02/01/2026
TikTok baayyisanii fayyadamuun miidhaa Akka geessisu qorannoon akeeke.
Dhiheenya kana qorannoon nama kuma sagaltamii-saddeet ol irratti godhamu akka muldhisutti namoonni viidiyoo xixiqqoo TikTok fi Instagram irratti gadi dhiifaman yeroo heddu namoonni ilaalan rakkoo sammuu gargaraaf saaxilamu jedha.
Keessattuu waan xiyyeeffannoo barbaadu, waan walxaxaa furuufi, waan yeroo fudhatu hojjachuu ni rakkatu jedha. Namoonni kun miira toohachuufis baayyee rakkatu(poor impulse control) jedha.
Rakkoolee xiinsammuullee irratti baayyata. Kunis ofitti aaruu, mukaa'uu(Depression), cinqamuu(Anxiety) baayyee saaxilamoodha.
Namoota tokko tokko haala, bifaa tolfame(Photoshop) faana of madaaluun fuula ofii jibbuu ofitti amanamummaa dhabu. Jireenya kijibaa kan social media gubbaa ilaalee ofitti aara.
Namoota tokko tokko homa hunda social media irratti (haala jireenya dhunfaa, online jimaa qama'uu fi online janjanaa irra oolan.) yoo istihaarri irraa deemuu, yoo miira toohachuu dhabanii hawaasaafi nama dhunfaan walitti bu'an, yoo amantaan qoosan, yoo biyyaan qoosan guyyaa guyyaan argaa jirra.
Wanti baayyate kamuu gaarii waan hin taaneef(overdose) irraa of qusachaa deemuun barbaachisaadha.
Fayyaa tahaa!