Dr Mohammed Ibrahim

Dr Mohammed Ibrahim free education
(1)

Guyyaa arraa sagantaa barattoonni jama’aa koolleejji fayyaa harar(nursing school) fi Rift valley  yuuniversiiti harar wa...
18/01/2026

Guyyaa arraa sagantaa barattoonni jama’aa koolleejji fayyaa harar(nursing school) fi Rift valley yuuniversiiti harar waliin tahuun qopheeysan irratti arkamee waaniin beeku isiniif dabarsuu kiyyatti hedduun gammadde. Isiin abdi boruuti jabaadhaa.
Galatoomaa!

Kitaabni callee cittee bu’a bahii booda meeqa guyyaa arraa eeybifamee jira dura irratti Barsiisaa Ahmed mohammed baga ga...
17/01/2026

Kitaabni callee cittee bu’a bahii booda meeqa guyyaa arraa eeybifamee jira dura irratti Barsiisaa Ahmed mohammed baga gammadde jechuun barbaada akkasuma warreen milkaa’ina eeyba kanaatiif tattaafattan hundinu galatoomaa!
Warri kitaaba hin bitatiin akka bitatuuf waliif share Gouda.

Mee beeka boru maaltu jira Irraa hin hafiinaa!
16/01/2026

Mee beeka boru maaltu jira
Irraa hin hafiinaa!

Irraa hin hafamu Affeerraa Ebba Kitaaba 'Callee Cittee'“Calleen cittus, haadni isii hin badu!”Barreessaan Ahmed Mohammed...
15/01/2026

Irraa hin hafamu

Affeerraa Ebba Kitaaba 'Callee Cittee'

“Calleen cittus, haadni isii hin badu!”

Barreessaan Ahmed Mohammed Robaa ogummaa isaa mara qalamaan kulee seenaa , jiruu fii jireenya hawaasa keenyaa bifa asoosama miidhagaatiin 'Callee Citte' jedhee isiniif dhiyeessee jira. Galaana ogumaa kana irratti isin affeeruun kabaja guddaadha.

• Guyyaa: 09/05/2018 E.C
• Iddoo: Magalaa Harar, Galma Wajjira Bulchiinsa Goodina Harargee Bahaa.
• Yeroo: Ganama sa’aa 2:30 irraa eegalee.

Koottaa sagantaa baredduu tana haa dhandhamnuu, dhaloota barreesuu fii dubbisu haa jajjabeessinuu! Affeeramtanii jirtu.

Mee hanga hafe kana tilmaama
11/01/2026

Mee hanga hafe kana tilmaama

✍FOON DHEEDHII NYAACHUU🐓 foon dheedhii nyaachun aadaa barama biyyoota hedduu kan turee dha. Garuu yeroo wanti kun biyyoo...
06/01/2026

✍FOON DHEEDHII NYAACHUU
🐓 foon dheedhii nyaachun aadaa barama biyyoota hedduu kan turee dha. Garuu yeroo wanti kun biyyoota guddatan biraatti kan hafee dha.
🐓 foon dheedhiin / foon diimaan isa wadirraa nyaataf kan mijjatu fi dharraa foonillee bahuuf ni fayyadaa jedhu warri baay'inaan fayyadamuu.
🔪 foon dheedhiin miidhaan isaa faayidaa isaa akka caaluu maddeen waa'ee fayyaa dubbatan hundu ni eeruu.
🐓 Miidhaa foon dheedhiin dhufu muraasa ha dubbannu
👉 baakteeriyaa gosa garagaraaf kan akka salmonella, campylobacter , E.coli fi kkf nama saaxila.
👉 dhibee daddarboo akka abbaa sangaa namatti fida
👉Rammoolee maxxantu akka koosoo fi maagaa fi kan biroo illee namatti fida.
👉dhibee rihiif nama saaxila
👉 summii nyaata / summawuu nyaataa fiduun mallattoolee akka ol deebisuu, sarduu fi dhukkubbii garaaf nama saaxila.
👉 dhukkuboota vaayirasii hedduuf nama saaxila.
👉 akkasuma foon lukkuu dheedhii yoo tahee baayyee tokkoo baakteeriyaaf nama saaxila , garuu foon qurxummii irra wayyadha.

GALATOOMAA
WALIF SHARE GODHA
Maddi: from health line and Dr Immiru page
Ayyaana gaarii !!!
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim

Pireezdaanticha kana firoomfadhaa Abdurehman Ibrahim Hussein Oromummaa koo waraqaan mirkaneeysee jira.
05/01/2026

Pireezdaanticha kana firoomfadhaa Abdurehman Ibrahim Hussein Oromummaa koo waraqaan mirkaneeysee jira.

Alii Ahmed gara Noorwiich Siitii imale.Taphataan sarara fulduraa lammii Kanaadaa kan ta'e  Alii Amaad gara kilaba Inglaa...
05/01/2026

Alii Ahmed gara Noorwiich Siitii imale.

Taphataan sarara fulduraa lammii Kanaadaa kan ta'e Alii Amaad gara kilaba Inglaand Noorwiich Siitii makameera.

Kilabni isaa haaraan kun taphataa kana karaa toora miidiyaa isaanii beeksisaa jiru.

Dargaggeeysa kaayyoo!
04/01/2026

Dargaggeeysa kaayyoo!

Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low s***m count|**************************Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa mil...
04/01/2026

Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low s***m count|
**************************
Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa miliyoona 15 hanga 200 gad lakkisa . Shanyiin kormaa namni tokko yeroo walqunnamtii saalaa godhu gad lakkisu yoo miliyoona 15 gad kan ta'u ta'e sanyiin kormaa xiqqaate jedhama. Sanyiin kormaa xiqqaachuun akka carraa dubartii takka ulfeessuu ni xiqqeessa. Garuu dabree dabree sanyii kormaa xiqqoo qabaatee kan ulfeessuus ni jira.
----
----
Akkamitti shanyiin kormaa xiqqaachuu beekna?
Yeroo garii namni sanyii kormaa xiqqaa qabu mallattoo tokkollee qaama irratti hin agarsiisu. Dhiroonni tokko immoo rakkina kiroomoozomii, rakkina hormooniin wal madaaluu dhabuu, hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu fi ujummoon sanyii kormaa gara alaatti cufamuu qabaachuu malu. Namoonni sanyii kormaa xiqqaa qaban mallattoo asiin gadii agarsiisuu malu.
• Walqunnamtii saalaa irratti rakkina qabaachuu. Fkn walqunnamtii saalaatiif fedhii dhabuu, qaamni saalaa ka'uu dadhabuu
• Dhukkubbii, iiita naannoo cidhaaniitii qabaachuu
• Rifeensi fuula irratti ykn qaamaa irratti biqiluu dhabuu ykn xiqqaachuu. Kana hoggaan jedhu dhiirti areeda hin qabne hin dhalchitu jechuu koo miti. Rifeensi haphaatee biqiluun sababa rakkinna hormooniitiin yoo ta'edha.
---
---
Maaltu namatti fida?
1. Hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu
2. Infeekshiinii tokko kan naannoo qaama saalaa hubu fkn cophxoo
3. Yeroo walqunnamtii saalaa godhan is***miin gara afuuffee fincaaniitti dhangala'uu
4. Kaansarii qaama walhormaataa
5. Yaalaa baqaqsanii yaaluu qaama saalaa qabaachuu
6. Qorichoota tokko fkn qoricha kaansarii
7. Ulfaatina garmalee
8. Sigaaraa aarsuu
9. Mukaa'uu -depression
10. Paantii nama qabdu kaayyachuu fi kkf
Hub: Wanti rakkoo kana fidaa kaniin asiin olitti tarreesse kana qofa odoo hin ta'in hedduutu jira. Namni tokko waggaa tokko guutuu walqunnamtii saalaa daangaa hin qabne haadhaa manaa wajiin godhee kan yoo ulfaa'uu didde mana yaalaa deemee of laalchisuu qaba!
✍✍✍Dr.Abdulfetah Ibrahim.
----
Follow me Dr Mohammed Ibrahim.

Telegram channel kana tuqaa https://t.me/DrmohammedIbrahim

Nu ofkolchaa🙏Eeybi kitaaba Callee Cittee guyyaa hin beekkamneef dabarafamee jira.Galgala kana marii akka koreetti goonee...
02/01/2026

Nu ofkolchaa🙏

Eeybi kitaaba Callee Cittee guyyaa hin beekkamneef dabarafamee jira.
Galgala kana marii akka koreetti gooneen sagantichi guyyaa hin beekkamneef achi dheerayfamuu isin beeksifna. Warri saganticharratti hirmaachuuf dhuftan, akkasumaas karaarra jirtan dhiifama guddaa isin gaafachaa fulduratti guyyaa eebba sagantichaa adda baasnee kan isin beeksifnu taha.

Koree sagantaa eeyba kitaaba Callee Cittee irraa.

callee cittee Eeybaaf guyyaa tokko qofa hafe.
01/01/2026

callee cittee
Eeybaaf guyyaa tokko qofa hafe.

Address

Harar Hararge
Harar
6444

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Mohammed Ibrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Mohammed Ibrahim:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category