Dr. Bikila OBGY specialty Clinic

Dr. Bikila OBGY specialty Clinic Inspiring hope and Looking forward to promote health through Respectful, Compassionate and to heal through quality health service delivery!!!

03/05/2022

MALLATTOOLEE KAANSARII HARMAA (Warning signs of breast cancer) !
**
*Wanti akka dhiitaa jajjabaataa harma keessaa bakka tokkotti yookiin guutummaa harmaa keessatti uumamuu(breast lamp)

*Fiixeen harmaa (ni**le) gara keessaatti deebi'uu(ni**le retraction) (Kun dubartoota uumamaan fiixeen harma isaanii gara keessatti liqimfamaa ta'e osoo hin taane duraan Fayyaa warra tureef jechuu dha)

*Gogaan harmaa bakka tokkoon diimatee, furdatee yoo qaban harkatti jajjjabaatee, qola burtukaanaa fakkaachuu (Peau d'orange).

*Dhangala'aan aannan irraa adda ta'e harma keessaa gadi yaa'uu(Breast discharge, ni**le discharge)

*Xannachi liimfii bobaa jalaa, kan gama dhiitaan harmaa jiru sanatti argamu jajjabaatee guddatee ba'uu(Lymphadenopathy)

Hub: Mallattoon kun sababa biroo Fakkeenyaaf infekshinii, dhiita bishaan qofa of keessaa qabu_ Cyst) fi kanneen birootiin dhufuu mala. Kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti argitan, of sodaachisuu osoo hin taane mana yaalaa deemtanii qorannoodhaan adda-baafachuun baay'ee barbaachisaa dha.
GALATOOMAA, HORAA BULAA DEEBANAA!!!

https://www.facebook.com/445697045589856/photos/a.2151258441700366/2151258398367037/?type=3&app=fbl
01/05/2022

https://www.facebook.com/445697045589856/photos/a.2151258441700366/2151258398367037/?type=3&app=fbl

Kaanseerii fiixee gadameessaa(Cervical cancer)
Gosoota kaanserii dubartootaafi haadholii ajjeesan keessaa Kaanserii( ovaarii)tti aanee sadarkaa lammaffaarra jira! Dhibee biyyoota guddatan heddumminaan hubuufii yaalamuuf baasii guddaa gaafatu, kan erga namarra turee booda yaalaman illee carraan fayyuu isaa hedduu dhiphaa ta'eedha! Keessumaa haadholiin baadiyyaa jiraniif namooti fb kana irra jirtan dubbiftanii akka share gootan kabajaan isin gaafadha! Dubbisa Gaarii!
1.maaltu namatti fida? Gosa vaayirasii
"Human papiloma virus" jedhamuun dhufa!
Vaayirasiin kuun fiixee gadameessaa to'achuudhaan bakka sana irratti guddinni maashaalee qaama keenyaa ajajaa ol akka baay'atu godha!
2.Eenyutu saaxilama?
Dubartiin walquunnamtii saalaa goote kamiyyuu carraa vaayirasii kanaan qabamuu qabdi! Vaayirasiin kun dhiirotas kan qabufi kaanserii qaama saala dhiiraa fiduu danda'a. Garuu carraan isaa hedduu dhiphaadha!
Dubartoota keessaa eenyutu irra caalaa hubama?
👉 dubartoota waggaa 20 gaditti wal quunnamtii eegalan!
👉 Dhiira tokkoo olii waliin wal quunnamtii saalaa kan raawwatan
👉 dhiira dubartoota biroo waliin wal quunnamtii saalaa raawwatu waliin kan jiraatan
👉 sababoota dhukkuba biroon dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii xiqqaa kan ta'e fkf dhibee HIV,dhibee sukkaaraa, qoricha dhibee kaanserii gosa biroo kan fudhatan, gosoota qoricha steroids jedhaman yeroo dheeraaf kan fudhatanfaa
👉 dhukkuboota daddarboo saalaan kan qabaman
👉 dubartoota sigaaraa/tamboo xuuxan

SAKATTA'IINSII FI YAALIIN ISAA MAALI?
Dhukkubni kun utuu sadarkaa qaama keessa faca'uufi yaalamuu hin dandeenye irra hin ga'in yeroo dheeraaf mallattoo malee tura! Kanaaf utuu mallattoo dhukkubaa ofirratti hin eegin dursanii ilaalamuun sadarkaa jalqabaa irratti yoo argamee yaalamanii fayyuun ni danda'ama!
Dhukuba kana dursanii adda baasuuf sakatta'iinsi adda addaa ni godhamu!
yeroo sakatta'iinsaa kana mallattooleen duraa kun yoo mul'atan dursanii yaalamuun 90% kaanserii kana ittisuu dandeenya!

MALLATTOON DHUKKUBA KANAA MAALI?

Dhukkubni kun amma hidda jabeeffatee fayyaa namaa hubutti waggooota 15_20 mallattoo tokkollee hin agarsiisu!
Erga dhukkubni kun jabaatee booda garuu
1. Wal quunnamtii saalaa booda Dhiiguu
2. Yeroo wal quunnamtii saalaa godhamu Dhukkubbii hamaan namatti dhaga'amuu( dubartootaaf)
3.Dhangala'aan haalaan foolii badaa qabu dhangala'uu
4.Garaan Hiita'uu
5.qaamni gadi dhumaa adeemuufi kkf

AKKAMITTI OFIRRAA ITTISUU DANDEENYA?
👉 Waggaa 20 dura wal quunnamtii salaa gochuu dhiisuu
Dubarootni waggaa 20 gadii fiixeen gadameessa isaanii wal hormaata Human papiloma virus f mijaawaadha
👉 kittibaatii dhibee kanaaf kennamu fudhachuu
👉 Hiriyaa saal qunnamtii tokko qofa qabaachuu
👉 dhukkuboota wal quunnamtii saalaan daddarban ofirraa ittisuufi yeroon yaalamuu
👉 sigaaraa aarsuu dhiisuu
👉 sakatta'iinsa dhibee kanaa dhaabbilee fayyaa deemuun godhuu
👉 kondomii fayyadamuu
Hub: akka HIV ittisutti Kondomiin dhibee virusii Human papilloma kanaan dhufu Guutummaa Guutuutti nurraa hin ittisu.

Hubadhaa: Dhibeen kaanserii Gadameessaa Yeroon yoo yaalameefi utuu namatti hin jabaatin yoo bira ga'ame dhibee irraa fayyamuudha!
Haati hin Du'in🙅‍♀️

28/04/2022

MALLATTOOLEE KAANSARII HARMAA (Warning signs of breast cancer) !
******
*Wanti akka dhiitaa jajjabaataa harma keessaa bakka tokkotti yookiin guutummaa harmaa keessatti uumamuu(breast lamp)

*Fiixeen harmaa (ni**le) gara keessaatti deebi'uu(ni**le retraction) (Kun dubartoota uumamaan fiixeen harma isaanii gara keessatti liqimfamaa ta'e osoo hin taane duraan Fayyaa warra tureef jechuu dha)

*Gogaan harmaa bakka tokkoon diimatee, furdatee yoo qaban harkatti jajjjabaatee, qola burtukaanaa fakkaachuu (Peau d'orange).

*Dhangala'aan aannan irraa adda ta'e harma keessaa gadi yaa'uu(Breast discharge, ni**le discharge)

*Xannachi liimfii bobaa jalaa, kan gama dhiitaan harmaa jiru sanatti argamu jajjabaatee guddatee ba'uu(Lymphadenopathy)

Hub: Mallattoon kun sababa biroo Fakkeenyaaf infekshinii, dhiita bishaan qofa of keessaa qabu_ Cyst) fi kanneen birootiin dhufuu mala. Kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti argitan, of sodaachisuu osoo hin taane mana yaalaa deemtanii qorannoodhaan adda-baafachuun baay'ee barbaachisaa dha.
GALATOOMAA, HORAA BULAA LEEBANAA!!!

23/04/2022

Hordoftoota Amantaa kiristaanaa maraan Baga jala bultii Ayyaana Du'aa Ka'uu Gooftaa Fayyisaa Addunyaa Nagaan Geessan!!

ለክርስትና እምነት ተከታዮች በሙሉ፤ እንኳን
ለኢየሱስ ክርስቶስ የትንሳኤ በአል በሰላም አደረሳችሁ!!

20/04/2022

Bikila Abilu:
Kittaannaa Dubartootaa(Shamarranii)

Dursa irratti sirreeffama:- Namoonni baay'een kittaannaa akka waan Aadaa badaa ta'eetti irra deddeebiin yoo ibsan dhagaya, kittaannaan dubartootaa Aadaa osoo hin taane gocha badaa yookiin gochaa gadhee (Malpractice) dha!
Waayee Jaartii Umrii 70

Jaartiin umrii 70 kan Kaasaraa malee socho'uu hin dandeenye kan sitti himti malee itti himan hin dhageenye(Rigid women) qaama hormaata dubartoota meeqaa akka galaafatte samii fi dachiin haa lakkooftu!
Itti himnaan diddee dhoofnaan gaggabde fi Himan didduun du'a hin didduu itti makmaakeen jira. waatiin okolee diddu okkotee hin didduunis makmaaksa isheef malu kan biraati! Shamarran baay'een gochaa bada jaartiin kuni shamarree irratti raawwattu(Qaama uumamaa faayidaa qabu kutuu, kittaanuu) erga hubatanii booda "Bubbee biyya hin jirre Isheetti haa buusu jedhanii Jaartii gugguuftuu sana yoo abaaraan nan dhagaya, Rabbi du'a ishee haa gabaabsu, lafa kana irraa ishee ha qurxu ittiin jedhu!!!
Akka yaada jaartiin kanaatti:- Shamarreen kittaanamuu qabdi, yoo kittaanamuu baatte rakkoo fiddi(of jala hin ilaaltu waan tayeef meeshaalee cabsiti, qalbii hin qabdu, hin ajajamtu, daftee sagaagaluu eegaltee dubrummaa dhirsa ishee nama biraatiif oolchiti, dhirsa jala hin bultu fi kkf himti)
Mee waliin haa ilaallu
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨
Kittaannaan (shamarranii) dubartii maal? Kittaannaan (shamarranii) dubartii Qaama hormaataa dubartii irraa sheelechuu dhaan yookiin guutumaan guutuutti kutanii gatuu, kutanii suphuu, kutanii ibiddaan gubuu, riguu fi kkf raawwachuu jechuu dha.
Biyya keenya bakka adda addaatti gochaa gadheen kun baldhinaan yoo raawwatu ni muldhata! Akka Addunyaatti dubartoonni miliyoona 130 tayan kittaannaa dhaaf ni saaxilamu, baldhinaan Afrikaa keessatti ni muldhata!
Gosa kittaanna
፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨፨
Akka Ibsa Qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti kittaannaa gosa Afuritu jira........

10/04/2022

Dubartoonni wayita dhalatanitti hanqaaquu- sanyii dhalaa miliyoona 1- 2 tti qaama hormaataa Ovaarii(Ovary) isaanii keessaa qabu. Lakkoofsi hanqaaquu kunis wayita dubartoonni sadarkaa marsaa laguuf qaphaayanitti gara 400,000tti xiqqaata. Dubartoonni dandeettiin dhaluu/ dayuu/ dhala godhachuu isaanii umrii isaanii 35 irraa eegalee hir'achuu eegala. Umrii isaanii 37tti hanqaaquu isaanii parsantii 90%n ni hir'ata!
Dhiironni umrii wayita dargaggummaa isaanii irraa eegalanii umrii isaanii guutuu sanyii kormaa ni qopheessu Haata'u malee umrii isaanii waliin qulqullinni sanyii kormaa( S***m quality) hir'achaa adeema!

Address

Harar
Harer

Telephone

+251910277782

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Bikila OBGY specialty Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Bikila OBGY specialty Clinic:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category