Dr.Abdulfetah Ibrahim

Dr.Abdulfetah Ibrahim Nature, time and patience are the 3 great physicians
(6)

Gubaa laphee/singiggoo《heart burn》********************************Gubaa laphee jechuun yeroo dhukkubbiin laphee gara gad...
16/04/2026

Gubaa laphee/singiggoo《heart burn》
********************************
Gubaa laphee jechuun yeroo dhukkubbiin laphee gara gadiitti nama dhagayamtudha. Dhukkubbiin yeroo nyaata nyaatan , halkanii fi yeroo dugdaan kan namatti hammaatuudha.

Yeroo tokko tokko gubaan laphee nama kan qunnamuu fi mana yaalaa kan nama hin deemsifneedha. Namoonni hedduun gubaa laphee haala jireenya isaanii jijjiruudhaanii fi qoricha dukkaanaa ykn shaqaxaa bitachuudhaan ofumaan manatti of yaalu
Mallattoo
---
* dhukkubbii qomaa naannawa gara gadii kan nyaata booda ykn halkan namatti hammaatu
* Dhukkubbii yeroo dugdaan ciisan namatti hammaattu
* dhandhamni hadhaawaan ykn dhangaggaawaan afaan keeysatti namatti dhagahamuu
Maaltu namatti fida?
-----
* Nyaata barbaree qabu nyaachuu
* shunkurtaa nyaachuu
* wantoota akka loomii , burtukaana nyaachuu
* nyaata humnaa ol yeroo tokkotti nyaachuu
* nyaata faatii of keessaa qabu kan akka dhadhaa , zeyita , cooma ,kkf
*dhugaatii Alkoolii, bunaa fi shaayii dhuguu
* Timaatima fa'i kkf warreen singiggoof nama saaxilaniidha
Manatti akkamitti of yaalla?
----
* Erga nyaata nyaannee booda dugdaan ciisuu dhabuu
* yoo kan dugdaan ciistan ta'e mataa siree olkaasuu
* Dhuugaatii alkoolii irraa fagaachuu
* Buna fi shaayii xiqqeessuu
* Nyaata waa tiqqo nyaachuu- garaacha akka dalagaan irra hin baayyannee fi yeroo dheeraa hin hojjanneef
* Suuta nyaachuu
* Nyaata baayyinaan asiidii of keessa qaban dhiisuu fkn loomii ,burtukaana fi timaatima
* Uffata baayye namatti maxxanu uffachuu dhabuu- kuniis nyaanni gaaracha keeysa jiru akka qoonqootti ol hin deebineef gargaara
* Akkuma nyaata nyaannen sochii qaamaa hojjachuu dhabuu
Nyaata duratti ykn nyaata booda sa'aa tokko taa'anii hojjachuu
Yeroo akkam mana yaala deemtu?
-----
* gubaan laphee torbaanitti yeroo lamaa ol yoo isinirratti argame
* mallattoon qoricha dukkaanaa bitattee osoo fayyadamtuu yoo si dhiisuu didde
* Waa liqimsuu yoo dadhabde
* Haqqisaa ykn olgugguruun yoo si rakkise
* sababa fedhii nyaataa dhabuurraa kan ka'e ulfaatina yoo hir'iste
Fayyaa hin dhabinaa
©️: Dr Abdulfetah Ibrahim

VITILIIGOON: Yaala qabaa? Ni daddarbaa?******************************Dhukkubni kun vitiliigoo jedhama, halluu gogaa nama...
16/04/2026

VITILIIGOON: Yaala qabaa? Ni daddarbaa?
******************************
Dhukkubni kun vitiliigoo jedhama, halluu gogaa namaa addeessudhaan nama huba. Kunis seelonni gogaa namaa kan halluu oomishan kan melanocytes jedhaman yoo dudu’an yokaan yoo hojii dhaabanidha. Dhukkubni kun waltuttuquudhaan namarraa naatti HIN DADDARBU! Lubbuu galaafachuuf kan ga’us miti, garuu miidhagina balleessuudhaan ofitti amantummaa namaa miidhuu danda’a.
YAALA
1. Qorichaan: Vitiliigoo qorichaan guutummaatti yaalaan balleessuun yeroo baay'ee kan hin danda'amne yoo ta'u, akka hin babballanneef, yoo danda'ame ammoo akka xiqqatuuf qorichi ni kennama. Qorichi kennamu kunis haga babbal'ina vitiliigoo kanaa irratti hundaa'uun kan dibatamu ykn liqimfamuudha. Sana ogeessa fayyaatu adda baasee ajaja.
2. Yaala baqaqsanii yaaluu: kunis gogaa bakka seelota vitiliigoo kanaan hin hubamiin irraa fuudhanii bakka hubame kanatti suphuun yaaluudha.
*********************************************
FAYYAAN FAAYA
Dr Gurmeessaa

01/11/2025
29/10/2025

odoo si ta'ee ni dhaqxaa?

LILMEE Insuliinii yeroo meeqaaf irra daddeebi'anii fayyadamuun danda'ama?---Fayyadamtoonni Insuliinii baay'een maallaqa ...
29/10/2025

LILMEE Insuliinii yeroo meeqaaf irra daddeebi'anii fayyadamuun danda'ama?
---
Fayyadamtoonni Insuliinii baay'een maallaqa qusachuuf jecha irra deddeebiidhaan lilmee takkaan yeroo qoricha waraannatan mul'atu. Haa ta'uu malee garuu 'wanti kun ija fayyaatiin akkamitti ilaalama?' kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.
-
Yeroo oomishamtu lilmoon takka yeruma takkaaf akka fayyadduuf tolfamte. Kunis qulqullummaa lilmee eeguu fi carraa dhukkuba (infection) biraatiif saaxilamuu hir'isuudhaafi.
-
Kana malees iddoo waraannannu illee jijijjiiruun barbaachisaadha. Kuniis coraa(gogaa qaama keenyaa) jalatti coomni hin barbaachifne akka hin kuufamne ittisuuf nu gargaara.
-
Walumaa galatti: Lilmee takka yeroo takkaa ol fayyadamuun miidhaa gara garaatiif nu saaxila. Isaan keessaayis:-
Lilmeen takka eega takka itti fayyadamne baakteeriyaa gara garaatiin faalamti. Baakteeriyaan kuniis dhibee biraatiif akka saaxilamnu nu taasisa.
Lilmeen takka eega takka itti fayyadamne waan doomtuuf kunis yeroo waraannannu dhukkubiidhaaf akka saaxilamnu nu taasisa.
Lilmee takka irra daddeebiin fayyadamuun coraa(gogaa qaama keenyaa) jalatti coomni hin barbaachifne (Lipohypertrophy) akka kuufamu taasisa.
Lilmeen laaffachaa waan deemuufis carraan qaama keenya keessatti cabee hafuutis ni jira.
Sababoota kanaafi kanneen kana fakkaataniif jecha hanga dandeessanitti lilmee takka yeruma takka qofa itti fayyadamaa.
Fayyaa hin dhabinaa!
𝐏𝐡𝐚𝐫𝐦𝐚𝐜𝐢𝐬𝐭 𝐄𝐥𝐢𝐚𝐬

Dhugaawwan Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu=======✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaa...
29/10/2025

Dhugaawwan Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu
=======
✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa isaan hin barbaachisu.

✍️ Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessaa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e kan harma hoosisuu caalu hin jiru.

✍️ Harma hoosisuun daa’imman irraa dhukkuboota hedduu ittisa.

✍️ Daa’imni dhukkubsattu tokko yoo sirriiti harma haadhasaa hodha ta’e dhukkuba san irraa dafee akka dandamatuuf ni gargaara.

✍️ Daa’imman harma haadhaa hodhan daa’ima nyaata kan biraa sooratan caalaa fayyaan isaanii amansiisaadha.

✍️ Harmi haadhaa yeroo hundaa qulqulluudha. Daa’imman harma haadhaa utuu hin hodhin nyaata kan biroo nyaatan, nyaata nyaatan san keessa jarmooti fayyaa isaanii huban hedduu jiraachuu waan danda’uuf carraan dhukkubsachuu guddaa qabu.

✍️ Akka qorannoon mul’isutti daa’imman ji’oota jalqabaa ja’an keessatti aannan harma haadhaarraa argatan qofa soorachuun guddina sammu fi guutummaa qaama isaaniif albuuda isaan gargaaru guutuu argachuu danda’u.

✍️ Hanga ji’a ja’aatti daa’imman aannan harma haadhaa yoo kan sooratan ta’an, ciminnaa fi guddinna qaamaa akkasumas dhukkuba dandamatoo tahanii guddatu.

✍️ Akka amantaa namoota hedduutti daa’imman haara dhalataniif guyyoota jalqabaa muraasaaf aannan kennuufiin gaarii akka hin taane dubbatu. Namoonni kunneen bishaan sukkaaran yoo daa'ima kichuu amma dhalatteef kenname fayyaa isaaniif gaarii taha jedhanii haasayu. Lammiiwwan keenya baay’een beekumsa dhabuun kana godhu. Haa tahu malee barsiifati kun sirrii miti. Bishaan sukkaaraa fayyaa daa’imman keessanii miidha. Kanaaf harma haadha qofa kennaafi.

✍️ Daa’imni akkuma dhalatteen sa’aatiiwwaan jalqabaa keesaatti harma haadhaa argachuu qabu.

✍️ Haati takka, aannan ga’aa fi qulqullina gaarii qabu daa’ima isii sooruuf, ofii isiitiif nyaata ga’aa ta’e soorachuu qabdi.

Dr. Leencoo Kaawoo

بَارَكَ اللهُ لَكُماَ وَبَارَكَ عَلَيْكُماَ وَجَمَعَ بَيْنَكُمَا فِي خَيْرٍ baga gammadde obboleessa kiyya Dr. Abdi Mukt...
19/10/2025

بَارَكَ اللهُ لَكُماَ وَبَارَكَ عَلَيْكُماَ وَجَمَعَ بَيْنَكُمَا فِي خَيْرٍ
baga gammadde obboleessa kiyya Dr. Abdi Muktar . cidha gammachuu kan rizqii kan barakhaa siif haa godhuu!!
horaa bulaa deebanaa!!

16/10/2025

🩸 Funuuna (Nosebleeds): Waan Beekuu Qabdu! 🩸

👉Yoo tasaa dhiigni funyaan kee irraa bahuu jalqabe, rifachuun ni mala.
👉Funuunni nama baay’ee irratti mul’achuu danda'a — yeroo tokko tokko salphaa ta’uu danda’a, yeroo biraa immoo mallattoo rakkoo fayyaa ta’uu mala. 👀

👇 Sababoota Funuuna Sitti Fiduu Danda’an

👃 Qilleensa goggogaa (keessumaa yeroo ho’aa ykn mana keessa ho’isuun)
👃 Funyaan yeroo baay’ee tuttuquu
👃 Utaalloo(diifafa) ykn alarjii
👃 Miidhaa funyaanii
👃 Qoricha dhiiga namaa qallachiisu
👃 Dhibee dhiibbaa dhiigaa(hypertension)

🛑 Yeroo Funyaan Dhiiguu Jalqabu Maal Gochuu Qabna?

✅ Qajeelii taa'i, mataa xiqqoo gara fuulduraatti jedhi(duubatti MITI)
✅ Funyaan kee kutaa lallaafaa quba lamaan xiqqoo jabbeesii, daqiiqaa 5-10f, qabi
✅ Hafuura afaaniin baafadhu
✅ Funyaan kee afuufuu, ciisuu fi waa funyaan keessa godhuu irraa fagaadhu

🚨 Yoom Mana Yaalaa Deemuu Qabdan?
⚠️ Funuunni daqiiqaa 20 ol yoo ture
⚠️ Balaa mataa mudatu boodaan funuuna jalqabe
⚠️ Yeroo baay’ee irra deddeebiin yoo dhufe
⚠️ Qoricha dhiiga qallisu yoo fudhachaa jiraatte ykn dhibee dhiiguu(bleeding disorder) yoo qabaatte
⚠️ Dhiigni funyaan lamaan keessaan yoo dhufe ykn qoonqoon gadi yaa’e

💡 Gorsa Ittisaa (Prevention Tips)

✔️ Qilleensa goggogaa keessatti humidifier fayyadami
✔️ Vaaziliin qaawwa funyaan keetii keessaa dibadhu
✔️ Funyaan kee tuttuquu irraa fagaadhu— hin tuttuqin!
✔️ Dhiibbaa dhiigaa to'achuu(yoo dhibee dhiibbaa dhiigaa qabaatte)

Diifafa ykn utaalloo akkamitti manatti of wal'aanna?***********1. Qullubbii adii:- Qullubbiin amala farra  jarmoota dhuk...
15/10/2025

Diifafa ykn utaalloo akkamitti manatti of wal'aanna?
***********
1. Qullubbii adii:- Qullubbiin amala farra jarmoota dhukkuba fidanii waan qabduuf diifafa nurra qolachuurratti gahee olaanaa qabdi. Kana malees dhukkubbichaa qabamnee akka hin dhukkubsanne godhuuf qooda ni qabaatti

2. Deeyma/ Damma:- deeymi amala farra baakteeriyaa fi jaarmoota garagaraa qaba. Deeyma shaayii fi loomii wajjin dhuguun dhukkubbii qoonqoo hirrisuuf illee ni gargaara
Garuu daa'imman waggaa tokkoo gadiitiif hin gorfamu

3. Zanjabiila:- diifafa nurraa wayyeessuu fi dhukkubbii qoonqoo nutti fooyyeessa

4. Shorbaa foon lukkuu:- foon lukkuu kuduraa wajjin walitti godhanii nyaachuun diifafa nutti ni fooyyessa

5. Viitaamina C:- loomii ,burtukaana, kuduraa fi fuduraa adda addaa nyaachuun viitaamina C irraa arkachuif nu fayyada

Dabalataan Boqonnaa gahaa fudhachuu ,bishaan sirritti dhuguu, bishaan soogiddaan xiqo hoo'ifnee afaaniin lulluuqqachuu fi yoo dhukkubbii fi keeydaan nutti dhagahamte qoricha dhukkubbii kan paarastaamool itti fudhachuun of wallaanuun ni danda'ama.

Fayyaa hin dhabinaa
Eba Pediatrics Specialty Center

Buroo 《wart》**********************************Buroon vaayirasii " Human papillomavirus " jedhamuun namatti dhufa. Vaayir...
14/10/2025

Buroo 《wart》
**********************************
Buroon vaayirasii " Human papillomavirus " jedhamuun namatti dhufa. Vaayirasiin kun vaayirasii miidhaa gad aanaa( low risk) fi miidhaa olaanaa fidan( high risk) fidan qaba. Buroon vaayirasii miidhaa gad aanaa qabaniin namatti dhufudha. Carraan inni kaansarii namatti fiduutiis baayyee xiqqaadha. Buroo gosa hedduutu jira. Qaama namaatirraa iddoo adda addaatti nama bahuu dandeessi. Kanneen keessaa
• Quba harkaa fi miilaa
• Fuula, harka fi sarbaa
• Qaama saalaa
• Afaanii fi funyaan irratti bahuu dandeessi!
Manatti
1. Qullubbii bikka buroo sanitti dibaa
2. Shaayii magariisa iddoo sanitti godhaa. Pharmaasi yoo argattan bitachuu dandeessu
* yoo buroon fuularrati, funyaanii fi qaama saalaa irratti isin baate mana yaalaa deemaa ilaalchifamaa!
* Nama buroo qaama saalaa qabu wajjin walqunnamtii saalaa goonaan carraan namatti dabruutiis ni jira!

Dhibee Qakkee(pertussis)********Yeroon ammaa kun yeroo utaalloo fakkaata. Kana malees iddoo tokko tokkotti qakkee ka'aa ...
14/10/2025

Dhibee Qakkee(pertussis)
********
Yeroon ammaa kun yeroo utaalloo fakkaata. Kana malees iddoo tokko tokkotti qakkee ka'aa waan jirtuuf odeeffannoo kana hubannoof itti dhihaadha!!
Dhibeen qakkee baay'inaan kan argamu daa'imman irratti yoo ta'u,Warren umriin isaanii waggaa 2 fi Sanaa gadii keessatti dhibee hamaa fi hamma lubbuun darbuu geessisuu danda'uudha.
Innis kan dhufu bakteeriyaa(B.pertusis)kan jedhamuudha.

Mallattoolee dhibichaa
akkuma beekkamu hawaasa keenya keessatti dhibee torbee jaha jedhamuun beekkama.mallattooleen kunneenis:funyaan cuccufamuufurrii wal-irraa hin cinnee kan bishaan fakkaatu.haxxiifachiisuu fa'i fi laydaa ykn gubiinsa qaamaa sadarkaa gadaanaan mallattoolee jal-qaba irraatti mul'ataniidha.Akkuma cimaa adeemun,gara qufaa walirraa hin cinne kan haqqeen faana bu'amu kan torbee sadiifi isaa olii mallattoolee dhukkubichaa keessaa isaan hangafaati.
Hub:_daa'immaan ji'a tokkoo gadii irraatti mallattooleen dhibichaa argansuun sekondii muraasaf dhaabbachuu fi bifti qaamaa jijjiiraamu(cyanosis) kan jedhaman isaan ijoodha..Warren dhibee kanaaf sababa ta'an keessaa muraasni:daa'imman talaallii hin fudhatin.tuttuqqii fi walitti dhiheenya nama dhibee kanaan qaban waliin baay'isu.ulfa.kanaaf daa'imman kamiifiyyuu talaalliin erga dhalatan irraa ka'ee sirnaan kennamuufin baay'ee barbaachisaadha.xaxaa dhibichaa:-Dhibee ujummoo qilleensaaDhibee gidduu-gurraa.funuuna gaggabdoosammuu keessatti dhiiguu.miidhama sammuu daa'immanii sababa oksijiinii dhabuun dhufu(hypoxic encephalopathy)kan jedhamaniidha.
Erga daa'imman dhibee kanaan qabamanii maal gochuuttu nu irraa eegama?akkuma mallattoo armaan olii irratti argineen karaa mana yaalaa geessun yaalchisuudha!

Galatoomaa!!!.
Barreessaa: Dr megarsa Ahmed

Namicha ollaa keenyaa Abdoo ja'amuu tokkootu dhukkubsatee, Hospitaala seene. Namoonni  Ollaa isaa walitti qabamanii dheq...
12/10/2025

Namicha ollaa keenyaa Abdoo ja'amuu tokkootu dhukkubsatee, Hospitaala seene. Namoonni Ollaa isaa walitti qabamanii dheqanii laaluu barbaadan. Lakkoofsi isaanii 13 ture.

Tokko tokkoon deemurra ja'anii Nama maaykiroobaas qabu tokkoon gara mana yaalaa akka isaan geessu gaafatan. tokkoon tokkoon isaanii qarshi 100 akka kafalanirratti waliif galan.

Maaykiroobaas teessoo 14 qaba waan taheef, Teessoon duwwaan 1 hafe. konkolaachisaan teessoo hafe guutuuf, nama 1 dabalataan akka barbaadan itti hime. "Lakkii siif gahaa, nutiis ni jarjarraa kanumaan deemi" ja'anii kadhatan.

Akkuma sosso'uu jalqabeen, Ollaa isaanii keessaa tokko fagoodhaa fiigaa maaykiroobaas dhaqqabuuf isaa yaalu argan.
Konkolaachisaan sunis "nu waliin haa deemuu, ni eeyna lakkoofsa haa guutu" je'ee eeguu jalqabe.

Isaanis, “Lakki lakki hin dhaabatin. Namichi kun carraan isaa badaadha. Yoo maaykiroobaas kana yaabbate wanni hamaan nu mudachuu dandaha” ja'aniin

Konkolaachisaan sunis, “Lakkii ani waan fedhes haa tahuu, wannin ani barbaadu qarshii 100 qofa" je'ee eeguu jalqabe.
Ummanni itti wacan. Inninis dideetuma eeguu itti fufe. "dhimma keeti" ja'anii itti dhiisan.

Namichi akkuma fiigaa Maaykiroobaas bira gaheen, hafuura darbaa..."Yaa jarana Abdoon Hospitaalaa bahee koottaa bu'aa" je'een. 😎

Maal hubatte?
©️: Birraa Ilma Jemal

Address

Harar

Telephone

+251945579872

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Abdulfetah Ibrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Abdulfetah Ibrahim:

Share

Category