Fayyaan kennaa hunda caalu dha.

Fayyaan kennaa hunda caalu dha. Fayyaan kennaa gatii guddaa dhala namaati!

Horroo bulluq irreechaa Thanksgiving Day is also celebrated!
15/10/2023

Horroo bulluq irreechaa Thanksgiving Day is also celebrated!

Happy Thanksgiving day to all of you! Irreechaa!
06/10/2023

Happy Thanksgiving day to all of you! Irreechaa!

05/10/2023

Part-1: Namoonni cinqama sammuu qaban osoo buna baay'ee dhuguu dhiisaan gaariidha. Keemikaalli buna keessa jiru sun sammuu si'eessuun cinqama sammuu ni dabala.

Idiopathic high- flow priapism in a 4- month- old infant: A case report and review of literature, 2023.pdf.Link; https:/...
28/09/2023

Idiopathic high- flow priapism in a 4- month- old infant: A case report and review of literature, 2023.pdf.
Link; https://doi.org/10.1002/ccr3.7985.

Follow us on this telegram channel; https://t.me/Allinonephysician.

Clinical Case Reports aims to improve global health outcomes by sharing clinical knowledge through the use of medical case reports, clinical images & procedural videos.

https://t.me/AllinonephysicianFollow this page.
17/09/2023

https://t.me/Allinonephysician
Follow this page.

This channel provides you all important latest and living Materials: Standard guidelines, Books, Articles, Case reports, Research Materials, adverticement and Job vacancy alerts.

11/11/2022

Buna qulqullina qabu dhugaa.
Fayyaaf gaariidha.

06/02/2022

Pain and love treatment has started from understanding. If you can not understand each other, you will be a looser.

Learning a language for a medical professional is a fundamental.

Kaansarrii harmaa (Breast cancer).1. Kaansariin harmaa maali?2. Wantootni sababa tahani?3. Mallattooleen isaahoo?4. Akka...
18/11/2020

Kaansarrii harmaa (Breast cancer).
1. Kaansariin harmaa maali?
2. Wantootni sababa tahani?
3. Mallattooleen isaahoo?
4. Akkamiin irraa of eeguun danda'ama?
5. Dhiira irratti ni mul'ataa?

Nu hordoofaa

πŸ‘‰1. Dhalli namaa erga dhalatee ni guddata, ulfaatinaan, dheerinaan wantoota hundaan dabala deema. Akkasuma seelonni qaama keessaa yeroo yerootti du'aa, dhalataa, jijjiramaa fi bakka wal buusaa deemu. Dhukkubbni kaansarii akkakuudhaan hedduu adda adda ta'anillee akkaataan dhukkubicha itti eegalu walfakkaataadha. Sunis yoo nama qabatu, seeloonni qaamaa yoo tokko du'ee tokko bakka bu'aa deemu haala walmadaalaadhaan dhiisee seelii haaraan uumama deemu to'annaa ol garmale baay'ata. Seeliin lakkoofsaan hedduu to'anna dandeetti qaamaan ala ta'etu uumamaa deema jechuudha. Haaluma kanaan gara kaansariitti jijjiirama. Kaansariin harmaas tartiibuma kana hordofuun nama qaba.

πŸ‘‰ 2. Wantootni nama saaxilan akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda'ama.

πŸ‘‰ Hawwan Umuriin deeman irratti baay'inaan ni mul'ata (old age).
πŸ‘‰ Dhalaa/ dubartii ta'uu ( Gender). Kun sababa isa guddaa ta'uun ni beekama.
πŸ‘‰ Dubartoota maatiin isaan kaansarii qaban, dhalli isaani booda dhufu qabamuudhaaf carraan ni jira ( Family history).
πŸ‘‰ Dubartootni harmi isaanii hammaan seelonni itti baay'atu ( high breast density).
πŸ‘‰ Dubartoota otoo hin heerumin(hin da'iin) turan.( Ulfa jalqabaa umurii 30 olitti yoo dhahan). Akkuma umuriin isaanii otoo hin dahiin dabalaa deemuu, carraan rakkoo kanaan saaxilamuu ni dabala.
πŸ‘‰ Cararii yaalaaf kennamullee rakkoo kanaaf sababa ta'a.
πŸ‘‰ Tamboo xuuxuu
πŸ‘‰ Alkoolii haga eeyyamamuu ol fayyadamuu fi furdinni qaamaa illee akka sababaatti ni himama.

πŸ‘‰3. Mallattooleen kaansariin harmaa:

a. Haphina gogaa fi jiguu harmaa.
b. Dhooqinsa ykn gadi dhooqachuu.
c. Harmi bifa isaa ni jijjiirama akkasuma ni madaa'a.
d. Fiixee harmaa irraa akka dhangala'aattis ta'ee akka dhiigaatti ni baha.
e. Naannoo fiixee harmaatti googaan irraa ka'uu danda'a.
f. Sararri dhiigaa furdachuu fi booda irra dhukkubbiin illee itti dhagahamuu danda'a fi kkf..
πŸ‘‰4. Akkamin of eeggachuun danda'ama?
Akka qoraannoon ibsutti parsantii 30-50 du'a kaansari harmaan dhufuu ittisuun ni danda'ama. Kunis ta'uu kan danda'uu rakkoolee nama saaxilan fi ittisuun danda'amu irraa bilisa ta'uudha.
πŸ‘‰Tooftaalee armaan gadii akka fayyadaman dubartootaaf gorsi ni kennama.

πŸ‘‰1ffaa. Durbartootni mana isaaniitti harma ofii isaani qaqqabanii ilaalu fi jijjiiramuu bifa gogaa kalbeeffachuudha ( Breast self examination).
Kunis yeroo Dubartootni umuriidhan 20 ol ta'aniif hojjeta. Qorannoon tokko tokko umurii 15 olitti akka jalqabamu illee ibsa. Tooftaan kun kan hojjetamu laguun/ xuriin dhufee guyyaa 3-5 booda baatii baatii dhaan itti fufinsaan harma keessan qaqqabdanii ilaaluun gaariidha. Tooftaan kan biraa immoo kutaa ciisichaa keessan keessatti of ilaalee/daawwitii fayyadamuun bifni harma keessanii isa duraa irraa jijjiiramuu isaa ilaaluunis filatamaadha.
Tooftaan kun rakkoolee isin mudatan dafee adda baasuuf gargaara.
πŸ‘‰2ffaa: Mana yaalaa deemani docktoraan ilaalamudha ( Clinical breast examination). Tooftaan kun baay'ee filatamaadha. Dubartoota waggaa 20 ol jiran akkaataa umurii keessaniin gorsa ogeessaa fudhatanii ilaalamuun bayeessa.

Tooftaan kun sababni barbaachiseef kaansariin kun otoo haala hammaataa fi sodaachisaa irraa hin gahiin dafee adda baasee akka yaalamu taasisa.
πŸ‘‰3ffaa: Rakkoolee nama saaxilan irraa of eeguun hammeenya isaa hir'isuun ni danda'ama.

πŸ‘‰5. Kaansarii harmaa dhiira irratti illee argamuu ni danda'a.

Barreeffamni kun haalaan baay'atullee dubbisaa irraa fayyadamuu ni dandeessu.
Galatoomaa!

Dr. Adugna Lamessa.

22/10/2020

"Fuulbarruu Fayyaan kennaa hunda caaludha" jedhu kana like, share godha. Odeeffannoo waltawwaa waa'ee fayyaa keenyaa, wantoota fayyaa keenya miidhan fi akkaata itti fayyaa keenyaa eeggachuu qabnu isiniif qooduuf qophiitti jirra. Haala salphaa ta'een dhibee gurguddaa of irraa ittisuun isa jalqabaa fi filatamaa dha.
Information is a power!

Adugna Lamessa(MD)

22/10/2020

Namoota haga kanaa garaa laafeessa keessatti dhalachuu kootiif baay'een gammadde. Baguman qomookee ta'e namana. Rabbi inni hunda danda'u lubbuu kee lafarra si haa jiraachisun jedha.
Namoota akkasi bira dhaabachuunis nama gammachiisa.

Address

Hakim 17 Kebele
Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaan kennaa hunda caalu dha. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Fayyaan kennaa hunda caalu dha.:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram