
04/06/2024
MEESHAALEEN ELEKTIROONIKSII IJA KEENYA MIIDHUU NI DANDA'UU?
=============
Gaaffiin kun gaaffii namoota baay'ee ti. Deebiin isaas haala itti-fayyadama keenyaarratti hundaa'a. Dhimma kana ilaalchisee maxxansa armaan gadii isiniif qoodeera. Itti dhiyaadhaa!
Daqiiqaa tokko keessatti, giddu-galeessaan si’a 12-15 kan libsannu yoo ta’u, sa’a 1 keessatti si’a 900 ol libsachuu dandeenya. Haa ta’u malee, maaliif akka libsannu yaaddanii beektuu?
Dalagaa isaa sirriitti raawwachuuf iji keenya imimmaan ga'aa qabaachuu qaba. Imimmaan kun faayidaa barbaachisu erga nuuf kenneen booda ija keenyarraa haxaa’amee gara keessoo funyaaniitti gadi bu’a.
Imimmaan kan maddisiisan xannachoota imimmaanii yoo ta'an, imimmaan ija keenyarra diriirsuuf, akkasumas, ija keenyarraa haxaa'ee gara keessoo funyaaniitti gadi buusuuf kan nu gargaaru immoo sochii qola ijaa (libsuu ija keenyaa) ti.
Iji keenya walitti fufiinsaan imimmaan ga'aa akka qabaatuuf libsuun ija keenyaa baay'ee murteessaa dha jechuu dha. Irra-deddeebiin libsachuun kan barbaachises kanumaafi.
Walitti fufiinsaan libsachuun keenya ofiin yaadannee kan raawwannu utuu hin taane, hooggansa sammuun kan raawwatamu dha. Utuu nuti itti hin yaadin, sammuun keenya ofumaan beekee raawwachuu danda'a jechuu dha. Haa ta’u iyyuu malee, wantootni xiyyeeffannoo sammuu keenyaa hatan libsuu ija keenyaa hir’isuu danda’u.
Wantoota xiyyeeffannoo sammuu hatan keessaa tokko kompiyuutara fayyadamuu dha. Yeroo kompiyuutara fayyadamnu, xiyyeeffannoon sammuu keenyaa gara sanatti waan hatamuuf, libsuun ija keenyaa ni hir’ata. Kunimmoo, kallattumaan gogiinsa ijaatiif nu saaxiluu mala. Iji keenyas jiidhina ga’aa dhabuurraan kan ka’e diimachuu, nu hooqsisuu, miira rigataa fi kkf qabaachuu eegala.
Kunimmoo, si'a tokkoon utuu hin taane walitti aansinee yeroo dheeraaf fayyadamuu yeroo amaleeffannu nu mudata. Amaleeffannaan akkanaa Mudoo Qaroo Dhi'ootiif illee nu saaxiluu danda'a. Keessumaa immoo, daa'imman yeroo dheeraaf meeshaalee elektirooniksii fayyadamuu yoo amaleeffatan rakkoo kanaaf saaxilamoo ta'u.
Darbee darbee immoo, carallaan foddaa meeshaalee kanaarraa ba’u argaa keenya jeequu mala. Kanarraan kan hafe, meeshaalee kana fayyadamuu waliin wal-qabatee miidhaan kallattumaan ija keenyarra ga'u hin jiru.
Wantoota Kana Hambisuuf Maal Gochuu Qabna?
-----------
1. Hamma danda'ametti, turtii kompiyuutara irratti dabarsinu hir’isuu qabna, yookaan immoo gidduu gidduun boqonnaa fudhachuu qabna.
2. Mallattoolee akka diimachuu, hooqsisuu, miira rigataa fi kkf qabaachuu yoo eegalle, yookaan ifti foddaa meeshaalee kanaarraa ba'u kan nu jeequ yoo ta’e, marayaa fayyadamuun nuuf mala. Mallattoo homaa qabaachuu yoo baanne immoo marayaa fayyadamuun dirqama miti.
3. Daa’imman keenya bilbila harkaa, kompiyuutaraa fi kkf yeroo dheeraaf akka hin fayyadamne ittisuu qabna.
Barreeffamni kun kitaaba FAYYAA IJAA keessaa gabaabfamee kan fudhatame dha.
Galatoomaa!
Dr. Sanyii Jalqabaa, Ispeeshaalistii Ijaa.