Harme Clinic/Harar

Harme Clinic/Harar Magaalaa Harar waajjira Aanaa Shankoor fuuldura
ሐረር ከተማ ሸንኮር ወረዳ ቢሮ ፊት ለ ፊት

Harme Clinic/Harar
25/11/2025

Harme Clinic/Harar

22/11/2025

is one of the most preventable & curable forms of cancer, if detected early.

Women should be screened for cervical cancer every 5–10 years starting at the age of 30.
Screening should be available to women in all countries, followed by immediate treatment where needed.

Learn more: bit.ly/47GIbzd

Vaayirasii  'Marburg' Dhibeen Vaayirasii tibbana Jiinkaatti muudate maalummaansaa beekamuu Ministirri Fayyaa beeksise.Ka...
15/11/2025

Vaayirasii 'Marburg'

Dhibeen Vaayirasii tibbana Jiinkaatti muudate maalummaansaa beekamuu Ministirri Fayyaa beeksise.

Ka’umsi dhukkuba Heemooraajik Fiivar Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaatti muudate kunis Biyyoota Baha Afrikaa birootti kana dura kan mul'ate yoo ta'u maqaansaas 'Marburg virus' akka jedhamu eere.

Hanga ammaattis Laaboraatori Riferansii Biyyaalessaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaatti qorannoo DNA taasifameen ka’umsi dhukkubichaa Vaayirasii Maarbargi akka ta’e adda bahuu Ministeerichi beeksiseera

Guyyaa har’aa namni mallattoo dhukkubichaa agarsiises ta’e dhukkubichaan shakkame kan hin jirre ta’uus ibseera.

Gareen ogummaa garaagaraarraa ijaarame gara naannichaatti erguun hojiin dhukkubicha ittisuufi to’achuu hojjetamaa akka jirus Ministeerichi ifoomseera.

MAALUMMAA DHIBEE KANAA

Viral hemorrhagic fever kan jedhaman dhibee tokko qofa osoo hin taane, dhibeewwan vaayireesiin dhufan mallattoo fi haala daddarbiinsaa akkasuman haala miidhaa qaamarra geessisanii walfakkaatan of jalatti qaba.

Dhukkuboonni 'Viral Hemorrhagic Fever (VHF)' jedhaman kun akkuma maqaan ibsu; vaayirasiin kan dhufan (viral), qaama namaa dhiigsuun beekaman (hemorrhagic) fi mallattoo dhagna/qaamaa gubaa (fever) qabanidha.

Dhibeewwan amala ijoon walfakkaatan (keessumaa qaama dhiigsuu fi qaama gubaa)Viral Hemorrhagic Fever jedhamuun beekaman kana keessaa kan akka Crimean-Congo Dengue, Ebola, Hantavirus, Lassa, Marburg fi Yellow fever maqaa dha'uun ni danda'ama.

MALLATTOO

●Dhaqna gubuu
●Dadhabbii akka malee
●Dhukkubbii maashaa fi buusaa
●Mataa dhukkubbii
●Teessisa
●Olguuruufaadha

Akkuma hammaataa deemeen ammoo mallattoowwan ciccimoon kanneen akka:-
● Dhiiguu qaamaa kan akka funyaan, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaama saalaa fi qaamota keessaan ba'uu
●Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
●Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
●Of wallaaluufaa agarsiisa.

AKKAATAA DADDARBIINSA ISAA

●Ciniinnaa bookee fi silmii
●Dhangala'aa nama dhibee VHF qabuu kan akka dhiiga, fincaan, bobbaa, hancufa, aannan harmaa, dhangala'aa qaamaa saalaa tuttuquudhaan.
●Karaa dhangala'aa bineensotaa fi beeyladoota dhibee VHF'n qabamanii kan akka jaldeessaa, qamalee, shimbira halkanii fi beeyladoota manaa dabalatee.

ITTISA

●Bineensota dhibee kana namatti dabarsan keessumaa hantuuta naannoo ofii dhabamsiisuu.
●Bookeen akka nama hin ciniinne maloota akka agoobara fayyadamuu, uffata qaama haga danda'ame golgu uffachuu, golgaa foddaa (window screen) fi keemikaalota farra bookee fayyadamuun ofirraa dhorkuu.
●Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu. Gara mana yaalaa geessuu.

YAALA

Yaalli dhibee kanaaf godhamu, yaala dhibee kana fayyisu (curative) osoo hin taane, yaala gargaarsaa kan akka mallattooleen fooyya'an taasisuu (supportive management) dha.

15/11/2025
 ❓🩸Waa'ee weerara dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!*******************************************Dhibee yero...
13/11/2025

❓🩸
Waa'ee weerara dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa!
*******************************************
Dhibee yeroo ammaaf Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mul'ate
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa❓ Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal irratti xiyyeeffata:
🔹️Dhiigaa fi dhangala'aa qaama keessaa yaa'ee deebisanii bakka buusuu
🔹️Qorichaan hoo'insa qaamaa to’achuu
🔹️Dhukkuboota biroo dabalataan dhufu malaan ittisuu
🔹️Nama dhukkubsataa sana kophaatti baasuun namoota birootti akka hin dabarreef eeguu.
🔹️Dhukkuboota muraasaaf talaalliin (vaccine) ni jira.

🛡️ Ittisaa fi To’annoo
Ofii fi maatii keetii akkasumas hawaasa kee eeguuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
1. Of eeggannoo dhuunfaa
✅ Dhiiga yookaan dhangala’aa qaamaa nama dhukkubsataa waliin wal hin tuqiin.
✅ Harka kee yeroo hunda bishaan qulqulluu fi Saamunaan (soap) dhiqi.
✅ Yoo nama dhukkubsataa gargaartu giloovii harkaa fi uffata ittisaa/protective clothing fayyadami.

2. Naannoo qulqulleessuu
✅ Mana fi naannoo kee qulqulleessi.
✅ Nyaataa bakka sirriitti cufaa qabu keessa kaa'i
✅ Agoobaraa fi qorichoota ilbiisota balleessan fayyadami.
✅ Biyyee fi bishaan dhaabbataa naannoo kee qulqulleessi.

3. Ittisa hawaasaa
✅ Dhukkuba ho’aa qaamaa fi dhiiguu yoo mul’ate, dafii gara mana yaalaa deemi ykn ministeera fayyaa beeksiisi.
✅ Qajeelfama ministeera fayyaa/Biiroo eegumsa Fayyaa hordofi.
✅ Sirna awwaalchaa yeroo taasisamu ofiikee eegi — qaama du’ee harkaan hin tutuqiin .

Credit:- Dr. Gadaa(Ispeeshalistii Dhibee Keessaa)

Address

Shenkor
Harar
1234

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Harme Clinic/Harar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Harme Clinic/Harar:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category