27/01/2026
Olka'uu dhiibbaa dhiiga (HYPERTENSION)
Namoonni dhiibbaa dhiigaa isaanii yeroo yerootti ilaalamuu qaban:
✓ Namoota umriin isaanii 40 ol ta'e
✓ Namoota maatii keessa namni olka'uu dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee ykn istirookii qaban (sanyiin daddarbuu waan danda'uuf)
✓ Namoota ulfaatina qaamaa guddaa qaban
✓Namoota tamboo xuuxan
✓ Namoota Alkoolii dhuguu hedduummessan
✓Namoota dhibee sukkaaraa, dhibee kalee fi kolestiroolii ol’aanaa qaban
✓Dubartoota ulfaa (dhiibbaa dhiigaa ulfaa waliin walqabatu adda baasuuf)
✓ Namoota yaaddoo (stress) cimaa keessa jiran
✓ Namoota sochii qaamaa hin taasifne
✓ Namoota olka'uu dhiibbaa dhiiga qaban (to’annoofi hordoffii gochuuf)
Hub:- Olka'uun dhiibbaa dhiigaa yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu. Kanaafuu, fayyummaa ofii beekuun kan danda’amu yeroo yerootti dhiibbaa dhiigaa keenya safaramuudhani.
Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa