Baraka Medical Center

Baraka Medical Center Baraka Internal medicine speciality center:
Healing hands and caring hearts.

Hospitala Barakaatti tajaajilli dahumsaa argatan, kan isaan gammachiise ta'uu  tajaajilamtoonni himan.‎‎ Hospitaalli Bar...
25/02/2026

Hospitala Barakaatti tajaajilli dahumsaa argatan, kan isaan gammachiise ta'uu tajaajilamtoonni himan.

‎ Hospitaalli Barakaa kenniinsa tajaajila dahumsaa qulqullinna qabuu fi fayyaa haadholeef daa'imman kichuutiif xiyyeffannaa addaatiin hojjachaa jira.

‎Hospitaalichi meeshaalee yaala ammayyaa
fi Ispeeshaalistoota muuxannoof gahumsa ol'aanaa qabaniin tajaajila hunda galeessa
‎ qulqullinnaan kennuuratti argama.

‎Kanamalees Hospitaalichi kunuunsa
addaa haadholeef taasisuun cinatti
‎daa'imman dhalataniif gumaacha
‎ uffataa taasiseera.

Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl


Beeksisa qacarrii hojii Hospitaalli Barakaa ogeeyyii ulaagaa armaan gadii guutan dorgomsiisee qacaruu  barbaada waan tah...
25/02/2026

Beeksisa qacarrii hojii
Hospitaalli Barakaa ogeeyyii ulaagaa
armaan gadii guutan dorgomsiisee
qacaruu barbaada waan taheef
namoonni ulaagaa armaan gadii
guuttan dorgomuu kan dandeessan
ta'uu isin beeksifna.

Hospitaala Barakaa
Teessoon
‎Roobee Baalee naannoo mana
‎Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
‎aspaaltii Hamzaa geessu gubbaa
‎gama harka mirgaatti argamna.

‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎lakkofsa bilbilaa
‎0903030503
‎098905366
‎sarara bilbila si'ataa 6503
https://t.me/+AKZttUoJqwkzYmZk
http://tiktok.com/
https://www.facebook.com/100086587209305/posts/909112991984933/?app=fbl

Faayidaalee TIMIRAA************************ Timirri dafee waan daakkamuuf, ittiin lulluuqachuun garaacha keenna kan soom...
20/02/2026

Faayidaalee TIMIRAA
***********************
* Timirri dafee waan daakkamuuf, ittiin lulluuqachuun garaacha keenna kan soomaan ooleef gaariidha.
* Timirri yeroo sooma lulluuqannu nyaannu dafee beela nu baasa. Nyaata heddus yeroo tokkoon akka hin nyaanne nu godha.
* Timira nyaachuun garaachi keenna bullaayiinsa nyaata biraatiif dhangala'oo barbaachisan gadi lakkisuun akka qophaahu godha.
* Hamma "Glucose ykn sukkaaraa” ol'aanaa ta'e of keessaa qaba; humnas ni kenna.
* Fiber (nyaata qaamaan hin bulloofne) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa ni hirdhisa.
* Dabalataan Timirri Vaayitaamiinoota (Folic acid, B6, A) fi albuudota akka Pootaashiyeemii, Maangaaniizii, Kaalshiyeemii, Maaginiziyeemii, Ayiranii fi Koppeerii of keessaa waan qabuuf:
~ Jabinna lafeetiif
~ Dhiibbaa dhiigaa haga tokko hirdhisuuf
~ Hirdhinna dhiigaa woyyessuuf
~ Fayyummaa ijaa fi sirna narvii keenyaaf faayidaa guddaa qaba.
---
---
Ramadan Mubaarak.
Baga Nagahaan Geessan!
---
Maddi Fuula fb
Dr. Nuredin Luke

Dhaabbileen tajaajila hawaasaa gara garaa Hospitaala Barakaa daawwatan.‎‎Sagantaa daawwannaa kanarratti kan hirmaatan, B...
18/02/2026

Dhaabbileen tajaajila hawaasaa gara
garaa Hospitaala Barakaa daawwatan.

‎Sagantaa daawwannaa kanarratti kan hirmaatan, Baankii daldala Itoophiyaa distiriktii Baalee Roobee, distirikii Baankii hojii gamtaa Oromiyaa, dhaabbata Itiyoo telekoom rijinii kibba kibbaa bahaa fi Tajaajila humna Ibsaa Itoophiyaa rijinii Baalee akkasuma keellaa Fayyaarraa sagantaa daawwannaa kanarratti hirmaataniiru.

‎Hirmaattonni sagantichaa yaada kennaniin Barakaan kilinika giddu galeessarraa jalqabee hanga wiirtuu fayyaa Barakaatti hawaasaaf tajaajila yaala fayyaa dhiheenyatti qulqullinnaan kennuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti adda durummaa shoora ol'aanaa bahaa tureera jedhan.

‎Sadarkaa Hospitaalaatti tajaajila yaalaa hunda galeessaa fi ammayyaa kennuu eegaluun hedduu kan isaan gammachiise
fi Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala fayyaa guutuu dhiheenyatti hawaasaaf kennuu jalqabuunsaa dhamaatii fi baasii dabalataarraa hawaasa kan oolchuudhas jedhan hirmaattoonni sagantaa daawwannaarratti hirmaatan.

‎Hospitaalli Barakaa Ispeeshaalistoota, Sab -Ispeeshalitooota muuxannoo yeroo dheeraaf gahumsa Ol'aanaa qabanii fi maashinoota yaalaa ammayyaatiin
‎hojii eegaluus hirmaattotaaf hoji gaggessaan Ol'aanaa Dr. Awwal Abdulkariim hirmaattotaaf ibsaniiru.

‎Hospitaalichi Maashinoota Yaala dhibee keessaa kanneen akka Indoskoppii, CT Scan, kolonoskoppii maashinoota fiiziyooteerrappii fi fa’an deeggaramuun gamoo tajaajila hunda galeessaaf mijataa tahee fi tajaajila liiftii fi ampulaansiis kan qabu tahuus eeraniiru.

‎Hospitaalaa Barakaatti tajaajila yaala hunda galeessa si'ataaf dhaqqabamaa qulqullinnaan hawaasaaf kennuu kan
‎jalqabe yammuu tahu

‎ Hoji gaggeessa ol'aanaa Hospitaala
Barakaa Dr. Awwal Abdulkariim fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu ibsani dhimmamtootaaf qooda fudhattoota
‎ fi qaamolee deeggarsaan cinaa dhaabbataa turan galateeffataniiru.




Oduu Gammachiisaa.Jiraattota godina Baaleetii fi magaalaa Roobeef naannoo ishee hundaaf!Duulli qindaa'aan yaala mormaa o...
16/02/2026

Oduu Gammachiisaa.
Jiraattota godina Baaleetii fi magaalaa Roobeef naannoo ishee hundaaf!

Duulli qindaa'aan yaala mormaa olii
marsaa 2ffaan Gurraandhala 27 -30/2018
tti Hospitaalli Barakaa Ispeeshaalistoota Finfinnee Hospitaala paawuuloos irraa
dhufan waliin ta'uun tajaajila yaala mormaa olii kan kennu tahuu gammachuun
isin beeksisa.

Tajaajila argachuuf gamanumaa
qaamaan Hospitaala Barakaa dhuftanii galmaahuu ykn Karaa bilbilaa, 0903030503/0989053669
Bilbiluun galmaahuu ni dandeessu.

Qaamoleen hawaasa garagaraa ‎Hospitaala Barakaa daawwatan.‎‎Sagantaa daawwannaa kanarratti kan hirmaatan abbootiin amant...
15/02/2026

Qaamoleen hawaasa garagaraa
‎Hospitaala Barakaa daawwatan.

‎Sagantaa daawwannaa kanarratti kan hirmaatan abbootiin amantaa
‎fi jaarsoliin biyyaa Hospitaalli
‎Barakaa tajaajila kennuu jalqabuu
‎isaatti kan gammaddan tahuu
‎ himan.

Hospitaalli Barakaa tajaajila yaala fayyaa guutuu dhiheenyatti hawaasaaf kennuu jalqabuunsaa dhamaatii fi baasii dabalataarraa hawaasa kan oolchuudhas jedhan hirmaattoonni sagantaa daawwannarratti hirmaatan.

‎Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Hospitaala Barakaa kan ta'an Ispeeshaalistii dhibee keessaa,‎Doktar Awwal Abdulkariim gama isaaniitiin tajaajila fayyaa fooyyessuun xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu
‎himuun, sadarkaa Hospitaaaatti tajaajila yaala guutuu akka eegalluuf hawaasni yaadaafi gaaffii gaafachaa turuu yaadachiisuun gaaffiif yaada hawaasa galtee taasifachuun ,tajaajila yaalaa sadarkaa Hospitaalaatti eegaluun fayyadamummaa, hawaasaatiif xiyyeeffannaa hojjachaa jiraachuu
hirmaattotaaf himaniiru.


Hospitaalli Barakaa Ispeeshaalistoota,
Sab -Ispeeshalitooota muuxannoo yeroo dheeraaf gahumsa ol'aanaa qabanii fi maashinoota yaalaa ammayyaatiin
hojii eegaluus hirmaattotaaf hoji gaggessaan Ol'aanaa Hospitaala,Barakaa
Dr. Awwal Abdulkariim hirmaattotaaf ibsaniiru.

‎Hospitaalichi Maashinoota Yaala dhibee keessaa kanneen akka Indoskoppii,
CT Scan, kolonoskoppii maashinoota fiiziyooteerrappii fi fa’an deeggaramuun gamoo tajaajila hunda galeessaaf mijataa tahee fi tajaajila liiftii fi ampulaansiis kan qabu tahuus eeraniiru.

‎bara 2005 tti A. L.H hundaa'ee sadarkaa kilinika giddugaleessaatiin tajaajila kennuu kan eegale Barakaan bara 2014 tti gara Wiirtuu Fayyaa Barakaatti ol guddachuun wiirtuu Fayyaa Barakaatii tajaajilaa kennaa jiraachuun ni beekama.

Hospitaalaa Barakaatti tajaajila yaala hunda galeessa si'ataaf dhaqqabama qulqullinnaan hawaasaaf kennuurratti argama.

Oduu Gammachiisaa Duula qindaa'a  yaala mormaa olii marsaa 2ffaa Hospitaala Barakaatti Gurraandhala 27-30/2018 ni gaggee...
10/02/2026

Oduu Gammachiisaa
Duula qindaa'a yaala mormaa olii marsaa 2ffaa Hospitaala Barakaatti Gurraandhala 27-30/2018 ni gaggeeffama.

Hospitaalli Barakaa duula qindaa'aa yaala mormaa Olii marsaa 2,ffaa Ispeeshaalistoota yaala mormaa olii Finfinnee Hospitaala paawuloos irraa dhufan waliin ta'uun Gurraandhala, 27 -30/2018 tti namoota rakkoo fayyaa mormaa oliitiin rakkachaa jiraniif tajaajila waldhaansa yaala
mormaa olii ni kenna.

Tajaajilonni wal'aansa yaalaa irratti kennaman.

➡️ Rakkoo fayyaa hirriba keessaa
korrisuu, ga'eesaotaa fi daa'immanii yaaluu.
➡️ Rakkoo dhagahuu dadhabuu dandeettii gurraa yaaluu
➡️Dibbee gurraa cite waldhaanuu.
➡️Funyaanii fi Hidhii baqaqee waldhaanuu. ➡️ Laagaa baqaqee fi cite yaaluu
➡️ Qorannoo dhukkuboota Funyaan fi Gurra Endooskooppii dhaan adda baasuu.
➡️ Toonsilii yaala baqaqsuutiin yaaluu. (Adenotonsillectomy)
➡️ Qorannoo fi Yaala Mormaa olii Guutuu.
➡️ Dhiita mormaa olii yaala baqaqsuutiin yaaluu.

📍Teessoon Roobee Baalee
Lakk. 1
Hospitaala Barakaa naannoo mana barumsa fiiwuchar Hooppii Daandii aspaaltii masjiida Hamzaa geessu gubbatti argamna.

Lakk. 2.
Wiirtuu Fayyaa Barakaa Waajjira bulchiinsa ganda baha biiftuu (03) Fuul duratti,argamna.
odeeffannoo dabalataatiif.

📞 0903030503/098905366
‎/sarara bilbila si'ataa 6503

10 የጉበት በሽታ ምልክቶችየጉበት የመጀመሪያ ተግባሩ የተመገብነውን ምግብ በመሰባበር የተለያዩ ንጥረ ነገሮችን ማውጣት እና የምግብ መፈጨትን ያግዛል፡፡ 👉የሚከተሉት የጉበት በሽታ ምልክቶች ና...
08/02/2026

10 የጉበት በሽታ ምልክቶች

የጉበት የመጀመሪያ ተግባሩ የተመገብነውን ምግብ በመሰባበር የተለያዩ ንጥረ ነገሮችን ማውጣት እና የምግብ መፈጨትን ያግዛል፡፡
👉የሚከተሉት የጉበት በሽታ ምልክቶች ናቸው፦
1.የቆዳ ቀለም መቀየር/መለወጥ
በአይናችን ልናየው የምንችለው የጉበት ጉዳት/በሽታ ምልክት የቆዳ ቀለም ለውጥ ነው፡፡ የቆዳዎ ቀለም ቢጫ ወይም የገረጣ/የፈዘዘ እየሆነ ከመጣ ጉበትዎ በትክክል ስራውን እየተወጣ አይደለም ማለት ነው ፡፡
2.የሆድ ህመም
ጉበታችን የሚገኘው በጎድን አጥንታችን አካባቢ ሲሆን የጉበታችን ጤናማ አለመሆን በሆዳችን እና በጎድን አጥንታችን አካባቢ ከፍተኛ የህመም ስሜት ይፈጥራል፡፡
3.በተደጋጋሚ ማግሳት
በሆድ/አንጀት በአየር መነፋት ምክንያት በተደጋጋሚ በግሳት የሚሰቃዩ ከሆነ ጉበታችን ምግብን ለመፍጨት የሚሆን ኢንዛየም ማምረት ተስኖታል ማለት ነው፡፡
4.የድካም ስሜት መሰማት
ጉበት ምግብን በሚሰባብርበት/እንዲፈጭ በሚያደርግበት ጊዜ በየቀኑ ስራችንን ለመስራት የሚጠቅም ሃይል/ጉልበት እንድናገኝ ያደርጋል፡፡ በቀላሉ የምንደክም ከሆነ የጉልበት ማጣት ምልክት ነው ይህም ጉበታችን ሥራውን በትክክል አለመወጣቱን ያሳያል፡፡
5.የሽንት ቀለም መለወጥ
ጉበታችን መጎዳት በሚጀምርበት ጊዜ የሽንታችን ቀለም ጠቆር ወዳለ ቢጫ ይቀየራል አንደንዴም ወደ ደም ቀለም ሊወስደው ይችላል፡፡
6.ቆዳን ማሳከክ
የጉበት በሽታ ማሳያ ከሆኑት አንዱ የቆዳ ማሳከክ ነው፡፡
7.ማቅለሽለሽ
የምግብ አለመፈጨት እና የአሲድ አለመመጣጠን የጉበት ጉዳት ምልክቶች ናቸው፡፡
8.የክብደት መቀነስ
ድንገተኛ የሆነ የክብደት መቀነስ የጉበት ችግር ሊሆን ይችላል፡፡
9.ፈሳሽን መያዝ
በተለያዩ የሰውነት ክፍሎች ላይ ፈሳሾች መቋጠር/መያዝ በተለይ በእግር አካባቢ የጉበት ምልክት ያበጡትን ጣቶች ስንጫናቸው ለጥቂት ሰከንዶች ወደ ውስጥ ገብተው/ጎድጉደው ይቀራሉ፡፡
10.የአይነ ምድር ቀለም መቀየር
የአይነ ምድር ቀለም መቀየር አንዱ የጉበት ችግር ምልክት ነው፡፡ ትንሽ ደም ከአይነ ምድር ጋር ተቀላቅሎ የሚወጣ ከሆነ በፍጥነት ወደ ጤና ተቋም መሄድ ይኖርብናል፡፡

BEEKSISAHospitaalli Barakaa Iddoo tajaajila  kaafteeriyaatiif oolu  irratti dorgomsiisee kireessu  barbaada waan taheef ...
06/02/2026

BEEKSISA
Hospitaalli Barakaa Iddoo tajaajila kaafteeriyaatiif oolu irratti dorgomsiisee kireessu barbaada waan taheef namoonni ulaagaa armaan gadii guuutan dorgomuu
ni dandeessu.

Teessoon
Roobee Baalee naannoo mana
Barumsa Fiiwuchar hooppii daandii
aspaaltii Hamzaa geessu irra gama
harka mirgaatti argamna.

Iddoon galmee Hospitaala Barakaa
lakkoofsa Biiroo 104 tti qaaman
ragaa dorgommii dhiheffachuu
ni dandeessu.

Odeeffannoo dabalataatiif
lakkofsa bilbilaa
0903030503
098905366
sarara bilbila si'ataa 6503

yaadachiisaNamoota rakkoo Fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaa jirtan hundaaf.Wiirtuun Fayyaa Barakaa kenniinsa tajaajila y...
01/02/2026

yaadachiisa
Namoota rakkoo Fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaa jirtan hundaaf.

Wiirtuun Fayyaa Barakaa kenniinsa tajaajila yaala fayyaa babaldhisuun tajaajila Yaala qulqullinnaan dhiheenyatti hawaasa isaatiif kennuurratti argama.

Kanuma bu'uura godhachuun namoonni rakkoo fayyaa gogaa qaamaatiin rakkachaaa jirtan tajaajila gahaa argachuun furmaata waaraa fayyaa gogaa qaamaa keessaniitiif tajaajila yaala Ispeeshaalistii gogaa qaamaa kan ta'an gargaaraa piroofeesara,Dr.Adaanee Charinattin Yaala gahaa kan argatan tahuu gamanuma isin yaadachiifna.

Tajaajilonni yaalaa kennaman
******************************
• Madaa shiftoo,
• Citiinsa gogaa qaamaahoqsisuu
• alarjikii qaamaa fi gogaan qaamaa dallanuus dabalate sadarkaa dhibee
gogaa qaamaa adda baasuun tajaajila
Yaala gahaa wiirtuu Fayyaa Barakaatti ni argattu.

Guyyaan tajaajila gaafa guyyaa Dilbata 24-25/05/2018

Teessoon keenya:
Roobee Baalee Waajjira bulchiinsa
Ganda Baha Biiftuu fuulduratti argamna.

Odeeffannoo dabalataatiif:
Lakkoofsa bilbilaa,
0903030503/0989053669/
Bilbila si'ataa (fast call) 6503

‎Duula qindaa'aa yaala dhibee mormaa olii Ispeeshaalistoota Finfinneerraa dhufaniin Hospitaala Barakaatti itti fufiinsaa...
31/01/2026

‎Duula qindaa'aa yaala dhibee mormaa olii Ispeeshaalistoota Finfinneerraa dhufaniin Hospitaala Barakaatti itti fufiinsaa Kennama jira.

‎Rakkoolee fayyaa mormaa olii
yaalli irratti kennamaa jiru kanneen akka

‎•Rakkoo halkan hirriba keessa korrisuu daa'immanii fi kan ga'eessotaa yaaluu
‎• Toonsili baqaqsanii yaaluu
‎• Rakkoo fayyaa gurraa wal qabatuu fi
dibbee gurraa citee yaaluu
‎• Hidhii fi funyaan baqaqe yaaluu
‎•Laagaa citee fi baqaqe yaaluu
‎•Saayinasii funyaanii yaaluu fi
‎dhibee qoonqoon indoskoppiidhaan deeggaramuun baqaqasuun
‎•dhiita gara garaa mormaa
‎olitti baha baqaqsuun yaaluurratti
argama Hospitaalli Barakaa.

‎Ammas carraa kanaan namoonni rakkoo fayyaa Mormaa oliitiin rakkachaa jirtan yaala gahaa argachuun furmaata waaraa fayyaa keessanii akka argattan isiniin jechaa gamanumaa galmaahuun fayyadamaa
tajaajila yaala kanaa, akka taatan isin beeksifna.

‎Hospitaala Barakaa
‎Teessoon Roobee Baalee
‎Iddoon tajaajilaa.
‎Naannoo mana barumsa fiiwachar
hooppii aspaaltii masjiida Hamzaa
‎ geessu gubbaatti argamna.

‎Odeeffannoo dabalataatiif
‎Lakkoofsa bilbila.
‎0903030503/098905366
‎/sarara bilbila si'ataa 6503

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baraka Medical Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category