Hospitaala Abbaa Seenaa አባ ሴና ሆስፒታል

Hospitaala Abbaa Seenaa  አባ ሴና ሆስፒታል Healing hands, Caring hearts ❤️‍🩹

15/11/2025

ወቅታዊ የጤና ጉዳይን አስመልክቶ የተሰጠ መረጃ


Website: moh.gov.et
Facebook: Ministry of Health,Ethiopia
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

Dhibee Marburg "Viral hemorrhagic fever" MAALUMMAA DHIBEE KANAAViral hemorrhagic fever kan jedhaman dhibee tokko qofa os...
15/11/2025

Dhibee Marburg "Viral hemorrhagic fever"

MAALUMMAA DHIBEE KANAA

Viral hemorrhagic fever kan jedhaman dhibee tokko qofa osoo hin taane, dhibeewwan vaayireesiin dhufan mallattoo fi haala daddarbiinsaa akkasuman haala miidhaa qaamarra geessisanii walfakkaatan of jalatti qaba. Dhukkuboonni "viral hemorrhagic fever (VHF)" jedhaman kun akkuma maqaan ibsu; vaayireesiin kan dhufan (viral), qaama namaa kan dhiigsuun beekaman (hemorrhagic) fi mallattoo dhagna/qaamaa gubaa (fever) qabaan dha.

Dhibeewwan amala ijoon walfakkaatan (keessumaa qaama dhiigsuu fi qaama gubaa)Viral Hemorrhagic Fever jedhamuun beekaman kana keessaa kan akka Crimean-Congo Dengue, Ebola, Hantavirus, Lassa, Marburg fi Yellow fever maqaa dha'uun ni danda'ama.

MALLATTOO:
●Dhaqna gubaa/qaama gubaa
●Dadhabbii akka malee
●Dhukkubbii maashaa fi buusaa
●Mataa dhukkubbii
●Teessisaa
●Olguurraa/balaqqama faa yoo ta'an akkuma hammaataa deemeen ammoo mallattoowwan ciccimoon akka:
● Dhiiguu qaamaa kan akka funyaan, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaamaa saalaa fi qaamota keessaa
●Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
●Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
●Of wallaaluu faa agarsiisa.

AKKAATAA DADDARBIINSA ISAA
●Ciniinnaa bookee fi silmii
●Dhangala'aa nama dhibee VHF qabuu kan akka dhiiga, fincaan, bobbaa, hancufa, aannan harmaa, dhangala'aa qaamaa saalaa tuttuquudhaan.
●Karaa dhangala'aa bineensotaa fi beeyladoota dhibee VHF'n qabamanii kan akka jaldeessaa, qamalee, shimbira halkanii fi beeyladoota manaa dabalatee.

ITTISA
●Bineensota dhibee kana namatti dabarsan keessumaa hantuuta naannoo ofii dhabamsiisuu.
●Bookeen akka nama hin ciniinne maloota akka agoobara fayyadamuu, uffata qaama haga danda'ame golgu uffachuu, golgaa foddaa (window screen) fi keemikaalota farra bookee fayyadamuun ofirraa dhorkuu.
●Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu. Gara mana yaalaa geessuu.

YAALA
Yaalli dhibee kanaaf godhamu, yaala dhibee kana fayyisu (curative) osoo hin taane, yaala gargaarsaa kan akka mallattooleen fooyya'an taasisuu (supportive management) dha.

Via Oromia Health Bureau

16/10/2025

Job vacancy announcement
🏥 GITAWWAN HOJII BANAA HOSPITAALA ABBAA SEENAATTI:
📍 Magaalaa Naqamtee, Godina Wallagga Bahaa.

📅 Guyyaa: 15/10/2025 (6/2/2018 E.C.)
1️⃣ Tekinoloojistii Laaboraatorii
Baay’ina Barbaachisaa: 1
Saala: Lamaan (Dhiira fi Dubartii)
Sadarkaa Barnootaa: Digirii (BSc) Laaboraatorii Teeknooloojii
Muuxannoo: Waggaa lama (2) ol; kan dhuunfaa hospitaala tajaajilaa keessatti hojjetee beeku filatamaadha
Ogummaa barbaachisaa:
Beekumsa gahaa maashinoota fully automated chemistry irratti
Dandeettii hojii Hormone Analyzer fi Serum Electrolyte Analyzer irratti
Ogummaa hojii laaboraatorii bu’uuraa.
Mindaa: Waliigaltee
2️⃣ Midwife (Digirii)
Baay’ina Barbaachisaa: 1
Saala: Lamaan (Dhiira fi Dubartii)
Sadarkaa Barnootaa: BSc Midwifery
Muuxannoo: Waggaa lama (2) fi ol; kan hospitaala dhuunfaa keessatti hojjetee beeku filatamaadha
Mindaa: Waliigaltee
3️⃣ Narsii Olaanaa (Senior BSc Nurse)
Baay’ina Barbaachisaa: 1
Saala: Lamaan (Dhiira fi Dubartii)
Sadarkaa Barnootaa: BSc Narsii
Muuxannoo: Waggaa afur (4) ol; kan mootummaa fi dhuunfaa keessatti hojjetee filatamaadha
Dabalataan:
Muuxannoo fi dandeettii hojii kutaa baqaqsaa (Operating Room/OR) qabaachuu qaba
Mindaa: Waliigaltee
4️⃣ Kaashera (Cashier)
Baay’ina Barbaachisaa: 1
Saala: Lamaan (Dhiira fi Dubartii)
Sadarkaa Barnootaa: Diploma ykn Digirii Herrega ykn damee wal-fakkaatu irratti
Muuxannoo: Waggaa lama (2) ol
Ogummaa barbaachisaa:
Dandeettii hojii cash register irratti
Beekumsa bu’uuraa herregaa irratti
Muuxannoo hospitaala keessa hojjechuu qabaachuun dabalata filatamaa dha.
Mindaa: Waliigalteedhaan
📋 Ulaagaa Waliigalaa (Namoota Hundaaf):
Namoonni barbaadaman haala armaan gadiin galmeessuu qabu:
Ragaa barnootaa (aslii fi copy)
Hayyama hojii (professional license)
Raga COC (kan tajaajila fayyaa ta’eef)
Ragaa muuxannoo hojii
Ragaa qulqullina (clearance letter)
Basic computer skill is mandatory
🕐 Guyyaa fi Bakka Galmee:
Yeroo galmee: 6/2/2018 – 16/2/2018 E.C.
Bakka galmee: Hospitaala Abbaa Seenaa, Teessoo HR, Kutaa #37, Magaalaa Naqamtee, Godina Wallagga Bahaa
Akkaataa Galmee:
Namaan (hard copy)
Soft copy Telegram irratti: 📱 0715022938
Fuula Facebook: 💻 Hospitaala Abbaa Seenaa
📞 Bilbila odeeffannoo dabalataaf:
0917837332 / 0912946561
📌 Kan qopheesse:
Kutaa Bulchiinsa Humna Namaa(HR Department)
Hospitaala Abbaa Seenaa
Magaalaa Naqamtee, Godina Wallagga Bahaa.

🌼🌼🌼🌼🏵Baga bara haaraa geessan 🌼🏵🌼🌼🌼🌼                  🌼🌼 2018 🌼🌼Barri haaraan kun bara nagaa, gammachuu, jaalalaa fi eeb...
10/09/2025

🌼🌼🌼🌼🏵Baga bara haaraa geessan 🌼🏵🌼🌼🌼🌼
🌼🌼 2018 🌼🌼

Barri haaraan kun bara nagaa, gammachuu, jaalalaa fi eebbaa nuuf haa ta'u.

Rakkoo keenya darbe dhiifnee, guyyaan keenya gara fuula duraa eebba, nagaa fi jalqabbii haaraan haa guutamu.

🌼🏵Baga bara haaraa geessan 🌼🏵

Hospitaala Abbaa Seenaa
Naqamtee

🌼🌼🌼🌼🏵መልካም አዲስ ዓመት 🌼🏵🌼🌼🌼🌼
🌼🌼 2018 አ.ም🌼🌼

ይህ አዲስ ዓመት የ ሰላም ፣ የደስታ ፣የፍቅር የበረከት አመት ይሁንልን።

የቀድሞ ችግሮቻችንን ከኋላ ጥለን ፣ የወደፊት ቀኖቻችን በብዙ በረከት፣ በሰላም እና በአዲስ ጅማሬ ይብሩ።

🌼🏵መልካም አዲስ ዓመት 🌼🏵

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard!Zeyneba Abdurahaman, Shaggitu Gadaa Debelle, Ziyad Aliye T...
05/09/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard!

Zeyneba Abdurahaman, Shaggitu Gadaa Debelle, Ziyad Aliye Toro, Taade Lemma, Habib Abdo, Tamirat Milkecha, Shifa Sirko, Hawi Dawit, Guta Turi, Lencho Ali Ali, Abdi Nura, Dawud Mohammedsiraj, Habib Geleto, Amir Malka, Abraham Tsagae, Ibrahim Muhammed, Ibrahim Aliyi, Abdurauf Mahmud, Abdulwahid Abdulwahid Abe, Bekele Kejela, Genet Gemechu, Jabir Beker, YoObsan Dina'ol, Damule Fekadu, Ãme Mãn Dâgŋë, Zãlõō Såñyīï ßëéräā, Misgana Ayele Shone, Daniel B Tesho, Tekle Tobi, Bonso Aman, Emebet Diribsa, Wakjira Mengesha, Rifayi Sherefu, Ilili B Lamuu, Tâmirât Ť Ôlâñâ, Nuhamin Regasa, Daawwitii Alamuu, Bulti Masarat, Tamene Legesse, Yaadiif Yaadiif, Hunde Bulcha, Gammadaa Kadiir, Getu Leta, Wiz Callo Mahamad, Ebrahim Muhammed, Fikir Abate TIna, Mustafa Ame, Temexy Wagari, Sisay Habte, Nur Person Man

05/09/2025

Naqamtee

03/09/2025
02/09/2025

Naqamtee

Pneumonia
30/08/2025

Pneumonia

Address

Nekemte 02
Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hospitaala Abbaa Seenaa አባ ሴና ሆስፒታል posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Hospitaala Abbaa Seenaa አባ ሴና ሆስፒታል:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category