Gona Beyyam Health centre

Gona Beyyam Health centre we stand for our people THAL

05/06/2023

Dhukkubbii Madaa'uu Garaachaaf:
***********************************
● Qorichoota dhukkubbii woyyeessuuf fayyadan kanneen NSAIDs jedhaman (Diclofenac, Ibuprofen, Indomethacin) yoo fudhachuun dirqama ta'eef filannoon biraa hin jirre ta'e malee fayyadamuu irraa of qusachuu.

● Dhiphinnaaf Cinqaa to’achuu. Dhiphinni madaafii mallattoolee madaa garaachaa hammeessuu danda’a. Sababaaf madda dhiphinnaf cinqaa kee adda baasuun wontoota san furuuf waan dandeettu godhi. Dhiphinni tokko tokko kan hin oolle ta’ullee; sochii qaamaa (ispoortii), hiriyyoota jaalattu wajjin yeroo dabarsuun ykn waan si gohaarsu gochuun Dhiphinnaafi Cinqaa of irraa hirdhisi.

● Tamboo/sigaaraa hin xuuxinaa. Tamboo xuuxuun garaachi akka madaa godhatu gochuu danda’a. Tamboo xuuxuun asiidii garaachaas ni dabala. Dabaluun isaa ammoo mallattoolee dhukkubbi madaa garaacha san namatti hammeessa.

● Alkoolii daangessuu ykn irraa fagaachuu. Alkoolii garmalee fayyadamuun garaachi akka kulkulfannaa godhatuuf wonti akka furri (mucus) keessa garaachaa haguge jiru akka baduufi madaa'ee akka dhiigu gochu danda'a.

● Nyaatni mallatoo dhukkuba garaachaa namatti fiduuf nama irraa woyyeessu namaa namatti garagara. Haa ta'u malee, qorannooleen akka agarsiisanitti nyaanni faayibara (fiber) baay’ee qabu (fuduraaf kuduraleen, talbaa jira fa'a fayyadamuun) carraa dhukkuba madaa garaachaan qabamuu hir’isu

● Akkasumaalee nyaata qibaatiin (zayitii fi ykn dhadhaan) itti baay'ate fayyadamuun namoota heedduu irratti mallatto dhukkuba madaa garaachaa kana itti hammeessuu danda'a. Kanaaf haala nyaataa akka dhuunfaa keenyatti nuuf mijatu adda baasuun filannoo nyaataa keenna sirreeffachuun barbaachisaadha.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Dr. Nuredin Luke

Address

Gonnaa
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gona Beyyam Health centre posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram