Dr. Lammii Gonfaa

Dr. Lammii Gonfaa Assistant professor of OBGYN
,urogynecology and pelvic reconstructive surgery fellow
https://linktr.ee/Flgd

11/11/2025

Beeksisa Qaxarrii
1. Gita Hojii:- Ogessaa Laboratory fi Wardiyyaa
2. Baay'ina: Nama 6 (Lab.3, wardiyyaa 3)
3. Mindaa: Iskeelii dhaabbatichan
4. Bakka hojii:Magalaa Naqamtee

12/10/2025

Rh-ve and pregnancy

10/10/2025

Harma elmuun kaanserii harmaa fida jechuun dhugaadhaa? @

Physiological changes during pregnancy
10/10/2025

Physiological changes during pregnancy

Big thanks to Yero Alemayehu, Abdela Mohamed, Jiregna Asfaw, Sorome Bayissa, Mulu Bitima, Habte Fikadu Basha, Naarobikaa...
08/10/2025

Big thanks to Yero Alemayehu, Abdela Mohamed, Jiregna Asfaw, Sorome Bayissa, Mulu Bitima, Habte Fikadu Basha, Naarobikaa Fikadu, Dinaol Alemu Yadesa, Shuger Gololcha, Asha Hasan

for all of your support! Congrats for being top fans on a streak 🔥!

Qaamoleen Hundi Ni JijjiiramuDabaluu hormoonootaa irraan kan ka’e wayitaa ulfaa jijjiramni sirna qamoolee hundarratti ni...
07/10/2025

Qaamoleen Hundi Ni Jijjiiramu
Dabaluu hormoonootaa irraan kan ka’e wayitaa ulfaa jijjiramni sirna qamoolee hundarratti ni mul’ata. Jijjiramoonni kunneenis haadhaafis ta’e daa’imaaf waayita ulfaa akkasumas da’umsaa baayyee barbaachisoodha. Jijjirama kana dandamachuuf mallatooleen xixiqaan kan akka miira dadhabbii, tuttufsiisaa,goginsa garaa,fincaan ammaa ammaa deemuu,dhukkubbii dugdaa, dhita milaa, jijjirama dhaabbii qaamaa fi kkf ni mul’atu
Jijjirammoonni gurguuddoonis muraasni kan armaan gadiiti;
• Yaadaa fi sammuu
• Dhiphinaa fi yaaddoo
• Rakkoo waa hir’anfachuu fi hirribaa
• Sirna hargansuu,onnee fi ujummoolee dhiiga raabsan
• Hargansiisu, rukkuttaan onnee dabaluu
• Dhiibbaan dhiigaa hir’achuu
• Sirna garaachaa fi mar’imaanii
• Deemsi fi turtiin bullaa’insa soorataa jijjiramuu
• Sirna kalee
• Fincaan ammaa ammaa deemuu
• Kalee keessatti bishaan kuufamuu,keessumss gara mirgaa irratti
• Sirna maashaalee fi buusaa
• Buusaaleen laaffachuu fi gargar fagaachuu
• Gogaa
• Bishaan kuufamuu
• Jijjirama halluu gogaa fuulaa,harmaa,garaa, fi kkkf
• Sirna qaamolee walhormaataa
• Guddachaa deemuu gadameessaa,Laaffachuu ulaa gadameessaa
• Dhangaala’aan gadameessa baay’achuu, Gurraacha’uu gogaa qama walhormaataa gara alaa
HUBACHIISA: Jijjiramootni kunneenis da’umsaa booda hanga torbanoota 6-12 tti bakka isaaniitti deebi’u.
Dr. Lammii Gonfaa(Assistant professor of OBpro@WUCSH, NEKEMTE )

07/10/2025
29/09/2025

Waamicha Qormataaf

27/09/2025

we have opened our second BOKU CLINIC with full Laboratory tests @ Sorga Infront of Wollega University Comprehensive specialized Hospital

Qorannoowwan Fi Tajaajilotaa Wayita Hordoffii Ulfaa ;Qorannoowwan Fi Tajaajilotni armaan gaditti tarreeffaman kun hal-du...
21/09/2025

Qorannoowwan Fi Tajaajilotaa Wayita Hordoffii Ulfaa ;
Qorannoowwan Fi Tajaajilotni armaan gaditti tarreeffaman kun hal-duree tokkoo malee tasifamuu fi kennamuu qabu.
1. Qorannoowwan dhukkubota daddarbo fknf HIV ,fanxoo, vireesii tiruu….
2. Qoranno fincaani
3. Gartuu dhiigaa (A,B,AB,O)
4. Qorannoo hir’ina dhiigaa/seelota dhiigaa guutuu.
Taajailaoota Argachuu Qaban;
1. Safara dhiibaa dhiigaa
2. Qorannoo ultrasound kan torbaan 18-22 gidduutti taasifamu(anatomic scanning)
3. Ayirani fi fooleti
4. Ittisa daawwaa raammoo hokkoo(hookworm)
5. Talaalli tetanus fi akkasumas diphtheria fi pertusis
6. Hubanno agobarii (saaphana siree ) fayyadamu kennu
7. Gorsa dhukkuboota walqunnamti saalan daddarban irratti
8. Hubannoo waa’ee harma hoosisu,nyaata fi talaalli daa’imaa
9. Tajaajila qusannoo maatii irratti
10. Gorsaa fi hubannoo mallattoolee balaafamoo kan akka dhiiguu gadameessaa dhangala’uu bishaan gubbee, mataa bowwuu,fi kkf
11. Gorsaa fi hubannoo Qophii da’umsaa akkasumas dhibeewwaan walxaxoo ulfaa fi da’umsa waliin walqabataniif of qopheessuu.
Dr. LammiiGonfaa

Sochii qaamaa wayita ulfaa fi da’umsaa boodaaFaayidaalee waliigalaa malee dabalataan sochiin qaamaa wayita ulfaa fi da’u...
20/09/2025

Sochii qaamaa wayita ulfaa fi da’umsaa boodaa
Faayidaalee waliigalaa malee dabalataan sochiin qaamaa wayita ulfaa fi da’umsa boodaa haadhaafis ta’e daa’imaaf faayidaa ni qabaata.
Kanaaf haati ulfaa tokko hanga dhibeewwwaan walxaxoo hin qabaannetti sochii qaamaa sasalphaa fi gidduu galeessa ta’e itti fufuu ykn jalqabuu danda’u.
Dhibeewwaan sochii qaamaa wayita ulfaa dhangessan
 Dhibee onnee
 Olka’uu dhiibaa dhiigaa
 Dhangala’uu bishaan gubbee
 Dursuu ofkaltii fi dhiiguu gadameessaa
 Kkf…
Fayyidaa:
• Madaallii raabsaa dhiigaa ,jabina onnee fi sirna argansuu eeguu
• Madaallii dabaluu ulfaatina qaamaa eeguuf
• Dhukkubbii dugdaa, maashaalee fi buusaa wayita ulfaa hir’isuu
• Fincaan qabachuu dadhabuu ittisuu
• Carraa gadameessaan da’uu hir’isuu
• Turtii ciniinsuu fi da’umsaa hir’isuu
• Dhibeewwaan walxaxoo wayita ulfaa dhufan hir’isuu/ittisuu
• Dhiphina sammuu hir’isuu

Baayinaa fi Turtii
 Torbaanitti daqiiqaa 150/ guyyaatti daqiiqaa 30
Of eegannoo
 Osoo hin jalqabiin duraa ogeessa fayyaa mariisisuu
 Wayita sochii taasisan dhangala’aa haalaan fayyadamuu
 Sochii qaamaa sasalphaa fi giddu galeessa ta’e kan akka deemsa,bishaan daakuu fi kkf
 Ji’a afurii booda dugdaan ciisanii sochii qaamaa dalaguu dhiisuu
 Sochii qaamaa ciccimaa kan akka utalchoo kuffaatiif saaxilu akkasumas ba’aa ulfaataa irraa of eeggachuu
 Sochii qaamaa kan dorgommii qaburraa of qusachuu
Yoom addaan kutuu qabuu
 Afuura kutaa
 Dhiiguu gadameessaa
 Ciniinsuu fi dhangala’uu bishaan gubbee
 Dhukkubbii garaa
 Waraansa laphee
 Joonjee fi dhukkubbii mataa
Hub: Akkuma umuriin ulfaa dabalaa deemu sochii qaamaa taasisan irratti fooya’insaa fi jijjirama gochaa deemuun barbarbaachisaadha

Dr. Lammii Gonfaa

Address

Wallaga University Comprehensive Specialized Hospital, Nekemte , , Beellamaaf – Kilinika Bokkuu (Naqamtee, Ganda 04)
Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Lammii Gonfaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Lammii Gonfaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram