Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa

Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa This is the Official page of East Borana Zone Health Office.

15/04/2026
15/04/2026

ከ50 በመቶ በላይ ጤና ጣቢያዎችና ጤና ኬላዎች ዲጅታላይዝ ተደርገዋል
+++++++++++++++++

| በኢትዮጵያ በገጠሪቱ አካባቢ ከሚገኙ 17 ሺህ ጤና ጣቢያዎችና ኬላዎች ውስጥ ከ50 በመቶ በላይ የሚሆኑትን ዲጅታላይዝ ማድረግ መቻሉን ጤና ሚኒስቴር አስታወቀ።

የጤና ሚኒስትር ዴኤታ ሳህረላ አብዱላሂ ለጋዜጣ ፕላስ እንደገለጹት፤ ዲጅታላይዜሽኑ የጤና ኤክስቴንሽን ባለሙያዎች ከክትባት ጀምሮ የእናቶችና የሕፃናት ክትትልን፣ የጤና መድኅን አገልግሎትን እንዲሁም የሪፈራል ሥርዓትን ለማጠናከር ትልቅ አቅም ይፈጥራል።

በኢ-ሲ ኤች አይ ኤስ (Electronic Community Health Information System) ሥርዓት ከ30 ሚሊዮን በላይ ሰዎች መረጃ መያዙን ገልጸው፤ በሀገሪቱ ገጠራማ አካባቢ ከሚገኙ ጤና ጣቢያዎችና ጤና ኬላዎች ከ50 በመቶ በላይ የሚሆኑትን ዲጅታላይዝ ማድረግ መቻሉን አንስተዋል፡፡

እስካሁን ከ60 በላይ ጤና ተቋማት ሙሉ በሙሉ እንዲሁም ከ170 በላይ ጤና ተቋማት ደግሞ በከፊል ዲጅታላይዝ መደረጋቸውን የገለጹት ሚኒስትር ዴኤታዋ፤ በቀጣይም 4 ሺህ 500 የሚሆኑ ሆስፒታሎችና ጤና ኮሌጆችን ሙሉ ለሙሉ ዲጅታላይዝ ለማድረግ እየተሠራ መሆኑን ጠቁመዋል።

የጤና ተቋማትን ዲጅታላይዝ ማድረግ ዲጂታል ኢትዮጵያ 2030ን ለማሳካት በሚደረገው ርብርብ የራሱ የሆነ ከፍተኛ ሚና እንዳለው አስረድተዋል።

በዘርፉ ያለውን የቴክኖሎጂ ተጠቃሚነት ለማሳደግና ችግሮችን በኢኖቬሽን ለመፍታት መንግሥት አስፈላጊውን ድጋፍና ክትትል እንደሚያደርግም ሚኒስትር ዴኤታዋ አክለው ገልጸዋል።

የጤና ተቋማትን በቴክኖሎጂ የማዘመን ሥራ መጠናከር ለኅብረተሰቡ ዘርፈ ብዙ ጠቀሜታዎችን የሚያስገኝ ሲሆን፤ በተለይም የወረቀት ፋይል ፍለጋን በማስቀረት የታካሚዎችን የአገልግሎት መጠበቂያ ጊዜ በእጅጉ ይቀንሳል።

የታካሚዎች የሕክምና ታሪክና መረጃዎች በዲጂታል ሥርዓት ተቀናጅተው መያዛቸው የሕክምና ስህተቶች እንዳይከሰቱ ከፍተኛ እገዛ ያደርጋል።

ከዚህም ባለፈ የሪፈራል ሥርዓቱን በማቀላጠፍ መረጃዎች ከጤና ኬላ እስከ ከፍተኛ ሆስፒታሎች በፍጥነት እንዲለዋወጡ በማድረግ የዜጎችን ሕይወት ለመታደግ ያስችላል።

ሥርዓቱ በተለይ እናቶችና ሕፃናት የክትባትና የክትትል ጊዜያቸውን ሳይዘነጉ ተከታታይ የሕክምና አገልግሎት እንዲያገኙ የሚያግዝ ሲሆን፤ በመድኃኒትና በሕክምና ግብዓቶች አቅርቦት ላይ የሚታዩ ክፍተቶችን አስቀድሞ በመለየት ያለምንም መቆራረጥ ለተጠቃሚው ተደራሽ ለማድረግ ጉልህ ሚና ይጫወታል።

በልጅዓለም ፍቅሬ
+++++++++++++++++
@ጋዜጣ-ፕላስ #ኢትዮጵያ #ቴክኖሎጂ

Duulli Calallii Kaansarii Fiixee Balbala Gadaamessaa ykn Cervical CA Screening Dhaabbilee Fayyaa Godina Boorana Bahaa ke...
15/04/2026

Duulli Calallii Kaansarii Fiixee Balbala Gadaamessaa ykn Cervical CA Screening Dhaabbilee Fayyaa Godina Boorana Bahaa keessatti gaggeeffamaa jira. Kuni Aanaa Liiban Buufata Fayyaa Hardootitti yeroo Calalliin kuni gaggeeffamuudha.

Mallattoolee dhukkuboota ujummoo fincaanii  » Hoo’a qaamaafi qorra hoollachiisu. » Lolloojjessuu, hoqqisiisuufi gadi tee...
15/04/2026

Mallattoolee dhukkuboota ujummoo fincaanii
» Hoo’a qaamaafi qorra hoollachiisu.
» Lolloojjessuu, hoqqisiisuufi gadi teessisuu.
» Dhukkubbii mudhii, dugdaafi ceekuu kan mirgaa, bitaa yookiin lachuu
» Fincaan gubuufi ammaa amma fincaa’uu
» Fincaan mudduu
» Dhukkubbii qaama handhuuraa gadii
» Halluun fincaanii gara daalachaatti jijjiiramuufi darbees dhiiga makachuu
» Fincaan foolii badaa/ajaa’aa horachuu
» Dubartoota irratti dhukkubbii yeroo wal qunnamtii saalaa

Fayyaan Faaya
Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa

Fayyaa Hawaasaa Eeguuf Ogeessi Fayyaa Cichoominaan hojjataa jira. Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaas Kilastara Buufata Fay...
14/04/2026

Fayyaa Hawaasaa Eeguuf Ogeessi Fayyaa Cichoominaan hojjataa jira.
Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaas Kilastara Buufata Fayyaa Borboritti Dhibee Busaa Ittisuuf Iddoo wal hormaata Bookee Busaa Bishaan Ciisaa ykn Stagnant Water irratti qorichi Marsaa wal hormaata bookee Busaa Jeequ Ogeessa Fayyaatiin itti naqamaa jira.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liban Buufata Fayyaa Fulootti Barnoonni Fayyaa Hawaasaaf  Buufata Fayyaa keessatti yeroo kenn...
14/04/2026

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liban Buufata Fayyaa Fulootti Barnoonni Fayyaa Hawaasaaf Buufata Fayyaa keessatti yeroo kennamu. Hawaasaaf Dhimma fayyaa irratti hubannoo kennuudhaan hawaasni jijjiirama Haalaa Amalaa Fidee Fayyaa ofii akka Tiikfatu gochuun murteessaadha.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Walaabuu Lixaa Ganda Warreetti Koonfiransiin Dubartoota Ulfaa Agarsiisa nyaataa ykn Cooking D...
14/04/2026

Godina Boorana Bahaa Aanaa Walaabuu Lixaa Ganda Warreetti Koonfiransiin Dubartoota Ulfaa Agarsiisa nyaataa ykn Cooking Demonstration Ogeeyyii Ekisteenshinii Fayyaa fi Ogeeyyii Fayyaatiin yeroo Gaggeeffamu.

Faaydaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa
14/04/2026

Faaydaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

13/04/2026

'iinsa 2013-2027 A.L.I
Fayyaa Hawaasaa Fedhii Hawaasa keenyaatiin Wal gitu kennuuf Erga qorannoon sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa irratti godhamee booda Roodmaappii Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa Waggaa kudha Shanii ,Bara 2013_2027 A.L.I hojirra oolu Ministeera Fayyaa Fedraalaatiin bocamee Biyya keenya keessatti irratti hojjatamaa jira.
Roodmaappii Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii fayyaa maaliif Barbaachise?;Akka Biyya keenyaati sagantaan paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa hojirra kan oole Bara 1997 A.L.I yoo tahu Hawaasni Tarsimoo Fayyaa kana irraa Faayidaa guddaa argataa turee jira.Haa tahu malee Gutugututti fedhii fi rakkoo Fayyaa Hawaasaa furuu hin dandeenye.Kanaafuu Sirna Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa Hawaasa keenya madaalu Roodmaappiin Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa bocamee hojirra Oolaa jira.
Roodmaappii Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa Maali?; Waliin Gahiinsa uwwisa Tajaajila Fayyaa Hawaasaaf kennuu ykn Universal Health coverage Hawaasa Baadiyaa fi Magaalaa biratti mirkanessuudha.
*Hojiilee Roodmaappii Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisternshinii Fayyaa keessatti hojjatamaa jiran
1.Qoqqoodinsa Keellaa Fayyaa
-Keellaa Fayyaa Waliinii
_Keellaa Fayyaa Bu'uuraa
_Keellaa Fayyaa Walii Galaa
2.Bakka Hawaasni Buufata Fayyaa ykn Hospitala Irraa baayyee fagoo Tahetti Keellaa Fayyaa Walii Galaa ijaaruudhaan Hawaasni Dhamaatii tokko malee Tajaajilaa yaalaa akka argatu gochuu
3.Sagantaa Hirmaannaa Hawaasaa irra deebiin fooyya'e ykn redesigned Community Engagement strategy hojirra Oolchuu
_Dursitoota Gooxii Fayyaa Leenjisuun Tajaajila Ittisa Dhibee irratti xiyyeeffate Hawaasaaf kennuu
_Ijaaromsa Kutaa Hawaasaa garagaraatti fayyadamuun Hojii fayyaa milkeessu
_Sirna onnachiiftuu Hojirra oolchuu
4.Sagantaa Ekisteenshinii Fayyaa Magaalaa bocuun hojirra Oolaa jira.Kuni Garee Fayyaa Maatii ykn Family Health Team Ogeeyyii Magaalaa irratti mana mana deemuudhaan fayyaa Hawaasaa akka eegan gochuu
5.Dandeetti Hojjattoota ekisternshinii Fayyaa cimsuudhaan akka isaan Sadarkaa Barnoota fooyyeeffatanii Tajaajila Kennan gochuu;Hanga bara 2027 tti Ogeeyyiin Ekisteenshinii Fayyaa hunduu Yoo xiqqaate Digrii jalqabaa akka qabaatan gochuu
6.Keellaa Fayyaa Walii Galaa irratti Ogeessota akka;Qondaala Fayyaa,Narsii, Midwife, Ogeessa eegumsa Fayyaa Naannoo ramaduun Tajaajila Yaalaa Sadarkaa Keellaa Fayyaatti Hawaasaaf kennuu
7.Hojirra Oolmaa Rifoormii Keellaa Fayyaa ykn Health post reform implementation guideline bocuun Istaandardii Kenna Tajaajilaa Keellaa fayyaa fooyyessaa deemuun
8.Roodmaappii Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa kanatti Hawaasaaf hubannoo kennuu
9.Ijaarsi Keellaa Fayyaa Biyya keenya keessatti akkaataa Dizaayinii ykn Saxaaxaa Keellaa Fayyaa Bu'uuraa fi Keellaa Fayyaa Walii Galaa qofaan akka tahu gochuu
_Keellaan Fayyaa Bu'uuraa baayyina Kutaalee 12-14
_Keellaan Fayyaa Walii Galaa baayyina Kutaalee 22-33 akka qabaatu gochuu
13.Wiirtuu Sagantaan Paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa Itti Qindaayu ykn Health extension program Unit ykn HEP Unit Buufatalee Fayyaa fi Hospitaalota Jalqabaa Hunda irratti hojirra Oolchuu
Walumaagalatti Roodmaappii Fooyya'iinsa Sagantaa paakeejii Ekisteenshinii Fayyaa kana qabatamaan gara hojirra yoo oolchine Fayyaan Hawaasa keenyaa gara Sadarkaa fooyyeetti ni dhufa.Dabalataan Roodmaappii kana hojirra Oolchuu Gaheen;
_Hirmaannaa Hawaasaa
_Dhaabbilee deeggartootaa fi
_Mootummaa
Murteessaa dha.
Fayyaan Faaya!!

Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii)Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra caalaa somba...
13/04/2026

Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii)

Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra caalaa sombaa keenya miidha.

Akkamitti namatti daddarba?

✓ Yeroo namni dhukkubicha qabu Qufa'uu karaa qilleensa nutti daddarba.
✓Aannaan beeyladaa osoo hin danfisin dhuguu

Mallattoolee dhukkuba Daranyoo Sombaa

✓ Qufaa torban lamaa ol namarra ture
✓Ho’a qaamaa
✓ Halkan halkan nama dafqisiisuu
✓Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
✓ Miira dadhabbiifi fedhii nyaataa dhabuu

Maloota Ittisa Daranyoo Sombaa?

✓Mallattoolee asiin olitti jedhame yoo ofirratti ykn maatii keenya irratti argine dafne mana yaalaa deemuu.
✓Qoricha ogeessan nuuf ajajame guutuun guututti fudhachuu
✓Yeroo qufaanu ciqilee keenyan Afaan cufachuu
✓Yeroo qufaanu akkee bakkeetti tufuu dhiisuu
✓Kutaa jiraannu keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuu.
✓Nyaata madaalamaa nyaachuu
✓Tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu dhiisuu

Fayyaan Faaya
Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa

  𝐅𝐚𝐚𝐲𝐚...Naannoo keenya Qulqulleessinee balfa irraa bilisa gochuun jireenyaaf mijataa akka taatu gochuuf gahee nama hun...
12/04/2026

𝐅𝐚𝐚𝐲𝐚...
Naannoo keenya Qulqulleessinee balfa irraa bilisa gochuun jireenyaaf mijataa akka taatu gochuuf gahee nama hundaati!

Guyyaa 04/08/2018
Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuu Ganda Bariisaa Buufata Fayyaa Gobeelleetti duullii qulqulliinnaa adeemsiifameera.

Sagantaa duula qulqillinnaa kanarraatti abbootii amantaa,jaarsoolee,dargaggootaa fi ogeessoota fayyaa hundi bakka jiranitti bifa midhaagaa ta'een hirmaatanii jiru.

I/G buufata fayyaa gobeellee Obboo Abdusalaam Abdallaa akka jedhanitti hawaasni keenya nuu waliin taatanii hojii qulqullinnaa kana irraatti akkasumaas yeroo gara garaa dhimmaa fayyaa walqabatuu irraatti hirmaannaan gochaa turtaan abdii fi jaalalaan akka isiniif hojjannu nuu taasiisuu keessaaniif onneerraa isin galatoonfadhaa jechuun dubbatan.

Walumaa galatti fayyaan yoo jiraate wanni kamiyyuu jiraata qulqullinnaa dhuunfaa keenyaa irraa jalqabnee hanga naannoo keenyaa qulqulleessuun akka maatiin keenyaa fayyaa gaarii qabaatuu nuu taasiisa kanaafuu of dagannaa tokko malee qindoominnaan qulqullinnaa naannoo keenyaa eeggaachuun barbaachisaa akka ta'e dhamsa obbolummaa dhaamani jiru. Obboo Abdusalaam Abdalla .

Address

East Borena, Oromia
Dedo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share