01/04/2025
----------GOGINSA AFAANII (DRY MOUTH)----------
Goginsi Afaanii kan uumamu xannachoonni gororaa Afaan keenya keessatti argaman Hancufa(gorora) ga'aa maddisiisuu yeroo dadhabanidha.
-------FAAYIDAALEE HANCUFAA( GORORAA)-----
1.Nyaatamuu ilkaanii nii dhorka
2.Dandeettii nyaata dhamdhamuu nii dabala
3.Bullaa'ina nyaataa fi liqimsuu keessaatti ga'ee guddaa nii xaphata.
-----------SABABOOTA GOGINSA AFAANII----
1.umuriin dabaluu
2.miidhaalee(side effect) qorichoota tokko tokkoo fkn. Qorichoota dhiibbaa dhiigaa, qorichoota rakkoo sammuuf kennaman
3. Yaala rakkoo kaansariif kennaman
4. Miidhamu narvoota moormaan olii
5.Dhukkuboota kanbiroon hubamuu. Fkn.strookii, dhiibbaa dhiigaa, HIV AIDS.
6.Halkan yeroo rafnu kurruufuu, shaakala Afaaniin qofa Afuura baafachuu(harganuu)
7.Tamboo aarsuu fi dhugaatii Alkoolii baayyisuu.
------MALLATTOOLEE GOGINSA AFAANII----
1.Afaan walqabachuu
2.hancufni(gororrii)furdaan afaan keessaa jiraachuu
3.Foolii afaanii badaa qabaachuu
4.Nyaata alalfachuu, liqimsuu akkasumas dubbachuu dadhabuu
5. Qoonqoon goguu, sagaleen furdachuu
6.Arrabni goguu fi babbaqaquu,
7.Dandeettiin dhamdhamuu hir'achuu.
-----FURMAATA GONGINSA AFAANII)--
1.Bishaan ykn dhugaatii sukkaara hin qabne sirriitti fayyadamuu
2.Alkoolii , Tamboo Aarsuu dhiisuu.
3. Mastiikaa fi karameella sukkaara hin qabne alalfachuu
4.Nyaata ashaboofi qimamii baayyatu hir'isuu
5. Qoricha fudhachaa jirru yoo ta'e hakiima mari'achiisuu
6.yeroo rafnu afaan keenya bannee rafuu dhiisuu
7. Qulqulina afaan keenyaa, ilkaan keenyaa eegachuu.
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏