Dr. Nuredin Luke

Dr. Nuredin Luke The page provides health tips in Afaan Oromoo and shares my perspectives on various topics, promoting a healthy and informed community.
(3)

Vacancy Announcement ‎‎We are looking to hire qualified health professionals with the following positions and requiremen...
17/04/2026

Vacancy Announcement

‎We are looking to hire qualified health professionals with the following positions and requirements:

‎Available Positions
‎- BSc Nurse
‎- Clinical Nurse
‎- Medical Laboratory Technologist (MLT)

‎Requirements
‎* Minimum 2 years of relevant work experience
‎* Valid professional license
‎* Clearance letter
‎* Experience letter from previous institution(s)

‎Working Place: Internal Medicine Clinic

‎Salary is negotiable and interesting
‎Benefits:
‎* Free Housing
‎* Night Duty Commission

‎Interested and qualified applicants are invited to apply by sending their CV via telegram ( ) or phone number: +251964441187

12/04/2026

Mariin araaraa Islamabad-itti Ameerikaa fi Iraan jiddutti godhamaa ture haasaa sa'aatii 21 fudhate boodas waliigaltee malee xumuramee jira. Mariin araaraa kun guyyoota itti-aanaan itti fuufuu ykn dhiisuu isaa irratti ammaaf wanti adda bahee beekame hinjiru.

Maanguddoodha. Waggoota afurtamaa oliif biyyaafi ummata isaanii tajaajilaa turan. Umrii dheeraa kana keessatti—fayyaa ha...
11/04/2026

Maanguddoodha. Waggoota afurtamaa oliif biyyaafi ummata isaanii tajaajilaa turan. Umrii dheeraa kana keessatti—fayyaa hawaasaa eeguuf halkanii-guyyaa xaaraniiru, dhibee balleessuufi hawaasa fayya-qabeessa ta'e ijaaruuf qooda isaanii bahatanii jiru. Silaa maanguddummaa (umrii) isaanii qofaafuu kabajamuu qabu ture. Tajaajila nuuf kennaa turaniif haa galatooman. Lakk. Herreega Baankii armaan gadiitiin waan dandeennuun hamilee isaanitti haa horruu!

CBE
1000186120268
Wako Kedir Tuge

Misaa'eloota darbatamaa jiraniifi bu'uuraalee misoomaa Baha Jiddu-galeessaa keessatti barbadaayaa jiraniif kan kaffalu n...
02/04/2026

Misaa'eloota darbatamaa jiraniifi bu'uuraalee misoomaa Baha Jiddu-galeessaa keessatti barbadaayaa jiraniif kan kaffalu numa—biyyoota boba'aa alaa galfataniidha.

Waraanni dhuma hinqabne hin jiru. Yeroo isaatti inuma dhaabata. Gaafa dhaabbate biyyoonni kun deebi'anii of ijaaruu jalqabu. Wanti ittiin of ijaaran ammoo qabeenyuma lafa isaanii irraa qabaniin. Boba'aa fi gaazii uumamaa nutti gurgurataniin deebisanii of-ijaaru.

Bu'uuraaleen misoomaa itti bobaa'aa baasaniifi qulqulleessan kan barbadaayan jiru. Kun ammoo hamma oomisha isaanii kan waraanichaan dura tureen gadi godha. Hammi oomisha boba'aa gabaa addunyaatti dhihaatu ni xiqqaata jechuu. Xiqqaachuun dhiheessi kun ammoo gatiin bobo'aa gabaa addunyaa irratti hamma tokko akka dabalu godha. Dabaltii san ammoo kan kafalu nu'i.

Gama biraatiin dhaabbilee isaan jalaa miidhaman deebisanii ijaaruufis waliigaltee (contract) gurgurtaa boba'aa haarawa mallatteessan irratti daballii gatii godhuu danda'u. Inni kunis biyyoota al-ergiin isaanii xiqqaa ta'ee as-fudhannaan (import) isaanii guddaa ta'e caalmatti miidha. Warri al-ergiin isaanii guddaa ta'e mi'uma ala ergan san irratti hamma tokko gatii dabaluun madaalessuu danda'u. Biyyonni diinagdeen isaanii mi'a alaa galu irratti hundaa'e kan madaalli daldalaa isaanii hirdhuu ta'e (kan akka biyya keenyaa) garuu biyyoota kamuu caalaa aarsaa kaffalu.

Gatiin boba'aa ni dabala kun ammoo gatii geejjibaa dabala. Gatiin geejjibaa dabaluun gatii mi'a geejjibsiifamuu dabala. Gatiin mi'aa fi tajaajilaa dabaluun kun ammoo qaalayiinsa gatii (qaalayiinsa jireenyaa) hammeessa. Misaa'ellii fi boonbiin achitti darbatamee waa balleessu sun qusannoo fi kiisii keenna keessas waan balleessu (hirdhisu) qaba.

01/04/2026

🙈

ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA *************************************(Kutaa 4ffaa)Kutaalee sadan darban keessatti: hiddi ...
01/04/2026

ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA
*************************************
(Kutaa 4ffaa)

Kutaalee sadan darban keessatti: hiddi latiinsa Israa'eloota Nabi Ibrahim (Abraham) irraa dhufuu isaa. Abraham Yisaaqiiin uumata, Yisaaq ammo Yaaqoobiin uumata. Yaaqob ammoo Yuusuuf (Yooseefii) fi obboleeyyan kudha tokkon isaa uumata. Yuusuufii fi obboleeyyan kudha tokkon sun saboota (gosoota) Israa'el kudha lamman ta'u. Maatiin isaanii abbaa isaanii Yaaqob waliin ta'anii Yuusuuf bira Masri galu.

Jaarraa lamaa oliif erga Masri jiraatan booda hoggansa Muusaa (Muusee) fi Haarun (Aron)iin achii bahu. Iyyaasuu Ilmi Nawwee (Yushua Ibn Nuun– Joshua) ammoo dachii Kana'aaniti isaan deebisee lafa san gosa gosaan qoodaaf. Isa booda abbooti murtiitiin bulaa turan. San booda Mooti Daawit (Nabi Dawud), itti aanee ilmi isaa Mooti Salamoon (Nabi Suleeymaan) angoo fudhata. Salamoon mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple, Beytal Maqdis) Jerusalem keessatti ijaarsisa. Isatti aanee Israa'elonni ilma Nabi Suleeyman kan Rehoboom jedhamuun bulaa otoo jiranii saboonni kudhanii addatti mootummaa ofii isaanii tolfatu. Isaan kurnan kun Aseeriyaanotaan weeraramanii badu (the Ten Lost Tribes of Israel).

Lamaan hafan Yihudi (Jews) jedhamu. Isaanis weerara adda addaa keessummeessu. Dura Nabukadanatsuriin Baabiloon isaan weeraree Mana Sagadaa Suleeyman ijaarsise diigee, boojuudhaan ilmaan Yihuudii fuudhee Baabiloonittiin galaan. Wagga shantam booda Impaayerri Baabiloon Cyrus the Great warra Pershiya (Iraanitiin) weerarama. Cyrus the Great Yihuudonni akka boojuutitti Baabilonitti fudhatamanii turan gara biyya Yihuudii (Jerusalem) akka deebi'an godha.

Impaayerri Cyrus the Great (Qiiroos Guddichi) ijaare (Achaemanid Empire) waggaa 220 booda Alexander the Great (Iskindir Guddichaan) weerarama. Iskindir erga du'e booda impayerri inni ijaare (kan aadaa Giriikii babaldhisu) bakka lamatti hirama. Isaan laman kun walduraa duubaan Jerusalemfi biyya Yihudii waggaa 136f to'atanii turan. Bodarra Yihudonni irratti fincilu. Fincilanii ni moohu. Jidduu sanitti waggoota 103f ofuma of-bulchuu danda'anii turan. Ta'us, san booda Impaayerri Roomaa dhufee isaan weerara. Warri Roomaa bodarra Jerusalemii fi naannoo san irraa isaan baqachiisu. Kutaa addunyaa garagaraa irratti faca'anii jiraachuu jalqabu.

Dhuma jaarraa arfaffaa irratti Impaayerri Roomaa iddoo lamatti–Impaayera Roomaa Baha fi Impaayera Roomaa Lixaa–jedhamanii qoodamu. Warri bahaa (Byzantine Empire) naannoo Paalastiin (Jerusalem) bulchuu ittti fuufu. Impaayerri Beeyzaantiin ammoo bara 636 waraana muslimootaan moyatamee Paalastiin (Jerusalem) irri'ama. Kana hordofee Paalastiinii fi naannoo san waggoota kumaa tokkoofi dhibba lama oliif Mootummoota Islaamaa garagaraatu bulchaa ture. Mootummoota san keessaa tokko (kan gara dhumaa bulche) Otomaan Turkii dha. Innis waggoota 400fii erga naannoo san (Paalastiin) bulchaa ture booda Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti wan moyatameef Impaayerri isaa diiggama. Otomaan Turkitti aanee kan naannoo san Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda bara 1917 fudhatu ammoo Biritish (Ingiliizota).

Jiwishonni (Yahuudonni) addunyaa irra faffaca'anii turan dhiibban addaa addaa, jibbaa fi miidhaan garagaraa (jibbi-seemii) irra gahaa ture. Miidha kana irraa hafuuf biyya ijaarachuu akka qaban murteessan. Erga buusanii baasan booda bakki biyya itti ijaaratan Paalastiin akka ta'u murteeffatan. Sochii kanas Zionism jedhaniin. Sochi Zionism kanaan suutuma suutaan Yihuudota Awuropaafi Raashiyaa irraa gara Paalastiin erguu itti fuufan.

Biritishonnis Labsii Balfour jedhamuun akka isaan biyya ta'uu danda'an irratti gargaaraa turan. Yeroma Biritishoonni Paalastiin qabatanii turan san Waraanni Addunyaa Lammaffan ka'a. Naaziin Jarmanii kan Adoolf Hitileriin hogganamu waraanicha irratti Yihuudota miiliyoona jaha ta'an haala sukkunneessaan fixa. Dhumaatiin Yihudotaa kun Holocaust (Holokast) jedhama. Warri Holokast dheessanii fi boodarra irraa hafanis gara Paalistiinitti baqatu.

Waraanni Addunyaa Lammaffaan erga xumurame booda gara fuulduraatti waraanni akkasii akka hinkaane dhoorkuufi nageenya addunyaa mirkaneessuuf jecha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) bara 1945 hundeeffame. Dhaabbatichi hundaa'ee wagga lammaffaa isaa (bara 1947) irratti dhimma Araboota Paalastiinii fi Yihuudotaa irratti murtee kenna. Lafa Paalistin san Araboota achi jiraataa turanii fi Yihuudota Awuuropaafi Raashiyaa irraa garas baqataniif qoqqooda murtichi. Yeroo kana baay'inni Araboota Paalistiin %68 yoo ta'u kan Yihudotaa %32 ture. Lafti Paalastiin %93 harka Arabootaa kan jiru yoo ta'u, %7 qofatu harka Yihuudotaa ture.

UN-iin murtee dabarseen lafti %55 ta'u Yihuudotaa akka kennamu, %45 ammoo Araboota Paalastiiniiti akka qoodamu, magaalaan Jerusalem amantii sadiiniifuu hiikkoo amantii guddaa waan qabduuf bulchiinsa idla-addunyaa jalatti Mootummoota Gamtoomaniin akka bultu kan murteessu ture.

Murtee kana Paalistiinonni lafa %93 of-harkaa qaban yoo cimsanii morman; Israa'eloonni ammoo murticha gammachuu ol'aanaan simatan. Paalistiinonni murti kana mormuun warra Yihuudii achi jiraniin walitti bu'uu jalqaban. Walitti bu'iinsi xixiqqoon Araboota Paalistiinii fi Yahuudota jidduutti godhamaa turan cimanii itti fuufan.

Ingliizonni Yihuudotaaf loogaa waan turaniif, Yihuudonni ijaarumsi isaan qaban kan Araboota Paalistiini irra cimaa ture. Gama siyaasaan, dipiloomaasiin, humna waraanaa ijaaruun, tikaafi odeeffannoo sassaabuun, walii-abboomuun Jiwiiishonni (Yihuudonni) jajjaboo turan. Jaarmiyaan isaani yeroma British achi jirtu kan hidhatee ture 'Hagana' kan jedhamu jabaa ture.

Jiwiishonni addunyaa irra faffaca'anii turan qabeenyaafi beekumsa garagaraa horataniin iddoma jiran irraa warra Paalistiinitti gale gargaaraa turan. Beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industiriin, dhaabbilee faayinaansii ijaruutiin, gama teeknoolojii fi saayinsiitiin argataa turaniin walbira dhaabbatanii walgargaaraa turan. Yeroo murtii UN san baay'inni Yihuudotaa Paalastiin dhaqqabanii 700,000 (kuma dhibba torba) kan hin caalle ture.

Paalistiinonni ammoo lafa isaanii falmuuf haga tokko bifa garagaraan haa ijaaraman malee, ijaarsi isaanii kan tokkummaa jabaa qabuufi kan ijaarsa Yahuudotaatiin walgitu hin turre. Baay'inni Paalistiinotaa yeroo san miiliyoona 1.4 (jechuun dachaa Yihuudotaa) ta'a ture. Walitti bu'iinsi xixiqqoon murtee UN irratti ka'an jabaataa deeman. Biritishonni walirraa isaan qabuu yaalan. Jiddutti isaanis haleelamuu jalqaban.

Murteen UN-iin murtaayee ji'a jaha booda (Caamsaa 14, bara 1948) Biritishonni Paalastiin dhiisanii bahuuf ta'uu isaanii ibsan. Galgaluma isaan dubbatan san Israa'elonni haala UN-iin murteesseen Mootummaa Israa'el hundeessinee jirra jedhanii labsan. Isaan labsanii daqiiqa kudha tokko booda Ameerikaan beekamti biyyummaa isaanii keennu isii addunyaaf himte.

Yihuudonni mootummaa dhaabbanne jechuu isaanii hordofee walitti bu'iinsi xixiqqoon ture gara Waraanaatti ce'e. Ganama itti aanu waraanni baldhaan biyyoota Arabaa shan (Lebanon, Jordan, Syria, Iraaq fi Masrii) dhaan Yihuudota (Israa'eloota) irratti jalqabe. Waraanni kun (Arab- Israel War of 1948 ykn First Arab Israel War) jedhamee beekkama.

Biyyoonni Arabaa kun magaalaa guddoo Yihuudonni tolfataa turan Tel Aviv xiyyaraan haleeluun waraanicha jalqaban. Yihudonnis ofirraa lolan. Isra'elonnis of-ittisuu irraa gara haleeluutti ce'aa deeman.

Labsachuu Jiwiishotaa san hordofee waraana jabaatu ji'a sagaliif godhame. Jiddu jidduun waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a tokko fa'aaf tureera. Lola (battle) gurguddaa 32tu godhame. Lolli gama qarqaraatiin biyyoota Arabaa shan (Masrii, Syria, Iraqi, Jordani fi Lebanon) wajji kan godhame yoo ta'u, jidduu biyyaatti ammoo ijaarsaa garagaraa Araboota Paalistiinii wajjiin kan godhame ture.

Lola jidduu biyyaatti godhameen Jiwiishonni (Israa'elonni) mo'achuu irra darbanii baadiyaa fi magaloota heddu fudhatan. Waranni hammaannaan ummanni Paalistiin hanga waraanni qabbanaayuuf mana isa qollofee qulfii fudhatee qe'ee isaa dhiisee yeroof jedhee gara qarqara biyyaafi biyya ollaatti godaanaa ture. Israa'eloonni gandoota 400 ol ta'an to'atan. Tooftaa adda addaatiin (waraanni yoo caame ni deebitu ammaaf gara naannoo nagaa qabuu deemaa) jedhaa Paalastiinota geggeessaa turan. Kan hafe ammoo waraanaan injifataa ummanni akka irraa baqatu humnaam gochuun gandoota heddu Paalastiinota irraa qulqulleessaa turan.

Lola kanaan magalonni akka Tiberias, Haifa, Safed, Beisan, Jaffa fi Acree injifannoo waraanaatiin to'annaa Israa'el jala galan. Magaalaan hiikoo amantaa guddaa qabdu Jerusalem ille cinaan tokko—gama lixaatiin (Western Jerusalem)— Israa'elootaan qabamte. Gama daangatiinis lola biyyoota Arabaa waliin godhaniin Yihudonni of-irraa qolachuun injifatoo turan.

Waraana Israa'eel akka biyyatti labsamuu hordofee dhoohe kanaan Araboonni 13,000 (kuma kudha sadi) yoo dhuman, Paalastiinonni 723,000 (kuma dhibba torbaaf digdamii sadi) ta'an ammoo qe'ee, qabeenyaafi biyya isaanii irraa buqqa'an. Laakkofsi kun ammoo walakka ummata Paalastiin jechuudha. Gama Israa'elinis namoota kuma jaha ta'antu dhume.

Waraana godhame kanaan Israa'el lafa Mootummoonni Gamtooman isiif murteessan (%55) irra caaluun lafa baldhaa %77–78 ta'u qabatte. Haala qabannaa waraanicha dura ture irraa yoo ilaallu lafti Paalastiini harka ture kan %70 ta'u Israa'elootan qabame. Paalistiinonni lafa kana irratti waraana otoo hinbaqatin tooftaa adda addaatiin keessatti hafan 156,000 (kuma dhibba tokkoof shantamii jaha) qofa turan.

Isaan baqatan dheebuun, beelaan, qorraaniifi rakkoo garagaraatiin kaampilee baqattootaa qarqara biyyaa (Weest Baank fi Gaazaa jiranitti), akkasumas kaampilee baqattootaa biyyoota ollaa jiranitti garmalee rakkachaa turan. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee, mootummooleen biroos Israa'el ummata buqqa'e kana qe'ee isaanitti akka deebi'an haa eeyyamtuuf gaafatanii turan. Garuu Israa'el gaafiin kun wareegama nu kafalletti qoosuudha: Dhiiga keenna itti lolaafnee, lafee keenna itti cabsinee, lubbuu itti harcaafnee lafa kana qabanne. Namni lafa qabanne kanatti kana booda as deebi'u tokkos hin jiraatu jettee jala sarartee addunyaaf himte. San boodas namoota deebi'uuf yaalanis itti dhukaasuu, hidhuufi maqaa lootee-galtoota (Infiltrators) jedhu itti maxxansuun hiraarsaa fi ajjeesaa turte. Lootee-galtoota kan jeettuun kanniiniif isaan kamiifuu obsa akka hinqabnes jala sarartee dubbatte.

Seenaa waldhabdee isaanii keessatti guyyaan Israa'eel mootummaa (biyya) ta'uu labsatte sun ijoodha. Waraana labsii san hordofee ka'e kanaan waan heddutu iddoo waljijjiire. Israa'el kaartaa adduunyaa irraatti biyya taatee yoo baatu, Paalastiin ammoo ni dhabmate. Jiwiishonni mootummaa yoo ijaaratan, Paalistiinonni ammoo badhee irratti hafan.

Biyyoonni Arabaa shanan waaree salphinnaa uffatanii yoo moyataman, Yihuudonni ammoo tokkummaan lolanii biyya hawwan ijaarachuu danda'an. Israa'eel lafa Paalastiin %7 irraa gara %78 yoo guddifattu, lafti %22 hafte sun kan Baha Jerusalem, Gaazaa fi West Baank hammattu harka biyyoota Araabaa waraana seenanii irratti hafe. Gaazaa Masriin (Gibxiin) yoo qabattu, Bahni Jerusalem (East Jerusalem) fi West Bank ammoo Jordaan harkatti hafe. Waraana kanaan Israa'el biyya taatee lafa baldhaa irratti alaabaa isii yoo dhaabbattu, hireen Paalastiinotaa ammoo gaafii keessa seene.

Warana kana bara 1949 injifachuu isii hordoftee, Israa'el labsii "Law of Return" — Seeraa Deebi'u–jedhu bara 1950 baafte. Seerri Deebi'uu kun Jiwiishonni (Yihudonni) biyya addunyaa kamiin irrayyuu jiran biyya haarawa hundoofte tanatti–Israa'elitti–deebi'uu kan danda'anii fi lammummaan Israa'el battalumatti kan kennamuuf ta'uu tuma. Seera kana hordofee Jiwiishotni addunyaa garagara irraa (keessattuu biyyoota Arabaa) irraa galuu jalqaban. Seera kanaan Yihuudonni faffaca'anii turan gara Israa'eel galuu isaanii hordofee baay'inni Yihuudota Israa'eeli kuma dhibba torba irraa gara miiliyoona 1.5-tti waggaa tokko qofa keessatti dabale. Isaan galan kana ammoo lafa Paalistiinota irraa buqqisanitti, furtuu mana Paalastiinotaa cabsaa, qabeenyaa isaanii san irratti qubsiisuun jireenya haarawa jalqabsiisan.

Paalistiinonni akka hin deebine dhoorkanii, Yihuudonni biyya garagaraa irra faca'an ammoo akka biyya haarawa hundeeffamte tana (Israa'el) dhufanii jiraatan godhaan. Paalastiinota muraasa waraana otoo hin dheessin qe'ee isaanii irratti hafan 156,000 saniif ammoo lammummaa kennan. Kana kan godhaniif qalbii addunyaa laaffifachuuf. Duguuggaa sabaa (ethnic cleansing) akka hinfakkannneef. Sirna appartaayidii kan sanyii tokko qofa hammatee kan biraa diinomsu ijaaran akka hin jedhamneef.

Paalistiinonni qe'ee isaanii irraa buqqifaman, waaranicha booda kaampiwwan baqattootaa kan biyyoota ollaa, akkasumas Weest Baankii fi Gaazaa jiru keessatti haala ulfaataan jiraachuu qaban. Paalastiinonni gaaga'ama waraana kanaan isaanirra gahe "Al-Naqba" jedhanii waamu. "Al-Naqba" jechi jedhu kun afaan keennaan akka "Balaa Guddaa" jechuuti.

Al-Naqba (Naqba) hordofee, mootummoota Arabaa waraanicha irratti hirmaatanii biyya reefuu haarawa dhaabbachuuf jettu injifachuu dadhaban irratti ummanni biyyoota sanii guungumuu jalqabe. Sirni mootiilee sun dadhabaafi kan faayida hinqabne jedhanii itti guunguman. Warri waraanaa (military) sababa warra siyaasaa salphinni akkana nu madate jechuu jalqaban. Baruma injifataman san 1949 sababuma injifatamuu isaaniitiif qondaalonni waraana Syria mootummaa Syria fonqolchaan kuffisan. Bara 1952 ammoo waraanni Gibxii (Masrii) sirna Mootii Faaruq fonqolche. Bara 1958 qondaalonni waraana Iraaq Mooti Fayisal fonqolchan. Sababni ijoon fonqolchoota kanaa dadhabinna sirni mootilee kun waraana 1948 (First Arab Israel War) irratti hirmaatee muldhiseedha.

***

Yihuudonni amantaa Juudayizim (Judaism) jedhamu qabu. Amantaan kun duudhaa, aadaa fi seera isaaniiti. Isaaniif amantii qofa otoo hintaane eenyuummaa isaaniitis. Amantaan Juudayizimii kan dhufe Abraham (Ibrahim) irraa waggaa kuma afur dura akka ta'etti amanu.

Akka amantaa isaanitti Waaqni erga Abrahaamitti of-ibsee booda, akka sanyii isaa baay'isuu fi eebbisu waadaa (kakuu) galeef jedhu. Tokkichummaa Waaqaatti amanu. Addunyaa irraatti nuti ummata filatamaadha jedhu. Waaqni kakuu (waadaa) nu waliin qaba jedhu. Nu’uu fi Waaqa jidduu hariiroo addaatu jira jedhu.

Judaayizimiin kitaaba amantaa Tanakh (Hebrew Bible) jedhamu qaba. Tanakh kun Macaafa Qulqullu (Kakuu Moofaa - Old Testament) guutuu kan qabu tu'ullee haalli tartiibaa kan boqonnaaleen itti barraayanii jiran garagara. Kitaaba jalqabaa 'Toorah' jedhanii waamu. Torah (Macaafni Kakuu Moofaa) nuuf qofa barreeffame, ummata biraa waan ilaalatu hinqabu jedhu. Macaaafa Qulqulluu (Kakuu Haaraa – Wangeela) hin fudhatan.

Iddoon kadhannaa isaanii 'Synagogue' ykn 'Shul' jedhama. Abbootiin amantaa ammoo 'Rabbi' (Raabaay) jedhamu. Urjiin qara jahaa qabdu kan alaabaa Israa'el irra jirtu sun mallattoo amantii Juudayizimiiti.

Akka amantaa isaanitti gara fuulduraa nabiyyiin ykn "Messaih"n sarara sanyii Nabi Daawud (David, Daawit) irraa dhalatu ni dhufa. Inni Jiwiishota (Yahuudota) addunyaa irra faffaca'anii kallattii arfaniinuu jiran lafa Israa'el irratti walitti qaba. Masiyaan (Messiah) kun akka qajeelfama 'Toorah'—kitaaba amantaa isaanii shanan keessa kan jalqabaa sanitti–deebi'anii bulan isaan jabeessa. Yihuudota cubbuufi waan badaa irraa dhorka. Cubbuu irraa isaan qulqulleessa. Miidhamaa fi rakkoo irraas isaan baraara. Addunyaan guutuunis dhufaatii isatiin nagaa argatti jedhanii amanu. Isa booda dhumni addunyaa (Tinsaa'en ykn Qiyaamaan) dhaabbatti jedhu.

Akka amantaa isaaniitti Iyyasuus Kiristoos (Isaa) miti kan bara dhumaa dhufu. Isaan biratti Kiristoos Waaqas miti. Nabiyyii Waaqaatis miti. Akka nama sobduu addunyatti taphatee (shawwadeetti) ilaalu. Nabi Muhaammad (SAW) nabiyyiidha jedhanii hin amanan. Barreeffama amantaa isaanii tokko tokko keessatti akka nabiyyoota sobaa ummata dogongorsaniitti ilaaluu ykn ibsu.

Barri haarawaa (Rosh Hashanah) isaanii seenee guyyoota kurnan jalqaba irratti waan bara tare balleessaniifi tolchan keessa deebi'anii ilaalu. Araarama Waaqaa kadhatu. Guyyaa 10ffaa bara harawa isaanii irratti ayyana 'Yom Kippur' jedhamu kabajatu. Guyyaa san (sa'aatii 25f) hin nyaatan, hin dhugan, nafa hin dhiqatan, salqunnamti hin raawwatan. Guyyaa guutuu araaramaa Waaqaa kadhataa oolu. Isaan biratti Yom Kippur guyyaa kabajamaa dhumaati (the holiest day jaraati).

Naannoon Masjiidn Al-Aqsaa jiru isaan maqaa ‘Temple Mount’ jedhuun waamu. Amantaa isaanii keessatti iddoo qulqulluu (eebbifamaa ykn kabajamaa) dhumaati. Iddoo Mana Sagadaa Jalqabaa (First Temple) kan Nabi Suleeymaniin (Mootii Salamooniin) ijaaramee Baabiloonotaan diiggamee ture irratti Masjidni Al-Aqsa ijaarame jedhanii amanu. Iddoon kadhannaa (sagadaa) guddaan amantaa isaanii “Western Wall” kan jedhamus kan argamu ollaama Masjiid Al-Aqsaa kanatti. Masiyaan (kan bara dhumaa dura dhufee walitti nu qaba) jedhan dhufuu isaatiin dura Manni Sagadaa (Third Temple) naannoo Masjidn Al-Aqsaa amma jirutti ijaaramee isa eeguu qaba jedhanii amanu. Akka amantaa Islaamatti ammoo Makkaa fi Madiinatti aanee Masjiidn Al-Aqsaa (Jerusalem) iddo qulqulluu (holy city) sadaffaadha.

Waraana bara 1948tiitiin magaalaa Jerusalem cinaa lixaa Israa'el kan qabatte yoo ta'u, cinaa bahaa kan iddowwan Masjidn Al-Aqsa fi Western Wall (bakki sagadaa Yihuudota itti argamu) ammoo Joordanitu qabatee ture.

***
Waraana bara 1948 kan hundeeffamuu Israa'eeliif sababa ta'e hordofee sirni mootilee biyyoota Arabaa fonqolchaan raafamuu isaa asii olitti kaafnee turre. Fonqolcha saniin Masritti namni General Mohammed Naguib jedhamu bara 1952 angoo qabata. Isa booda qondaalli waraanaa Gamal AbdulNasir jedhamu bara 1954 tooftaadhaan isa duraa san dhiibee angoo ofii fudhata.

Gamal AbdulNaasir pirezedaantii Masrii ta'a. Gamal nama sabboonummaa Arabaa (Pan-Arab Nationalism) akka malee leellisuu fi jabeessuudha. Araboonni waltaanee biyya jabdu takka ijaarachuu qabna jedhe hogganaa yaada dhiheessuudha. Sababa kanaaf Gamal AlbdulNasir jaalalaafi kabaja guddaa biyyoota Arabaa kan biroo irraa argachuu danda'ee tura. Namonni akka Muamar Gaadaafii fa'a yeroo ijoollumaa isaanii jaalalaafi dinqisiifannaa Gamal AbdulNasiriif qabaniin biyya biyya isaaniitti gara sochii siyaasaa seenan.

Gamal Abdulnasir bara 1956 bo'oo Suez (Suez Canal) kan biyya isaa Masri keessa taree Galaana Diimaa fi Galaana Medetiraaniyaanii walqunnamsiisu harka Masrii jala akka galu (nationalize) godha. Bo'oo kun (Suez Canal) jidduu bara 1859-1869 dhaabbata Ingiliiziitiin kan ijaarame yoo ta’u, hanga bara 1956tti Gamal AbdulNasir to’annaa biyya isaa Masri jala galchutti, qaraxa boo'o kana irraa argamu ciinaa ol Ingiliizotaatu fudhata ture.

Pirezedaantiin Masrii Gamal AbdulNasir Suez Canal dhuunfachuu isaa hordofee biyyoonni sadi (Israa'el, Faransaayii fi Ingiliiz) dhoksaadhaan marii godhu. Marii isaanii irrattis Israa'el dursitee akka waraana jalqabdu. San booda Faransaayii fi Ingiliiz waraanicha irratti tooftaan itti makamuun akka Israa'el gargaaran waliigalu.

Haaluma kanaan bara 1956 Israa'el Masrii irratti waraana bante. Faransaayiifi Ingiliizi akkuma waaranni jalqabeen ajaja waraana dhaabaatii, isin lachuu naanno Suez Canal irraa fagaadhaa, Yeroodhaaf nuti to'annee nageenya bo'oo mirkaneessina jedhu dabarsan. Yoo waraana hin-dhaabdan ta'e nageenya bo'oo kanaa mirkaneessuuf kan dirqamnu ta'a jedhan. Masris, Israaelis hin dhaabne. Ingiliizii fi Faransaay boonbii roobsanii Seuz Canal deemanii qabatan. Ameerikaan akkamitti otoo naan hin mari'atin, ana dhoksanii kana godhu jettee dallanti. Dhiistanii baatan moo liqaa fi deeggarsa kiyya isin irraa kuta jettee biyyoota kana sadiin akeekkachiifti.

Ameerikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Soviyeetii akka Masriin bo'oo kana dhuunfattuuf ejjannoo waan qabataniif, Israa'el faati dhiisanii bahan. Masriin ji'oota lamaaf waraanan irraa fudhatamus, injifannoo dipilomaasii kanaan Suez Canal dachii isii keessa bayu guututti fudhattee to’achuun galii irraa argachuu jalqabdi. Waraanni kun (Suez Crisis, Second Arab Israel War ykn the Tripartite Aggression) jedhamuun beekama.
***

Bara 1967 Israa'el tasa Masriin irratti waraana banti. Xiyyaaronni waraanaa Masrii otoma lafa irra jiran dhaqxee rukuttee barbadeessiti. Warrana kanaan Israa'el Gibxiin Gaazaa keessaa ariitee, Gammoojii Siinaa (Sinai) Masrii qabatti. Waraana kanaan Israa’eel haleellaa qilleensaatiin humna qilleensaa Masriii rukutuun guyyama jalqabaatiiin daaraa botoroo gooti.

Guyyoota itti aananitti waraanni Israa’eel humna waraanaa Joordan kan cinaa baha Jerusalem (East Jerusalem) fi West Bank qabatee jiru rukutuun Jerusalem fi Weest Baank keessaa baasuun Paalastiin guutuun guututti to'ata.

Kallattii daangaa Sooriyaatiinis waraana bantee injifachuun lafa biyya Sooriyaa kan Golan Heights [Lafa olka'oo (tulluwwan) Golan] jedhamu fudhatti. Waraana guyyaa jaha qofa ture kanaan Israa'el Gammojii Siinaa kan Masrii, Lafa Garreen Olka'oo Goolan kan Sooriyaa, Gaazaa, Baha Jerusalem fi West Baank guututti to'achuun qabachuu dandeetti. Waraanni kun ‘Six-Day War’ (Waraana Guyyaa Jahaa) jedhamee beekkama. Waraanichi haala siyaasaa, dipilomaasii fi kaartaa Baha Jiddu-Galaaa (Middle East) kan jijjiireedha.

Waraana kana injifachuun Jiwiishotaa biyya Israa’eel jedhamtu hiddaan jabeessanii gad-dhabuu isaanii kan muldhiseedha. Magaalaa Jerusalem guutuun guututti harkatti galfatuun isaaniif waan akka malee murteessaa ta'eedha. Paalastinootaaf ammoo waraanichi kan carraa biyya ofii qabaachuu isaanii dukkaneesseedha. Paalistinonni Gaazaa, West Bank fi Baha Jeerusalem irratti biyya akka ta'aniif Mootummoota Gamtooman dabalatee biyyoonni heddu fedhaafi ejjannoo qabu.

Waraanni bara 1967 garuu waan kana qormaata biraa keessa galche. Gammoojjii Siinaa Masri irraa fi Lafa Olka'oo (Golan Heights) Sooriyaa irraa fudhatte Israa'el ni deebisti moo maaltu ta'aa kan jedhuu fi hireen Paalistiinotaa waraanicha booda maal ta'a kan jedhu irratti fedha dubbisaa keessan ilaallee kan itti fuufnu ta'a.

31/03/2026

Barreeffama "ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA" jedhu dubbisaa jirtuu?

Kutaa sadaffaa irra geennee jirra. Seenaa waggaa kuma afurii bifa tartiiba yerootiin, haala yaa'a isaa eeggateen barreeffamichi isiniif dhiheessee jira. Dubbisaa! Waan heddu irraa bartu. Takka dubbisuu jalqabnaan otoo hin argin isin jalaa dhumaa deema. Warri dubbisaa turtan, kutaa arfaffaadhaan boru walitti dachaana.

31/03/2026
😳🙈
30/03/2026

😳🙈

Iraanii fi Ethiopia

Maaltu wolitti fide akka jechuuf jarjarte nan tilmaama. Iraan biyya woggoota afurtamman darbaniif qoqqobbii akaakuu fi sadarkaa adda addaa jala turteedha. Hardhas, qoqqobbii san dandamattee worra lixaa fi Israa’eel wajji wol gaarreffatti. Qoqqobbii akka Iraan irra kaayamee san Ethiopian yeroo hagamiif dandamatti kan jedhu haa laallumaaf, lamaan wol biratti yaame.

Dura dubbiin dollar-a irraa kaati. Dollari ammoo maalaqa gabaan addunyaa ittiin adeemsifamu. Itoophiyaan baankii biyyoolessaa keessaa kuusaa dollaraa kan biyyattii ji’a sadi caalaa hin horanne qabdi. Dollar qabdu sanniiniin otoo dhokfattee mi’a isiif ta’u bitattee ji’a lamaa hanga sadihi ni turti.

San booda hoo, maaltu ta’a:
Boba’aan biyya kanatti fayyadamnu hundi alaa gala. Dollari boba’aa ittiin fidannu ammoo ji’a lama sadi keessatti ni dhume, hin jiru. Qoqqobbii waan ta’eef boba’aa sanuu biyya sitti gurguratu hin argatu. Argattus dollarri ittiin gabaa baatee bitattu si harka hin jiru. Kanaaf, yeroo ji’a sadi hin guunne keessatti konkolaataan jidduu biyyaa jiru boba’aa dhabee dhaabbata. Kan naannoo daanga jiru highland’n illee taatu biyya ollaa irra ima woraabata jechumaafi.

Geejjibni motoraa hin jiru. Gullallee hanga Boolee—yoo qabaattee konkolaataa elektrikitiin, yoo dhabde ammoo lafoo—itti qajeelta. Kan amma oluma kaatee daqiiqaa 40 keessatti Kofalee Shaashamannee geettu, farda barbaadde sa’aa afurii shanitti geetta.

Biyya doktarri daabboo itti gaafatu tanatti—biyya wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenne tanatti—ji’a lama booda gatiin nyaataa samii tuqa. Yoma tuqeyyuu—humna waa bituu birriitu gatii dhaba malee—wonti haala gahaan hin oomishamne eessaa siif dhufa? Alaa dhufa. Alli ammoo sitti cufate. Kanaaf, maal taataree, yeroo gabaabdu booda beela bara 1977 tuffachiisutu mudatuu danda’a.

Itiyoophiyaan qoricha %65 ol ta’u alaa fiddi—gabaasa dhihooti kun. Woggaa lama dura %80 ol ture. Dhukkubsattee qoricha sirnyaa argachuun sitti cima. Gosti qoricha ati hin argannees laakkofsa hin qabu.

Dubbiin baay’ateef harretti hin fe’anii. Haa gabaabsuu. Xaa’oon akka biyyatti oomishtu hin jiru, kanaaf bu’aan qonnaa kees gadbu’ee rakkoo wabii nyaataa mirkaneessuu san sitti cimsa. Fira alaa qaba, waan inni naaf erguun bibbitadha, yoo jette sirni daddabarsa maallaqaa gama baankiin godhamus qoqqobbii keessa jira; akki itti siif erganiin hin jiru. Kanaaf, Kenya ykn Djibouti deemtee yoo achitti sooramte malee, asitti gara baankiin wanti si dhaqqabu wohiituu hin jiru.
..kana laakkayee itti hin ba’uu. Mee waa’ee Iraanii qoqqobbii akkanaa dandamattee misaa’elaa fi diroonii tolchitu tuffachuu itti deebinaa... dura mee xaa’oo oomishinee, qonna hammayyeessinee nyaataan of haa dandeennu. Uffata Chaayinaa fi Turkii uffanne zannaxnuun kana asitti tolfachuuf haa carraaqnu. Ogummaa fayyaatiif kabaja maluuf kenninee tajaajila fayyaa fi oomisha meshaalee waldhaansaa fi qorichootaan sadarkaa fagoo amma jirru irraa haa fooyyeffannuu. Kun hundi barnootaa fi leenjii gahaa malee ta’uu waan hin dandeenneef— barachuu fi barnoota hardha tuffatame kana deebisnee lubbuu itti haa horru..! Fagoo jirraa haa tirannu! Galatoomaa!

ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA *************************************(Kutaa 3ffaa)Kutaa lamaan duraa keessatti saboonni I...
30/03/2026

ISRAA'EL: TA DURII FI TA AMMAA
*************************************
(Kutaa 3ffaa)

Kutaa lamaan duraa keessatti saboonni Israa'el kudha lamman akaakayyuu isaanii Abraham (Ibraahim) irraa hiddi latiinsa isaanii dhufuu isaa, saboonni (gosoonni) kudha lamman sun waggoota kuma tokkoof tokkummaan waliin jiraatuu isaanii, yeroo Mootii Daawit (Dawud) san lafa baldhaa hanga laga Euphratis Iraaq jiru irraa hanga Gammoojjii Siinaa Gibxi jiruutti lafa baldhifachuu isaanii, san booda aadda bahuu (qoodamuu) isaanii, erga adda bahan booda saboonni kurnan weerara Aseeriyaanotaatiin achumaan baduu isaanii, saboonni lamaan hafan ammoo Yihudii (Jews) jedhamuu isaanii,

Yihuudonni kunis weerara Impaayera Roomaatiin addunyaa irra faffaca'uu isaanii, yeroo Impaayerri Islaamaa naannoo sanitti babaldhataa tureefi mootummoonni Islaamaa san booda dhufanii waggoota kumaa oliif naannoo san bulchaa turanitti Yihuudonni muraasni naannoo sanitti hafanii turan mirga fooyya'aa argachuu isaanii. Yihuudonni faffaca'anii turan ammoo biyyoota adda addaa keessatti—keessattuu Awuuropaa fi Raashiyaa keessatti— dhiibbaan garagaraa, jibbiifi miidhaan adda addaa (antisemetism) isaan irra gahaa turuu isaa kutaalee lamaan duraa keessatti ilaallee ture. Kutaa sadaffaa itti haa fuufnuu:

Manni Amantaa Ortoodoksii Raashiyaa Yihuudota akka ummata badaa Kiristoos hiraarsanitti barootaaf barsiisaa turte. Awuroopaa keessattis ijuma saniin ilaallamu ture—akka ummata hamaa Kiristoos hiraarsanitti. Haalli kun ammoo jibbi Yihuudotaa akka cimu shoora taphataa ture.

Bara 1881 mootiin Raashiyaa Alexander II jedhamu tasa ajjeefama. Olololli Yihuudotatu ajjeese jedhu ni babaldhata. Isaan garuu ajjeechaa keessaa harka hinqaban ture. Jibba dura ture irratti ololli kun dabalamee akka Yihuudonni Raashiyaa keessa jiran haleelaman godhe. Yihuudonni barbaadama tumaman. Muraasni ni ajjeefaman. Isaan hafan ammoo haala kana irraa Raashiyaafi Awuroopaa dhiisanii baqachuutti ka'an.

Jibba, tuffii fi miidhaa Yihuudota irratti yaaduu fi raawwachuun 'antisemetism' (jibba-seemii) jedhama. Yihuudonni bebeekkamoo fi dhiibbaa uumuu danda'an jibba-seemii Awuroopaafi Raashiyaa keessatti hidda godhatee isaanis miidhaaf saaxilaa ture kana haala dhaabuu danda'an irratti bara 1880moota keessa marii'achuu jalqabu. Marii isaanii kana irrattis 'biyya saba Yihuudii qofa hammattu' ijaaruun rakkoo jibba-seemii kanaaf furmaata akka ta'e amanu. Lafti biyya san itti ijaaran ammoo Paalastiin akka taatu waliigalan.

Sochiin Yihuudota addunyaa irraatti faffaca'anii jiran walitti qabanii Paalastiniitti deebisanii biyya Israa'el jedhamtu ijaaruu ammoo "Zionism" jedhama. Imalli biyyoota san irraa Yihuudotaan gara Paalistiin godhamu "Aliyah" jedhama. Sochii Zionism (Tsi'oonummaa) kana ammoo akka piroojektii guddaatti kan sochoosaa turan Yihuudota barnootaan, beekumsaan, beekamtiinii fi qabeenyaan sadarkaa gaarii irra turaniidha.

Namni akka hundeessaa Sochii Zionism-tti ilaalmu Theodor Herzl gaazexeessaafi barreessaa cimaa ture. Bara 1896 kitaaba "Der Judenstaat" (Mootummaa Israa'el) jedhu barreessa. Kitaabicha keessattis murteessummaa biyya Yihuudui of-dandeette irratti ibsa kenna. Itti aanse, bara 1897 marii bakka-bu'oota hawaasa Yihuudii biyya Swizerland, magaalaa Baasel jedhamtu keessatti qopheessa. Mariin isaanii kunis Dhaabbata Tsioonummaa (World Zionist Organization) akka hundeeffamuuf bu'uura ta'a.

Zionistootaaf (warra Paalistiinitti biyya Isaa'eel jedhamtu ijaaruu hawwaniifi kaayyoo kana milkeessuuf hojjataniif) qormaata guddaatu isaan fuuldura ture. Innis: bara isaan sochii san yaadaniifi jalqaban (1880moota keessa) lafti Paalistiin sun lafa duwwaa jirtuu miti. Lafa ummanni kuma dhibba jaha ta'u irra jiraatuudha. Ummata san keessaa ammoo %2–3 kan ta'u (~20,000) qofatu Yihuudiidha. %90 kan ta'an ammoo Araboota Paalistiinii turan. Yihuudota san harka ammoo lafa %0.5–1 taatu tama akka qe'ee dhuunfatti irra jiraatan qofatu harka isaanii ture.

Kaayyoon ijoon sochii Zionism (Zaayonizimii) haalli asii olii kun (haalli baayi'inni ummataa fi qubatiinsa lafaa Paalistiini jiru) jijjiiramaa deemee biyyi Israa'el jedhamtu milkeessuudha. Kana milkeessuuf, sochiin kun Yahuudota Awuroopaa fi Raashiyaa keessatti jibbiinsi hamaan irra gahaa ture gara Paalisitiin akka deebi'an suuta suutan erguu jalqaba.

Imala kana (Aliyah) daran milkeessuuf akka idla-addunyaatti 'World Zionist Organization' marii duraa irratti kan hundeessan yoo ta'u, marii-waggaa marsaa shanaffaa irratti ammoo 'Jewish National Fund' hundeessu. Isaan kun lamaan Yihuudota Paalistinitti erguu irratti hujii baldhaa hojjatu. Paalistiin keessaatti Yihuudota Awuropaadha garas deeman kan simatu 'Jewish Agency for Palestine' kan booda irra Jewish Agency ta'u hundeessuun hojicha cimsanii itti deeman.

Yihuudonni biyya keessa (Paalistin) jiraataa turan Jewish Agency waliin ta'uun lafa bituun, manneen barnootaa ijaaruun, dhaabbilee fayyaa babaldhisuun, Yahuudota Paalistiinitti deebi'an akka gaaritti gargaaruu qaban. Jidduu bara 1881 fi 1914 (hanga waraanni addunyaa tokkooffaan) jalqabutti Yihuudonni kuma afurtama (~ 40,000) ta'an Raashiyaa fi Awuroopaa irraa gara Paalastiin deemanii qubatanii jiru. Warri qubatan kun ammoo aadaafi afaan Hibruu achitti akka babaldhatu xaaraa turan.

Bara 1914 Waraanni Addunyaa Tokkoffaan ni dhoha. German, Austro-Hungary fi Ottomaan Turkii garee tokko turan. Gareen isaanii Garee British, France fi Raashiyaatiin ni moyatama. Otomaan Turkiin waranicha irratti waan mohatameef, lafa baldhaa Impaayera Otomaan Turkii jala ture biyyoonni injifatan kun adda qoqqoodatu. Qoqqoodiinsa kanaan Paalistiin kan dura Otomaan jalatti bulaa turte–British (Ingilizootan) bara 1917 qabamti.

Biritishonni Paalistiin qabatu. Ministera hajaa-alaa British namni ture kan Arthur Balfour jedhamu labsii tokko baruma san (1917) baasa. Innis lafa Paalistiin irratti biyya (mootummaa) Jiwiish ijaaruu kan jedhudha. Labsiin kun 'Balfour Declaration' jedhama. Labsiin Balfour kun ammoo kan sochii Zionism jalqabamee ture san daran cimsuu danda'uudha.

Labsii kana booda Yihuudonni gara lafa Paalastiin tan British-iin jalatti bulaa jirtuu godaanan haalaan dabalan.

Kanaanis baay'inni isaanii kan bara 1880moota keessa %3 hin caalle ture, bara 1922 laakkofsi Yihuudota Paalistiin jiranii 83,790 (laakkofsi ummata waligalaa ammo 752,048) ture. Kan jechuun baay'inni Yihuudotaa gara %11 olsiiqe jechuu. Bara 1925 Hebrew Univeristy Jerusalem keessatti hundeessan. Inni kun deebi'aanii dandamachuu fi ijaaramaa dhufuu Yihuudotaaf (Israa'eliif) akka waan guddaatti ilallame. Imala Awuuropaa fi Raashiyaa irraa godhamuun laakkoofsi isaanii suuta suutaan akka dabalaa dhufu hojjatame.

Waggaa torba booda bara 1929tti laakkofsi Yahuudotaa 156,481 (kan waliigalaa ammoo 992,559) ta'e. Gara %16 ol siiqe jechuudha. Bara 1936 laakkofsa ummata waligaala 1,336,518 kana keessaa Yihuudonni gara 370,483 guddatan. Kun ammoo %28 ummata lafa sanii ta'an jechuudha.

As irratti hin dhaabbane kun yeroma yeroon dabalaa deeme. Demography (haala baay'innaafi facaatii ummataa) lafa sanii (Paalistiin) jijjiiruu cimsanii itti fuufan.

Yeroo kun hundi ta'u Araboonni Paalistiinii ta'anii ilaalaa turan moo gaafiin jedhu isin keessatti umaamuu hin oolu. Bara 1920 fi 1921 mormii fi jeequmsi guddaan Araboota Paalistiniitiin bulchiinsa Ingilizii (British) irratti sababa baay'innaan qubsiifamuu Yahuudoota irratti ka'ee ture.

Abbootiin amantaa, namoonni siyaasaa, beektonnii fi hoggantoonni hawaasaa Paalistin walitti dhufanii Palestinian National Congress bara 1919 (waggaa lama Labsii Balfour booda) hundeeffatanii turan. Dhaabbanni kunis gara Liigii Mootummootatti (League of Nations) Paalistiinii bilisa taate ijaaraachuu akka barbaadaniifi isa irratti akka Liigichi gargaaru xalayaan deddeebiin gaafataa ture. Garuu itti hin milkoofne. Itti milkaayuu dhabuu qofa otoo hintaane, Liigiin Mootummootaatuu Biritish haala Jiwishonni Paalistin irraatti biyya ta'uu danda'an irratti akka gargaartu 'mandate' (ajaja ykn hadaraa) itti kennee ture.

Baay'innaan qubsiifamaa dhufuu Yihuudotaa fi loogii Biritishoonni isaaniif godhan mormuun ammas bara 1929 Western Wall, Jerusalem keessatti hokkara uumameen Yihuudonni 133 fi Paalistiinonni 116 du'anii turan.

Biritishonni yeroo san: Yihudonni akka baay'innaan Awuuropaa irraa seenan, seenanis lafa bitachuu akka danda'an. Mana barnootaa, dhabbilee fayyaa fi sosochii diinagdee kan ummata kaan irraa addaa ta'e kan qophaa isaanii akka qabaatan. Caasaa mootummaa kan fakkaatu dalgaan akka tolfatan. Humna waraanas akka ijaaratan. Meeshaas hanga fedhan akka hidhatan—Yihuudota gargaaraa turan.

Biritishoonni: faallaa kanaan ammoo Paalistiinota cunqursaa, yoo morman hidhaa, hokkorri yoo ka'e ajjeesaa, qawwees hiikkachiisaa, lafa irraa buqqisaa, lafa san Yihuudonni bitanii akka irratti qubatan godhaa loogii (daba) Palistiinota irratti raawwataa turan.

Dhaabbileen Araboonni Paalistiin ijaaraa turaniifi ijaaramni isaan qabataa turan kan cunqursaa humna British dhaabuu danda'u hin turre.

Dabalataan, jibba-seemii Awuuropaafi Raashiyaa keessatti isaan irra gahaa ture dheessuun jidduu bara 1881 fi 1914 qofa keessatti Jiwiishonni (Yihuudonni) miliyoona lamaa ol ta'an (2,019,000) gara Ameerikaa baqatanii turan. Isan kun ammoo carra achi jiruun beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industiriifi saayinsiitiin argataa turan. Siyaasa Ameerikaa keessattis hanga gorsitoota pirezedaantota Ameerikaa gahuu danda'anii turan. Iddoo dhiibbaa guddaa umuu danda'an akkasii irra gahuun isaanii ilaalaachafi imaammata alaa Ameerikaan dhimma Araboota Paalistiinii fi Yihuudota irratti hordoftu isaaniif kan loogu akka ta'u godhee jira. Kara kanaanis fayyadamuun Jiwishonni gargaarsaa guddaa kaayyoo biyya hundeessuu isanii milkessuuf argataa turan.

***
Yeroo Biritishoonni Paalistiin bulchaa turan san, bara 1933 Adolf Hi**er mummee mootummaa (chancellor) biyya German ta'a.

Adolf Hi**er nama Yahuudota akka malee jibbu ture. Jibba isaa kanas bifa ifa ta’een tarkaanfachiisa. Rakkoo German-iin mudataa tureef sababni jara jedha. Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti sababni German mooyamteef keessaa inni tokko Yihuudotuma as nu waliin jiraatantu nurratti shireeti jedha. Kufaatii diinagdee fi qaalayinsa hamaa waraanicha booda mudates jaratu harka keessaa qaba jedha.

Isaan German keessaa dhabama ta’an malee German jabaachuu fi deebitee ijaaramuun itti cima jedhee ifatti dubbata. Kanaanis lammilee heddu yaada isaa kana jalatti hiriirsisuu danda’a.

Adolf Hi**er fi partiin isaa Naaziin German-ii akka sagantaa mootummatti qabachuun Awuroopaa Bahaa keessaa Yahuudota qulqulleessuf (balleessuuf) socho'an. Kabaja waggaa jahaffaa angoo qabatee irratti Adolf Hi**er Yahuudota Awuroopaa keessaa balleessuun dirqama waan jedhu wahii ifatti bahee dubbate. Naaziin ilaalcha akkanaa tarkaanfachiisu kun bara 1939 Poland weeraruun Waraana Addunyaa Lammaffaa jalqaba.

Lola biyyoota ollaa isaanii wajjiin godhaa turaniifi akkasumas weerara Gamtaa Sooviyeet irraatti bara 1941 godhaniin lafti baldhaan Yahuudonni miiliyoona afur ta'an saboota biroo waliin keessa jiraatan isaan (Naazii) harkatti kufa (gala).

Naaziin Adoolf Hi**er—jidduu bara 1941 fi bara 1945nii—boolla qochisiisaa rukuttaa rasaasaa jumlaan, waan akka koontenara sibilaa keessatti gaazii summa’oon ukkaamsanii ajjeesuun, hojii humnaa garmalee itti baay’isuun, beelaan adabuun, 'torture' godhuun, fannisuun, qorannoolee fayyaa lubbuu nama galaafatan irratti shaakaluun, yeroo cabbii imala dheeraa nyaataa fi dhugaatii malee akka deeman gochuun, wolitti qabee rashanuun—Naaziin German-ii—Yahuudota miiliyoona jahaa (miiliyoona 5.6 hanga 6.9 tilmaamaman) mucuq godhee fixe. Kun ammoo baay'inna Yahuudotaa yeroo san Awuroopaa keessa jiraataa turan keessaa lama-sadaffaa (2/3) kan ta’u jechuudha.

Duguuggaan sanyii fi dhumaatiin rifaasisaani Yihuudota Awuuropaa turan irratti Naazii Jarmaniin yeroo Waraana Addunyaa Lammafaa mudate kun "Holocaust" jedhamuun beekama. Wagga wagganis yaadatama.

***
Yeroon Naazii Jarmaan (Waarana Addunyaa Lammaffaa) Jiwiishotaaf yeroo hedduu ulfaataafi yeroo hamaa dhumaa ture.

Warri Naazii yeroo jalqabaa (waraana jalqabuu isaaniitin dura) akka sagantaatti kan qabatanii turan, Yihuudonni dhiibbaa isaan irra gahaa jiru arganii ofuma isaaniitii dheessanii haa baqataniif ture. Kan baqatan jiraanatis hedduun isaani naannoma jireenya isaaniitti itti fuufan. Ni baqanna yoma jedhanis, iddoon (biyyi) itti baqatanis waan salphaan argamu hin turre. Fakkeenyaaf, Muddee bara 1941 dooniin baqattoota Yihuudii 769 qabattee imalaa turte Turkiin seentee baqatuuf taanaan ni dhoowwamte, san booda biyya biras yaalte dhoowwamte, Inglizonnis akka isaan bira hin seenne dhoowwan. Booda irra doonattiin dhidhimtee lubbuun Yihuudota 769 sun darbe. Yeroo ulfaataa kanatti Jiwiishonni carraan qaban gara Paalistiinitti deebi'uu ykn dhumaatii itti dhufaa jiru dhandhamuu ture.

Isaanis sochii Zionism dura jalqabanii turan san cimsanii gara Paalistiin baqatuu itti fuufan. Yeroo British Paalistiin bulchaa turtetti jidduu bara 1917 fi 1947 (waggaa soddoma keessatti) Yihuudonni 400,000 (kuma dhibba afur ta'an) Raashiyaa fi Awuuroopaa irraa Paalistiinitti godaanuu danda'anii jiran. Kun ammoo baay'inni isaanii Paalistiinitti 1/3 (tokko-sadaffaa) ummata waliigalaa akka ta'u godhee jira.

****
Dhumaatii Holokaast (Holocaust) booda, ummanni addunyaa Yihuudotaaf haga tokko gara-nyaattoo muldhisuu eegale. Gara-nyaattoon kun ammoo akka kaayyoon isaanii kan Paalistiinitti deebi'anii biyya Israa'el jedhamtu ijaarachuuf qaban sun ija badaan hin-ilaallamne godheef. San irras taree, dhimmi isaanii dhimma mootummoota adda addaa mariisisu ta'e.

Yaa'ii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii (General Assembly of UN) Kan onkoloolessa bara 1947 godhameen dhimma Paalistiiniifi Israa'el ijoo dubbii ture. Yaa'icha irrattis murtiin darbe. Murtiin kunis Partition Resolution (UN Resolution 181) jedhama. Murtiin sun qoqqooddaan lafaa (Paalistiinii) jidduu Araboota Paalistiinii fi Yihuudota (Israa'eel) akka ta'u murtii dabarsa. Partition Resolution (murtiin qoqqoodaa lafaa) kun: lafa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan kennu yoo ta'u, Magaalaan Jerusalem waan hiikkoo amantaa guddaa qabduuf bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtoomaniin bultu kan jedhu ture.

Yeroo san (bara 1947) baay'inni ummata Paalistiinii %67 kan ta'u, lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii kana kan hin fudhanne ta'uu morman. Murteen kun gonkumaa haqa-qabeessaa miti jedhanii Paalistiinoonni mormii garagaraatiin muldhisan.

Murteen kun darbee ji'a torba booda, (Caamsaa 14, bara 1948) Ingilizonni lafa Paalistiin kan Otomaan booda waggaa soddomaaf bulchaa turan dhiisanii bahuuf akka qophii xumuran lallaban.

Galgaluma Caamsaa 14 san, haala qoqqoodiinsa Mootummoota Gamtoomanii saniin Israa'eloonni Mootummaa Israa'el (State of Israel) hundeeffachuu isaanii addunyaaf labsan. UN-nis beekamtii kennuufi ibse.

Labsiin Yihuudonni lafa %7 ta'u qofa qabatanii lafa UN jedhu %54 irratti biyya taane jedhan sun, ganamuma itti-aanu waraana baldhaa biyyoota Arabaa shan (Lebanon, Jordan, Syria, Iraaq fi Masrii) irraa isanaatti akka jalqabu godhe. Waraanni kun (Arab- Israel War of 1948 ykn First Arab Israel War) jedhamee beekkama.

Araboonni magaala guddoo Yihuudonni tolfatan Tel Aviv xiyyaraan haleeluun waraanicha jalqaban. Yihudonnis ofirraa lolan. Booda Ingilizonni ni baana jedhan deeggarsa Isra'eeliif gochuun Isra'elonni of-ittisuu irraa gara haleeluutti akka ce'an gargaaran. Waraana ji'a sagal fudhate booda Yihuudonni waraanicha mohachuun lafa dabalata kan UN murteesseef irra taranii Paalistiin qabatan. Lafa %7 qabatanii turan irraa %78 to'atanii waraanicha injifatan. Palistiinonni lafa san irra turan akkam ta'u? Yihuudonni tooftaa akkamiitiin mohota? San booda hoo maaltu mudata kan jedhu irratti kutaa itti-aanuun walitti haa deebinu moo haa nu gahu?

Address

Y
Kofele
X

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Nuredin Luke posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Nuredin Luke:

Share

Category