessa haasofsiisuu qabna.
1. Miira dhukkuubbii ykn namatti ulfaachuu laphee (chest heaviness)
2. Yoo waa hojjachuuf jedhan haafurri namatti cituu (shortness of breath).
3. Ofwallaaluu, lafti namaan maruu (fainting or dizziness).
********************************************
By © Dr. Gurmeessa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)