Dr Mohammed Ibrahim

Dr Mohammed Ibrahim free education
(1)

11/04/2026

Vidiyoo tana ilaalaa mee dargaggoo wajjiin haramayaatti waan dabarsineedha.

DHUKKUBA ONNEE Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhuk...
11/04/2026

DHUKKUBA ONNEE
Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhukkuba onneeti.

Dhukkuba onnee kana rabbi nurraa haa qabu jechaa, akka namaatti ofirraa ittisuuf maal gochuuyu nurraa eegamaa?

1. Sochii qaamaa keessumaa "push up" hojjachuun qoricha kamuu caalaa dhukkuba kana namarraa ittisuu danda'a. Namoonni biiroo keessa taa'aa oolan, kan konkolaataa keessa taa'aa oolan, fi kkf ofdagachuu hin qaban. Namoonni guyyaa tokkotti push up 40 (afurtama) hojjetu ykn torbanitti daqiiqaa 150 spchii qaamaarratti dabarsu carraan dhukkuba onnee kanaan qabamuu isaa baay'ee gadi bu'aadha.

2. Ulfaatina qaamaa keenya garmalee akka ol hin kaane ittisuu, garmalee furdachuun dhukkuba onnee qofa osoo hin taane kanneen biroofis nama saaxila.

3. Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu/aarsuu dhiisuu fi naannoo namoota aarsaniitti yeroo baay'ee dabarsuu dhiisuu.

4. Nyaata onnee keenya miidhan irraa fagaachuu. Kunis nyaata nuti yaannu kuduraaf muduraatti baay'achuu qaba. Nyaata cooma, ashaboo fi sukkaaraan hedduummate irraa ammoo of fageessuu dha.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

GOSA NYAATA FI DHUGAATI KAN DANDEETTIi SAMMUU KEENYA CIMSUUF OOLAN * koofeyni bunaa fi shaayii keessatti argamu* ganama ...
11/04/2026

GOSA NYAATA FI DHUGAATI KAN DANDEETTIi SAMMUU KEENYA CIMSUUF OOLAN
* koofeyni bunaa fi shaayii keessatti argamu
* ganama buna ykn shaayi dhuguun sammuun keenya akka haalan dalaguu taasisa.
* killee pirootiniin badhadhee soorachuun akkasuma dandeetti sammuu keenya x
cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba
* kuduraalee
- baala magariisa
- qurxummii
- laawuzii
- bishaan gahaa dhuguun
Galatoomaa
SHARE AND LIKE THE PAGE
BY :Dr Mohammed Ibrahim

Waan akkaan nama gaddisiisuuTigraayitti Qur'aanni Ciramee Muslimoonni Waan Jum'aa salaatan qofaaf reebichi hamaan irra g...
10/04/2026

Waan akkaan nama gaddisiisuu
Tigraayitti Qur'aanni Ciramee Muslimoonni Waan Jum'aa salaatan qofaaf reebichi hamaan irra gaye.😥

Naannoo Tigraay magaalaa Aksumitti hawaasni Muslimaa lafa sagadaa dhoorkaman mana kireeffatanii osoo salaata Jum'aa sagadaa jiranii gareen fiinxaaleeyyii bulchinsa wayyaaneetiin durfamu Masgiida seenuun Reebicha raawwachuu maddeen himan.

Akka maddeen odeeffannoo kanaatti garee Finxaaleeyyii kana kan dursaa ture itti gaafatamaa dhimma nageenyaa bulchinsa magaalaa Axum Tewdiroos Bayyanaati.

Gareen kun dhagaafi uleen Muslimoota sagadaa turan reebuun namoota 6 irra miidhaa qaamaa geeysisuutu himame.

Dabalataan ammaas Kitaaba Qur'aanaa ciruun jibbansaafi Tuffii muslimootaaf qaban agarsiisaniiti jiran.
✍️Muhyadin Abdullahi Oumeruhyadin Abdullahi Oumer]

10/04/2026

Gaafii fi deebii sheeka keenya wajjiin goone tana dhageeyfadhaa.

Amaloota nama miidhan sadii yeroo mana Fincaanii fayyadamnu1. Yeroo dheeraa mana fincaanii keeysa turuu2. social midiyaa...
10/04/2026

Amaloota nama miidhan sadii yeroo mana Fincaanii fayyadamnu
1. Yeroo dheeraa mana fincaanii keeysa turuu
2. social midiyaa achi keeysatti fayyadamuu akka yeroo dheera achi keeysa turruu nu godha waan taheef.
3. Dirqiin ittanuu ykn dirqiin sagaraa baasuuf yaaluu
Hub: Yeroo namni tokko mana fincaanii keeysatti dabarsu qabu giddu galaan daqiiqa 5-10 tahu qaba.
Fayyaan faaya

Namni Fayyaa tokko guyyaatti bishaan litirii meeqa dhuguu qaba?
10/04/2026

Namni Fayyaa tokko guyyaatti bishaan litirii meeqa dhuguu qaba?

Namni fayyaa tokko guyyaatti sa’aati meeqa Rafuu qaba fayyaa ofii eeguuf ?
09/04/2026

Namni fayyaa tokko guyyaatti sa’aati meeqa Rafuu qaba fayyaa ofii eeguuf ?

CARRAA UUMAA@ "Dhiirri hanga du'utti dhalchu danda'a " jechu dhageeysani. $ Saayinsi ho maal ja'a laata !@  caasaan seel...
09/04/2026

CARRAA UUMAA
@ "Dhiirri hanga du'utti dhalchu danda'a " jechu dhageeysani.
$ Saayinsi ho maal ja'a laata !
@ caasaan seeli wal hormaataa shamarraani oomishamuu kan jalqabu yero isaan gadameessaa keessatti uumamuu jalqabanirraahi .
@ shamarraan gaafa dhalatan caasaa seelii wal hormaataa miliyoona 1-2 ta'u waliin dhalatu.
@ yeroo dargaggummaaf ga'utti hanga 500,000 tu hafa.
@ ji'a ji'aan hanga 1000 kan ta'utu yero marsaa laguu ( menstrual cycle ) hir'achaa deema .
@ waggaa 40 booda kan hafuu lakkoofsaan xiqqaadha. Kanaf carraan daa'ima godhachuu baayyee hir'ataa deema ,akkasumaas laguu isaani ni dhaabbata.
$ caasaan seelii wal hormaataa / speermii/ kan dhiirota oomishamuu kan jalqabu umrii waggaa 10-13 irraa kaase hanga du'aatti.
$ dhangala'aa / ijaakuleeshinii tokko keessaa seeliin speermii hanga miliyoona 40 olii jira.
$ waggaa 40 irraa eegalee hammi isaa fi bocni ,dandeettin isaa hir' achaa waan deemuuf carraan daa'ima godhachuu hir'aatulle akka kan shamarraani hin ta'uu
$ kanaf carraan shamarraan daa'imaa arkachuuf qaban yeroon daangeffamaadha.
😊 kanaf taffi taffi ja'a isiinin ja'a shamarraan 🍀😊
By -*Dr mohammed ibrahim*
Ilmoon firii jiruuti
GALATOOMA !!!!!

Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim
YouTube channel:https://youtube.com/shorts/qflrZbv6OrY?si=vJo1oXG2bUgfe5AL

Tiktok :https://vm.tiktok.com/ZMkHhP84C/

Namni  cidhaan tokko qofa qabuu dhalchuu ni danda'a? ******** ♤ Dr. Mohammed Ibrahim Eeyyen ni danda'a ,yeroo baay'ee ra...
09/04/2026

Namni cidhaan tokko qofa qabuu dhalchuu ni danda'a?
********
♤ Dr. Mohammed Ibrahim

Eeyyen ni danda'a ,yeroo baay'ee rakkoo hin qabu ilmaanis argachuu ni danda'u.
👉dandeetti wal-qunnamtii saalaa irrattillee rakkoo hin qabu.
👉yoo rakkoo bira qabaate malee namni sun rakkoo hin qabu,hoormoonii oomishuurrattis rakkoo hin qabu.
👉sababa namni tokko cidhaan tokko qofa qabaatuf keessa : - sababa baqaqsanii wallanuutiin akkasumaas uumamaan osoo gad hin bu'iin hafuu fi kkf
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎
SHARE GODHAA
▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎
By :Dr Mohammed Ibrahim
GALATOOMAA!!
FAYYAA HIN DHABINAA!!
Waliif qoodaa !!

Tapha guyyaa arraa eeggama tahee kan Real Madrid fi bayermunich jidduutti gaggeeyfamu kana nama sadii ka osoo taphni hin...
07/04/2026

Tapha guyyaa arraa eeggama tahee kan Real Madrid fi bayermunich jidduutti gaggeeyfamu kana nama sadii ka osoo taphni hin eegaliin tilmama sirrii argate nin badhaasa carraa keeysan yaalaa.

Dargaggoon Bu’ura biyyaati.Obboleeyyan kiyya qaqqaalii Mahdi Abdi fi Hamza motivation wajjin yeroo gaariin dabarsee. Ijo...
07/04/2026

Dargaggoon Bu’ura biyyaati.
Obboleeyyan kiyya qaqqaalii Mahdi Abdi fi Hamza motivation wajjin yeroo gaariin dabarsee. Ijoollee tana waan hedduutu addaan isaan godha yeroo amma social media kun bade jiruuttti content bareeda dalaguun beekkamuu hamzaan gaafii inni gaafatu haadha wajjiin waan walitti nama hidhuudha waan hedduu namatti tolu akkasuma mahdiin munashida,nashiidaa tan rabbi fi namnillee jaalatu hojjachaa tureedha yeroo nashidaan baddeetti dhiisee amma hojii dhunfaa isaa hojjachaa jira Maahi studio jedhamu banee , akkasuma hamzaaniis studio banee hojjachaa jira. Kanaaf jollee tana jajjabeeysa.
Galatoomaa!
Hub: Photo fi vidiyoo qulqullina qabdu yoo barbaaddan Maahi Studio filannoo keeysan godhadhaa.

Address

Harar Hararge
Harar
6444

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Mohammed Ibrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Mohammed Ibrahim:

Share

Category