10/04/2026
🤰Gaaffii: "Dr ani ulfa Ji'a torba gara qaba yeroo toķko hiriba kessaa yoon dammaqu dugdan cisee of argaa rakko fidu danda'a?"
Deebii: Ulfa ji'a torbaa (torban 28) erga taatee booda, hirriba keessaa yoo dammayxan dugyaan ciistanii of arguu dandeessu. Kun yeroo baay'ee rakkoo guddaa hin fidu, garuu gara cinaachaatti garagalanii ciisuun mucaa fi isiniif baay'ee filatamaadha.
🤷♂️ Dugdaan ciisuun rakkoo fiduu kan danda'u:
▪️Dhiibba Ujummoo Dhiigaa: Ulfaatinni gadameessaa ujummoo dhiiga gara onneetti deebisu (vena cava) waan gadi qabuuf, dhiigni gara mucaa deemu xiqqachuu danda'a.
▪️Dugdaan yoo ciistan of wallaaluu (dizziness), hafuurri cituu fi dhukkubbii dugdaa fiduu danda'a.
🧑⚕️ Maal gochuu qabdu?
✅️ Hirribaa yoo dammayxan dugyaan yoo of argitan hoggasuma gara cinaacha bitaa ykn mirgaatti garagalaa.
✅️ Boraatii Fayyadamuu: Hirribaan akka gara hin galleef boraatii cinaacha keessan jala godhachuun of gargaaruu dandeessu.
✅️ Cinaacha bitaatti garagaluun dhiigni fi sooranni akka gaariitti mucaaf akka dhaqu godha.
👉 Wanti beekamuu qabu: Yeroo hirribaa namni of hin beeku, kanaaf dugdaan of argun isaa yeroo gabaabaaf waan ta'eef mucaa keessan irratti miidhaa guddaa hin fidu; deebitaniin gara cinaachaatti garagaluun gahaadha.