10/08/2022
Waa'ee kalee fi fayyaa kalee namaa kana beektuu?
«««««««««««««««««««»»»»»»»»»»»»»»»»»»»
✓ Dhalli namaa tokko kalee lama kan qabu yoo ta'u, kaleen takka giddu galeessan hanga 12cm kan dheerattuu fi 150gm kan ulfaattu, tottoommii harka abbichaa kan geettuu fi boca baaqelaa kan qabduudha.
✓ Mudhii/Cinaa bitaa fi mirgaa gama duubatin kan argamtu yoo ta'u nama 1000 keessaa namni 1 kalee tokko qofa qabaachuu danda'a. Innis waan namni kalee lama qabu raawwatu hunda raawwachuu ni danda'a. Akkasumas kaleen takka yoo fayyaa guutuu qabaatte miidhamuun kalee isa kan biraa qofti rakkoo Kan hin qaqqabsiisne yoo ta'u waan lama ta'anii dalagan tokko kophaa dalaguu ni dandeetti.
✓ Dhiiga gama onneetin qaama keenyaaf raabsamu keessaa kaleen 20% kan qooddattu yoo ta'u hamma bishaanii fi albuudota dhiiga keessaa toohachuun kan baay'ate gama fincaanin baasuu, kan xiqqaate akka hin baane gochuun madaala bishaanii fi albuudota qaamaa eegdi. Akkasumas xuraawaa, qorichaa fi summii garagaraa dhiiga keessaa calaluudhan gama fincaanin qaama keessaa dhabamsiisti.
✓Haaluma kanaan kaleen nama ga'eessa fayya-qabeessaa tokko guyyatti giddu-galeessan dhiiga litira 180 kan calaaltu yoo ta'u san keessaa 1.5-2% (800ml -2L) kan ta'u qofatu fincaan ta'a. Kunis guyyatti 100ml gadi fi 2.5L ol fincaanun rakkoon fayyaa jiraachuu agarsiisa.
✓ Dabalataanis kaleen dhiibbaa dhiigaa to'achuu, hormoonii omisha seelii dhiiga diimaa toohatu omishuu fi hamma albuudota akka kaalsiyemii fi foosfarasii qaamaa toohachuun jabinaa fi fayyummaa lafee eegsisuu keessatti shoora olaanaa taphatti.
✓ Fincaan kalee keessatti omishame gama qaamolee sirna fincaanii birootin gama alaa baha. Kunis yuuretarii keessan (ujummoolee fincaanii kalee fi afuuffee fincaanii walqunnamsiisu) gama afuuffee fincaanii, achitti yeroof kuufamuun yoo hamma miira fincaanuu eegalchiisu irra gahu gama yuureetiraatin (ujummoo fincaanii gama alaa) alatti baha.
✓ Fincaan nama fayya-qabeessa tokkoo bifti isaa hallu-dhabeessaa hanga gara keelloo daalachatti kan siqu yoo ta'u boorawuu fi halluu kanarraa jijjiiramuun rakkoon jiraachuu agarsiisa.
✓ Rakkooleen fayyaa kalee fi qaamolee sirna fincaanii huban adeemsa omisha fincaanii irraa eegalee yaa'insaa fi kuufama fincaanii irratti dhiibbaa kan qabaatan yoo ta'u mallattoolee akka hammi fincaanii hir'achuu, dhukkubbii mudhii/cinaa bitaa ykn mirgaa ykn lameenii, miira ammaa amma fincaanuu, fincaan jarjarsuu fi gubuu, bifti fi fooliin fincaanii jijjiiramuu, dhiita'uu qaamaa ijarraa eegaluun miilaa fi garaa dhiitessuu fi kkf qabaatu.
✓ Rakkooleen fayyaa kalee fi qaamolee sirna fincaanii gurguddoon.
≈ Infeekshinii kalee fi afuuffee fincaanii
≈ Cirracha kalee fi ujummoo kalee
≈ Kalladdoo (Tumors) fi kaansarii garagaraa
≈ Dadhabbii fi miidhamuu kalee.
✓ Wantoota dadhabina fi miidhamuu kaleef nama saaxilan keessaa dhukkubni sukkaaraa fi dhiiga danfaa (dhiibbaa dhiigaa olka'aa) isaan ijoo yoo ta'an dhukkubootni kutaalee qaamaa biroo kan akka dhukkuba onnee, dhukkuba garaa kaasaa, haqqisaa fi dhiigni garmalee namarraa yaa'uu akkasumas qorichoonni fi summiiwwan tokko tokko wantoota dadhabbii fi miidhamuu kaleef nama saaxilaniidha.
✓ Fayyaa kalee keenyaa eeggachuuf maal gochuu qabna?
≈ Bishaan heddummeessanii dhuguu. Yoo xiqqaate guyyaatti 2L( burcuqqoo 8 - 10).
≈ Qorichuma argame callisanii fudhachuu dhiisuu
≈ Soogidda/ashaboo nyaachuu xiqqeessuu.
≈ Dhukkuba sukkaaraa fi dhiiga danfaa (dhiibbaa dhiigaa olka'aa) ofirraa ittisuu, yoo uumamee jiraate sirritti too'achuu.
≈ Fincaan yoo nama qabe ofirra tursiisuu fi baay'ee kuusanii taa'uu dhiisuu.
≈ Sochii qaamaa bifa dhaabbataa taheen hojjachuu.
|•
|••
|•••
Galatoomaa!
Horaa bulaa deebanaa!
Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
©Dr Abdi K Gada