15/11/2025
Oduu Ariifachiisaa Amma Nu Gahe!!
Dhukkubni maalummaan isaa ammatti hin mirkanoofne kan dhaabbanni fayyaa Addunyaa WHO fi Ministerri fayyaa Itoophiyaa naannoo kibbaatti mullate jadhe Oromiyaa keessatti mullachuu fi lubbuu namaa galaafachaa jiraachuu doktaroonni amma beeksisa jiru. Gabaasni kun doktaroota irraa na gahe!!👇👇
"Weerarri dhibee naannoo kibbaatti mul'atee ture Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Hancaar keessan ka'uun ummata hedduu galaafataa jiraa. Aanaa Habroo, Gubbaa Qorichaa, Daaroo Labuu, Aanaa Asakoo, Gumbii Bordoddeefii Aanota Godina Carcar/Harargee Lixaa, Arsiifii Shawaa Bahaattis hatattamaan tatamsa'uu waan danda'uuf of eeggannoon hawaasaa barbaachisaadha. Dhibeen kun saffisaan tatamsa'aa jiraachuun isaa mirkanaa'ee jira. Kanaaf hawaasni of eeggannoo cimsaa iddoo weerarri itti mudate ammoo eeruu hatattamaa waajjira fayyaatif akka kennitan isin gaafanna. Dhaamsa kana share godhaa wal-biraan gahaa!
Mallattoolee dikkubichaa akka ho’a qaamaa, qolli ijaa diimatuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a yoo agartan; Bilbila Biiroo Fayyaa Oromiyaa +251113717227 kanatti bilbiluun gabaasaa godhaa godhaa waliif dabarsaa"