Eba Pediatrics Specialty Center

Eba Pediatrics Specialty Center Kunuunsa Ol'aanaa Egeree Guddina Fayya Qabeessaafđź’–
(2)

29/06/2025

Dhukkuba Gogaa Atoopik (Ekziimaa) Daa'immanii

Dhukkubni gogaa atoopikii, yeroo baay'ee ekziimaa jedhamuun beekamaa. Yeroo baay'ee umurii waggaa 5 dura kan jalqabu dha. Gogaan akka gogu, akka ququnca'uu fi akka loluu kan taasisu yoo ta'u, kunis hirriba fi infekshinii gogaa uumuu danda'a.

Maaliif Mul'ata?

Jeneetiksii: Warri tokko dhukkuba ekziimaa, asmii, ykn alarjii yoo qabaate, daa'imni alarjii qabaachuu isaa guddaadha.
Wantoota Naannoo: Dafqi, dhukkeen bineensa manaa, pooliin, saamunaa jabaa, fi huccuuwwa tokko tokko mallattoolee Dhukkuba hammeessuu danda'u.
Gogaan ekziimaa: Uumamaati zayitii ittisaa xiqqaa waan qabuuf goggogaa ta'uu irraa.

Mallattoolee

Daa’imman reefuu dhalatan (waggaa 0–2): Fuula, harka, fi miila irratti dhimaachu.

Daa'imman (waggaa 2–12): Bakka gogaa dadacha'uu irratti (jilba, ciqilee, harka, morma) goggogaa furdaa fi hooqsisuu.

Dargaggoota fi Ga'eessota: Harkaa fi fuula irratti yeroo hunda gubachuu qaba.

Qajeelfama Maatii

1. Qulqullina Gogaa Eeguu: Jiidha urgooftuu hin qabne yoo xiqqaate guyyaatti al lama dhiqachuu.
2. Mala Dhiqannaa Lallaafaa: Bishaan fi saamunaa lallaafaa fi urgooftuu hin qabne fayyadamuu; shawaara yeroo dheeraa(daqiiqaa 5 olii ) fi ho'aa irraa fagaachuu—gogaan ni gogsu. Erga dhiqannee booda jiidha hatattamaan dibachuu.
3. Wantoota Rakko Hammeessuu Irraa Fagaachuu:
- ❌ Alarjii – Dafqa, pooliin, rifeensa bineensa manaa.
- ❌ Saamunaa hamaa fi urgooftuu.
- ❌ Nyaata – Daa’imman tokko tokko aannan loonii, hanqaaquu, muuzaa fiduu malaan
4. Dafanii Wal'aanuu: Kireemii isteeroyidii salphaan inflammation hir'isuuf waan gargaaruuf rakkoo kanaa wajjin wal qabaate dhufu hir'isa.

Yoo odeeffannoo dabalataaf Eba Pediatrics Specialty Center hordofaa!

Dhukkuba Gifiraa(Measles) Maal Beektu?Dhukkuba baayyee nama irraa namaatti daddarbuu dha — daa’imni talaallii hin fudhat...
02/06/2025

Dhukkuba Gifiraa(Measles) Maal Beektu?

Dhukkuba baayyee nama irraa namaatti daddarbuu dha — daa’imni talaallii hin fudhatin yoo dhukkuba kanaaf saaxilame, carraan inni qabamuu qabu %90 ol dha.

Kalattiidhan nama qabame wal arguu osoo battele.
Dhukkubni kun caalmaatti daa’imman irratti heddummaata.

Mallattoolee dhibee gifiraa
• Ho’ina qaamaa
• Qufaa/utaalloo
• Dhukkubbii ijaa/diimachuu ijaa
• Dhangala’aan funyaaniin ba’uu
• Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu.

Rakkoo cimaa dhibee kanaan dhufu/complications:

• Michii sombaa (Pneumonia)
• Sammuu iiteessun of wallaaluu fidaa
• Qaama ittisa dhukkubaa laaffisu — yeroo dheeraaf dhukkuboota biraatiif nama saaxila
• Dhagaa fi ija dhabuu
• Garaa kaasaa yeroo dheeraa fi Madaa’uu afaanii fa’adha.
• Du’a

Oduu gaarii
Talaallii Gifiraa(Measles vaccine) marsaa lamaan ji’a 9 fi15 tti fudhachuu
Talaalliin yeroo lama kennamuun %97 kan ittifamudha.
Yeroo talaalliin ijoollee keessaa %95 gadi ta’u, dhibeen kun bayyee babal'aatu jalqaba.
Talaallii fudhachuun ijoollee keetii warra talaallii hin qabne illee balaa irra hanbisuu danda’a.

Vitamin A maaliif barbaachisaa?

Dhukkubni kun Vitamin A hir’isa kun immoo dhukkubichaa namatti cimsaa (Pneumonia fi du’a dabala) akkasumas akka dhibeen turuu taasisaa.

Daa’imni kee yoo qabame?
Mana yaalaa gessi.
Vitamin A haa fudhatu.

Tarkaanfii Ittisa
• Talaallii fudhadhaa!
• Ijoollee qabaman irraa adda baasaa (Erga Shiftoo jalqabee hanga guyyaa afuriitti eegumsa gochuu)
• Namootaan qabaman wajjin ijjoollee turaanif talaallii kennuu.
• Talaalliin ji’a tokko keessatti kennamuu ni danda’a
Eba Pediatrics Specialty Center

19/05/2025
Soorrata Paappayaa 1. Fayyaa ijaa fi dandeettii arguu keessatti ga'ee ol'aanaa qaban (Vaayitamin A baay'inaan waan qabuu...
25/03/2025

Soorrata Paappayaa

1. Fayyaa ijaa fi dandeettii arguu keessatti ga'ee ol'aanaa qaban (Vaayitamin A baay'inaan waan qabuuf)
2. Fayyaa lafee keenyaaf tumsa addaa qaba (xuuxamuu elementii kaalsiyeemii waan dabaluuf, akkasumas elementii calcium waan qabuuf)
3. Bullaa'iinsa soorataaf hedduu gargaara (Qabiyyee nyaata hafaa ykn fiber ol'aanaa waan qabuuf)
4. Fayyaa rifeensaaf gaariidha (Vaayitamin C'n uumama collagen keessatti ga'ee waan qabuuf)
5. Fayyaa gogaa ni eega (Vaayitaamin C fi Lycopene ga'aa of keessaa qaba).
--------------
Walumaa galatti qabiyyee ol'aanaan addatti Paappayaan ofkeessaa qabu:
â—ŹFolate
â—ŹVitamin A
â—ŹVitamin C
â—ŹFiber
â—ŹCopper
â—ŹMagnesium fi
â—ŹPotassium fa'i.
---------------
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

Eba Pediatrics Specialty Center

25/03/2025
Kaandidiyaasisii afaanii-oral thrush********************************Kaandidiyaasisin afaani yeroo fangasiin "candida alb...
16/03/2025

Kaandidiyaasisii afaanii-oral thrush
********************************
Kaandidiyaasisin afaani yeroo fangasiin "candida albicans" jedhamu afaan keenya hubu kan namatti dhufuudha. Irra guddaa daa'imman irratti kan argamuudha. Wanti adii olka'aa ta'e akka arrabarraa ykn keessoo mallaatirraa ol dacha'u godha. Infeekshiinii salphaa waan ta'eef miidhaa qaama biraarraan hin geessisu. Garuu namoota dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaani gad bu'aa ta'erratti gara qaaamoota biroo tatamsa'uun miidhaa cimaa geessisuu danda'a!
Mallattoo
---
Mallattoo asiin gadii keessa tokko ykn tokko ol ofirratti arguu
• Wanta olka'aa adii ykn keelloo arraba ykn keessoo mallaa ykn hidhii rratti arguu
• Yoo hooqan dhiiguu
• Afaan madaa'uu ykn nama belbaluu/ gubuu
• Afaan bikki hidhiin lamaan itti walitti dhuftu goguu fi babbaqaquu
• Foolii afaanii badaa
• Waa liqimsuu dadhabuu
Maaltu sababa ta'a?
* Dhibee sukkaraa
* Qoricha kaansarii fudhachuu
* wantoota Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu hir'isan kan akka kaansarii, HIV fi kkf
Yaalaa
----
Dhibee kun yaalame jennaan torbaan waa tiqqo keessatti kan baduudha. Kanaafuu namni mallattoo isaa ofirratti agartan mana yaalaa deemaa yaala barbaachisu argadhaa!
https://telegram.me/DrAbdulfetah29
Fayyaa ta'aa
Dr Abdulfetah Ibrahim

Eba Pediatrics Specialty Center

Nyaata Daa'ima Waggaa 1 Gadiif Kennamuu Hin Qabne💥 Damma👉 Dammi baakteeriyaa "Clostridium botulinum" jedhamu of keessaa ...
02/02/2025

Nyaata Daa'ima Waggaa 1 Gadiif Kennamuu Hin Qabne

đź’Ą Damma
👉 Dammi baakteeriyaa "Clostridium botulinum" jedhamu of keessaa qabaachuu danda'a, kunis daa'imman irratti Dhibee botulizimii fiduu danda'a. Sirni bullaa'insa nyaataa isaanii ispoorii baakteeriyaa kanaa to'achuuf guutummaatti waan hin bilchaanneef hanga umurii waggaa tokkootti irraa fagaachuu qabu.

đź’Ą Aannan sa'aa
👉 Aannan sa'aa daa'immaniif madaala soorata sirrii ta'e waan hin kennineef daakuun isaanii rakkisaa ta'uu danda'a. Kunis dhiiguu mar'immaanii, xuuxamuu aayiraanii fi alarjii mar'immaanii fiduun hanqina dhiigaa hir'ina Aayiraaniin dhufu fiduu danda'a

đź’Ą Cuunfaalee (Juice):
👉Cuunfaalee fuduraa sukkaara baay'ee kan qabuu fi soorata barbaachisoo xiqqaa waan qabaniif waggaa jalqabaa umurii isaaniitti Cuunfaalee irraa fagaachuun ni gorfama. Akkasumas caccabuu ilkaanii kan fidan yoo ta’u, nyaata soorata gahaa qaban akka hin fudhanneefis isaan rakkisuu danda'a.

đź’Ą Nyaata jajjaboo
👉 Nyaata jajjaboo naannoo ji’a jahaa irraa eegalee suuta suutaan eegaluu qabna. Haa ta’u malee, nyaatni tokko tokko sababa alarjii ykn bullaa’insa nyaataa irratti rakkina qabaachuu danda’u waan taheef hanga umurii waggaa tokkootti irraa fagaachuu qabu. Fknf:- Loozii, qurxummii fi hanqaaquu gara adii isaa fa'a.
Waa'ee Fayyaa
https://t.me/fayyaaOnline

Eba Pediatrics Specialty Center

02/02/2025
12/01/2025

Dubartiin tokko marsaan laguu ishee (peereediin) ishee itti dhufee guyyaa meeqa gidduutti ulfoofti?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Mala riitimii/kalandariii ji’aa Tooftaan kun tooftaa bara durii kaasee namoonni hedduun fayyadamaa turanidha. Malli ulfa karoora malee ittisuu kun kalandarii guyyootaa beekuu irratti xiyyeeffata. Dubartii giddugaleessaan laguu ishee guyyaa 26-32 argitu keessatti guyyaan itti hanqaaquun ovaarii keessaa gadi-lakkifamtee gara ujummoo gadameessaa dhaqtu guyyaa 14ffaa irrattidha. Sanyiin dhiiraa ykn ispermiin miliyoona hedduun lakkaa’aman kan yeroo wal-qunnamtii saa-laa qaama saa-laa dubartootaaf gadameessa keessatti gadi dhiifaman keessaa sanyii dhiiraa tokkotu hanqaaquu ovaarii keessaa qophooftee gara ujummoo gadameessaa deemte kana cabsuun guddinni miciree dhala namaa jalqaba. Kanaaf sanyiin dhiiraa gadameessa keessatti gadi-dhiifame kunis guyyaa muraasa waan turuuf akkasumas hanqaaquun dubartiin gadi-lakkistes hanga sa'aa 24 waan turuuf guyyoota isheen carraa ulfaa’uu qabdu kana beekuun yeroo sanatti wal-qunnamtii saa-laa gochuu dhiisuu jechuudha.

Dubartiin tokko carraan isheen guyyoota ji’aa kana keessatti ulfaa’uuf qabdu guyyoota muraasa qofa. Giddu galeessaan guyyaa 6 jechuudha. Kanaaf akka tooftaa ulfa karoora malee ittisuu kanaatti dubartiin laguu ishee guyyaa 26-32 argitu tokko guyyaan laguun ishee itti dhuferraa kaastee tokko jettee lakkaa’uun kan eegaltudha. Erga lakkaa’uu eegaltee boodas guyyaa 8-19 gidduu kan jiru guyyaa isheen itti carraa ulfaa’uu guddaa qabdu waan taheef guyyaa kana wal-qunnamtii saa-laa gochuu dhiisuu ykn yoo barbaaddan koondomii fayyadamuun barbaachisaadha. Kanaaf tooftaa kana fayyadamuuf marsaan laguu keessan dhaabbataan guyyaa jedhame kana keessatti kan dhufu kan taheefi guyyaaa sana sirriitti lakkaa’uu qabdu.
Fayyaa hin dhabinaa.

07/01/2025

Address

Harar

Telephone

+251906061212

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eba Pediatrics Specialty Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Eba Pediatrics Specialty Center:

Share