Dr.Haro Tadele

Dr.Haro Tadele Medical Doctor and Lecturer at Bule Hora University Teaching Hospital.You can DM me for any Health related counselling.

Philanthropist & Entrepreneurship aspirant!

KAANSARII MAR'IMAAN GUDDAA FI BUUBBUU(COLORECTAL CANCER)**************************************Kaansariin kun nama bayyee...
13/11/2025

KAANSARII MAR'IMAAN GUDDAA FI BUUBBUU(COLORECTAL CANCER)
**************************************
Kaansariin kun nama bayyee qabuudhaan sadarkaa 3ffaa irratti kan argamuufi waggaatti namoota miliyoona tokkoo fi isaa oliitu kaansarichaan qabama.
kansariin kun yeroo seelonni marriman guddaa fi buubbuu keessa jiran too'annaan ala baay'atani fi booda gara kutaa qaama keenya kan biraattillee tatamsa'anii miidhaa fiduu danda'u.gabaabsinee "colon cancer or re**al or bowel cancer" jennee yaamuullee dandeenya.yeroo takka takka seelonni kunneen osoo kaansariitti hin jijjiiramne dura polyp(abnormal growth) sadarkaa jedhamanitti meeshaa colonoscopy jedhamuun screen godhamee (akka Joe BIDEN dhiyoo laalame sanitti ) yoo arkame polyp kun muramee osoo inni kaansaritti hin jijjiiramne baasuun ni danda'ama.

✓Haa tahuu maaltu akka kaansariin kun akka nama qabuuf nama saaxiluu dandaha.
-umriin dulloomuu keeysaahuu waggaa 50 ol (garuu kanaa gadittiis dhufuu dandaha common tahuu baatullee)
-maatii ofii keeysa namni isaan qabame yoo jiraate(kuni muraasa

FAYYUMMA GARAACHAA AKKAMITTI EEGGANNA  ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~ 1. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn dhugaatii hir’isuu    ...
13/11/2025

FAYYUMMA GARAACHAA AKKAMITTI EEGGANNA
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
1. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn dhugaatii hir’isuu
2. Tamboo/sigaaraa xuxuu dhiisuu
3. Buna garmalee baay’isanii hin dhuginaa (yaadadhaa bunni faayidaa qaba yoo hin baay’isne)
3. Qorichoota akka Ibuprofen, Aspirin, Diclofenac hin baay’isinaa
4. Hin dhiphatinaa... rakkoo jiruuf furmaata barbaadaa malee
5. Nyaata coomaa fi zaayitiin itti baay’ate hir’isuu
6. Nyaata daabboo, paastaa fi sukkaaraa hir’isaa
7. Nyaata kuduraa fi muduraa sirritti sooradhaa
8. Qullubbii diimaa fi adii, timaatimii, baaqelaa, raafuu (spinach) hir’isuu — namoota tokko tokko irratti rakkoo uuma
Qurxummii sooradhaa
9, Bishaan guyyaatti hanga kubbaayyaa 6–8 dhugaa
10. Damma nyaadhaa ... warri dhukkubicha qabdan ganama garaa duwwaatti fallaana 2–3 osoo nyaattanii, madaa garaachaa fayyisuuf ni gargaara
11. Sochii qaamaa guyyaatti daqiiqa 30, torbanitti guyyaa 5 hojjachuun fayyaa garaachaa fi qaama maraaf gaariidha
12. Cuunfaa Jinjibilaa (ginger) fi dammaan walitti makanii dhuguun garaachi madaa’e akka fayyu ni gargaara
13. Muuzii yeroo yerootti soorachuun garaachaaf ni tola
***********************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

13/11/2025
Viral Hemorrhagic Fever Outbreak Occured in the Southern Part of Ethiopia and few death have been reported including hea...
12/11/2025

Viral Hemorrhagic Fever Outbreak Occured in the Southern Part of Ethiopia and few death have been reported including health professionals (Physicians and Nurses) who have contact with an index case!

Gartuu Dhiigaa RH Negeetiivii fi Ulfa**************************************Dubartiin ulfi jalqabaa 1,2,3 walitti aansee ...
09/11/2025

Gartuu Dhiigaa RH Negeetiivii fi Ulfa
**************************************
Dubartiin ulfi jalqabaa 1,2,3 walitti aansee irraa bahe isin mudattee hin beektuu? Ulfi irra deebin bahuu kana ammoo hawaasni akka abaarsaatti yeroo dubbatu isin mudatee hin beekuu? Ani dubartiin sababa RH- incompatiblity kanaan ulfi jalqabaa 3 irraa bahe na mudatee beeka!

Egaa maarree kuni abaarsa osoo hin taane rakkoo armaan gadii kanaadha!👇

Rh pirootinii seelii dhiiga diimaa irratti argamuudha. Kana irratti hundaa'un seelin dhiigaa kun RH posativa (kan pirootinii kana ofirraa qabuu) fi RH negetiiva (kan pirootinii kana of irraa hin qabne) tti qoodama.
Haati takka Rh negetiiva yoo taatefi dhiira gartuu dhiiga Rh posatiiva qabu irraa yoo ulfoofte rakkoon adda addaa miciree mudachuu danda'a. Kunis kan ta'u sirni farra alagaa haadhaa miciree sana akka alagaatti waan ilaaluf ittiin lola waan ta'eefi.

RH Negetiiviin akkamitti uummama?

1) Haati RH -ve taatee daa’imti RH +ve (kan Abbaa irraa dhaalte) yoo ta’e.

2) Yeroo ulfaa ykn dahuumsaa dhiigni daa’ima karaa hidda handhuuraan yoo gara hidda dhiiga haadhaa seene.

3)Dursee yaala hin argatu taanan ulfi itti aanullee carraa waan kanaan saaxilamuu qaba.

RH Negetiiviin miidhaan daa’ima irratti qabu maali?

✓Ulfi garaa bahuu
✓Hir’ina dhiigaa
✓ Ulfi gadaamessa keessatti du’uu
✓ Dadhabbii Onnee daa’imaa
✓Ulfi yeroo malee dhalachuu

WALA’AANSA

Haati tokko yeroo ulfoofte irraa kaasee hordoffii Mana yaalaa ni taasifti yoo ta'e carraan waan kanaan miidhamuu ishee gadi bu'a sababni isaas dursitee rakkinicha adda baafatti waan ta'eef.
Haadha Rh negetiivii taatef yeroo ji'a 7 guutte qorannoon 'indirect coombs test' jedhamu ni taasifama.
Sana booda qorichi fudhatamu karaa ogeessa fayyaa kan laatamu ta’u ta’a.
*************************************
Hub:- Rakkinni kuni salphumatti hordoffii yaalaa ulfaaf dursitee haati yoo taasifte salphaatti argamuufi irraa baraaramuun ni danda'ama!
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

09/11/2025

Hubannoo Marsaa Laguu waan beekuu qabnu!
***************************
Xuriin laguu qophii jijjiramaa qaamni hormaata dubaraa hormoonota adda addaatiin wol hormaataaf ji'a ji'aan godhu dha.
--
■ Yeroo baay'ee kan inni itti dhufu guyyaa 28tiin yoo ta'u, guyyaa 21-35 yoo turaa kan dhufu ta'es rakkinna akka hin qabnetti fudhatama. Garuu kanaa olis ta'ee kanaa gadi yoo kan turaa dhufu ta'e rakkini jiraachuu mul'isuu mala. Kana qofaaf otoo hin ta'in dugdi/xuriin laguu yeroo inni itti dhufu (guyyaa jalqabaa) kan ji'a ji'aa galmeessuun faayidaa hedduu qaba.
---
---
■ Dubarri takka jijjiirama dargaggummaa (saal-lammeessoo) kan akka harmi guddachuu qabaattee dugdi ishee hanga woggaa 16 guuttutti yoo jalqabuu baate ykn jijjiiramni dargaggummaa (saal-lammeessoo) otoo hin jiraatin dugdi/xuriin laguu/ ishee otoo hin dhufin waggaa 13 yoo geesse rakkinni akka jiru waan muldhisuuf mana yaalaa deemtee ilaalamuu qabdi.
---
---
■ Dhufee guyyaa lamaa hanga torbaa turuu danda'a. Sanaa ol yoo kan turu ta'e rakkinni jiraachuu mala. Kanaaf mana yaalaa deemanii laallamuun barbaachisaa dha.
---
---
■ Yeroo hedduu dhiigni/ dugdi bahu haphii ta'ee baha. Irra jireessaan dhiigni ititaa kan bahu yoo ta'e, guyyatti moodeesii sadihi ol kan nama fayyadamsiisu, ykn hamma ammaan dura dhufu/jigu irraa yoo daran heddumaate, wolumaa galatti dhufee hammi isaa 80 ml (sinii shayii) tokko ol kan ta'u yoo ta'e rakkinna qabachuu danda'a jechu dha. Kanaaf Doktora bira deemanii laallamuun bayeessa.
---
---
■ Yeroo dugdi ykn xuriin laguu dhufu dhukkubiin xiqqoo namatti dhagahamuu mala. Dhukkubbiin hamaan dalagaa ykn barnoota irraa nama olchu ykn dalagaa nama hin dalagsiisne yoo jiraate laallamuun barbaachisaadha.
---
---
■ Dhiigni yeroo marsaa xurii laguu lamaan jidduutti dhufu/jigu, akkasumas wol qunnamtii saalaa yeroo godhan dhiigni jigu/bahu yoo jiraate ykn yeroo wol qunnamtii saalaa dhukkubbiin yoo kan namatti dhagahamu ta'e mana yaalaa deemanii ilaallamuun barbaachisaa ta'a.
---
---
■ Dahumsa booda haadha harma hin hoosifne irratti yeroo hedduu xuriin laguu torbaan 6-8 keessatti deebi'e dhufa. Haa ta'u malee haadha harma hoosiftu irratti otoo xurii laguu hin argin hanga ji'a Kudha saddetiis (Woggaa tokkoof cinaa) turuu dandeessi. Otoo xurii laguu hin arginis/dhiigni hin mul'atin deebitee ulfaayu ni dandessi.
---
---
■ Yoo dugdi/xurii laguu guyyaa isaa eegataa (bulii digdamii saddeet saddeetiin) dhufu ta'e fi qoricha qusannoo maatii hin fudhanne ta'e killeen wolhormaataa guyyaa kudha arfaffaa irratti gadi lakkifamti. Kanaafii umrii/turtii isparmiin qaama wolhormaataa keessa turu yoo fudhanne shamarri takka guyyaa marsaan xurii laguu takka jedhee dhufee irraa laakkofnee guyyaa 12- 16 jidduutti ulfaayuu dandeessi. Haa ta'u malee isa kana akka mala qusannaa matitti fayyadamuun amansiisaa miti. Malli guyyaa ulfaayuu dandad'an dabarsuu kun dubartoota dugdi/xuriin laguu guyyaa isaa eeggataa hin dhufneefi dubartoota gonkumaa ulfayuu hin barbaanne/ulfayuu hin qabneef mala qusannoo gorfamaa ta'e miti.
---
---
■ Nannoo dubarri wol hormaata dhaabuuf deemtutti (naannoo woggaa ~45-50) dugdi xiqqachuu, turaa turaa dhufuun inuma jiraata. San booda gara dhabbatuutti deema. Erga xuriin laguu umriin sun gahe dhaabbate booda dhiigni jigu jiraannaan qorannaan baldhaan waan barbaachisuuf otoo hin turin ilaallamuun gaariidha. Akkasumas woggottan jalqabaa dugdi dubara takka irratti mul'achuu jalqabu sanittis xiqqaachuu, turaa turaa dhuufun inuma jiraata
Dr. Ilillii Jemaal

08/11/2025

Vacancy
***********
Position: Medical Radiology Technologist Qualification: B.sc Degree in MRT with a
License to practice
Number: 1
Salary : With Negotiation
Place of Work: Mormora Medium Clinic, Megado town, Oddo Shakiso District, East Guji Zone of Oromia.
NB: Priority will be given to those who have a relevant work experience and/or Fluent in both Amharic and A/Oromo communication.
All interested applicants can reach for us on: +251926491774
+251916941598
on Telegram
**********************************
Mormora Care Health Service PLC
Real & Genuine Care!

07/11/2025

Dhugaawwan Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu

👶💧 ✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa isaan hin barbaachisu.

🤱 ✍️ Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessaa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e kan harma hoosisuu caalu hin jiru.

🛡️ ✍️ Harma hoosisuun daa’imman irraa dhukkuboota hedduu ittisa.

💪 ✍️ Daa’imni dhukkubsattu tokko yoo sirriiti harma haadhasaa hodha ta’e dhukkuba san irraa dafee akka dandamatuuf ni gargaara.

💖 ✍️ Daa’imman harma haadhaa hodhan daa’ima nyaata kan biraa sooratan caalaa fayyaan isaanii amansiisaadha.

🧼 ✍️ Harmi haadhaa yeroo hundaa qulqulluudha. Daa’imman harma haadhaa utuu hin hodhin nyaata kan biroo nyaatan, nyaata nyaatan san keessa jarmooti fayyaa isaanii huban hedduu jiraachuu waan danda’uuf carraan dhukkubsachuu guddaa qabu.

🧠 ✍️ Akka qorannoon mul’isutti daa’imman ji’oota jalqabaa ja’an keessatti aannan harma haadhaarraa argatan qofa soorachuun guddina sammu fi guutummaa qaama isaaniif albuuda isaan gargaaru guutuu argachuu danda’u.

🏋️‍♀️ ✍️ Hanga ji’a ja’aatti daa’imman aannan harma haadhaa yoo kan sooratan ta’an, ciminnaa fi guddinna qaamaa akkasumas dhukkuba dandamatoo tahanii guddatu.

🚫🍬 ✍️ Akka amantaa namoota hedduutti daa’imman haara dhalataniif guyyoota jalqabaa muraasaaf aannan kennuufiin gaarii akka hin taane dubbatu. Namoonni kunneen bishaan sukkaaran yoo daa'ima kichuu amma dhalatteef kenname fayyaa isaaniif gaarii taha jedhanii haasayu. Lammiiwwan keenya baay’een beekumsa dhabuun kana godhu. Haa tahu malee barsiifati kun sirrii miti. Bishaan sukkaaraa fayyaa daa’imman keessanii miidha. Kanaaf harma haadha qofa kennaafi.

🕐 ✍️ Daa’imni akkuma dhalatteen sa’aatiiwwaan jalqabaa keesaatti harma haadhaa argachuu qabu.

🥗 ✍️ Haati takka aannan ga’aa fi qulqullina gaarii qabu daa’ima isii sooruuf, ofii isiitiif nyaata ga’aa ta’e soorachuu qabdi.

💚🌸 Xumuraan: Daa’imni harma haadha qofa soorate fayyaa, jabina fi gammachuu guutuu qaba.

Kiliniika Giddu Galeessa Dr Hajjii Nagawoo

07/11/2025

Vacancy
***********
1.Position:Clinical Nurse Leve IV/B.sc Nurse
Qualification: Level IV/ B.sc in Nursing with a License to practice
Number: 1
Salary : With Negotiation
Place of Work: Mormora Medium Clinic, Megado town, Oddo Shakiso District.
2.Position: Druggist/Pharmacist
Qualification: Level IV/ B.sc with a License to Practice
Place of Work: Mormora Drug Store, Megado town, Oddo Shakiso District
Salary: With Negotiation
Number : 1
Gender : Male
All interested applicants can contact us on: +251926491774/+251916941598/
on Telegram
**********************************
Mormora Care Health Service PLC
Real & Genuine Care!

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU*******************************Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukku...
31/10/2025

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU
*******************************
Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukkuba haalaan namarraa namatti daddarbuudha. Haalli tatamsa'ina isaa kan HIV tiin wal bira qabnee yoo ilaallu kan hepaataayitas B tu irra hamaadha. Dhangala'aa (hancufa, dhiiga, dhangala'aa qaama saalaa dubartii fi mi'oo) nama dhibee kanaan qabameetiin wal tuttuquudhaan namarra namatti daddarba. Kana malees yeroo da'umsaa haadharraa gara ilmootti ni dabra. Dhukkubni kun yoo tallaalamne guutumaa guututti kan ofirraa dhoorkuu dandeenyuudha
Eenyuutu tallaalamuu qaba?
---------------------------------------------
✍ Daa'imman hunda
✍ Nama yeroo hedduu dhiiga namaa fudhatu
✍ Maatii keeysaa namni dhukkuba kana qabu yoo jiraate
✍ Daa'ima haadha dhibee kana qabdu irraa dhalate
✍ Ogeeyyii fayyaa hunda

Kanaafuu carraa argattanitti fayyadamtanii of tallaalchisuun baayyee bareedaadhaa
《Dhukkubsatanii dawaa barbaaduurra, dursanii of eeguutu wayya》
***********************************
Fayyaa hin dhabinaa, fayyaan faaya!!
Hajjii Nagawoo'tiin

Namoonni Naannoo Oddoo Shaakkisoo, Magaadoo fi Haya Diimaa jiraattanu Talaallii kana Kiliinika Giddu-galeessa Mormoratii argachuu ni dandessu!

Dhibee Qakkee(pertussis)********Yeroon ammaa kun yeroo utaalloo fakkaata. Kana malees iddoo tokko tokkotti qakkee ka'aa ...
26/10/2025

Dhibee Qakkee(pertussis)
********
Yeroon ammaa kun yeroo utaalloo fakkaata. Kana malees iddoo tokko tokkotti qakkee ka'aa waan jirtuuf odeeffannoo kana hubannoof itti dhihaadha!!
Dhibeen qakkee baay'inaan kan argamu daa'imman irratti yoo ta'u,Warren umriin isaanii waggaa 2 fi Sanaa gadii keessatti dhibee hamaa fi hamma lubbuun darbuu geessisuu danda'uudha.
Innis kan dhufu bakteeriyaa(B.pertusis)kan jedhamuudha.

Mallattoolee dhibichaa
akkuma beekkamu hawaasa keenya keessatti dhibee torbee jaha jedhamuun beekkama.mallattooleen kunneenis:funyaan cuccufamuufurrii wal-irraa hin cinnee kan bishaan fakkaatu.haxxiifachiisuu fa'i fi laydaa ykn gubiinsa qaamaa sadarkaa gadaanaan mallattoolee jal-qaba irraatti mul'ataniidha.Akkuma cimaa adeemun,gara qufaa walirraa hin cinne kan haqqeen faana bu'amu kan torbee sadiifi isaa olii mallattoolee dhukkubichaa keessaa isaan hangafaati.
Hub:_daa'immaan ji'a tokkoo gadii irraatti mallattooleen dhibichaa argansuun sekondii muraasaf dhaabbachuu fi bifti qaamaa jijjiiraamu(cyanosis) kan jedhaman isaan ijoodha..Warren dhibee kanaaf sababa ta'an keessaa muraasni:daa'imman talaallii hin fudhatin.tuttuqqii fi walitti dhiheenya nama dhibee kanaan qaban waliin baay'isu.ulfa.kanaaf daa'imman kamiifiyyuu talaalliin erga dhalatan irraa ka'ee sirnaan kennamuufin baay'ee barbaachisaadha.xaxaa dhibichaa:-Dhibee ujummoo qilleensaaDhibee gidduu-gurraa.funuuna gaggabdoosammuu keessatti dhiiguu.miidhama sammuu daa'immanii sababa oksijiinii dhabuun dhufu(hypoxic encephalopathy)kan jedhamaniidha.
Erga daa'imman dhibee kanaan qabamanii maal gochuuttu nu irraa eegama?akkuma mallattoo armaan olii irratti argineen karaa mana yaalaa geessun yaalchisuudha!
**************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin Dhabinaa!

"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"**************************************1. Boqonnaa Godhuu fi Tasga...
21/10/2025

"Yeroo Dhukkubbiin Kalee Nu Eegaltu Maal Gochuu Qabna?"
**************************************
1. Boqonnaa Godhuu fi Tasgabbaa'uu.
- Waan hojjachaa jiruu dhaabun ciisuu ykn taa'uu.
- Hafuura dheeraa baafachuu.
- Miira dhiphinaa hir’isuuf tasgabbaa’uu.
2. Bishaan Dhuguu (yoo hin dhoowwamne):
- Bishaan qulqulluu xiqqo xiqqo dhuguun kalee qulqulleessuuf gargaara.
- Garuu yoo fincaan fancaa'uuf kan rakkanu ta'e ykn rakkoo onnee qabaanne, bishaan baay’ee dhuguun balaa ta’uu danda’a — kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuun gaaridha.
3. Fincaan Ilaalu:
- Fincaan dhiiga qabu, foolii qabu yookiin fincaan yoo xiqqaate, mallattoo dhukkuba kalee ta’uu danda’a.
- Fincaan nama gubuun yookin dhiiga makatuun yeroo bayyee mallattoo dhukkuba kalee agarsiisa. Kanaaf dursanii odoo dhukkubbiin hin eegalin adda baafachuun barbaachisaadha.
4. Dawaa Ajaja Ogeessa Fayyaatiin Ala Liqimsuu Dhiisuu:
- Dawaan tokko tokko kalee miidhuu danda’a, fakkeenyaaf ibuprofen, paracetamol fi aspirin yeroo kaleen nu dhukkubde akka dhukkubbii nurraa dhaabuf liqimsuun rakkoof nu saaxiluu danda'a.
5. Nyaata Keenya Sirreessuu:
- Nyaata soogidda xiqqaa qabufii mi'eessituu baay'ee hin qabne nyaachuu.
- Nyaata akka baaduu, karootii, fi kudraafii mudraa bilcheessinee fayyadamuu.
******************************************
MallattooleeYeroo Dhukkubbiin Kalee Kaatuu:

- Gubaa cimaa garaa fi dugdaa.
- Fincaan dhiiga qabu fncaa'uu.
- Dadhabbii cimaa.
- Harkaa, miilaafii fuulli iitawuu.

Mallattoo kana yoo ofirratti agartan, hatattamaan gara hospitaala deemuun dirqama.
*****************************************
Dhukkubbiin kalee yeroo baay’ee sababa infection, cirracha kalee, ykn miidhaa kalee irraa ka'uu danda’a. Dhukkuba kalee dursuu fi ittisuun dhukkuba hamaa akka dialysis irraa nu baraara. Bishaan dhuguu, nyaata sirrii nyaachuu, fi qorannoo yeroo yerootti gochuun fayyaa kalee keenyaa eeguf nu gargaara.
*************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

Address

Harekello
Negele

Telephone

+251926491774

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Haro Tadele posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Haro Tadele:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram