20/04/2026
DHIBEEN TIRUU MALLATTOOLEE AKKAMII AGARSIISA?
==========================================
Amala tiruu nama dinqu keessaa miidhaan ol'aanaa tahe hanga irra gahuutti tajaajila waan hin dhaabnef mallattoo dhukkubaa tokko osoo hin mul'isin turuu dandeetti. Wantoonni tokko tokko garuu yeroo gabaabaa keessatti tiruu haalan miidhun tiruu dadhabsiisuu fi xaxaalee walqabatan biroo qaqqabsiisuu danda'u. Fkn paaraasitaamoolii heddummeessanii bakka tokkotti fudhachuu fi infeekshinii vaayiraasii tiruu jarjarsaa.
Haa ta'u malee irra hedduun dhibee tiruu kan suuta suuta tiruu madeessan waan taheef tiruun yeroo dheeraf irra deddeebin madaayaa yoo fayyite qoqoncoorun gogdee tajaajila kennitu hir'isti. Kunis Liver cirrhosis jedhamuun yoo beekkamu sadarkaa kanatti tiruun akka barbachisutti tajaajila kennuu waan dadhabduuf mallattoleen garagaraa mul'achuu eegalu.
✍️ Mallattoolee dhibee tiruu agarsiisan keessaa muraasni:-
📌 Dadhabbii garmalee
📌 Lollooccii/ol guuruu, Ol deebisuu ykn haqqisuu
📌 Fedhiin nyaataa gadi bu'uu
📌 Halluun sagaraa/boolio jijjiiramuu (daalachaayuu ykn dhiiga makachuu)
📌 Halluun fincaanii gara bifa kookaa/shaayiitti jijjiiramuu
📌 Qaamni guutummaa guutuutti hooqsisuu
📌 Garaan nama dhiita'uu fi dhukkubuu
📌 Halluun ija keenyaa gara keellootti jijjiiramuu
📌 Ulfaatinni qaamaa hir'achuu, garmalee huqqachuu.
📌 Dhiiga haqqisuu fi kkf.
==========================================
DHIBEEN TIRUU WAL'AANSA NI QABAA?
==========================================
Dhibeen tiruu dhibee wal'anuu hin danda'amne yaadni jedhu ilaalcha irra hedduu hawaasaa biratti beekkamuudha. Keessattuu mallattolee olitti tarreesse san keessaa muraasa ofirratti arguun dhibee tiruu tahuu danda'a jedhanii yoo shakkan dhukkuba simbiraati jechuun akka mana yaalaa hin geessine wal gorsu. Kanaaf dawaa habashaa malee haakimni homaa hin godhu jechuun tiruu duraahuu miidhamtee jirtu dawaa habashaa itti guuranii ajjeesu. Kuni dogongora guddaa sirraahuu qabuudha.
Wal'aansi dhibee tiruu gosaa dhibee sanaatii fi sadarkaa miidhaa tiruu irra gahee irratti hundaa'a.
📌 Infeekshinii vaayiraasii tiruu. Irra hedduun dhibee vaayiraasii tiruu kan yeroo murtaa'ef turuu fi ofumaan badu yoo ta'u isaan kanniin yeroo sanitti wal'aansa deeggaroo ta'anii fi tiruu boqachisan fudhachuun gahaadha. Gosoota vaayiraasii tiruu kan qaama keessa turanii fi lafa jala (suuta suuta) tiruu miidhan, Hepatitis virus B fi C kan jedhamaniif dawaa yeroo dheeraf fudhatamu kan vaayiraasii kanniin qaama keessaa balleessu fudhachuun osoo isaan miidhaa ulfaataa hin qaqqabsiisne fayyuun ni danda'ama.
📌 Dhibee tiruu dhugaatii Alkohoolii waliin walqabatee dhufu dhugaatii dhaabuun akka tiruun fayyituu fi daran hin miidhamne ni taasisa. Kan kuufama coomaatin dhufus akkasuma nyaata coomaa fi kaalorii guyyatti fudhannu hir'isuun, nyaata faayiberii qabu heddummeessuunii fi ulfaatina hir'isuun ni gargaara.
📌 Kalladdoo fi Kaansarii tiruus sadarkaa inni irra jirurratti hundaayun wal'aansa qorichaa ykn baqaqsaatin yaalun ni danda'ama.
✍️ Miidhaa yeroo gabaabaa fi hatattamaanis tahee kan yeroo dheeratin tiruun garmalee kan miidhamtee yoo taate tiruu san baasun kan nama biraatin bakka buusun ni danda'ama (Transplant)(Har'atti biyya keennatti ulfaataa fakkaatus gama fuulduratti filannoo isa biraati).
==========================================
DHIBEE TIRUU OFIRRAA ITTISUUN NI DANDA'AMAA?
==========================================
Irra hedduun dhibee tiruu kan ittisuun danda'amu yoo ta'u innis wantoota tiruu keenna miidhan irraa of eeguudhaani.
✍️ Infeekshinii vaayiraasii tiruutif haalota nu saaxilan irra of eeguu.
📌 Saalqunnamtii of eeggannoo hin qabne irraa of qusachuu
📌 Meeshaalee qara qaban waliin itti fayyadamuu dhabuu.
📌 Haadholii ulfaatif qorannoo gochuun yoo vaayiraasichi itti argame akka daa'imaatti hin darbine dawaa fudhachuu.
📌 Qorannoo gochuun yoo vaayiraasichi nu keessa hin jiraanne talaallii fudhachuu (Hep B Vaccine).
✍️ Alkohoolii guyyatti fudhannu hamma isaa xiqqeessun.
✍️ Jijjirama nyaataa fi haala jireenyaa gochuu — nyaata coomaa fi sukkaara heddu qaban xiqqeessu, foon diimaa nyaachuu xiqqeessu, nyaata faayiberiin badhaadhan soorachuu, Sochii qaamaa dhaabbiidhan hojjachuu.
✍️ Qoricha aadaa fi kan ammayyaa hamma barbaachisuu ol fudhachuu dhabuu (Kan ammayyaa fudhachuu dura Ogeessa mariisisuu).
==========================================
Galatoomaa!
Fayyaaf Nagaa Hin Dhabinaa!