Hàķèmù Ďèçhàs

Hàķèmù Ďèçhàs Public health professional
I care you care we care our healthy
Be healthy Be thankful
Smart start!

♡Kabajamtu fi jalatamtu  hadhaa mana Kiya baga itti gesse Ayyana garii sif ha ta'u!!!
30/03/2025

♡Kabajamtu fi jalatamtu hadhaa mana Kiya baga itti gesse Ayyana garii sif ha ta'u!!!

Kaansariin Harmaa fi Fiixee Gadameessaa Yeroon yaalamnaan dhibee salphaatti fayyuun danda'amuudha.Onkoloolessa bara 2017...
04/11/2024

Kaansariin Harmaa fi Fiixee Gadameessaa Yeroon yaalamnaan dhibee salphaatti fayyuun danda'amuudha.
Onkoloolessa bara 2017
====≈============================
Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata OBN waliin ta'uun duula hubannoo uumuu dhibee kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa ji'a tokkoof guutuu Oromiyaatti gaggeeffamu sababeeffachuun ardaa mariin gaggeessee jira.
Kaayyoon marii kanaa kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa irratti hubannoo hawaasaf uumuuf.
Akka biyya keenyatti kaansarii lubbuu namaa gaga'an keessaa kansariin sadarkaa tokkoffan yoo ta'uu sadarkaa lammaffaan immoo kansarii fiixee gadameessati. Haaluma kanaan waggaatti kansarii harmaatin dubartoonni 16, 133 dhibee kannan qabaman keessaa 9, 061 lubbuun isaanii ni darba. Kaansarii fixee gadameessatiin immoo dubartoonni 7, 445 ta'a waggaa waggatti kan qabaman yoo ta'uu, kanneen keessaa 5, 338 lubbuun ni darba.
Kansariin sadarkaa adda addaa qaba. Namoonni kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa sakata'amanii yeroo inni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irra jiru yoo yaalaman guutumaan guututti fayyuu kan danda'an yoo ta'uu hanguma sadarkaan isaa dabalaa deemu carraan fayyuu immoo xiqqaachaa deema waan ta'eef yeroon yeroon kaansarii kanneen qoratamuun haala fayyaa ofii beekuun murteessadha.
Akka Oromiyaatti buufataalee fayyaa 424 fi hospitaalota 104 keessatti tajaajilli calaallii fi yaalii kaansarii fiixee gadameessaa kennamaa jira.
Kana malees, Hospitaala Naqamtee, Jimmaa, Adaamaa, Asallaa fi Haramayaa keessatti tajaajilli yaala kaansarii hundaa kennamaa jira.
Kanaafuu dubartoonni umuriin isaanii 30 - 49 keessa jiran calallii kaansarii fiixee gadameessaa gara dhaabbilee fayyaa calalliin kaansariin fiixee gadameessaa itti kennamuu dhaqanii qoratamuu akka qabanii fi kan kaansarii harmaa immoo jijjiirama harma irratti mul'atu dhiitoo harma keessatti mul'atu, bifti isaa jijjiiramuu fi fiixen harmaa keessa gadi seenuu fi dhiisuu yeroo yeroon sakatta'aa deemuun yoo mallatoon kun irratti mul'ate dafanii gara dhaabbat

28/08/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Osama Abaas, Abrahim Mohammed

03/09/2023

~Pay attention-Of eganna dhukkuba (cholera)

02/09/2023

DHUKKUBA KOLEERAA (cholera)

📈 kun sadarkaa addunyaatti dhukkuba yaaddessaa yoo ta’uu iniis dhukkuba baay’ee Daddarbuu fi lubbuu namaa balaa irra buusu danda'uu yoo ta’uu iniis baakteeriyaa Vibrio cholerae jedhamun dhufa
Baakteeriyaan kun erga qaama keenya seenee saa’aatii muraasaa hanga guyyaa muraasaa gidduutii mallattoo dhukkuba koleeraa mulisuu jalqabuu dandaha. Weerarri kun Godinaalee Oromiyaa kan akka Baalee, Baalee Bahaa, Gujii, Booreenaa fii Arsii Lixaa kessatii mul'ataa turuu isaa nii beekama.
🚸 itiin Daddarbuu: Koleeraan baayyinaan karaa bishaan ykn nyaata faalameen daddarba. Bishaan ykn nyaata baakteeriyaa Vibrio cholerae qabuu fayyadamuun dhukkuba kanaan qabamuu danda’a. Kun yeroo baay’ee naannoo qulqullina gahaa hin qabne, maddi bishaanii gaarii hin taanee fi bishaan xuraa’aa sirnaan hin gatamne keessatti mul’ata.
⚠️ Dhukkuba koleeraa
❏️Garaa kaasaa; garaa kaasaan kan koleeraa isa kaanirraa kan adda isa taasisu akkuma jalqabeen baayee nama mudda ykn walirraa hin citu. Bifti isaa bishaan ruuzii ittiin miiccan ykn affeeltan fakkaata. Akkasumas gara jalqabaa foolii kan qabu tahee boodarra garuu fooliin isaa badaa deema qabiyyeen isaa garuu bishaanahaa deema. Garaa kaasaan kun kan walirraa hin citne ykn baayina kan qabu waan taheef dafee ni dadhabsiisa.
❏️ lji keessa seenu;
❏️ lafeen fuulaa bahanii mulachuu jalqabu
❏️ afaan keessa gogsuu.
❏️ hoqqisiisuu.
❏️ garaan namaa dhiita’uu,
❏️ bishaan qaama keessaa hir’achuu fi ulfaatina qaamaa saffisaan hir’aachuu
✔️ carraa Saaxilamu qaban
👉Namoota gartuun dhiiga isaanii ‘O’ tahe . sababni isaa guutummaati beekamuu baatus jarreen kun dhukkuba kanaaf salphaatti ni saaxilamu
👉Namoota aciidiin garaachaa isaanii hirate; Keessumaa namootan aciidii garaachaa hirisuuf qoricha fudhatan. Inni kun sababni isaa baakteeriyaan kun aciidii keessa turuu hin dandahu kanaaf aciidiin garaacha keenya keessa jiru ni ajjeesa.
🗣
Karaalee ittiin daddarban irraa sirriitti of qusach

  & follow me for new & updated health info
25/03/2023

& follow me for new & updated health info

21/09/2022

DHUKKUBA SAAYINASII
(SINUSITIS)

📈 maqaa qaamota keenyaa keessaa tokkoo yoo ta`uu
saayinasaayitis ykn kulkula sayiinasii kan jennu immoo dhukkubaa. Saaynasiin baayyinaan afur kan tahan qaamota keessi isaanii qullaa qilleensaan guutame jiru fii lafee naannoo funyaanii keessatti yoo argamuu guutamanii fii, yeroo tokko tokko dhangala’aa hin barbaachifneen, vaayirasiin ykn baakteeriyaan dhuunfatama. Yemmuu kana kukkulaa saayinasii Jedhamaa
ℹ️ sinusitis kan jedhamu garuu sababa alerjiin kan dhufudha. Baakteeriyaa yokaan vaayirasiidhaan miti. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha.
✔️Sabaabota dhukkuba saayinasii namatti Fidaan
👉~Qilleensa qorraa
👉~Qilleensa gogaa
👉~Dhukkee ykn awwaara
👉~Foolii daaraara fi kkf..
👁‍🗨Dhukkubni kun mallattoowwan akka
✍✓ mataa dhukkubsuu,
✍✓ funyaan cufuu,
✍✓ fuula dhukkubsuu,
✍✓ haxxifachiisuu,
✍✓ ijaa Hoqsisuu
✍✓ qufaasisuu fi kkf argisiisa.

❇️
Wantoota nutti kaasaan armaan olii irraa fagaachuu, Mana yaalaa deemanii ilaalamuun dawaa ittisaa fudhachuudha, Dawaan ykn qorichi guutummaan guututti saayinasii
balleessu yoo jiraachuu baateyyuu, dawaa ittisaa manni yaalaa namaaf laate sirnaan fayyadamuun gaaridha, Saayinasiin baakteeriyaan dhufu yoo nama irra ture, ‘infection’ sammuutiif nuu saaxiluu danda’a. Garuu, ‘Allergic sinusitis’ dawaa manna yaalaati nuuf kenname sirnaan akkata gorsaa ogeessaa fayyaatiin fudhachuun baduu ni danda’a.
✅~Saline nasal sprays
✅~Nasal corticosteroids
✅~Augmentin
✅~amoxicillin
✅~prednisolone
✅~cefdinir
✅~Azithromycin
✅~levofloxacin
✅~cefuroxime
✅~ciprofloxacin
✅~Levaquin
✅~ibuprofen & aspirin fii kkf
🗣 Dawaan ykn qorichi guutummaan guututti saayinasii balleessu yoo jiraachuu baateyyuu, dawaa ittisaa manni yaalaa namaaf laate sirnaan fayyadamuun barbachisaadhaa
Fayyaa Qabaadhaa
👇👇


-Life style modification for Hypertensive patients.            (Amaloota bekamo warra dhibba dhigaa qabanif).1 Sochii qa...
20/09/2022

-Life style modification for Hypertensive patients. (Amaloota bekamo warra dhibba dhigaa qabanif).

1 Sochii qamaa daqiqa 30f yaroo hunda hojachu
2 Salt free deit(Nyaata sogidda hin qabne sorachu
3 Dhugatii alkolii xiqeesu(dhisuu)
4 Sigaraa arsuu gutumatti dhabuu
5 Ulfatina qamaa hir'isuu
6 Dhibba dhigaa yaroo yarotti mana yaala demani of ilalchisu
Fayyan Faaya!
Fayya hin dhabina!

Address

Chelenko Hararge
Harar

Opening Hours

Monday 13:00 - 14:00
17:00 - 18:00
Tuesday 13:00 - 14:00
17:00 - 18:00
Wednesday 13:00 - 14:00
17:00 - 18:00
Thursday 13:00 - 14:00
17:00 - 18:00
Friday 07:00 - 08:00
17:00 - 18:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251923577004

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hàķèmù Ďèçhàs posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Hàķèmù Ďèçhàs:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram