Singitan Shumi Medium Clinic

Singitan Shumi Medium Clinic Private Clinic

BAGA GUYYAA DUBARTOOTA ADDUNYAA GEESSAN!
08/03/2025

BAGA GUYYAA DUBARTOOTA ADDUNYAA GEESSAN!

Daa'ima waggaa shanii(5) gadii Talaallii Pooliyoo haa Talaalchifnu!
19/02/2025

Daa'ima waggaa shanii(5) gadii Talaallii Pooliyoo haa Talaalchifnu!

DHIITOON XANNACHA OOVAARII MAAL?👉Ovaariin iddoo firii/killeen dubartii itti oomishamudha.👉Dubartiin tokko Oovaarii lama ...
16/02/2025

DHIITOON XANNACHA OOVAARII MAAL?

👉Ovaariin iddoo firii/killeen dubartii itti oomishamudha.

👉Dubartiin tokko Oovaarii lama qabdi(bitaa fi mirga).

👉Oovaarii kana irraa dhiitoo adda addaatu uummama.

👉Isaan kana immoo bakka gurguddaa lamatti qoodna:

1. Dhiitoo Kaanserii hin ta'in (Benign Ovarian tumor)

2. Dhiitoo kaanserii ta'uu danda'u.(Malignant ovarian tumour)

👉Dhiitoon kaanserii bayyinaan dubartoota dulloman(~waggaa 60) irratti mul'ata.

👉Haa ta'u malee kan umurii ga'eessummaa irratti mul'atus baayyeedha.

👉Carraa dhiitoo Kaanserii Oovarii Umuriidhan yeroo ilaallu:

Waggaa 20-34tti carraa 6.4%
" 35-44 " 9.8%
" 45-54 " 14.4%
" 55-64 " 21.4%
" 65-74 " 25.3%
" 75-84 " 16.3%
" ≥85 " 5.3% qaba.

👉Akka Addunyaatti,dhiitoon Kaanserii Oovaarii kaanserii dubartoota ajjeesan keessaa sadarkaa 5ffaa irratti argama.

👉Dubartiin tokko gaafuma dhalattu sababa dubartii taateef qofa jireenya ishee keessatti guyyaa tokko carraan kaanserii Oovariitiin qabamuun ishee 1-1.5%.

👉Yaaliin Kaanserii Oovarii kaanseroota jiran keessaa baayyee rakkisaadha, sababnisaa kaanseriin kun mallattoo dursee mul'isu hin qabu, erga sadarkaa dhumaa irra gahee barama waan ta'eef.

MAALTU FIDA?

✍️Baayyen isaanii sababa hin qaban(sporadic)

✍️Daa'ima kan hin deenye ykn hin qabne(Low parity and infertility)

✍️Marsaan laguu dafee ijoollummaan jalqabuu (early menarche)

✍️Marsaan laguu erga umuriin baayyee dulloomee baduu (late menopouse)

✍️Sanyiidhaan maatii irraa (Heredity: 5-10%)

✍️Ofii ykn maatii keessaa kaanserii harmaa ykn kanserii udduu/ mar'ummaan furdaa yoo jiraate (Breast and re**al cancer)

MALLATTOOLEE

✏️Baayyeen isaa hanga sadarkaa ol aanaa irra gahutti mallattoo hin qabu.(Asymptomatic)

✏️Dhiitoo garaa keessaa gara gadii (abdominal mass)

✏️Garaan bokokuu (abdominal distension)

✏️Dhukkubbii Handhuuraa gadii (suprapubic/ pelvic pain)

✏️Sadarkaa guddaa irratti immoo mallattoo akka dhukkuba garaachaa fakkaatu

✍️Fedhiin nyaataa hir'achuu

✍️Qaamaan huuqqachuu fi garaan guddachuu

MALOOTA ITTIN ITTISAN:

🖍️Baayyee Dahuu.

🖍️Kiniinii ulfa ittisu yeroo dheeraaf fudhachuu.

Hub: qorichi kun garuu kaanserii birootiif nama saaxiluu danda'a.

🖍️Mallattoon armaan olii kunniin yoo jiraate yeroon ilaallamuu.

🖍️Namoonni maatii keessaa rakkoon kun jiru yeroo yeroon ilaallamuu.

QORANNOO GODHAMUU QABU:

👉Altiraasaawundii

👉CT Scan

👉Qorannoo Hormonoota

YAALII

✏️Yaalii baqaqsanii hodhuu (Surgery)

✏️Qoricha kaanserii (Chemotherapy)

✏️Yaalii Carallaa/Cararii (Radiotherapy)

FAAYYAAN FAAYA!

Dr Shuumii Damisee
(Ispeeshaalistii Ulfaa fi gadaamessaa)

BAGA GUYYAA DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUS KIRISTOOS  GEESSAN!
06/01/2025

BAGA GUYYAA DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUS KIRISTOOS GEESSAN!

HAPPY ETHIOPIAN NEW YEAR!!
11/09/2024

HAPPY ETHIOPIAN NEW YEAR!!

  Mallattoowwan gurguddoon namoota dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa (MPox)'n qabame:- Hoo'a qaama, - Bowwoo, - dhiita'uu qa...
15/08/2024



Mallattoowwan gurguddoon namoota dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa (MPox)'n qabame:

- Hoo'a qaama,
- Bowwoo,
- dhiita'uu qaama,
- dhukkubbii maashaalee fi dugdaa,
- madaa'uu qaamaa fi
- dandeettii qaamaa dhabuu dha.

Namni mallattoolee kanaan qabamee fi imala dhiyeenya gara biyyoota dhibeen kun itti mul’atetti namni imalee ture, dhaabbata fayyaa dhiyoo jiru dhaqee qorannoo fi kunuunsa barbaachisaa ta’e argachuu qaba.

Dhukkubni kun kallattiin nama irraa gara namatti daddarba.

Ministeerri Fayyaa namni mallattoo armaan olitti ibsame kana agarsiisee dhaabbata fayyaa dhiyoo jirutti akka gabaasu ykn sarara bilbilaa bilisaa 952 fi 8335 akka bilbilu jedhameera.

DHAQNA QABAA DHIIRAA(Male Circumcision)FAAYIDAA MAALII QABA?✍️Daddarbuu HIV hir'isa.✍️Daddarbuu dhukkuba ykn infekshinii...
22/07/2024

DHAQNA QABAA DHIIRAA
(Male Circumcision)

FAAYIDAA MAALII QABA?

✍️Daddarbuu HIV hir'isa.

✍️Daddarbuu dhukkuba ykn infekshinii tuubboo fincaanii in hir'isa

✍️Infeekshinii qaama saalaa dhiiraa ni hir'isa.

✍️Carraa kaanserii qaama saalaa dhiiraa ni hir'isa.

✍️Carraa kaanserii balbala gadaamessa hiriyyaa ykn haadha manaa isaa ni xiqqeessa.

✍️Dhukkuboota saal quunnamtiidhaan daddarbanii ni xiqqeessa.

YOOM QABAMUU QABA?

✍️Umurii kamittuu ni danda'ama.

✍️Garuu daa'ima umurii torban 1-6 gidduutti yoo ta'e ni filatama.

HANGAMITTI FAYYA?

✍️Madaan fayyuuf torban 2-3 itti fudhachuu danda'a.
✍️Kan daa'ima xiqqoo guyyaa 7-10tti ni fayya.

YEROO DHAQNA QABAA WANTOOTA MUUDACHUU DANDA'AN:

✍️ Qaamni dhiita'uu

✍️Dhiigni dhangala'uu

✍️Infeekshinii godhachuu

✍️Gogaa baayyee ykn xiqqoo muruu

✍️Akka hin taanetti fayyuu

Hub: Dhaqna qabaan walquunnamtii saalaa fi fedhii saala irraati miidhaa hin qabu.

WANTOOTA DHAQNA QABAA DAA' IMAA DHORKISIISAN:

Daa'imni kichuu/ dhiyoo dhalatte yoo wantoota armaan gadii qabaatte tursiisuu wayya:

✏️Guyyaan da'umsaa osoo hin gahin yoo dhalate(Preterm infant).

✏️Ulfaatinni dhalootaa 2500gm gad yoo ta'e(Low birth weight)

✏️ Iji daa'ima kichuu yoo keelloo ta'e(Jaundice)

✏️ Daa'ima amala dhiiguu qabu( bleeding tendency like Hemophilia)

MALOOTA DHAQNA QABAA DHIIRAA:

✍️ Aadaa/Traditional: ❌️

✍️Ammayyawaa/Saayinsawaa:✅️

👉Qubeelaan

👉Qubeela malee

ERGAA:

✍️ Daa'ima keessan nu biratti haala ammayyahaa fi qulqullina qabuun gatii madaallawaadhan dhaqna qabsiifadhaa!

17/07/2024
11/07/2024

tiktok.com/
Irratti nu hordofaa

07/07/2024

QOPHII DA'UMSAA DUBARTIIN ULFAA TOKKO GOCHUU QABDU MAALI?

(BIRTH PREPAREDNESS)

👉Ogeessa lenji'een dahuuf qophaahuu.

👉Bakka itti dahan murteeffachuu.

👉Akka itti mana yaalaa qaqqaban(Haala geejjibaa) mijeeffachuu.

👉Wantoota da'umsaaf barbaachisan qopheeffachuu (uffata, nyaataa fi kkf)

👉Qarshii yeroo tasaatiif kan akka geejjibaaf qusachuu.

👉Nama ykn fira yeroo da'umsaa fi da'umsa booda nama gargaaru qopheeffachuu.

👉Akkaataa itti yeroo ariifachiisaa
itti ogeessa mariisisan mijeeffachuu.

👉Nama yeroo rakkoo bakka namaaf bu'ee waa raawwatu qopheeffachuu (Yeroo Opireeshinii yoo ofii hin dandeenye bakka bu'ee kan namaaf mallatteessu)

👉Dubartoota mana yaalaa irraa fagoo ta'an iddoo tursiisa dubartoota ulfaa tursuu.

👉Yeroo barbaachisa ta'e gara dhaabbata fayyaa birootti erguuf walitti hidhatinsi fi ol erginsi cimaan jiraachuu qaba.(Dhaabbilee fayyaatiif)

✍️Qophiiwwan armaan olii kanneen yeroo hordoffii ulfaa jalqabaa irraa kaasee yeroo hunda yaaddachiisuun barbaachisaadha.(Ogeessa fayyaatiif)

👉Ciniinsuun namatti himee hin dhufu. Kanaaf yeroo hundaa qophaa'aa eegaa!

Fayyaan Faaya!

Dr Shuumii Damisee
(Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa)

29/06/2024

FAYYAA FI AMANTII:

✍️Amantaan yaalii fayyaa dhorku jiraa?

✍️Ogeessi fayyaa ogummaa waaqni/ rabbi kenneefiin uummata amma dandeettii isaa yaala.

✍️Dhimmi yaalii fayyaa dhimma amantiitin walitti buhuu hin qabu.

✍️Kan ogeessi yaalu waaqaa gaditti ogummaa qabuun yaala malee waaqaa/rabbiin olitti beekaa miti.

✍️Kanaaf yeroo tokko tokko manni yaalaa dhukkubni tokko tokko maaltu akka fidu hin beekkamu (Ediopatic) jedhu.

✍️Garuu gahee ogeessi fayyaa tokko raawwachuu danda'u maaliif gara waaqaatti geessina?

✍️Yeroo ammaa kana naannoo tokko tokkotti hawwaasni keenya hubannoon dhimma fayyaa irratti qabu burjaaja'aa jira.

✍️Wantoota yaalii fayyaatiin fayyu, hin yaallamu jedhee mana amantaa fi yaalii aadaa adda addaa irra otoo asii fi achi deemuu dhukkubichi itti cimee sadarkaa yaaliin fayyuu hin dandeenye irra ga'a.

✍️ Muuxannoowwan/Hanqinaalee baayyee yaalii irratti muudatan:

✏️Yaalii dhullaa/kintaarotii mana yaalaa deemuu irra aadaan yaallamuu

✏️Qoricha HIV hin fudhatinaa fayyite jechuun abbootiin amantaa tokko tokko dhorkuu

✏️ Lafee cabe mana yaalaa geessuu irra Ogeessa aadaa (Ogeeshaa) bira geessuu

✏️ Dhiibbaa dhiigaa garmalee ol kaheef qoricha mana yaalaatii fudhachuurra mana amantaarra naannahu

✏️ Dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa baayyee ol ka'ee gaggabsu(Eclampsia) mana yaalaa geessuu irra maggaanyaadha jechuun iddoo amantaa(xabala) geessuu.

✏️ Dhukkuboota Opireeshinii tahuu qabu didanii mana amantaa deemanii erga itti cimee deebi'anii dhufuu

✏️Rakkoowwan uummamaan yeroo ulfaa daa'ima irratti mul'atanii (Lethal Conjenital anomaly) ulfichi bahuu qaba yeroo jedhaman diduun hanga ji'a 9tti garaatti baachuu

✍️ Hiika Fayyaa(WHO definition):

✏️ Fayyaa jechuun dhukkuba irraa bilisa ta'uu qofa otoo hin ta'in QAAMAN, SAMMUUDHAAN, HAWWAASUMMAAN, FEDHIIDHAAN fi JIREENYA HAFUURAATIIN guutumatti nagaa qabaachuudha.

✍️Kanneen keessaa ogeessi kan yaaluu fi yaaluu hin dandeenye jiraachuu danda'a.

✍️Gama biraan lamaanuu jechuun rabbi akka nu fayyisu kadhachuu fi yaalii kan fayyaas waliin deemsisuun hin danda'amuu?

✍️ Wantoonni yeroo ammaa mul'achaa jiran tokko tokko amantii fi yaaliin fayyaa akka wal faallessu kan godhan gama yaalaatiins gama amantaatiin ni mul'ata.

✍️ Gara mana Amantaatiin waaqa/rabbi duwwaatu si fayyisaa waan ogeessi yaalaa siin jedhe ykn qoricha siif kenne hin fudhatin jechuun dhorkuu.

✍️ Kun immoo kan mootummaan qarshii guddaa itti baasee Ogeeyyii waggaa dheeraadhaaf barsiisee fi qorichoota gatii guddaadhan bitee hawwaasni akka itti fayyadamu taasise bishaan nyaachisuu fakkaata.

✍️ Gama Ogeessa fayyaa tokko tokkootiins hanqinaaleen mul'atan baayyeen ni jiru.

✍️ Namni tokko amma fedhe yoo yaallameyyuu sammuun isaa hin fudhanne yoo ta'e hin fayyu, kanaaf waaqasaas kadhachuun barbaachisaadha.

✍️waaqni kan "waan hundumaa danda'udha" waan ta'eef uumaadhaan walitti buhuu ta'a.

✍️Hawwasnis kana hubachuun lamaanuu waliin deemsisuun ni danda'ama.

✍️ Walumaa galatti waa'ee dhimma fayyaa irratti hubannoon hawwaasaa fi abbootii amantaa hundaaf yoo kennamee malee hubannoon hawwaasni dhimma fayyaa irratti qabu baayyee gad aanaadha.

✍️ Qooda fudhattoota:

✏️Ogeessa Fayyaa
✏️ Seektera Fayyaa
✏️Abboota Siyyaasaa
✏️ Abbootii Amantii

Waliif share godhaa!
Yaada furmaataa nuuf kennaa!
Fayyaan Faaya!

By: Dr Shuumii Damisee

KUNUUNSA HIDDA HANDHUURA DAA'IMA KICHUUF GODHAMUU QABU:👉Daa'mni tokko yeroo dhalattu, ogeessi fayyaa deessise hidda hand...
27/06/2024

KUNUUNSA HIDDA HANDHUURA DAA'IMA KICHUUF GODHAMUU QABU:

👉Daa'mni tokko yeroo dhalattu, ogeessi fayyaa deessise hidda handuuraa 3-4cm dheeratu daa'ima irratti hambisa.

👉Kun immoo torban 1-3tti daa'ima irra turuu danda'a.

👉 Erga kutamee booda ogeessii fayyaa qoricha dibamu kan " chlorhexidine" jedhamu kan infeekshinii ittisu kennuu danda'a.

👉Maatiin/haati Kunuunsa akkamii gochuu qabu?

✏️ Akka dafee goguuf yeroo hunda qilleensa argachuu qaba.

✏️Diyaaperiin irra ooluu hin qabu.

✏️ Waan alkoolii qabuun qulqulleeffamuu hin qabu.

✏️ Jiidhinni ykn dhangala'aan naannoo hidda handhuuraa jiru kamuu qoorfamuu qaba.

✏️ Albaatiin ykn kaakkaan daa'imaa hidda handhuuraa tuquu hin qabu.

✏️ Hanga inni irraa buhutti qodaa bishaan qabu keessaa ciibsanii daa'ima qaama dhiquurraa uffataan naannoo hidda handhuura sana qulqulleessuu wayya.

✏️ Hiddi handhuura ofuma isaatii irraa haa citu malee irraa harkisanii kutuu hin barbachisu.

✏️ Bakka tokko tokkotti dafee haa gogu jedhamee faltii horiifaa itti dibama. Kun miidhaa guddaa waan qaqqabsiisuuf godhamuu hin qabu.

Mana Yaalaa yoo maal ta'e geessuu qabna?

✍️ Yoo hiddi handhuuraa baayyee dhiige.

✍️ Hanga guyyaa sadii boodaatti dhiigni xiqqoo xiqqoo iyyuu yoo jiraate.

✍️ Yoo waan akka malaa yaasa ta'e.

✍️ Yoo naannoon isaa baayyee diimate ykn bifti isaa baayyee jijjiirrame.

✍️ Yoo naannoon infeekshinii godhate gara biraa irra ho'a ta'e.

✍️ Yoo naannoon handhuura sun yeroo harkan tuqan dhukkuba ta'e, yoo dhiitahee fi foolii ajaa'aa yoo qabaate.

✍️ Yoo daa'imni ho'a baayyee olka'aa qabaatte, harma hodhuu yoo didde fi yoo bobboosse.

✍️ Yoo hiddi handhuuraa ofiisaatii torban sadiin booda irraa buhuu dide.

Fayyaan Faaya!

Dr Shuumii Damisee
(Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa)

Hoo-Lataa.

Address

Holeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Singitan Shumi Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Singitan Shumi Medium Clinic:

Share