Dr.Mustefa YM

Dr.Mustefa YM Join my page to get some practical valuable health related information !©®™

Qajeelcha eegumsa fayyaa KALEE keenyaa! 💯👇*****************Akkamiin fayyaa kalee eegganna?👉Namoota kalee dhukkubsatan ke...
06/09/2025

Qajeelcha eegumsa fayyaa KALEE keenyaa! 💯👇
*****************
Akkamiin fayyaa kalee eegganna?
👉Namoota kalee dhukkubsatan keessaa %90 dhukkuba kalee qabaachuu isaaniitu hin beekan.
👉sababniis dhibeen kalee bubulleessi mallatoolee otoo hin argisiisne erga miidhaa cimaa qaama keessoorratti fide beekamuu danda'a.
👉sadarkaa kanatti wallaansi kan ulfaatu fi hamma kalee jijjiiruu fi maashinii dialysis jedhamurraan nama gaha.
👉Hojii kalee/faayidaa kalee.
******************************
*xuraawa qaama keessaa fincaaniin baasuu fi bishaan qaama keessatti baayyate baasuu.
*dhiibbaa dhiigaa to'achuu.
*fayyummaa lafee to'achuu.
*dhiiga diimaa oomishuu keessatti gahee qaba.
*madaallii albuda qaama keessaa to'achuu.
👉Rakkoolee dhukkuba kalee bubbuleessaan dhufan.
*********************
*dadhabbii kalee/kidney failure
*dhukkuba onnee
*stroke/dhukkuba sammuu laamshessaa jedhamu.
*dhiibbaa dhiigaa olka'aa/giffiiti
*dhukkuba madaalliin albuudota qaama keessaa jeeqamuun dhufan.
*dhukuboota lafee.
*hammi albuda Potassium dabaluu wajji rakkoo dhufan.
*miidhamuu narvii/neuropathy.
*hirdhina dhiigaa fikkf fiduu danda'a.
👉Wantoota dhukkuba kalee bubbuleessaaf nu saaxilan.
**************************
*dhukkuba sukkaaraa
*dhukkuba dhibbaa dhiigaa
*dhukkuba onnee/dadhabbii onnee(dhunfaa /maatiin qabaachuu.)
*maatiin dhukkuba kalee bubbuleessa /dadhabbii kalee qabaachuu
*miidhaa kalee duraanii qabaachuu.
*ulfaatina qaamaa garmalee.
*umrii dullumaa wagg.60 ol.
*ulfaatina qaamaa gadi-bu'aan dhalchuu.
*qorichoota dhukkubbii kan akka ibuprofen,diclofenac yeroo dheeraaf fayyadamuu.
*dhukkuba madiinummaan qaamaa waldhabuun dhufu. Fkn lupus.
*infeekshinii ujjummoo fincaanii deddeebiaa fi yeroo dheeraa qabaachuu.
*cirracha kalee fiffkf






Kutaa1ffa

Hirdhinoota nyaataa rifeensi bubuqqa'uu ,cacabuu fi molaa'uu fidan!💯👇*****************************👉rifeensi keenya akka ...
05/09/2025

Hirdhinoota nyaataa rifeensi bubuqqa'uu ,cacabuu fi molaa'uu fidan!💯👇
*****************************
👉rifeensi keenya akka giddatuu ,akka hin cacabnee fi halluu gaarii qabaatee akka miidhagu kan taasisan soorata gaarii soorachuu fi hirdhina nyaataa fi albuudota armaan gadii ittisuun gaariidha.
* ayiranii/iron ,albuda dhiigaaf fayyadu.
*vitaminD /vitamina aduu fi soorata bineeldaa akka foon, killee,tiruu,qurxummii fa soorachuun argamuu.
*albuda zinkii/
*B vitamins(vit B1,B3,B6,B12..
*albuda kooperi fi
✍️amaloota rakkoo rifeensi cacabuu fi luqqa'uu fidan kanneen biroo.
*tamboo aarsuu
*alkoolii dhuguu
*dhiphina sammuu yeroo dheeraa
*yeroo dheeraaf hirriiba gahaa rafuu dhabuu.
*hirdhina nyaata pirootinaa fi kaaloori/humna kennanii.
*yeroo hunda rifeensa dhiqachuu fi filaa jajjabaan filachuu .
*foorfoorii fi fangasii rifeensaa qabaachuu.
👉rifeensa keenya torbeetti Al 2-3 shampoo fi conditioner gaariidhaan dhiqachuun .
👉erga dhiqannee seeraan gogsuun ,dibata akka zeyta olive 🫒 fi .faa dibachuu.



,share

Dhukkuba Kintaaroti/hemorrhoids fi ittisa fi wallaansa isaa!💯👇*****************************👉kitaarootin/hemorrhoidiin hi...
02/09/2025

Dhukkuba Kintaaroti/hemorrhoids fi ittisa fi wallaansa isaa!💯👇
*****************************
👉kitaarootin/hemorrhoidiin hidda dhiigaa uumamaan buubbuu ykn munnee keessa jiru yoo tahu,
👉kan dhukkuba jedhamu yeroo dhiita'e,gadi-ba'e,dhiigniii keessatti ititee fi yoo dhiige ykn jarmiin madaa'ee qofadha.
👉hawaasa keessatti kan hedduu baayyatuu fi garu sababa saalfiin namoonni baayyeen mana yaalaa deemanii yaalamuun hedduu gadi-bu'aadha.
Maaltu Kintaaroti fida?
********
👉goginsa garaa yeroo dheeraa
👉garaa kaasaa yeroo dheeraa
👉sportii ulfaatina dhiibuu/hojii ba'aa cimaa qabu yeroo hunda hojjachuu.
👉ulfaa fi yeroo miixuu/ciniinsu
👉nyaata fiberi/raafeejjii hin qabne yeroo hedduu soorachuu
👉yeroo dheeraa booliirra turuu fi ittanuu
👉yeroo dheeraaf otoo ol hin kaane taa'uu (konkolaachisaa,hojii biiroo ,...
👉dhukkuba tiruu
👉dhukkuba munnee fi marumaan furdaa gara gadii.
👉umrii dullumaa
👉maatiin qabaachuu/familial tendency
👉dhukkuba ulfaatinaa/borcii,miidhaa spinal koordii
👉yaala baqaqsuu marumaan furdaa, walqunnamtii saalaa munneen fi kkf
Mallatoolee isaa?
********
👉munneen dhiiguu yeroo boolii, hudduun hooqsisuu
👉waan xannacha fakkaatu gadi ba'uu,
👉miira booliin bahee dhumuu dhabuu sitti dhagahamuu
👉dhukkubbii,boolii qabachuu dadhabuu
👉dhagala'aan wahii ofumaan yaa'uu.
Hub:Mallatooleen kunniin dhukkuboota naannawa munnee midhan hedduun dhufuu danda'u,kanaaf ogeessi qorannoon adda baasuun dirqama.
Ittisaa fi wallaansa kintaaroti.
********
✍️wallaansi sadarkaa cimina dhukkubichaarratti hundaa'a.
Sadarkaa 4 qaba:
1ffa.keessootti dhiita'uu fi yeroo boolii dhiiguu
2ffaa.yeroo boolii baanu gadi ba'uu fi sana booda ofumaan deebia.
3ffaa. Gadi ba'uu fi harkaan dhiibnu malee ofiin deebiuu dhiisuu.
4ffa.tasuma deebiuu dhiisuu.
👉sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan haala salphaan ofumaan fayyuu danda'a,yoo gorsa armaan gadii hojiirra oolchine.
✍️ goginsaa garaa ittisuu
Fi garaa kaasaa yeroo dheeraa yaalamuu .
*nyaata raafeejjii kan akka raafuu, kudraa fi mudraa yeroo hunda soorachuu.
*yeroo booliin nu qabe qofa boolii bahuu fi irra turuu fi *ittanuu dhiisuu.
*bishaan gahaa dhuguu
*ogeessa bira deemuun qoratamuu.
*ogeessi gorsa ,qorichota barbaachisu haala ajajameen fudhachuu fi hojiirra oolchuu.
*sadarkaa cimaarra yoo gahe yaala baqaqsanii yaaluu barbaachisuu danda'a.
*saalfachuun fayyummaa hin fidu.

faaya

Fayyummaa TIRUU keenyaa  akkamiin eegganna?👇*******************************✍️tiruun qaamota keessoo keessaa kan *sirna b...
30/08/2025

Fayyummaa TIRUU keenyaa akkamiin eegganna?👇
*******************************
✍️tiruun qaamota keessoo keessaa kan
*sirna bullaainsa nyaataa fi *xuuxama vitaaminii fi *"metabolismii humnaa " keessatti gahee guddaa qabuu *xuraawa qaama keessaa balleessuuf
* akkasumas
Lipidii fi pirootiina sirna marsaa dhiigaa fi eegumsa qaamaa keessatti gahee qaban oomishuuf gargaaraa.
✍️Tiruun keenya yoo dhukkubsate mallatoolee akka
*ijaa fi gogaaan keelloo tahuu
*garaan bokokuu fi nyaanni sirnaan bullaauu dhabuun ,
*graa kaasaa ,
*nyaata jibbisiisuu, *hoqqisiisaa ,
*dadhabbii cimaa sababa malee,
*carraa gogaa fi funyaan akkasumaas irgeen salphaatti dhiiguu,
*qaamni dhiitauu,
* huqqachuu fi kkf.

✍️fayyaa tiruu keenyaa eeggachuuf:
👉hamma sukkaaraa fi nyaata sukkaara baayyatan nyaachuu xiqqeessuu.
*guyyaatti sukkaara grm25 gad/maankiyaa shaayii 5 fi sanaa gad qofa fudhachuu.
*dhugaatii lallaafaa fi nyaata mimmiaawaa daneessuu dhiisuu.
Nyaata uumamaa kan kudraa fi mudraa baayyinaan soorachuu.
👉jabeenya qaamaa hojjachuu.
*guyyaati tarkaanfii 4000 deemuu,/ daqiiqaa 30f spoortii salphaa akka adeemuu fi jogging faa hojjachuu.
👉buna gurraacha guyya guyyaan sukkaara malee dhuguu.
*guyyaatti siinii 2-3 dhuguu.
👉talaallii vaayrasii tiruuB yeroon talaalamuu.
*ijoolleen yeroo dhalatanirraa talaalamuu qabu.
👉alkoolii dhuguu dhiisuu.
👉jimaa qaamuu dhiisuu.
👉qorichoota ajaja ogeessaan malee fudhachuu dhiisuu.
👉qorichoota aadaa kan hidda mukaa ,cunfaa baala mukaa fi
Fi kanneen biroos fayyadamuu dhiisuu.
👉nyaata pirootiinaa gahaa akka foon diimaa,foon hindaaqqoo,hanqaaquu,misiraa fi kkf soorachuu.
👉namoota mallatoolee dhibee tiruu daddarboo qaban tuttuquu dhiisuu.


faaya

Bunaa fi dhukkuba onnee: hammam dhuuguu qabna?👇******************************✍️buna dhuguun faayidaa hedduu qaba ,garuu ...
25/08/2025

Bunaa fi dhukkuba onnee: hammam dhuuguu qabna?👇
******************************
✍️buna dhuguun faayidaa hedduu qaba ,garuu namoota dhukkuba onnee fi dhiibbaa dhiigaa qabaniif guyyaatti hammamtu hayyamama?
*nama fayyaalessaaf,guyyaatti siinii 3-4 /gm300-400 dhuguun akka miidhaa hinqanee fi
* siinii 6 fi sanaa ol /mg600 ol dhuguun garuu
-rukkuttaa onnee dabaluu,
-dhiibbaa dhiigaa dabaluu,
-dhiphina sammuu baayyisuu fi
- hirriiba dhoowwu akkasumas
-gubaa garaachaa fi laphee cimsuu danda'a.
*namoota dhukkuba onnee fi dhiibbaa dhiigaa qabaniif garuu:
* hamma siiinii 1-2 dhuguun miidhaa cimaa akka hin qabnee fi
*ashaboo fi sukkaara otoo hin daballe dhuguun gaariidha.
*hedduu dhuguun dhukkuba dhiibbaa dhiigaa fi onnee duraan jiru cimsuu danda'a.

faaya


🙏🙏🙏

Best 5 foods for people with  ! 👇******************************Nyaata dhiibbaa dhiigaa sirreessuuf sooramuu qaban.✍️namo...
23/08/2025

Best 5 foods for people with ! 👇
******************************
Nyaata dhiibbaa dhiigaa sirreessuuf sooramuu qaban.
✍️namoota dhiibbaa dhiigaa olka'aa qabaniif haalota jireenyaa armaan gadii kanniin hojiirra oolchuun dhukkubicha sirreesuuf fayyadaa.
👉jabeenya qaamaa gochuu/spoortii akka adeemuu/walking susukuu/jogging,saaykilii oofuu,bishaan daakuu fi kkf daq.30f ,torbanitti guyyaa 5 hojjchuu.
👉ulfaatina qaamaa garmalee olka'aa sirriitti deebisuu.
👉tamboo aarsuu dhiisuu.
👉alkoolii/aaraqee,xajjii,biiraa fi kanneen biroos dhuguu dhiisuu.
👉soorata biqilootaa fi firaafiree soorachuu.
✍️sooratoonni armaan gadii dhiibbaa dhiigaa olka'aa sirreessuuf qorannoo saayinsiin kan mirkanaa'aniidha:
👉cunfaa hundee-diimaa.
*beetroot juice;guyyaatti cunfaa isaa siinii 2 dhuguu barbaachisa.
*hundee diimaan baakteriyaa afaan keessaallee xiiqqeessuf,akkasumas fayyummaa onneef gaariidha.
👉midhaan zeeytaa.
*nuts:talbaa,ajjaa,abishii/fenugreek fi keessumattuu almonds and pistachios albuda akka Potassium,magnesium fi calcium gahaa waan ofkeessaa qabaniif fayyummaa sirna marsaa dhiigaaf hedduu barbaachisoodha.
*sukkara qaama keessaa kan dabales sirreessuuf gargaaru.
*guyyaatti harka tokko soorachuu barbaachisa.
*carraa dhukkuba onneen qabamuu 25%n gadibuusuuf gargaaru.
👉itittuu/ yogurt.
*albuda Potassium fi calcium gahaa of keessaa qaba.
*fayyummaa sirna bullaainsa nyaataa hedduu cimsu.
👉kiwi.
* keemikaala antioxidants jedhaman kan fayyummaa qaamaa eeganiin kan badhaadheedha.
*kiwii 3 guyyaatti soorachuu qabna dhibbaa sirreessuuf.
👉 chokoleetii gurraacha.
*hidda dhiigaa laaffisuun marsaa dhiigaa saffisiisuuf gargaara.

faaya




bulaa deebanaa

Jireenyi adduniyaa kun nama bars barsiisti,nama leenjisti!******************************Maturity come through experience...
22/08/2025

Jireenyi adduniyaa kun nama bars barsiisti,nama leenjisti!
******************************
Maturity come through experience!

I’ll be 60 next year.
I’m not here to impress anyone.

I’ve been the champion and the villain.
I wore gold on my waist and had nothing in my soul.

I grew up where love was tough and fists were currency.
I didn’t learn kindness — I learned survival.

By 13, I was arrested 38 times.
By 20, I was the youngest heavyweight champion in history.
They called me Iron Mike… like I wasn’t supposed to bleed.

I had money, fame, mansions, tigers, private jets…
But I couldn’t sleep. I couldn’t breathe.

The world saw knockouts.
I saw ghosts.

At 40, I started asking better questions.
Not “How do I win?” but “Why am I fighting at all?”

Truth is, I wasn’t fighting them.
I was fighting me — my fear, my father’s silence, my mother’s pain, my shame.

Now, approaching 60…
I’m not chasing anything.

I grow mushrooms.
I hug my pigeons.
I walk barefoot on the grass and cry sometimes for no reason.

I talk more about forgiveness than uppercuts.
I don’t need a belt or a crowd.

I want to eat good fruit, tell the truth, and leave this world knowing I broke the cycle.

If you want to know what greatness is — it’s not dominance.
It’s healing.
It’s walking away from what once destroyed you…
And choosing not to destroy others with it.

— Mike Tyson

The "nicest judge" in the world *******************************💔Imimmaan koo na dhufe , "Abbaan seeraa 'Frank Caprio ' d...
22/08/2025

The "nicest judge" in the world
*******************************
💔Imimmaan koo na dhufe , "Abbaan seeraa 'Frank Caprio ' du'aan addunyaarraa boqachuu saatiif.
💔 Dhaamsaa fi ergaasaanii gaggaarii sana dhaggeefachaan turee ,isaan hordofaan turee.
💔 erga kaanserii pankiriyaasii pancreatic cancer dhukkubatanii kemoo fi radiyeeshinii wajjiin qabsoo cimaa gochaa Turanii, dhiyoo kana du'aan adduniyaarraa deeman.
💔dhaamsi isaanii , "eenyuyyuu yoo taatee , rakkinas ,badhaadhinaas , gammaddus,gadda keessa yoo jiraattes; yeroo hunda gaarii dubbadhu ,gaarii hojjadhu dhala namaa rakkoo isaa furiif".jechaa turanii ,akkasuams gochaa Turan.

💔Thank you for your passionate service "judge Frank Caprio "
💔REST IN PEACE.!

Caprio ,
# judgefrankcario


Amaloota xixiqqoo fayyummaa ilkaan keenyaa miidhan.👇******************************Small daily habits that ruin your teet...
21/08/2025

Amaloota xixiqqoo fayyummaa ilkaan keenyaa miidhan.👇
******************************
Small daily habits that ruin your teeth.
*******
✍️otoo nu yaada keessan galchine amaloonni nu guyyaa guyyaan raawwannu tokko tokko fayyummaa afanii fi ilkaan keenyaa kan miidhan danuutu jira.
👉bishaan gahaa dhuguu dhabuu.
* bishaan gahaa dhuguun gorora gahaa burqisiisuun goginsa afaanii ittisa, baakteeriyaan afaan keessatti walhoree dhukkuba ilkaanii fi ergee akka hin finne ittisa.
👉dhugaatii fi nyaata asiidii baayyatu heddummeessuu .fkn *loomii/xuuxxoo,
*dhugaatii lallaafaa,
*cunfaa fudraa akka burtukaanaa,fi
*kanneen dhandhama dhangaggaa'a qaban heddumeessuun fayyadamuu ,
*snack,cream biscuit baayyisuu.
*erga fayyadamnee battaluma bishaaniin lulluuquu dhabuu.
👉saamuna ilkaanii alkoolii of keessaa qabu fayyadamuu.
👉nyaata akkuma nyaanneen battala ilkaan saamunaan rigachuu/burushachuu.
*erga nyaannee battala bishaan qofaan lulluqnee ,daqiiqaa 30 booda saamunaan fi burushaan rigachuutu gorfama.
👉erga saamunaan rigannee booda battaluma bishaaniin luluuquu.
*erga saamunaan rigannee ,hoomacha danate ofirraa tufuu malee bishaaniin lulluuquun hin gorfamu.sababni isaas samunichi keemikala filraayidii ilkaan cimsu waan of keessaa qabuuf ,keemikaalichi ilkaanirra turuu qaba.
👉halkan afaan banaa rafuu.
*afaan cufannee ,goginsa afaanii xiqqeessuun gororri fayyumaa ilkaaniif gargaara.
👉ganama hirriibarraa akkuma dammaqaneen ilkaan saamunaan buruushachuu.
*yeroo hirriibarraa kaane jalqaba ilkaan floss/kirriin jidduu qulqulleessuu,Sana booda bishaaniin lulluuquu ,Sana booda ciree nyaannee ilkaan saamunaan rigachuutu gorfama.
👉qeensa keenya ilkaaniin murachuu.
* ilkaaniin qeensa murachuun ,jarmii afaan galcha,ilkaan cabsuu fi irgee miidhuu danda'a.


Yeroo baayyee rakkoo bokokuu garaa qabdaa?👇constant bloating?******************************** Sababa ,furmaata?*********...
21/08/2025

Yeroo baayyee rakkoo bokokuu garaa qabdaa?👇
constant bloating?
********************************
Sababa ,furmaata?
******************
✍️mallatoolee dhibee garaa keessaa bokokuun hedduu baayyata.
*kuniis irraa baayyeen sababa salphaa akka humnaa ol nyaachuu,saffisaan nyaataa fi yeroo nyaata nyaannu baayyee haasawuun qilleensa gaaraatti akka liqimsinuu fi garaan nu bokoku taasisuu .
✍️bokokuun rakkoo cimaa garaas tahuu danda'a.
👉nyaata soogidda danatu nyaachuu.
👉nyaata garaa keesstti gaasiin akka oomishamu taasisan baayyifnee yeroo hedduu soorachuu. Fkn:baaqeelaa,Atara,misira dhugaatii lallaafaa, raafuu,qullubbii...
👉dhukkuba garaan keenya nyaata tokko tokko bulleessuu dadhabuu ,sababa uumamaan namoonni tokko keemikaala inzaymii jedhamu garaacha keessaa hin qabneef.
👉dhukkuba sochii marrumaaniin walqabatu.fkn: gluten sensitivity,lactose intolerance,IBS...
👉goginsa garaa yeroo dheeraa kan nyaata gogaa nyaachuu fi faaybarii/nyaata raafeejii qabu nyaachuu dhabuurraa dhufu.
👉Jijjiirama hoormoonii qaamaa .fkn:marsaa laguu, umrii Dhala dhiisuu booda ,
👉hawaasni jarmii /baakteeriyaa gaggaariin garaa fi marrumaan keessaa yeroo sababa qoricha antibiotics fi nyaata processed tahe baayyisnee yeroo dheeraaf soorannu miidhamaniif.
👉sababa dhukkuba akka:bakteeriyaan marrumaan qallaa baayyachuu,madaa garaachaa,dhukkuba sukkaaraa garaacha miidhu,kanseerii ovaarii...

Furmaata garaan bokokuu.
******************************
👉nyaata biceessinee/xiqqeessuun soorachuu.
👉yeroo soorannu suuta soorachuufi nyaata haalaan alalchuu
👉yeroo nyaannu baayyee haasawuu dhiisuu.
Soogidda nyaataa xiqqeessuu.
Akka miiessituutti herb 🌿 fi spice biraa fayyadamuu.
Nyaata nutti kaasu adda baasnee ifirraa dhiisuu.

Yeroo Kam mana yaalaa deemuu qabna?
* garaan bokokuu mallatoolee biroo kan akka ulfaatina qaamaa gadi-bu'uu ,fedhii nyaata guutumaguututti cufamuu,ho'a qaamaa olka'aa yeroo dheeraaf nurra ture, dadhabbii cimaa sababa malee fii dhukkubbii garaa cimaa yoo qabaanne...

Qorichoota dubartoota ulfa qabaniif dhoowwaa tahan.👇********************************** *kennuun akkasumas fudhachuun hin...
20/08/2025

Qorichoota dubartoota ulfa qabaniif dhoowwaa tahan.👇
**********************************
*kennuun akkasumas fudhachuun hin danda'amu.
*rakkoo ulfa kichuu uumamaa jirurratti miidhaa cimaa fi garaatti ilmoo ajjeesuu waan danda'aniif.

Saayinsii wal-hammachuu fi faayidaasaa!*******************************✍️akkuma beekamu yeroo Nagaa wal gaafannu walhamma...
20/08/2025

Saayinsii wal-hammachuu fi faayidaasaa!
*******************************
✍️akkuma beekamu yeroo Nagaa wal gaafannu walhammachuun hawaasa keenya biratti hedduu baramaa fi aadaa dha.
✍️garuu jijjiirama jireenyaa fi aadaa biyyoota guddatan irraa dhaalamaa dhufeen dargaggoonni keenya 👋 , 🫱,🤚,✌️,👍,🤜 jechuu fi ariifataa walbira taruun danachaa dhufeera.
✍️garuu wal-hammachuun aadaa keenyaa sun faayidaa faayyaa fi kan biroo danuu qabaachuusaa qorannoon saayinsii heedduu mirkaneesseera.👇
*wal-hammachuun hoormoonii/keemikaala "oxytocin "ykn "love hormone" jedhamuun kan beekamu akka qaamni keenya burqisiisu gochuun,miira walamanuu,walitti dhuufeenyaa,akkasumas miira nageenyaa akka dabalu taasisa.
*walhammachuum dhiphina sammuu xiqqeessa.
*keemikaala dhiphina olkaasan qaama keessaa xiqqeessuun ,sammuun yaaddoo fi dhiphinarraa akka tasgabbaau taasisa.
*dhiibbaa dhiigaa fi rukkuttaa onnee yoo olkae sirreessuun fayyummaa onneef gargaara.
*sirna narvii "parasympathetic " sieessuun madiinnumaan qaamaa dhukkuba ofirraa ittisuuf gargaaru akka cimu taasisa .
*pressure receptor" gogaa keessaa sieessuun dhukkubbiin qaamaa akka nurraa fooyyau taasisa.
*walhammachuu daneessuun miira kophummaa ,mukkaauu fi dadhabbii ittisa.
*hariiroo namoota waljaallatan jiddutti gadi-fageessa.

Dhaamsa:akka aadaa keenyaa wal haa hammannuu!




share like gochuun dagatinaa !
🙏🙏

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Mustefa YM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category