Fayyaan Faaya

Fayyaan Faaya Galatoomaa

15/06/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Beyan Aliyi, Murad Muhammad Abrahim, Mul'ataafi Milkii Keen, Ibrahim Jalallee, Yassin Yahya, Wèz Gàmîlø Màsgàbûû, Gadisa Fikadu, Wubalam Silashii Waldaargay, Maalan Jiraa, Firanbon Dajane Bedada, Abdi Umer, Muusaa Fardaa, Firaa Ol Arsi, Sulxaan Kaduu, Keeraaj Ababuu, Abdulaxif Muktar, Freedom Fikire, Adex Jon Man, Robert Abduro, Ahmed Juneydi, Adi Liban, Ibsa Adugna, Camma Saka Comminication

FAAYIDAA BUNA DHUGUU  Baadiyya biyya koo1.Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir'isa.  2.Dhuk...
08/05/2022

FAAYIDAA BUNA DHUGUU
Baadiyya biyya koo
1.Carraa dhukkuba onnee fi sammuu keessatti dhiiguu (stroke) ni hir'isa.
2.Dhukkuboota dulluma keessa dhufan tokko tokko kanneen akka Alzheimer's disease fi Parkinson's disease ni ittisa.
3.Fayyaa Tiruu keenyaaf baayyee fayyada.
4.Miira mukaa'uu (depression) fi si'aa'ina dhabuu ni ittisa
5.Dandeettii waa yaadachuu dabala, akkasumas miira dammaqinaa nutti uuma.
6.Carraa Kaanseerii tokko tokkoon qabamuu hir'isa. Akka qorannoon tokko tokko jedhutti buna dhuguun carraa kaanserii kanneen akka Kaanserii Tiruu fi Mar'imaanitiin qabamuu gadi buusa.
7.Carraa dhibee Sukkaaraan (T2DM) qabamuu ni hir'isa.
8.Dadhabbiin akka nutti hin dhagahamne godha.
9.Coomni qaama keenyaa akka gubatu gargaara.
Guyyaatti_hangam_ha_dhugnu?
Akka dhaabbanni "Guideline" nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan ( average) namni ga'eessi tokko Buna shinii 3-5 ykn Kaafeenii 400mg akka dhugan gorfama.
""Buna fi nagaa hin dhabina""

FAAYDAA BURTUKAANAA1. Dhiibbaa Dhiigaa sirressuuf2. Fayyumma Gogaa Keenyaaf3. Fayyumma Ilkaanitiif4. Dhiiga Qulqulleessu...
07/05/2022

FAAYDAA BURTUKAANAA
1. Dhiibbaa Dhiigaa sirressuuf
2. Fayyumma Gogaa Keenyaaf
3. Fayyumma Ilkaanitiif
4. Dhiiga Qulqulleessuuf
5. Fayyumma garaachaatiif
6. Qaama Saalaa Qulqulleessuuf
7. Fayyumma Kaleetiif
8. Fedhii Nyaataa Dabaluuf
9. Rifeensi Akka Bareeduuf
10. Hir'inna Dhiigaa Sirreessuuf
11. Kolostirooli Hir'isuuf
12. Hoo'a Qaama olka'aa sirreessuuf
13. Gogiinsa Garaatiif
14. Dhibee Sukkaaraatiif
15. Dhibee ititaa Dhigaatiif
16. Cirracha Kalee Ittisuuf
17. Jiisaan/Spermiin akka hin miidhamneef
18. Madaan Dafee akka fayyuuf
19. Dhukkubbii lafeetiif
20. Fayyummaa Onnee keenyaaf
21. Fayyumma ijaatiif
22. Utaallo/Qufaafi


👉 Guyyaatti_hangam_ha_fayyadamnure?
Akka dhaabbanni "Guideline" nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessan ( average)
✍ Namni ga'eessi tokko Burtukaana 2-3 haa sooratu
✍ Yoo cunfaa burtukaana tahe immo 300ml akka dhugaan gorfama.

06/05/2022
Dubartiin tokko yeroo ulfaa Ulfaatina hagam dabaltii
06/05/2022

Dubartiin tokko yeroo ulfaa Ulfaatina hagam dabaltii

FAAYDAA PAAPAYAA1.Furdina Qaamaa Hir'isuuf2. Nyaanni Akka Nuuf Daakamuuf3. Finniisa Ballessuuf4. Kaansarii Nurra Ittisa5...
17/04/2022

FAAYDAA PAAPAYAA
1.Furdina Qaamaa Hir'isuuf
2. Nyaanni Akka Nuuf Daakamuuf
3. Finniisa Ballessuuf
4. Kaansarii Nurra Ittisa
5. Dhibee Sukkaaraa Nurra Ittisa
6. Gogiinsa Garaa Balleessuuf
7. Argaa Ijaa Dabaluuf
8. Kolostiroolii Hir'isuuf
9. Dhukkubbii Xiichaa/Asmiif
10. Dhukkubbii Lafee/Mashaatif
11. Dhukkubbii Ilkaaniitiif
12. Dhukkubbii Tiruufi
13. Bareeduma Rifeensaatiif
14. Madaan Akka Dafee Fayyuuf
15. Dhiibbaa Dhiigaatiif
16. Tiruu Qulqulleessuuf
17. Vaayrasi Garagaraa Nurraa Balleessuuf
18. Qaama Keenya Parasayitii Garagaraa Nurra Ballessuf
19. Yaaddoo Nurraa Balleessuuf
20. Vaayitaminoota Garagaraatiin Kan Badhaadhe
21. Dhukkubbii Marsaa Laguutiif
22. Hirriba gaarii akka rafnuuf
23. Dandeettii Qaamni Keenya akka Dhukkuba Nurra Dandamatuuf
24. Bokoka Garaatif
25. Infeekshinaaf

👉 Guyyaatti_hangam_ha_fayyadamnure?
Akka dhaabbanni "Guideline" nyaata Ameerikaa (Dietary Guidelines of America) ibsutti giddugaleessaan ( average)
✍ Namni ga'eessi tokko paapaya giddu galessa tokko(🍐) haa sooratu
✍ Yoo cunfaa papaye tahe immo
🍐Ganama ciree duraa 30ml
🍐laqana duraa 30ml
🍐Irbaata duraa 30ml akka dhugan gorfama.

Dhukkuba CITTOO (Scabies)**********KA’UMSA:● Cittoon ilbisa xiqqoo ijaan hin mulla’anne Sarcoptes scabiei jedhamtuun kan...
13/04/2022

Dhukkuba CITTOO (Scabies)
**********
KA’UMSA:
● Cittoon ilbisa xiqqoo ijaan hin mulla’anne Sarcoptes scabiei jedhamtuun kan dhufu dha.
● Ilbisi kun miila saddeet kan qabdu yoo taatu, erga gogaa namaa irra qubattee booda, gogaa namaa gadi qotuudhaan boolla uummattee keessatti hanqaaquu buusuudhaan wal horuu eegalti, achumaanis mallattoo argisiisuu eegalti.
● Cittoon qaama namaa keessaa bakka jallaattu qabdi, isaanis: quba gidduu, bobaa jala, naannoo buusaa barruu harkaa, ciqilee, faana miillaa, naannoo harmaa, naannoo qaama saalaa dhiiraa, teessuma fi jilba fa’i.
**************
MALLATTOO:
● Garmalee hooksisuu, hooksisuun kun guyyaa caalaa halkan kan hammaatuudha.
● Madaan xixiqqoo gogaa irraa xiqqoo olkaatu, keessumaa yoo ciminaan kan hooqan ta’e haga dhiiguutti deemtu.
● Mallattoon dhukkuba cittoo kun namoota dhukkuba dabalataa akka HIV/AIDs qaban irratti baay’ee kan hammaattuudha.
● Erga gogaan namaa sababa cittoo kanaan miidhamee madaa’ee booda, baakteeriyaan adda addaa kan duraan gogaa uranii seenuu hin dandeenye, carraa uumameef kanatti fayyadamuudhaan nama hubuu malu. Yeroo kana gogaan haga malaa (pus) yaa’uutti madaa’uu danda’a.
****************
DADDARBIINSA
● Waltuttuqqaa nama dhukkuba kanaan qabame fi nama fayyaa yoo ta’u.
● Uffataa (keessumaa uffata kan qaamatti aanu) yoo kan namoota dhukkuba kana qaban waliin kan qooddatan ta’eedha.
*****************
YAALA FI ITTISA:
● Cittoon qorichaan (qoricha qaama hubametti dibatamuun) kan guutummaatti fayya.
● Kanaaf akkuma mallattoo kana ofirratti arganiin, mana yaalaa deemanii qoricha fudhachuun dirqama.
● Uffata qaamaa fi uffata siree ciisicha namni cittoodhaan qabame fayyadame hunda altakkaa saamunaadhaan sirriitti miicuu, achiis sirriitti akka goguuf aduutti baasuu.
● Waantoota miicamuu hin dandeenye ammoo plaastika keessa kaa’uudhaan bakka namni hin geenye tirban muraasaaf tursiisuudha. Kunis jarmootni cittoo fidan kun beela’anii waan du’aniifi dha.
****************
Fayyaan Faaya

FAAYIDAA LOWZII YKN OCHOLOONII✍ Gubaa fincaanii ni qabbaneessa.✍Nama tiruu dhukkubsatuuf ni fayyada.✍ Namni sodaatu akka...
11/04/2022

FAAYIDAA LOWZII YKN OCHOLOONII
✍ Gubaa fincaanii ni qabbaneessa.
✍Nama tiruu dhukkubsatuuf ni fayyada.
✍ Namni sodaatu akka hin sodaanneef ni gargaara ykn ni onnachiisa.
Mataa dhukkubii nutti wayyeessa
✍ Walqunnamtii saalaa keessatti sanyiin kormaa ykn miiyoon akka baayyatuuf ni fayyada.
✍ Dubartiidhaaf aannaan harmaa akka baayyinaan ba'u taasisa.
✍Raammoo garaa ni dhabamsiisa.
✍Dhukkuba kaanserii fi golfaa nama irraa ittisa.
✍Dawaa dhukkuba kaleeti. Keessattuu, nama kaleen isaa xiqqaate ykn suntuuref faayidaa guddaa qaba.
✍ Qaama namaaf dhiiga bareedaa ykn qulqulluu maddisiisa. Akkasumas furdina qaamaaf ni fayyada
✍ Dhukkuba utaalloo nurraa balleessuuf ni fayyada
✍ Agartuu fi qaroo ija keenyaaf ni fayyada.
✍ Sammuu namaa jabeessuuf ni fayyada.
✍ Dhukkuba qorraa nurraa ittisa.
✍ Fayyuummaa Gadaamessaaf ni fayyada.
✍ Dhiigni qaama keessaa bifa gaariin akka dalaguuf ni gargaara.
✍ Dhukkuba dugdaaf dawaadha.
✍ Dhukkuba sukkaaraaf dawaadha.
✍ Dhukkuba adda, addaa gogaa keenya irratti ba'aniif dawaadha.
✍ Madaa'uu kalee fi dhibee kaakkeef dawaadha.
✍ Bareedinna gogaaf ni fayyada.
✍ Madda anniisati.
✍ Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa.
✍ Rakkina dhala godhachuu dadhabuu ni hir'is

Address

Seka
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaan Faaya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Fayyaan Faaya:

Share