Dr. Yusuf Jimmaa

Dr. Yusuf Jimmaa Fayyaan badhaasa rabbiin kee sirratti oole waan ta'eef maaloo rabbii kee galateeffachuu hin dagatin!

07/09/2023

Ilmi namaa lama sadi itti deebinaan si nuffuun isaa shakkii hin qabu garuu rabbiin kee yeroo dhibba yoo itti deebite sitti gammada.

Qabaatanus dhabanuus fitnaadha!****************Muudannoo yeroo hojii keessaa!  lameen kun obboleeyyan yammuu ta'an inni ...
07/09/2023

Qabaatanus dhabanuus fitnaadha!
****************
Muudannoo yeroo hojii keessaa!
lameen kun obboleeyyan yammuu ta'an inni hangafni umriin isaa waggaa 6 yammuu ta'u inni xiqqaan umriin isaa waggaa 3.Lamaan jaraa osoo taphataa jiranuu shorooppii wohii mana keessaa argatanii bananii waan mi'aayuuf wolgargaaranii dhuganii fixanii akka abbaa fi haati hin lolleef jecha bishaan itti guutanii lafa kaa'an.Shorooppiin jarri dhugan kun shorooppii miseensa maatii isaaniitiif barraahe kan qufaaf kennamu yoo ta'u humnaa ol yoo fudhatame garuu lubbuu kan balleessuudha.Obboleeyyan lameen kun osoo akkuma dhuganii mana yaalaa qaqqabaniiru ta'ee silaa garaacha isaanii keessaa dhiquun akka gara dhiigaatti hin deemne gochuun ni danda'ama ture garuu yeroo dhufan akka hirutti dhiigatti makatee jira baay'ee turanii waan dhufan.Dhumarratti ijoollee lammanuu lubuu isaanii baraaruun hin danda'ame.
Hubadhu:Yeroo tokkotti ijoollee lama dhabuun akkanni ulfaatu tilmaami!
qoricha yeroo fayyedamtan bakka daa'imni hin qaqqabne kaa'uun dirqama.
carraa balaan akkanaa yoo muudate hatattamaan gara mana yaalaa geessuun dirqama.

Rabbii garaa haadha keetii dukkana sadi keessatti si uume ji'a sagaliif achitti si sooree karaa dhiphoo sana siif bal'is...
04/09/2023

Rabbii garaa haadha keetii dukkana sadi keessatti si uume ji'a sagaliif achitti si sooree karaa dhiphoo sana siif bal'isee si dhalachiisee asiin si gahe dhiiftee gaafa nama akka keetii waammattu/gargaarsifattu maal jechuudha?!!

Machooftuu sadiitu manatti galuuf konkolaataa qabatan.Shufeerichis akka isan machaa'an waan bareef; makiinaa motoora isi...
04/09/2023

Machooftuu sadiitu manatti galuuf konkolaataa qabatan.
Shufeerichis akka isan machaa'an waan bareef; makiinaa motoora isii kaaseetuma "riiiiiiiirrrrriiirrrr" godhee deebisee dhaamsee, geessaniittuu bu'aa jedheen.

Inni tokko bu'ee Qarshii kenneef.

Inni kaan immoo "Galatoomi shufeer" jedheen.

Inni 3ffaa immoo konkolachisaatti kaballaa/khabala "Gixxim" itti godhe. Konkolaachisaanis waan inni irratti bare sehee rifatee maal taate jedheen.
Namichis: Utuu humnaa ol konkolaachiistuu nu fixxee ooltee bar. Yeroo itti aanuuf "speed" hirdhisii oofi jedheen 😄Muhamed Kedir

MIILLA FI DHIBEE SUKKAARAA**************Dhibeen sukkaaraa turtii keessa dhibee Narvii namarra qaqqabsiisuu danda'a: kuni...
04/09/2023

MIILLA FI DHIBEE SUKKAARAA
**************
Dhibeen sukkaaraa turtii keessa dhibee Narvii namarra qaqqabsiisuu danda'a: kunis rabsa dhiigaa gara miilaa dhaqu hubuun miilli salphaatti akka balaaf saaxilamu fi yoo balaan irra gahe illee dhukkubbiin namatti dhagahamuu dhiisuu waan maluuf madaan salphaatti babal'achuu danda'a. Balaan akkasii immoo dafee yoo hin yaalamiin hanga sadarkaa miilli cituutti geessisuu waan maluuf of eeggannaan godhamuu qaba.
Isaanis Kan akka :-
*Miila qullaa deemuu dhiisuu.
*Kophee seeraan filachuu: kopheewwan banaa ta'an(slipper) fayyadamuu dhisuu, kopheen kawwatan kan Miila isaanii qabu ta'uu hin qabaatu.
*Guyyuun miila isaanii sakatta'uu; Kunis madaan xiqqoo yoo jiraate ariitiin yaala argachuun akka hin bal'anne ittisuuf gargaara.
*Miila ofii guyyuun dhiqachuu, qulqullina isaa eeguu. Yeroo dhiqatamus uffata laallafuun ykn spoonjii dhaan yoo ta'eefi dhumarratti quba jidduu dabalatee qoorsuu.
*Qeensa yeroo qoratan of eeggannoon ta'uu qaba. Yoo danda'amee namoonni dhibee sukkaaraan qabaman ofiin osoo qeensa miilaa qoratuu dhiisanii filatamaadha. Sababni isaas dhukkubbiin isaanitti dhagahamuu dhiisuu waan maluuf of kutuu danda'u. Qeensi qoramus geengoo uumuun osoo hin taane dalgeedhumaa ta'uu qaba. Akka suuraa gadiitti argamu*** bayyees gabaabbatee muramuu hin qabaatu.
*Miila/ jilba wal irra qaxxaamuruun yeroo dheeraaf taa'uu dhiisuu. yeroo miilla walqaxxamursuun taa'amutti qaawwi hidda dhiigaa dhiphachuun (dhiibbaa miila lamaan walqaxxaamuruun irra gahuun) hanga dhiigaa gara miillaa deemu hir'isa.
*Madaa ykn rakkoo miila irratti argame kamiyyuu ofii ykn mala aadaan yaaluurra gara mana yaalaa deemuun gorsaaf yaala fudhachuu!
*Sigaaraa hin xuuxuu dhisuu: sigaara xuuxuun dhibee uummoolee dhiigaa dhiphisuu fiduun hanga dhiigaa miilaaf deemu ni xiqqeessa waan ta'eef.

Nagaa hin dhabiinaa!
WALIIFGODHAA!Moo'iiboon

03/09/2023

Haqaan gabbaramaan Allah qofa!

03/09/2023
Garaa ciniinnaa daa'immanii! (Infantile colic, baby colic)Daa'imman guyyaatti hanga sa'aatii 2 boohuu ni malu. Kuni naga...
02/09/2023

Garaa ciniinnaa daa'immanii! (Infantile colic, baby colic)

Daa'imman guyyaatti hanga sa'aatii 2 boohuu ni malu. Kuni nagaadha. Daa'imman guyyaa tokkotti osoo adda hin muriin sa'aatii 3 ol yoo boohan Cininnaa garaa kan agarsiisu taha. Innis akka tasaa (suddenly) kan eegaluu fi yeroo hedduu halkan baayyata. Yeroo hedduu dhalatanii baatii 1 irraa eegaluun hanga baatii 4 turuu mala. Daa'imman muraasa irratti hanga baatii 6 turuu mala. Garuu ofumaan dhaabata.

Boohicha garaa ciniinnaa fi kan nagaa akkamiin adda baasnaa?

☆ol ka'uu sagalee
☆Sossobamanis (soothing) dafanii hin dhaaban
☆harka fi miila diriirsuun akkasumas dugda duubatti deebisuun hiixatanii boohu.

Yogguu sanatti maal gochuu qabnaree?

☆Hoosiftuu afaan kaahuun akka tasgabbaa'an gochuu
☆Irree ofii irratti baadhachuun ofitti qabuu
☆Duugdaan ciibsuun garaa isaanii suuta sukkuumuu
☆Bakka callisaa geessuu n sossobuu
☆Bishaan ho'aan qaama dhiquu
☆Uffata furdaan maruun ol fuudhanii sossobuu
☆Yoo sa'aatii lamaa ol tahee fi mallattoolee biraa qabaatan hakiima bira geessuun ilaalchiisudha.

Fayyaan daa'immaniif!
Dr. Sabona Lemessa- Pediatrician
Jimma University!
🙏🏼

30/08/2023

Warri peejii kana agartan share woliif godhaa!!

1. Rabbii keetiif akkuma ajajamtetti dhaabbadhuu, karaa qajeelaarratti warra towbatuu wajjiin turi. 2. Warra badii, zaal...
30/08/2023

1. Rabbii keetiif akkuma ajajamtetti dhaabbadhuu, karaa qajeelaarratti warra towbatuu wajjiin turi.
2. Warra badii, zaalimoota, warra hin amanne itti hin irkatin sababaa isaanitti irkatuu fii aanaa godhachuutiin ibiddi akka si hin tuyne if eegi.
3. Salaata gad dhaabi, jabeeyfadhu salaanni hojii gaarii hamtuu sirraa haqturraahi. Suni warra gorfamuuf gorsa taha.
4. Obsi waan ajajamte hunda qabattee irra turuudhaan. Rabbiin galata warra obsaan turee hin balleeysu guutee deebisaaf.
Beyan

Wantoota 8 Gaa'ela Laaffisan:1. Amala badaa - Waan badaa ykn jibbaa dubbachuu, qoosaa badaa hojjechuu fi wal arrabsuu.2....
30/08/2023

Wantoota 8 Gaa'ela Laaffisan:

1. Amala badaa - Waan badaa ykn jibbaa dubbachuu, qoosaa badaa hojjechuu fi wal arrabsuu.

2. Tuffachuu - "gaafii nageenya" deebisanii deebii kennuu dhiisuu ykn gurra gaarii waliif kennuu dhabuu dhaggeeffachuu fi qooduuf.

3. Sobuu - Rabbiin mu'umintoota sobuu dhoowwa. Rabbiin badii tana irraa nu haa baraaru,amiin.

4. Waadaa Cabsuu/Diiguu - Amaanaa eeguunis amala barbaachisaa ilma namati.

5. Tuttuqaa irraa fagaachuu -

6. Shakkii & Duubatti deebi'uu - Rabbiin akkana jedha, "shakkii baay'ee irraa fagaadhaa. Dhuguma shakkiin cubbuu dha. Wal hin basaasina.

7. Garmalee Bizii tahu - Yeroo waliif fudhadhaa. Mirga walirra qabdu. Nama hundaaf mirga isaa kenni mirgi kee siif kennama.

8. Ibaadaa Dhiisuu - Nama Qajeelfama Isaa dhiisee Isa Hin Gabbare Rabbiin gonkumaa hin jaalatu. Kunis maatii Muslimaa rakkoo hamaa fida illee gargar bahuu, waan hunda caalaa saffisaan ni fida!

Rabbiin SWT bultii keenya hunda haa qananiisu. AmiinMuhammed Kedir

Share godha

Suuraa ajaa'ibaati irra qara'i!
29/08/2023

Suuraa ajaa'ibaati irra qara'i!

Address

Jimma

Telephone

+251917538683

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Yusuf Jimmaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Yusuf Jimmaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category