Dr. Mohammed Kedir

Dr. Mohammed Kedir Furtuu Fayyaa
(2)

FAAYDAA QURUNFUDII/QURUNFULII AANNANI WALIIN1). Dadhabuu onneetif.2). Dadhabbina sammuutii fi waa hubachuu3). Dhukubba A...
12/10/2025

FAAYDAA QURUNFUDII/QURUNFULII AANNANI WALIIN
1). Dadhabuu onneetif.
2). Dadhabbina sammuutii fi waa hubachuu
3). Dhukubba Asmiif
4). Dhukkubbi Ilkanitif
5). Finniisaa Ballessuuf
6). Nyaanni akka Dakaamuuf
7). Dhibee Utaalloo/ qufaatif
8). Dhiiguu foon ilkaanii nurraa qolata.
9). Hanga cholesterol qaama keenyaa ni to’ata.
10). Dhukkuubbii jilbaa fi Lafee
11). Foolii Aaanii gaarii akka qabaannuuf
12). Dhukkubbi yeroo marsaa laguutif
13). Dhibee garaachaaf
14). Dhukkubbi Tiruuf
15). Dhukkubbii ilkaaniif.
16). Dadhabbina ijaatiif
17). Kaansarii nurra ittisuuf
18). Bareeduma Gogaa kenyaaf
19). Dhibee Sukkaarafi
20. Hir'inna Dhiigaaf
21). Dhukkubbi Toonsilitif
22). Gogiinsa Garaatif
23). Rakko Dhala Dhabuun walqabatef
24). Dhibba Dhiigatif
25). Bareeduma Rifeensatif
26). Infekishiini Qaama saalatif
27). Feedhi Nyaata Dabaluufi
Akkamitti fayyadamna yoo jettan
✍️ Qurunfudin ka Dakamee tahu qaba
✍.Qurunfudi Maanka/Fal'aana shayii tokko Aannani kubbayya tokko wajjin dhugii/dhugaa
✍ Torbanitti yeroo 2-3
✍Ganama Ganamaa osoo Ciree hin nyaatin sa'aa 1 duraa
https://www.facebook.com/Mahmudkedi/
https://t.me/+iDbLOtlkHiEwZTRk

CIRRACHA KALEE✍Kaleen dalagaa hedduu qabdi. Ammaaf dalagaa ishee kan bifa fincaanitiin xuraawaa dhiiga keessaa qulqullee...
12/10/2025

CIRRACHA KALEE
✍Kaleen dalagaa hedduu qabdi. Ammaaf dalagaa ishee kan bifa fincaanitiin xuraawaa dhiiga keessaa qulqulleessuu irratti haa xiyyeeffannu. Fincaan wantoota garagaraa of keessaa qaba. Kanneen keessaa cirrachawwan hangi isaanii baay'ee xixiqqoo (waan akka ashawaa) ta'anii isa tokkoo dha. UUmamaan cirrachawwan kunneen dhiqamanii fincaan waliin gara alaatti bahu. Yeroo tokko tokko cirrachi xixiqqoon kunneen walirratti tuulamuun cirracha guddaa fincaanii waliin bahuu hin dandeenye uumu. Cirrachi kun kalee keessaa gadi bu'ee, ujummoo kalee keessatti rakkachuun mallattoolee dhibee cirracha kalee fiduu danda'a.

Cirrachi kalee, irra guddaa kalee keessatti haa uumamu malee, qaamolee sirna fincaanii (urinary system) kanneen akka ujummoo kalee, afuuffee fincaanii fi ujummoo (ujum'oo) fincaanii keessattis uumamuu danda'a.

MALLATTOOLEE:
Cirrachi kalee yeroo baay'ee mallattoo hin agarsiisu. Garuu, yoo gadi bu'ee ujummoo kalee keessatti rakkate, mallattoolee armaan gadii qabaachuu danda'a.
➡️Dhukkubbii lafee cinaachaa jalaa fi mundhii. Dhukkubbiin kun gara dugdaatti ykn gara nafsaalaatti faca'uu danda'a.
➡️Qaama ho'isuu (yoo infeekshiniin irratti dabalame).
➡️Oldeebisiisuu fedhuu ykn oldeebisiisuu.
➡️Fincaan amma amma fincoofsisuu.
➡️Fincaan nama gubuu.
➡️Halluun fincaanii jijjiiramuu.

SABABOOTA DHIBEE KANAAF NAMA SAAXILUU DANDA'AN:
➡️Nyaata tokko tokko (fkn pirootinii baay'isuu).
➡️Ashaboo baay'isuu.
➡️Furdina akka malee.
➡️Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu.
➡️Qorichoota tokko tokko.
➡️Dhibee biraa qabaachuu. Fkn dhibee sukkaaraa.
➡️Infeekshinii qaamolee sirna fincaanii.
➡️Ispoortii cimaa (fkn fiigicha maraatoonii).
➡️Sanyii fi kan biroo.

MALOOTA DHIBEE KANA HIR'ISUUF GARGAARAN:
➡️Bishaan gahaa dhuguu.
➡️Kuduraa fi muduraa baay'inaan fayyadamuu.
➡️Ashaboo xiqqeessuu.
➡️Ulfaatina akka malee (obesity) hir'isuu.

YAALA ISAA:
➡️Qorichoota farra dhukkubbii (yoo dhukkubbiin jiraate).
➡️Qorichoota farra diddigaa (yoo oldeebisiisa ta'e).
➡️Bishaan gahaa dhuguu.
➡️Cirracha caccabsanii fincaan waliin akka yaa'u gochuu.
➡️Yaala baqaqsanii yaaluu fi ka biroo.

👉Dhumarratti, maamila kiyya gaafii kana na gaafateef gorsin ani qabu, bakka 'ispeeshaalistiin' sirna fincaanii (urologist) jiru deemtee yoo ilaalamte siif wayya.
Dr. Abbaayyaa Biirruu

FAAYIDAA ABOKAADOO 🥑Abokaadoon midhaan nyaata faayidaa heddu qabuudha. Qorannoon fayyaa ni mirkaneessa faayidaa isaa gar...
11/10/2025

FAAYIDAA ABOKAADOO 🥑

Abokaadoon midhaan nyaata faayidaa heddu qabuudha. Qorannoon fayyaa ni mirkaneessa faayidaa isaa gara jabinaan qaama namaatiif akka ta’e.

✍ Fayyummaa Onneef: Dhiiga qulqulleessa, kolestiroolii badaa hir’isa, onneen akka gaariitti hojjetu gargaara.

✍ Fayyaa Ijaaf: Viitaaminii E fi lutein of keessaa qaba; kunniin ija hanqina ifaa fi laafina ija ittisu.

✍ Fayyaa Lafeef: Kalsiyemii fi fosfoorosiin garmalee waan of keessaa qabuuf, lafee jabeeffachuuf gargaara.

✍ Kaansarii Ittisuuf: Antioxidantii (vitamin E fi C) fi faayibarii of keessaa qaba; kunniin unkaa kaansarii uumamuu ni ittisu.

✍ Daa’ima Fayyaa Qabdu Argachuuf: Foliik asidii (vitamin B9) abokaadoo keessatti jiru daa’ima garaa keessa jiruuf murteessaadha.

✍ Carraa Muka’uu / Depression Hir’isuuf: Viitaaminii B6 of keessaa qaba; kun niroo fi yaad-rimee namaa tasgabbeessa.

✍ Gogiinsa Garaa Ittisuuf: Faayibarii ol’aanaa waan qabuuf, garaa tasgabbeessa, gogaa fi kabala garaa ni ittisa.

✍ Xuraawaa Qaama Keessaa Dhabamsiisuun: Antioxidantii fi potassiumiin of keessaa qabu; kunniin qaama xuraawaa keessaa balleessu fi humna ittisa qaama dabala.

✍ Dhukkuboota Hamaa Ta’an Ittisuuf: Antioxidantii fi viitaaminiin hedduun kaansarii, onnee fi dhukkuboota sukkaaraa ittisu.

✍ Fayyummaa Gogaa fi Rifeensa Keenyaaf: Viitaaminii E, C fi albuudota akka zinc fi copper waan of keessaa qabuuf, gogaa bareessu, rifeensa jabeeffata.

🙏 Hubachiisa: Namoonni qoricha dhiiga qalliisan kan akka Warfarin fudhatan, nyaata abokaadoo baay’isuu irraa of eeggachuu qabu — sababni isaas viitaaminii K baay’ee waan of keessaa qabuuf dhiigni itti jabaachuu danda’a. Kanaan alatti rakkoo tokko hin qabu.

GALATOOMAA! 🌿

FAAYIDAA AANNANII1. Madda anniisati3. Dhukkuba onneen  tasaa hojii isii dhabuu ( sudden cardiac arrest )  kana ittisuuf ...
10/10/2025

FAAYIDAA AANNANII
1. Madda anniisati

3. Dhukkuba onneen tasaa hojii isii dhabuu ( sudden cardiac arrest ) kana ittisuuf gargaara.
4. Dhippina sammuu ni hir'isa
5. Guddina maashawwanii fi ijaarsa qaamaaf ni gargaara.
6. Jabeenya lafee fi ilkaaniif ni fayyada
7. Albuudota akka pootasiyeemii , vaaytaaminoota, pirootiinii ,faati adda addaan ka badhaadhe dha .
8. Ulfaatina qaamaa hir'isuuf ni fayyada
9. Dandeetti dhukkuba ofirraa deebisuu nuuf dabala

09/10/2025

🎧 KANA BEEKTU LAATA👂💫

1️⃣ Muuziqaan yeroo dhaggeefatamu gurra bitaatiin akka kan mirgaa caalaa dhageenyu?
👉 Gurri mirgaa garuu erga dhalannee kaasee sagalee haasawaa sirritti dhagaha 🗣️🎶

2️⃣ Lafti namaan maruun yeroo baayyee dhibee gurraatiin akka walqabatu beektuu? 🌍😷

3️⃣ Gurri yeroo tokkollee akka boqonnaa hin fudhanne? 😴❌
Yeroo rafnu sammuun sagaleef bakka hin kennu! Sagalee ol ka'aa qofaf deebii kenniti! ⚡
Kuniis gargaarsa gurraatiin balaarra akka tiikfamnuuf nu gargaara 🦻💪

4️⃣ Guuriin gurra keenyaaf eegumsa akka godhu beektuu? 🌀🩹

5️⃣ Lafeen qaama keenya keessaa jabduu taate gurra keessatti argamtu! 💪👂

6️⃣ Gurri keenya sagalee akkaan jibbu keessaa :- boo'icha daa'imaa 👶, sagalee chookii blackboard irratti barreeffamtuu 🧏 kkf ta'uu beektuu? 🚨

💖 Fayyaa hin dhabinaa 👂🎶

09/10/2025

Finnisa Ballessuuf

Ganama wayta hirriba kanuu maalif afaan keenya afuura badaa qabaata? Jarmiiwwan yeroo hunda qaama afaanii keessatti arga...
08/10/2025

Ganama wayta hirriba kanuu maalif afaan keenya afuura badaa qabaata?

Jarmiiwwan yeroo hunda qaama afaanii keessatti argamu. Halkan hancuufni ni hir’ata kanaaf asiidiin ni dabala. Kunniin guddina baakteeriyaa afuura badaa akkasii uumuuf haala mijataa dha.

❗Haalli kun kan hammaatu yoo afaan banattee raftedha.

Sababoonni afuuraa badaa fidan biroon: yeroo hunda buruushiin dhiqachuu dhabuu, meeshaalee qulqullinaa gaarii hin taane fayyadamuu, tamboo xuuxuu, ilkaan manca’uu fi dhukkuboota bullaa’insa nyaataa tokko tokko.

👴 Namni waggaa 55 balaa mootoraa 🚗💥 erga irra gahee booda gara Hospitaala Melbaa dhufe.🧠 Yeroo gara hospitaala dhufu:😖 D...
08/10/2025

👴 Namni waggaa 55 balaa mootoraa 🚗💥 erga irra gahee booda gara Hospitaala Melbaa dhufe.

🧠 Yeroo gara hospitaala dhufu:
😖 Dhukkubbii mataa cimaa
🤮 Haqee (vomiting)
😵 Of walaalee
🗣️❌ Dubbachuu dadhabee

📸 CT Scan irratti:
🧠 Sammuu isaa gara lamaanuu (bitaa fi mirga) dhiigni baay’een dhangala’ee 🩸
⚠️ Dhiibbaa cimaa irraan ga’uu argame

🔪 Kutaa Opireeshinii keessatti:
👨‍⚕️ Bilateral Craniotomy & Hematoma Evacuation hojjetame ✅
➡️ Dhiigni keessaa bahe 🩸
➡️ Yaalii baqaqsaanii hodhuu godhame 🪡
➡️ Haala gaariin Xumuramee 👏🌟

😊 Jarsichi fayyee gara maatii isaatti deebi’e!
🏡❤️ Maatiin gammachuun isa simatan 🎉💐

👨‍⚕️ Dr. Tasfaayee Nagii
🧠🔬 Ispeshaalistii Baqaqsanii Yaaluu Sammuu (Neurosurgery)
🩻⚡ Ispaaayinaal Koordii fi Narvii
🎓 Gargaaraa Piroofeessera

📍 Teessoo:
🏙️ Roobee, Baalee
🛣️ Adda baabayii Waaqoo Guutuu, karaa bahaa
🏢 Marfata Gooroo, Gamoo Boing duraanii irratti argama

📞 Lakkoofsa Bilbila:
📲 0222444444

💚✨ Hospitaala Melbaa — Tajaajila Qulqullinaa, Qorannoo Amanamaa, fi Hojii Itti Fufiinsa Qabu! ✨💚
🩺💪👩‍⚕️👨‍⚕️💫

FAAYDAA QARAFĀ (MI’EESSITUU SHAAYII) ☕Qarafaan mi’eessituu shaayii beekamaa fi qoricha uumamaa cimaa ta’ee, fayyaa qaama...
07/10/2025

FAAYDAA QARAFĀ (MI’EESSITUU SHAAYII) ☕

Qarafaan mi’eessituu shaayii beekamaa fi qoricha uumamaa cimaa ta’ee, fayyaa qaamaa fi lubbuu irratti faayidaa hedduu qaba.

🌟 FAAYDAALEE ISHEE MEEQAA:

1️⃣ Kaansarii irraa ittisuuf — Antioxidant cimaa qaba; balaa kaansarii ittisa.
2️⃣ Dhukkubbii lafee hir’isuuf — Utaalloo fi lafee dhukkubsataa tasgabbeessa.
3️⃣ Fayyummaa onnee dabaluuf — Dhiiga qulqulleessa, onnee ni jajjabeessa.
4️⃣ Furdina hir’isuuf — Hidhamiinsa cooma ni hir’isa.
5️⃣ Yaadannoo fi sammuu jabeessuuf — Dagannaa irraa eegaa, yaadannoo cimsiti.
6️⃣ Dhukkubbii qonqoo fayyisuuf — Qonqoo fi qufaa tasgabbeessa.
7️⃣ Bareedina gogaaf — Goga miidhagaa fi ifaa taasisa.
8️⃣ Fayyummaa ilkaanii eeguuf — Ilkaan irraa fangasii fi foolii balleessa.
9️⃣ Koolisterooli hir’isuuf — Dhiiga qulqulleessa, cooma garaa keessaa balleessa.
10️⃣ Dhukkuba vaayirasi irraa ittisuuf — Vaayirasii fi fangasii ni rukuta.
11️⃣ Dhukkuba sukkaaraa to’achuuf — Sukkaara dhiigaa ni xiqqeessa.
12️⃣ Dhiibbaa dhiigaa to’achuuf — Dhiibbaa ol ka’aa fi gad bu’aa ni to’ata.
13️⃣ Utaalloo fi qufaa fayyisuuf — Utaallo, qufaa fi dhukkuba sombaa ni dhunfa.
14️⃣ Gogiinsa garaa fi hargansuu fayyisuuf — Gara tasgabbeessa, nyaata ni dandeessisa.
15️⃣ Dhiiga qulqulleessuuf — Toxin irraa qulqulleessuudhaan fayyaa ni jabeessa.
16️⃣ Garaa baasuuf — Dhukkubbii garaa ni tasgabbeessa.
17️⃣ Kaalisyeemii guddaa qaba — Lafoo fi ilkaan jabeessa.
18️⃣ Dhibee mataa bowwoottiif — Bowwoofii fi mataa dhiphina fidaa ni salphisa.
19️⃣ Farra fangasii fi bakteeriyaatiif — Bakteeriya fi fangasii ni balleessa.

---

👉 Gorsa Fayyadamaa:
Guyyaa keessatti fal’aana shaayii 1–2 olii hin caalinaa.

🙏 Qarafaa nyaata, daayimaa fi shaayii wajjin fayyadamuun ni danda’ama.

Dhukkuba Asmii/Xiixaa (Bronchial Asthma) 🌬️Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa isaan xixiqqoo somba keessaa ka...
05/10/2025

Dhukkuba Asmii/Xiixaa (Bronchial Asthma) 🌬️

Dhukkubi asmii dhukkuba ujummoolee qilleensaa isaan xixiqqoo somba keessaa kan miidhuu dha.
Dhukkubi kun kutaa hawaasaa giddu galeessan 10%irratti kan muldhatuu yoo tahu , umuriin itti muldhatus bayyinaan (80%) ijoollee waggaa 10 gadi irrattiidha, tahus namoonni muraasni kunis hanga 10% tahan waggaa 40 booda asmii irratti argamuu danda'a.

🌿 Maaliirra nama qabaa?

°💞 Sababi guddaan dhukkuba asmiif nama saaxilu maatii ykn fira dhihoo dhukkuba kanaan qabame qabaachudha.
°🦠 Sababoonni xixiqqoon biroo — infeekshinii ujummoo qilleensaa , aleergii , wantoota qilleensa falamanitti saxila bahuu fi kkf

😮‍💨 Mallattoolee Asmii

°🤧 Namni dhukkuba kana qabu mallattoolee akka qufaa yeroo dheeraa keessattuu galgala cimu kan akkee qabaachuu danda'u qabaata
°😤 Hafuura kutaa ykn hafuura wal hanqisuu (air hunger) fi dafee hargansuu
°🌬️ Yeroo hargansuu sagalee siiqsuu qabaachuu
°💔 Dhukkubbii qoma ykn laphee keessaa qabaachuu fi kkf

💊 Yaala

Dhukkubni asmii dhukkuba yaala qabuu fi namni isa qabu yaala fi of eeggannoo barbaachisu gochuun akkuma nama kamittuu jiraachuu danda'a.

🛡️ Of eeggannoo

*💊 Qoricha seeraan fudhachuu
*🌸 Foolii urgaa'us tahee ykn ajaa'u irraa fagaachuu
*🌬️ Awwaara , haraa manaa fi qilleensa qorraatti saxila bahuu dhiisuu
*🚭 Aara manaa, tamboo aarsuu fi qilleensa faalama qabu hambisuu

❇️ MELBA HOSPITAL

📍 Teessoo
🏙️ Roobee, Baalee
🛣️ Adda baabayii Waaqoo Guutuu, karaa bahaa
🏢 Marfata Gooroo, Gamoo Boing duraanii irratti argama

📞 Lakkoofsa Bilbila
📲 0222444444

✨🏥 Hospitaala Meelbaa 🏥✨

🌿 FAAYIDAA ZAYITAA SANYII FIRII DABAAQULAA (PUMPKIN SEED OIL) 🎃✨Bu’aan abdachiisaa fi fayyaa-gabbataa inni qabu👇👁️ Fayya...
05/10/2025

🌿 FAAYIDAA ZAYITAA SANYII FIRII DABAAQULAA (PUMPKIN SEED OIL) 🎃✨

Bu’aan abdachiisaa fi fayyaa-gabbataa inni qabu👇

👁️ Fayyaa ijaa fooyyessa — Vitamin E fi antioxidant cimaa qaba, miidhaa fi dukkana ijaa irraa eega.
💇‍♀️ Dhukkubii mataa hir’isa — zinc fi omega-3/6 qaba; rifeensa jabeessa, dhukubbi mataa hir’isa
🦵 Cirraacha kalee balleessa — anti-inflammatory ta’ee xannacha fi laafina lafee ni fooyyeessa.
🧠 Yaadannoo fi concentration cimsaa — maagniziyeemii fi antioxidant glutathione dabaluun sammuu tumsaa.
💪 Hormoonii dhiiraa (testosterone) ni dabala — fertility, libido fi humna dhiiraa ni jabeessa.
💊 Summii qorichoota (cyclophosphamide) hir’isa — kemoterapii fi walhormaata irratti miidhaa hir’isa.
🩸 Dhiibbaa dhiigaa to’ata — nitric oxide dabaluun ujummoo dhiigaa bal’isa, dhiibbaa dhiigaa gadi buusa.
❤️ Kolestroolii gaarii (HDL) dabala — LDL xiqqeessa; kolestroolii waliigalaa to’ata.
🎗️ Kaansarii harmaa fi prostate hir’isa — antioxidant fi zinc irratti hundaa’ee miidhaa cells irraa ittisa.
🧴 Rifeensa deebisa fi gogaa tiksaa — gogaa laafisa, shukkuma fi finniisa hir’isa.
😴 Hirriba gaarii fida — maagniziyeemiin sammuu tasgabbeessa, hirriba qajeelaa ni gargaara.
🧂 Maagniziyeemii fi zinc baay’ee qaba — fayyaa onnee, lafee fi sirna difaayinaa irratti bu’aa olaanaa qaba.

05/10/2025

Gogaa fuula keessanii manaa keessatti qulqulleessuu

Address

Bale Robe
Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Mohammed Kedir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Mohammed Kedir:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category