01/04/2026
ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA
*************************************
(Kutaa 4ffaa)
Kutaalee sadan darban keessatti: hiddi latiinsa Israa'eloota Nabi Ibrahim (Abraham) irraa dhufuu isaa. Abraham Yisaaqiiin uumata, Yisaaq ammo Yaaqoobiin uumata. Yaaqob ammoo Yuusuuf (Yooseefii) fi obboleeyyan kudha tokkon isaa uumata. Yuusuufii fi obboleeyyan kudha tokkon sun saboota (gosoota) Israa'el kudha lamman ta'u. Maatiin isaanii abbaa isaanii Yaaqob waliin ta'anii Yuusuuf bira Masri galu.
Jaarraa lamaa oliif erga Masri jiraatan booda hoggansa Muusaa (Muusee) fi Haarun (Aron)iin achii bahu. Iyyaasuu Ilmi Nawwee (Yushua Ibn Nuun– Joshua) ammoo dachii Kana'aaniti isaan deebisee lafa san gosa gosaan qoodaaf. Isa booda abbooti murtiitiin bulaa turan. San booda Mooti Daawit (Nabi Dawud), itti aanee ilmi isaa Mooti Salamoon (Nabi Suleeymaan) angoo fudhata. Salamoon mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple, Beytal Maqdis) Jerusalem keessatti ijaarsisa. Isatti aanee Israa'elonni ilma Nabi Suleeyman kan Rehoboom jedhamuun bulaa otoo jiranii saboonni kudhanii addatti mootummaa ofii isaanii tolfatu. Isaan kurnan kun Aseeriyaanotaan weeraramanii badu (the Ten Lost Tribes of Israel).
Lamaan hafan Yihudi (Jews) jedhamu. Isaanis weerara adda addaa keessummeessu. Dura Nabukadanatsuriin Baabiloon isaan weeraree Mana Sagadaa Suleeyman ijaarsise diigee, boojuudhaan ilmaan Yihuudii fuudhee Baabiloonittiin galaan. Wagga shantam booda Impaayerri Baabiloon Cyrus the Great warra Pershiya (Iraanitiin) weerarama. Cyrus the Great Yihuudonni akka boojuutitti Baabilonitti fudhatamanii turan gara biyya Yihuudii (Jerusalem) akka deebi'an godha.
Impaayerri Cyrus the Great (Qiiroos Guddichi) ijaare (Achaemanid Empire) waggaa 220 booda Alexander the Great (Iskindir Guddichaan) weerarama. Iskindir erga du'e booda impayerri inni ijaare (kan aadaa Giriikii babaldhisu) bakka lamatti hirama. Isaan laman kun walduraa duubaan Jerusalemfi biyya Yihudii waggaa 136f to'atanii turan. Bodarra Yihudonni irratti fincilu. Fincilanii ni moohu. Jidduu sanitti waggoota 103f ofuma of-bulchuu danda'anii turan. Ta'us, san booda Impaayerri Roomaa dhufee isaan weerara. Warri Roomaa bodarra Jerusalemii fi naannoo san irraa isaan baqachiisu. Kutaa addunyaa garagaraa irratti faca'anii jiraachuu jalqabu.
Dhuma jaarraa arfaffaa irratti Impaayerri Roomaa iddoo lamatti–Impaayera Roomaa Baha fi Impaayera Roomaa Lixaa–jedhamanii qoodamu. Warri bahaa (Byzantine Empire) naannoo Paalastiin (Jerusalem) bulchuu ittti fuufu. Impaayerri Beeyzaantiin ammoo bara 636 waraana muslimootaan moyatamee Paalastiin (Jerusalem) irri'ama. Kana hordofee Paalastiinii fi naannoo san waggoota kumaa tokkoofi dhibba lama oliif Mootummoota Islaamaa garagaraatu bulchaa ture. Mootummoota san keessaa tokko (kan gara dhumaa bulche) Otomaan Turkii dha. Innis waggoota 400fii erga naannoo san (Paalastiin) bulchaa ture booda Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti wan moyatameef Impaayerri isaa diiggama. Otomaan Turkitti aanee kan naannoo san Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda bara 1917 fudhatu ammoo Biritish (Ingiliizota).
Jiwishonni (Yahuudonni) addunyaa irra faffaca'anii turan dhiibban addaa addaa, jibbaa fi miidhaan garagaraa (jibbi-seemii) irra gahaa ture. Miidha kana irraa hafuuf biyya ijaarachuu akka qaban murteessan. Erga buusanii baasan booda bakki biyya itti ijaaratan Paalastiin akka ta'u murteeffatan. Sochii kanas Zionism jedhaniin. Sochi Zionism kanaan suutuma suutaan Yihuudota Awuropaafi Raashiyaa irraa gara Paalastiin erguu itti fuufan.
Biritishonnis Labsii Balfour jedhamuun akka isaan biyya ta'uu danda'an irratti gargaaraa turan. Yeroma Biritishoonni Paalastiin qabatanii turan san Waraanni Addunyaa Lammaffan ka'a. Naaziin Jarmanii kan Adoolf Hitileriin hogganamu waraanicha irratti Yihuudota miiliyoona jaha ta'an haala sukkunneessaan fixa. Dhumaatiin Yihudotaa kun Holocaust (Holokast) jedhama. Warri Holokast dheessanii fi boodarra irraa hafanis gara Paalistiinitti baqatu.
Waraanni Addunyaa Lammaffaan erga xumurame booda gara fuulduraatti waraanni akkasii akka hinkaane dhoorkuufi nageenya addunyaa mirkaneessuuf jecha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) bara 1945 hundeeffame. Dhaabbatichi hundaa'ee wagga lammaffaa isaa (bara 1947) irratti dhimma Araboota Paalastiinii fi Yihuudotaa irratti murtee kenna. Lafa Paalistin san Araboota achi jiraataa turanii fi Yihuudota Awuuropaafi Raashiyaa irraa garas baqataniif qoqqooda murtichi. Yeroo kana baay'inni Araboota Paalistiin %68 yoo ta'u kan Yihudotaa %32 ture. Lafti Paalastiin %93 harka Arabootaa kan jiru yoo ta'u, %7 qofatu harka Yihuudotaa ture.
UN-iin murtee dabarseen lafti %55 ta'u Yihuudotaa akka kennamu, %45 ammoo Araboota Paalastiiniiti akka qoodamu, magaalaan Jerusalem amantii sadiiniifuu hiikkoo amantii guddaa waan qabduuf bulchiinsa idla-addunyaa jalatti Mootummoota Gamtoomaniin akka bultu kan murteessu ture.
Murtee kana Paalistiinonni lafa %93 of-harkaa qaban yoo cimsanii morman; Israa'eloonni ammoo murticha gammachuu ol'aanaan simatan. Paalistiinonni murti kana mormuun warra Yihuudii achi jiraniin walitti bu'uu jalqaban. Walitti bu'iinsi xixiqqoon Araboota Paalistiinii fi Yahuudota jidduutti godhamaa turan cimanii itti fuufan.
Ingliizonni Yihuudotaaf loogaa waan turaniif, Yihuudonni ijaarumsi isaan qaban kan Araboota Paalistiini irra cimaa ture. Gama siyaasaan, dipiloomaasiin, humna waraanaa ijaaruun, tikaafi odeeffannoo sassaabuun, walii-abboomuun Jiwiiishonni (Yihuudonni) jajjaboo turan. Jaarmiyaan isaani yeroma British achi jirtu kan hidhatee ture 'Hagana' kan jedhamu jabaa ture.
Jiwiishonni addunyaa irra faffaca'anii turan qabeenyaafi beekumsa garagaraa horataniin iddoma jiran irraa warra Paalistiinitti gale gargaaraa turan. Beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industiriin, dhaabbilee faayinaansii ijaruutiin, gama teeknoolojii fi saayinsiitiin argataa turaniin walbira dhaabbatanii walgargaaraa turan. Yeroo murtii UN san baay'inni Yihuudotaa Paalastiin dhaqqabanii 700,000 (kuma dhibba torba) kan hin caalle ture.
Paalistiinonni ammoo lafa isaanii falmuuf haga tokko bifa garagaraan haa ijaaraman malee, ijaarsi isaanii kan tokkummaa jabaa qabuufi kan ijaarsa Yahuudotaatiin walgitu hin turre. Baay'inni Paalistiinotaa yeroo san miiliyoona 1.4 (jechuun dachaa Yihuudotaa) ta'a ture. Walitti bu'iinsi xixiqqoon murtee UN irratti ka'an jabaataa deeman. Biritishonni walirraa isaan qabuu yaalan. Jiddutti isaanis haleelamuu jalqaban.
Murteen UN-iin murtaayee ji'a jaha booda (Caamsaa 14, bara 1948) Biritishonni Paalastiin dhiisanii bahuuf ta'uu isaanii ibsan. Galgaluma isaan dubbatan san Israa'elonni haala UN-iin murteesseen Mootummaa Israa'el hundeessinee jirra jedhanii labsan. Isaan labsanii daqiiqa kudha tokko booda Ameerikaan beekamti biyyummaa isaanii keennu isii addunyaaf himte.
Yihuudonni mootummaa dhaabbanne jechuu isaanii hordofee walitti bu'iinsi xixiqqoon ture gara Waraanaatti ce'e. Ganama itti aanu waraanni baldhaan biyyoota Arabaa shan (Lebanon, Jordan, Syria, Iraaq fi Masrii) dhaan Yihuudota (Israa'eloota) irratti jalqabe. Waraanni kun (Arab- Israel War of 1948 ykn First Arab Israel War) jedhamee beekkama.
Biyyoonni Arabaa kun magaalaa guddoo Yihuudonni tolfataa turan Tel Aviv xiyyaraan haleeluun waraanicha jalqaban. Yihudonnis ofirraa lolan. Isra'elonnis of-ittisuu irraa gara haleeluutti ce'aa deeman.
Labsachuu Jiwiishotaa san hordofee waraana jabaatu ji'a sagaliif godhame. Jiddu jidduun waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a tokko fa'aaf tureera. Lola (battle) gurguddaa 32tu godhame. Lolli gama qarqaraatiin biyyoota Arabaa shan (Masrii, Syria, Iraqi, Jordani fi Lebanon) wajji kan godhame yoo ta'u, jidduu biyyaatti ammoo ijaarsaa garagaraa Araboota Paalistiinii wajjiin kan godhame ture.
Lola jidduu biyyaatti godhameen Jiwiishonni (Israa'elonni) mo'achuu irra darbanii baadiyaa fi magaloota heddu fudhatan. Waranni hammaannaan ummanni Paalistiin hanga waraanni qabbanaayuuf mana isa qollofee qulfii fudhatee qe'ee isaa dhiisee yeroof jedhee gara qarqara biyyaafi biyya ollaatti godaanaa ture. Israa'eloonni gandoota 400 ol ta'an to'atan. Tooftaa adda addaatiin (waraanni yoo caame ni deebitu ammaaf gara naannoo nagaa qabuu deemaa) jedhaa Paalastiinota geggeessaa turan. Kan hafe ammoo waraanaan injifataa ummanni akka irraa baqatu humnaam gochuun gandoota heddu Paalastiinota irraa qulqulleessaa turan.
Lola kanaan magalonni akka Tiberias, Haifa, Safed, Beisan, Jaffa fi Acree injifannoo waraanaatiin to'annaa Israa'el jala galan. Magaalaan hiikoo amantaa guddaa qabdu Jerusalem ille cinaan tokko—gama lixaatiin (Western Jerusalem)— Israa'elootaan qabamte. Gama daangatiinis lola biyyoota Arabaa waliin godhaniin Yihudonni of-irraa qolachuun injifatoo turan.
Waraana Israa'eel akka biyyatti labsamuu hordofee dhoohe kanaan Araboonni 13,000 (kuma kudha sadi) yoo dhuman, Paalastiinonni 723,000 (kuma dhibba torbaaf digdamii sadi) ta'an ammoo qe'ee, qabeenyaafi biyya isaanii irraa buqqa'an. Laakkofsi kun ammoo walakka ummata Paalastiin jechuudha. Gama Israa'elinis namoota kuma jaha ta'antu dhume.
Waraana godhame kanaan Israa'el lafa Mootummoonni Gamtooman isiif murteessan (%55) irra caaluun lafa baldhaa %77–78 ta'u qabatte. Haala qabannaa waraanicha dura ture irraa yoo ilaallu lafti Paalastiini harka ture kan %70 ta'u Israa'elootan qabame. Paalistiinonni lafa kana irratti waraana otoo hinbaqatin tooftaa adda addaatiin keessatti hafan 156,000 (kuma dhibba tokkoof shantamii jaha) qofa turan.
Isaan baqatan dheebuun, beelaan, qorraaniifi rakkoo garagaraatiin kaampilee baqattootaa qarqara biyyaa (Weest Baank fi Gaazaa jiranitti), akkasumas kaampilee baqattootaa biyyoota ollaa jiranitti garmalee rakkachaa turan. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee, mootummooleen biroos Israa'el ummata buqqa'e kana qe'ee isaanitti akka deebi'an haa eeyyamtuuf gaafatanii turan. Garuu Israa'el gaafiin kun wareegama nu kafalletti qoosuudha: Dhiiga keenna itti lolaafnee, lafee keenna itti cabsinee, lubbuu itti harcaafnee lafa kana qabanne. Namni lafa qabanne kanatti kana booda as deebi'u tokkos hin jiraatu jettee jala sarartee addunyaaf himte. San boodas namoota deebi'uuf yaalanis itti dhukaasuu, hidhuufi maqaa lootee-galtoota (Infiltrators) jedhu itti maxxansuun hiraarsaa fi ajjeesaa turte. Lootee-galtoota kan jeettuun kanniiniif isaan kamiifuu obsa akka hinqabnes jala sarartee dubbatte.
Seenaa waldhabdee isaanii keessatti guyyaan Israa'eel mootummaa (biyya) ta'uu labsatte sun ijoodha. Waraana labsii san hordofee ka'e kanaan waan heddutu iddoo waljijjiire. Israa'el kaartaa adduunyaa irraatti biyya taatee yoo baatu, Paalastiin ammoo ni dhabmate. Jiwiishonni mootummaa yoo ijaaratan, Paalistiinonni ammoo badhee irratti hafan.
Biyyoonni Arabaa shanan waaree salphinnaa uffatanii yoo moyataman, Yihuudonni ammoo tokkummaan lolanii biyya hawwan ijaarachuu danda'an. Israa'eel lafa Paalastiin %7 irraa gara %78 yoo guddifattu, lafti %22 hafte sun kan Baha Jerusalem, Gaazaa fi West Baank hammattu harka biyyoota Araabaa waraana seenanii irratti hafe. Gaazaa Masriin (Gibxiin) yoo qabattu, Bahni Jerusalem (East Jerusalem) fi West Bank ammoo Jordaan harkatti hafe. Waraana kanaan Israa'el biyya taatee lafa baldhaa irratti alaabaa isii yoo dhaabbattu, hireen Paalastiinotaa ammoo gaafii keessa seene.
Warana kana bara 1949 injifachuu isii hordoftee, Israa'el labsii "Law of Return" — Seeraa Deebi'u–jedhu bara 1950 baafte. Seerri Deebi'uu kun Jiwiishonni (Yihudonni) biyya addunyaa kamiin irrayyuu jiran biyya haarawa hundoofte tanatti–Israa'elitti–deebi'uu kan danda'anii fi lammummaan Israa'el battalumatti kan kennamuuf ta'uu tuma. Seera kana hordofee Jiwiishotni addunyaa garagara irraa (keessattuu biyyoota Arabaa) irraa galuu jalqaban. Seera kanaan Yihuudonni faffaca'anii turan gara Israa'eel galuu isaanii hordofee baay'inni Yihuudota Israa'eeli kuma dhibba torba irraa gara miiliyoona 1.5-tti waggaa tokko qofa keessatti dabale. Isaan galan kana ammoo lafa Paalistiinota irraa buqqisanitti, furtuu mana Paalastiinotaa cabsaa, qabeenyaa isaanii san irratti qubsiisuun jireenya haarawa jalqabsiisan.
Paalistiinonni akka hin deebine dhoorkanii, Yihuudonni biyya garagaraa irra faca'an ammoo akka biyya haarawa hundeeffamte tana (Israa'el) dhufanii jiraatan godhaan. Paalastiinota muraasa waraana otoo hin dheessin qe'ee isaanii irratti hafan 156,000 saniif ammoo lammummaa kennan. Kana kan godhaniif qalbii addunyaa laaffifachuuf. Duguuggaa sabaa (ethnic cleansing) akka hinfakkannneef. Sirna appartaayidii kan sanyii tokko qofa hammatee kan biraa diinomsu ijaaran akka hin jedhamneef.
Paalistiinonni qe'ee isaanii irraa buqqifaman, waaranicha booda kaampiwwan baqattootaa kan biyyoota ollaa, akkasumas Weest Baankii fi Gaazaa jiru keessatti haala ulfaataan jiraachuu qaban. Paalastiinonni gaaga'ama waraana kanaan isaanirra gahe "Al-Naqba" jedhanii waamu. "Al-Naqba" jechi jedhu kun afaan keennaan akka "Balaa Guddaa" jechuuti.
Al-Naqba (Naqba) hordofee, mootummoota Arabaa waraanicha irratti hirmaatanii biyya reefuu haarawa dhaabbachuuf jettu injifachuu dadhaban irratti ummanni biyyoota sanii guungumuu jalqabe. Sirni mootiilee sun dadhabaafi kan faayida hinqabne jedhanii itti guunguman. Warri waraanaa (military) sababa warra siyaasaa salphinni akkana nu madate jechuu jalqaban. Baruma injifataman san 1949 sababuma injifatamuu isaaniitiif qondaalonni waraana Syria mootummaa Syria fonqolchaan kuffisan. Bara 1952 ammoo waraanni Gibxii (Masrii) sirna Mootii Faaruq fonqolche. Bara 1958 qondaalonni waraana Iraaq Mooti Fayisal fonqolchan. Sababni ijoon fonqolchoota kanaa dadhabinna sirni mootilee kun waraana 1948 (First Arab Israel War) irratti hirmaatee muldhiseedha.
***
Yihuudonni amantaa Juudayizim (Judaism) jedhamu qabu. Amantaan kun duudhaa, aadaa fi seera isaaniiti. Isaaniif amantii qofa otoo hintaane eenyuummaa isaaniitis. Amantaan Juudayizimii kan dhufe Abraham (Ibrahim) irraa waggaa kuma afur dura akka ta'etti amanu.
Akka amantaa isaanitti Waaqni erga Abrahaamitti of-ibsee booda, akka sanyii isaa baay'isuu fi eebbisu waadaa (kakuu) galeef jedhu. Tokkichummaa Waaqaatti amanu. Addunyaa irraatti nuti ummata filatamaadha jedhu. Waaqni kakuu (waadaa) nu waliin qaba jedhu. Nu’uu fi Waaqa jidduu hariiroo addaatu jira jedhu.
Judaayizimiin kitaaba amantaa Tanakh (Hebrew Bible) jedhamu qaba. Tanakh kun Macaafa Qulqullu (Kakuu Moofaa - Old Testament) guutuu kan qabu tu'ullee haalli tartiibaa kan boqonnaaleen itti barraayanii jiran garagara. Kitaaba jalqabaa 'Toorah' jedhanii waamu. Torah (Macaafni Kakuu Moofaa) nuuf qofa barreeffame, ummata biraa waan ilaalatu hinqabu jedhu. Macaaafa Qulqulluu (Kakuu Haaraa – Wangeela) hin fudhatan.
Iddoon kadhannaa isaanii 'Synagogue' ykn 'Shul' jedhama. Abbootiin amantaa ammoo 'Rabbi' (Raabaay) jedhamu. Urjiin qara jahaa qabdu kan alaabaa Israa'el irra jirtu sun mallattoo amantii Juudayizimiiti.
Akka amantaa isaanitti gara fuulduraa nabiyyiin ykn "Messaih"n sarara sanyii Nabi Daawud (David, Daawit) irraa dhalatu ni dhufa. Inni Jiwiishota (Yahuudota) addunyaa irra faffaca'anii kallattii arfaniinuu jiran lafa Israa'el irratti walitti qaba. Masiyaan (Messiah) kun akka qajeelfama 'Toorah'—kitaaba amantaa isaanii shanan keessa kan jalqabaa sanitti–deebi'anii bulan isaan jabeessa. Yihuudota cubbuufi waan badaa irraa dhorka. Cubbuu irraa isaan qulqulleessa. Miidhamaa fi rakkoo irraas isaan baraara. Addunyaan guutuunis dhufaatii isatiin nagaa argatti jedhanii amanu. Isa booda dhumni addunyaa (Tinsaa'en ykn Qiyaamaan) dhaabbatti jedhu.
Akka amantaa isaaniitti Iyyasuus Kiristoos (Isaa) miti kan bara dhumaa dhufu. Isaan biratti Kiristoos Waaqas miti. Nabiyyii Waaqaatis miti. Akka nama sobduu addunyatti taphatee (shawwadeetti) ilaalu. Nabi Muhaammad (SAW) nabiyyiidha jedhanii hin amanan. Barreeffama amantaa isaanii tokko tokko keessatti akka nabiyyoota sobaa ummata dogongorsaniitti ilaaluu ykn ibsu.
Barri haarawaa (Rosh Hashanah) isaanii seenee guyyoota kurnan jalqaba irratti waan bara tare balleessaniifi tolchan keessa deebi'anii ilaalu. Araarama Waaqaa kadhatu. Guyyaa 10ffaa bara harawa isaanii irratti ayyana 'Yom Kippur' jedhamu kabajatu. Guyyaa san (sa'aatii 25f) hin nyaatan, hin dhugan, nafa hin dhiqatan, salqunnamti hin raawwatan. Guyyaa guutuu araaramaa Waaqaa kadhataa oolu. Isaan biratti Yom Kippur guyyaa kabajamaa dhumaati (the holiest day jaraati).
Naannoon Masjiidn Al-Aqsaa jiru isaan maqaa ‘Temple Mount’ jedhuun waamu. Amantaa isaanii keessatti iddoo qulqulluu (eebbifamaa ykn kabajamaa) dhumaati. Iddoo Mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple) kan Nabi Suleeymaniin (Mootii Salamooniin) ijaaramee Baabiloonotaan diiggamee ture irratti Masjidni Al-Aqsa ijaarame jedhanii amanu. Iddoon kadhannaa (sagadaa) guddaan amantaa isaanii “Western Wall” kan jedhamus kan argamu ollaama Masjiid Al-Aqsaa kanatti. Masiyaan (kan bara dhumaa dura dhufee walitti nu qaba) jedhan dhufuu isaatiin dura Manni Sagadaa (Third Temple) naannoo Masjidn Al-Aqsaa amma jirutti ijaaramee isa eeguu qaba jedhanii amanu. Akka amantaa Islaamatti ammoo Makkaa fi Madiinatti aanee Masjiidn Al-Aqsaa (Jerusalem) iddo qulqulluu (holy city) sadaffaadha.
Waraana bara 1948tiitiin magaalaa Jerusalem cinaa lixaa Israa'el kan qabatte yoo ta'u, cinaa bahaa kan iddowwan Masjidn Al-Aqsa fi Western Wall (bakki sagadaa Yihuudota itti argamu) ammoo Joordanitu qabatee ture.
***
Waraana bara 1948 kan hundeeffamuu Israa'eeliif sababa ta'e hordofee sirni mootilee biyyoota Arabaa fonqolchaan raafamuu isaa asii olitti kaafnee turre. Fonqolcha saniin Masritti namni General Mohammed Naguib jedhamu bara 1952 angoo qabata. Isa booda qondaalli waraanaa Gamal AbdulNasir jedhamu bara 1954 tooftaadhaan isa duraa san dhiibee angoo ofii fudhata.
Gamal AbdulNaasir pirezedaantii Masrii ta'a. Gamal nama sabboonummaa Arabaa (Pan-Arab Nationalism) akka malee leellisuu fi jabeessuudha. Araboonni waltaanee biyya jabdu takka ijaarachuu qabna jedhe hogganaa yaada dhiheessuudha. Sababa kanaaf Gamal AlbdulNasir jaalalaafi kabaja guddaa biyyoota Arabaa kan biroo irraa argachuu danda'ee tura. Namonni akka Muamar Gaadaafii fa'a yeroo ijoollumaa isaanii jaalalaafi dinqisiifannaa Gamal AbdulNasiriif qabaniin biyya biyya isaaniitti gara sochii siyaasaa seenan.
Gamal Abdulnasir bara 1956 bo'oo Suez (Suez Canal) kan biyya isaa Masri keessa taree Galaana Diimaa fi Galaana Medetiraaniyaanii walqunnamsiisu harka Masrii jala akka galu (nationalize) godha. Bo'oo kun (Suez Canal) jidduu bara 1859-1869 dhaabbata Ingiliiziitiin kan ijaarame yoo ta’u, hanga bara 1956tti Gamal AbdulNasir to’annaa biyya isaa Masri jala galchutti, qaraxa boo'o kana irraa argamu ciinaa ol Ingiliizotaatu fudhata ture.
Pirezedaantiin Masrii Gamal AbdulNasir Suez Canal dhuunfachuu isaa hordofee biyyoonni sadi (Israa'el, Faransaayii fi Ingiliiz) dhoksaadhaan marii godhu. Marii isaanii irrattis Israa'el dursitee akka waraana jalqabdu. San booda Faransaayii fi Ingiliiz waraanicha irratti tooftaan itti makamuun akka Israa'el gargaaran waliigalu.
Haaluma kanaan bara 1956 Israa'el Masrii irratti waraana bante. Faransaayiifi Ingiliizi akkuma waaranni jalqabeen ajaja waraana dhaabaatii, isin lachuu naanno Suez Canal irraa fagaadhaa, Yeroodhaaf nuti to'annee nageenya bo'oo mirkaneessina jedhu dabarsan. Yoo waraana hin-dhaabdan ta'e nageenya bo'oo kanaa mirkaneessuuf kan dirqamnu ta'a jedhan. Masris, Israaelis hin dhaabne. Ingiliizii fi Faransaay boonbii roobsanii Seuz Canal deemanii qabatan. Ameerikaan akkamitti otoo naan hin mari'atin, ana dhoksanii kana godhu jettee dallanti. Dhiistanii baatan moo liqaa fi deeggarsa kiyya isin irraa kuta jettee biyyoota kana sadiin akeekkachiifti.
Ameerikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Soviyeetii akka Masriin bo'oo kana dhuunfattuuf ejjannoo waan qabataniif, Israa'el faati dhiisanii bahan. Masriin ji'oota lamaaf waraanan irraa fudhatamus, injifannoo dipilomaasii kanaan Suez Canal dachii isii keessa bayu guututti fudhattee to’achuun galii irraa argachuu jalqabdi. Waraanni kun (Suez Crisis, Second Arab Israel War ykn the Tripartite Aggression) jedhamuun beekama.
***
Bara 1967 Israa'el tasa Masriin irratti waraana banti. Xiyyaaronni waraanaa Masrii otoma lafa irra jiran dhaqxee rukuttee barbadeessiti. Warrana kanaan Israa'el Gibxiin Gaazaa keessaa ariitee, Gammoojii Siinaa (Sinai) Masrii qabatti. Waraana kanaan Israa’eel haleellaa qilleensaatiin humna qilleensaa Masriii rukutuun guyyama jalqabaatiiin daaraa botoroo gooti.
Guyyoota itti aananitti waraanni Israa’eel humna waraanaa Joordan kan cinaa baha Jerusalem (East Jerusalem) fi West Bank qabatee jiru rukutuun Jerusalem fi Weest Baank keessaa baasuun Paalastiin guutuun guututti to'ata.
Kallattii daangaa Sooriyaatiinis waraana bantee injifachuun lafa biyya Sooriyaa kan Golan Heights [Lafa olka'oo (tulluwwan) Golan] jedhamu fudhatti. Waraana guyyaa jaha qofa ture kanaan Israa'el Gammojii Siinaa kan Masrii, Lafa Garreen Olka'oo Goolan kan Sooriyaa, Gaazaa, Baha Jerusalem fi West Baank guututti to'achuun qabachuu dandeetti. Waraanni kun ‘Six-Day War’ (Waraana Guyyaa Jahaa) jedhamee beekkama. Waraanichi haala siyaasaa, dipilomaasii fi kaartaa Baha Jiddu-Galaaa (Middle East) kan jijjiireedha.
Waraana kana injifachuun Jiwiishotaa biyya Israa’eel jedhamtu hiddaan jabeessanii gad-dhabuu isaanii kan muldhiseedha. Magaalaa Jerusalem guutuun guututti harkatti galfatuun isaaniif waan akka malee murteessaa ta'eedha. Paalastinootaaf ammoo waraanichi kan carraa biyya ofii qabaachuu isaanii dukkaneesseedha. Paalistinonni Gaazaa, West Bank fi Baha Jeerusalem irratti biyya akka ta'aniif Mootummoota Gamtooman dabalatee biyyoonni heddu fedhaafi ejjannoo qabu.
Waraanni bara 1967 garuu waan kana qormaata biraa keessa galche. Gammoojjii Siinaa Masri irraa fi Lafa Olka'oo (Golan Heights) Sooriyaa irraa fudhatte Israa'el ni deebisti moo maaltu ta'aa kan jedhuu fi hireen Paalistiinotaa waraanicha booda maal ta'a kan jedhu irratti fedha dubbisaa keessan ilaallee kan itti fuufnu ta'a.