10/11/2025
…………
======== Hafuuraan gubachuu/በመንፈሰ መቀጣጠል/ Being fervent in spirit =======
Kutaa 2ffaa/ ክፍል 2/ Part 2
📖 HoE. 18 ²⁴ Yeroo sana Yihudiin mandara Iskindriiyaatti dhalate, Apholos kan jedhamu tokko mandara Efesoon dhufe; inni nama arraba qajeelu, macaafotas gaarii godhee kan beeku ture. ²⁵ Inni cuuphaa Yohannis duwwaa beeke, dubbii gooftaas waa barsiifame, hafuura gubaadhaan waa'ee Yesus qajeeltootti in lallaba, in barsiisas ture. ²⁶ Ija jabummaadhaan mana sagadaa keessatti dubbachuutti ka'e. Phirisqiilaanii fi Aqiilaan dubbachuu isaa dhaga'anii, ofittis isa fudhatanii, caalchisanii karaa Waaqayyoo isa hubachiisan.
✍️ Kutaa tokkoffaa mata duree kanaa torban darbe ilaalleerra.
✍️ Hafuura nukeessa jiru nutu dammaqsee qabsiifata.
📖 2Xim. 1:6 “Kanaafis kennaa Waaqayyoo isa yeroo ani harka koo mataa kee irra kaa'e siif kenname, haaressitee akka ibiddaatti akka qabsiiftu sin yaadachiisa.”
🔥 Abidda kana nu ofkeessatti ukkaamsinaan in ukkaamama, nu dammaqasinee qabsiifannaanis in qabata.
❓Abidda Kana qabsiisuuf immoo maaltu nu gargaara isa jedhuuf:
❶. "Beelaa fi dheebuu hafuuraa qabaachuudha", jenneerra.
📖 Mat. 5:3 “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta' an haa gammadan,mootummaan waaqaa kan isaanii ti.”
❶.❶. Beeluu Hafuuraa qabaachuu
✍️ Akkuma dubbiin waaqayyoo, Amo. 8:11 irratti, “Waaqayyo gooftaan, "Kunoo, barri ani itti biyya kana irratti beela ergu dhufuuf jira; beelichis isa namoonni dubbii Waaqayyoo dhaga'uu dhabanii beela'an malee, beela buddeenaa fi dheebuu bishaanii miti.” jedhe jedhu, beelli kun beela dubbii sagalee waaqayyoo qabaachuuti.
✍️ Kanaaf Ermiyaas, "Dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute."
📖 Ermiyaas 15:16 Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ani kan kee ti'o, dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute.
✍️ Kanaaf akkuma torbee qabxii ❸ ffaa irratti ilaalle, namni beeluu hafuuraa qabu dubbii waaqayyoo yeroo nyaatu, abiddi isa keessa jiru itti caalee boba'a.
❶.❷ Dheebuu Hafuuraa qabaachuu
✍️ Yesus guyyaan dhuma ayyaanichaatti ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, "Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus." Jedhe.
📖 Yohannis 7:37-38 "Guyyaan dhuma ayyaanichaa guyyoota sana hunduma irra caalaa guddaa ture; guyyaa sanatti Yesus ka'ee dhaabatee, sagalee isaa ol fudhatee, Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus. 38 Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa? jedhe."
✍️ Utuu hin dheebotin dhuguun hin dandaa'amu.
✍️ Bishaan dhuguun kan barbaachisuun isa dheeboteedha.
✍️ Bara har'aa kana yeroo ilaallu, sosochiin hafuuraa waldaa keessaa badee kan inni jiruuf, dheebuun hafuuraa dhibuudha.
✍️ Fedha hafuuraatu nama keessa hin jiru. Keessi namaa gogee lafa onaa ta'eera.
✍️ Isa dhimmee dheebotuuf garuu, waaqayyo, lafa gogaa yookiin dheebotaa irratti bokkaa roobsu, akkasuma nama dheebote irratti bokkaa isaa roobsa.
📖 Isaayyaas 44:3 Ani lafa dheebotaa irratti bokkaa nan roobsa, lafa gogaa keessa bishaan nan lolaasa; ani sanyii kee irratti hafuura koo, ijoollota kee irrattis eebba koo nan dhangalaasa;
✍️ Har'a namni kan inni dheebotu, kan inni beela'uus waa'eedhuma waan lafa irraattii malee waa'ee Isa olii miti; Waa'ee isa baduuti malee waa'ee isa hin badnee miti; Waa'ee jireenya isa kan yerooti malee waa'ee isa kan barabaraa miti.
📖 Isaayyaas 55: 1Waaqayyo, Isin warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! Warri horii hin qabnes kottaa! Midhaan bitadhaatii nyaadhaa, kottaatii utuu horii itti hin baasin daadhii waynii fi aannan bitadhaa! 2 Wanta buddeena hin ta'initti maaliif horii keessan baaftu Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu Dubbii koo dhaga'aa, wanta gaarii ta'e in nyaattu, nyaata gaariittis in gammaddu;
🎤 Har'as warri dheebuu hafuura qaban in dhugu, warri beeluu hafuuraa qabanus in geessifatu.
📖 Mulʼata 21:6 Akkasumas, Ta'eera! Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas, isa jalqabaa ti isa dhumaa tis; ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennu irraa tola nan kennaaf.
📖 Mulʼata 22:17 Hafuurichii fi misirrottiin, Kottu in jedhuun; namni kana dhaga'us, Kottu haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!
❹. Weedduu hafuuraa gargar hin cinneen
✍️ Dubbiin waaqayyoo yeroo dubbatu, "Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan;" jedha.
📖 HoE. 16:25 “Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.”
✍️ Yeroo isaan faarfatan, Abiddi waaqeffannaa isaaniitiin qabate kun: hundee manicha hidhaa raase, balbaloota manicha hidhaa babbane, hidhaa warra hidhamaniis hiike.
📖 HoE. 16:26 “Dingatas hamma hundeen manicha hidhaa raafamutti socho'i lafaa guddaan ta'e; achumaan balbaloonni manicha hidhaa hundinuu banamanii, hidhaan warra hidhamanii hundinuus in hiikaman.”
✍️ Kanaaf Phaawuloos warra Efesoniif yeroo barreessu “Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa!” jedha. (Efe. 5:19)
✍️ Warra Qolaasaayisiinis gaafa gorsu, "Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!” jedha.
📖Qol. 3:16 “Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; Ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas, qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!”
❺. Yeroo hundumaa hafuuraan guutamuudhaan
📖 Efe. 3:16 “Waa'ee namummaa keessan isa keessaaf immoo, abbaan akka badhaadhummaa ulfina isaatiitti karaa hafuura isaatii humnaan guutamuu akka isiniif kennuuf nan kadhadha.”
🎤 Anis har'a isiniifan kadhadha, "Abbaan akka badhaadhummaa ulfina isaatiitti karaa hafuura isaatii humnaan guutamuu isiniif haa kennu!"
🎤 Akkuma caaffanni qulqulluun, " Jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa! Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!" Jedhu, (Efe5:17-18), isinis Yeroo hundumaa, Hafuura qulqulluudhaan guutamuun isiniif haa ta'u.
====== English Translation ======
====== Growing a fervent spirit ======
📖 Acts 18:24-26] Now a certain Jew named Apollos, born at Alexandria, an eloquent man and mighty in the Scriptures, came to Ephesus. This man had been instructed in the way of the Lord; and being fervent in spirit, he spoke and taught accurately the things of the Lord, though he knew only the baptism of John. So he began to speak boldly in the synagogue. When Aquila and Priscilla heard him, they took him aside and explained to him the way of God more accurately.
✍️ In the first part of this series, we mentioned many things last week.
✍️ We also said, "We must fan our fire into flame and stir up the gift that is within us."
📖 2 Timothy 1:6: "Therefore, I remind you to stir up the gift of God which is in you through the laying on of my hands."
🔥 This fire can be extinguished if we neglect it, and it can be fanned into flame if we tend to it.
❓ What helps us to fan this flame?
[❶. "Having spiritual hunger and spiritual thirst,"
📖 Matthew 5:3 "Blessed are the poor in spirit, For theirs is the kingdom of heaven."
❶.❶. Having Spiritual Hunger
✍️ As the word of God says in Amos 8:11, "Behold, the days are coming," says the Lord GOD, "that I will send a famine on the land, not a famine of bread, nor a thirst for water, but of hearing the words of the LORD." This famine is a famine for hearing the word of the LORD.
✍️ That is why Jeremiah said, "Your words were found, and I ate them, and Your word was to me the joy and rejoicing of my heart."
📖 Jeremiah 15:16: "Your words were found, and I ate them, and Your word was to me the joy and rejoicing of my heart; for I am called by Your name, O LORD God of hosts."
✍️ As we saw widely in the ❸rd point of last week's series, when a person who has spiritual hunger eats the word of God, the fire inside him burns brighter.
❶.❷. Having Spiritual Thirst.
✍️ On the last day, that great day of the feast, Jesus stood and cried out, saying, "If anyone thirsts, let him come to Me and drink."
📖 John 7:37-38] On the last day, that great day of the feast, Jesus stood and cried out, saying, "If anyone thirsts, let him come to Me and drink. He who believes in Me, as the Scripture has said, out of his heart will flow rivers of living water."
✍️ One cannot drink without being thirsty because the one who needs to drink is the one who is thirsty.
✍️ When we look at this current generation, the problem in the church is due to the spiritual dryness of the saints because there is no longing for spiritual things.
✍️ There is no desire for the Spirit within the people. The inner man is dry and barren.
✍️ But for the one who is thirsty, God sends His rain as He does on the dry or thirsty land.
📖 Isaiah 44:3: "For I will pour water on him who is thirsty, and floods on the dry ground; I will pour My Spirit on your descendants, and My blessing on your offspring."
✍️ Today, what people are longing for is the physical rather than the things of the Spirit; the perishable rather than the everlasting, the temporary rather than the everlasting things.
📖 Isaiah 55:1-2 "Ho! Everyone who thirsts, Come to the waters; And you who have no money, Come, buy and eat. Yes, come, buy wine and milk Without money and without price. Why do you spend money for what is not bread, And your wages for what does not satisfy? Listen carefully to Me, and eat what is good, And let your soul delight itself in abundance."
🎤 Today too, let me bless you. May those of you who have spiritual thirst drink, and those of you who have spiritual hunger be satisfied.
📖 Revelation 21:6: "And He said to me, 'It is done! I am the Alpha and the Omega, the Beginning and the End. I will give of the fountain of the water of life freely to him who thirsts.'"
✍️ Also, in Revelation 22:17, it says, "And let him who thirsts come. Whoever desires, let him take the water of life freely."
📖 Revelation 22:17: "And the Spirit and the bride say, 'Come!' And let him who hears say, 'Come!' And let him who thirsts come. Whoever desires, let him take the water of life freely."
❹ With unceasing hymns and praise of the Spirit.
✍️ When the word of God speaks, it says, "Paul and Silas were praying and singing hymns to God."
📖 Acts 16:25: "But at midnight Paul and Silas were praying and singing hymns to God, and the prisoners were listening to them."
✍️ While they were singing, the fire of their worship shook the foundations of the prison, opened all the prison doors, and loosened everyone's chains.
📖 Acts 16:26: "Suddenly there was a great earthquake, so that the foundations of the prison were shaken; and immediately all the doors were opened and everyone's chains were loosed."
✍️ Therefore, when Paul writes to the Ephesians, he says, "speaking to one another in psalms and hymns and spiritual songs, singing and making melody in your heart to the Lord" (Eph. 5:19).
✍️ And when instructing the Colossians, he says, "Let the word of Christ dwell in you richly in all wisdom, teaching and admonishing one another in psalms and hymns and spiritual songs, singing with grace in your hearts to the Lord."
📖 Colossians 3:16 "Let the word of Christ dwell in you richly in all wisdom, teaching and admonishing one another in psalms and hymns and spiritual songs, singing with grace in your hearts to the Lord."
❺. By being continually filled with the Spirit
📖 Ephesians 3:16: "that He would grant you, according to the riches of His glory, to be strengthened with might through His Spirit in the inner man."
🎤 I also pray for you today, "that He would grant you, according to the riches of His glory, to be strengthened with might through His Spirit in the inner man!"
🎤 Just as the apostle Paul clearly says, "Therefore do not be unwise, but understand what the will of the Lord is. And do not be drunk with wine, in which is dissipation; but be filled with the Spirit" (Eph 5:17-18), may you also always be filled with the Holy Spirit.