Dr.YA

Dr.YA Fayyaan kennaa rabbii keetii ta'uu hin dagatin, kanaaf isa galateeffadhu!
(1)

06/11/2025

Dubartiin takka marsaa laguu booda yoom ulfaa'uu dandeessi?
**************************************
Dubartiin mala ittisa ulfaa Nam-tolchee hin fayyadamne takka yeroo itti ulfaa'uu dandeessuu fi dandeenye beekuuf guyyaa laguun isii itti dhuftu ji'a ji'aan galmeeffachuu qabdi. Kun ammoo yeroo itti ulfaa'uu dandeessu sanatti ilmoo argachuuf walqunnamtii saalaa godhuu qabdi moo hin qabduu murteessuuf gargaara.

Dubartii fayyaa qabduu marsaan laguu Isii guyyaa 21 hanga 35 turee itti dhufuu danda'a. Marsaan laguu guyyaa olitti tuqame kana irra gabaabbachuus ta'ee dheerachuu hin qabu

Guyyaa laguun irra yaa'uu eegalu guyyaa jalqaba marsaa laguu jedhamee fudhatama. Oovuleeshiiniin( Guyyaa killeen itti gad lakkifamtu) guyyaa 14ffaa irra ta'a. Killeen oovaarii irraa gad lakkifamte ujummoo faalooppiyaanii seenuun sanyii kormaa wajjiin yoo wal argatte fartilaayizeeshiiniin gaggeeffamuun ulfi uumama. Kana ta'uu baannaan guyyaa 14 booda laguun deebi'ee dhufa jechuudha.

Mala uumamaa fayyadamuun akkamitti yeroo ulfaa'uun danda'amu beeyna?
----
---
Mala kana fayyadamuuf mala ittisa ulfaa tokkollee yoo tiqqaate ji'oottan 3n ( kiniinaaf) ykn 6n ( liilmeef) dabraniif fayyadamuu dhabuu. Dabalataan laguun ji'a ji'aan kan dhuftu ta'uu qabdi.
* Guyyaa jalqaba laguun sitti dhuftu guyyaa 1ffaa jettee galmeeffatta. Fkn laguun kee ebla 1 irratti kan sitti dhuftu yoo ta'e, Ebla 1 guyyaa tokkoffaa jettee mallattoo X itti godhatta.
* Baatii itti aanuus guyyaa isiin itti sitti dhufte ni galmeessita. Fkn laguun lammaffaa Ebla 29 ffaa irratti kan sitti dhuftu yoo ta'e, guyyaa 28 turtee sitti dhufte jechuudha.
* Haaluma kanaan itti fuftee ji'a 6f walitti aansitee galmeessita.
Guyyaa gabaabaa laguun kee daddaftee sitti dhufte fi guyyaa dheeraa laguun kee turtee sitti dhufte adda baafatta.
Fkn guyyaa gabaaban Aadde caaltuu 28 haa jennuu . Guyyaan dheeraan aadde caaltuu 31 haa jennuu.
Kanaaf caaltuun guyyaa isiin itti ulfaa'uu dandeessu beekuuf
- Guyyaa gabaabaa ta'e irraa 18 hir'ifna. Kana jechuun 28- 18 = 10 ta'a jechuudha. Kanaaf caaltuun marsaa laguu ishee irraa eegalee guyyaa 10ffaa irratti ulfaa'uu dandeessi jechuudha.
- guyyaa dhumaa caaltuun itti ulfaa'uu dandeessuu beekuuf guyyaa dheeraa irraa ammoo 11 hir'ifna. Kana jechuun guyyaan dheeraan caaltuu 31 waan ta'eef
31-11 = 20 ta'a. Kanaafuu caaltuun guyyaa 10ffaa marsaa laguu isii irraa eegaltee hanga 20ffatti carraan ulfaa'uu isii ni jira jechuudha.

Hub: Guyyaa dubbanne kana hunda keessatti ni ulfooyti jechuu miti. Garuu carraan ulfaa'uu baayyee guddaadha. Walumaagalatti carraaan ulfaa'uu
* Guyyaa 1 oovuleeshiinii dura
* Guyyaa oovuleeshiinii fi
* sa'aatii 24n oovuleeshiinii keessatti haalaan guddaadha.

05/11/2025
31/10/2025

Suuraan kun isinitti mul’ata mitii? Hospitaala biyya hindii keessatti Daa’imni duudaan homaa hin beekne abbaan jalaa dhukkubsannaan mararsuun ilaalaa jira.. Abbaan kun maqaan isaa Awwalee jedhama. Magaalaa Jimmaa jiraata ture. Dargaggeessa hojii misooma gara garaa irratti hirmaatee jiruu bareedaa jiraatu ture.

Ofii isaatiif qofa osoo hin taane nama baay’ee gargaaraa ture. Arjaaf gara laafessa namaati.

Har’a garuu akka kaleessaatti hin jiru dhibee kaansariitiin qabamee maallaqa baay’ee gaafatamee waan qabu gurguree biyya Hindii deeme. Achittis maallaqni isaa osoma yaalamuu hanqate dhumarratti. Nuti osoo wal gargaarree daa’imman isaa kichuu kanarratti lubbuu isaa Rabbii gaditti hambisneehoo adaraa yaa uummatakoo qaalii.

Waanuma humna keessanii nu gargaaraa adaraa. Namootni gargaaruu barbaaddan lakkoofsa baankii lamaan armaan gadii kana fayyadamaa hirmaadhaa adaraa. Rabbiin toltuu addunyaafi aakhiraa wakitti isiniif haa qabu.

1000250174757
1000100926362 Awol Mohammedsani CBE
Aba Bor page

Truth
29/10/2025

Truth

25/10/2025

Namoonni hedduun followers hedduu fi beekamtii argachuuf amantii keessaa bahaa jiru,deebiin garuma rabbiiti!!

25/10/2025

Namoonni hedduun followers hedduun fi beekamtii argachuuf amantii keessaa bahaa jiru,deebiin garuma rabbiitti!!

25/10/2025

Awwaala gabbaruurraa najaa nuhaa baasu!!!

24/10/2025

Akiraa(Jireenya du'a boodaa)f dursi haa kennamu!!!!

16/10/2025

very important procedure
baay'ee barbaachisaa fi beekamuu Kan qabuudha.

13/10/2025

{ یَقُولُونَ لَىِٕن رَّجَعۡنَاۤ إِلَى ٱلۡمَدِینَةِ لَیُخۡرِجَنَّ ٱلۡأَعَزُّ مِنۡهَا ٱلۡأَذَلَّۚ وَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِۦ وَلِلۡمُؤۡمِنِینَ وَلَـٰكِنَّ ٱلۡمُنَـٰفِقِینَ لَا یَعۡلَمُونَ }
[Surah Al-Munāfiqūn: 8]

Abdul Haleem

They say, ‘Once we return to Medina the powerful will drive out the weak,’ but power belongs to God, to His Messenger, and to the believers, though the hypocrites do not know this.

Ghaly Ababour

"Yoo gara Madiinaa deebineef, dhugumatti, (nuti) injifattoonni ishee irraa salphattoota baasuuf jirra" jedhuInjifannoon kan Rabbii, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekanu

03/10/2025

learn from this

Address

Jimma

Telephone

+251982567449

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.YA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.YA:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category