12/01/2024
Waan humna keetii ol tahe,,Waan hin dandeenye fedha keetiin fudhattee,waan tole jechuu hin qabne hunda tole jettee deemtee,achiin hafuun kee,humna murtii qabaachuu dhabuu kee agarsiisaa beeki.
ila
Balali’uu dadhabdu,barrisi,barrisuu dadhabdu fiigi, fiiguu dadhabdu saggaari,saggaaruu dadhabdu, akkaabi, akkaabuu dadhabdu,Milaan deemi, Milaan deemuu dadhabdu,harkaan lafa qabadhuu shunquuqadhu malee,bakkuma tokko teettee sitti naqatanii si keessaa qicataa hin oolinii socho’i.
Jaaloo
ilma namaa ta’ee tuffatamaan hinjiruu beeki,kabaja ufii,abbatu ufirratti tikfataa baradhu,nama tahee kan hin fayyadne hin uumamnee laali,gatii ufii qaalessuufi buusuu kan dandahu,abbama mataa isaatii xiinxalli.
Obboleessa
Eenyummaa kee addunyaa barsiisaa,hubachiisaa deemi,diddu immoo,addunyaan dabaree isiitiin eenyummaa kee si beeksisaa si barsiisaa deemtii liqimsi,ufii murteeffachuu dadhabdu,murtii qaamni biraa siif laatu fudhachuuf qoohaawii taa’i!
Namana
Ati uf wallaaltee,namni biraa eenyummaa kee si barsiisuu irraa,Rabbitti maganfadhu.
Land Sufian Ousman Page