04/08/2024
صلوات ربي وسلامه عليه
-Sallallaahu_alayhi wassallam_jedhiin
Yoo yatiima taate: isaantu haadhaaf abbaa malee guddate!
Yoo hiyyeessa taate: Isaantu hiyyummaa irraa uffata qabsiisee nyaata fudhate!
Yoo dhukkubsataa taate: isaantu waan namni lama dhukkubsatu kophaatti dhukkubsate!!
Yoo biyyaa ari'amte: Isaantu biyya irraa baafamee waggaa 10 fageeffame!
Yoo ilmi si jalaa du'e: Isaantu osoo jiran ijoollee 6 awwaale!!
Yoo nama jaalattu dhabde:
Isaantu khadiijaa akkaan jaalatan dhabe!!
Yoo beelofte:Isaantu beelarraa taa'ee salaate!!
Yoo arrabsamtee xiqqeeffamte: isantu
(Falfalaa,maraataa,kijijbaa... jedhamee arrabsame!!
Yoo shirri sirratti xaxame:
Isaantu summiin itti godhamee ajjechaafis yaaliin irratti taasifame!!
Akka dhalatanii waggaa 63 osoo hin boqatin addunyaan adda bahan.
Waan feete taanus wama fedheen rakkannus; hunda Nabi Rabbiitu si dursa!!
Yaa habiibi kiyya Yaa isa obsa keetirraa obsinuu sitaajjabe!!
Sallallaahu alayhi wassallam Sallallaahu alayhi wassallam
صلوات ربي وسلامه عليه.
صلوات ربي وسلامه عليه.