Magaala Roobee Buufata Fayyaa Baha Biiftu

Magaala Roobee Buufata Fayyaa Baha Biiftu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Magaala Roobee Buufata Fayyaa Baha Biiftu, Medical and health, Robe Town, Robe.

💧 ✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa isaan hin barbaachisu.🤱  Harmi haadh...
28/10/2025

💧 ✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa isaan hin barbaachisu.
🤱 Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessaa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e kan harma hoosisuu caalu hin jiru.

🛡️ ✍️ Harma hoosisuun daa’imman irraa dhukkuboota hedduu ittisa.

💪 ✍️ Daa’imni dhukkubsattu tokko yoo sirriiti harma haadhasaa hodha ta’e dhukkuba san irraa dafee akka dandamatuuf ni gargaara.

💖 ✍️ Daa’imman harma haadhaa hodhan daa’ima nyaata kan biraa sooratan caalaa fayyaan isaanii amansiisaadha.

🧼 ✍️ Harmi haadhaa yeroo hundaa qulqulluudha. Daa’imman harma haadhaa utuu hin hodhin nyaata kan biroo nyaatan, nyaata nyaatan san keessa jarmooti fayyaa isaanii huban hedduu jiraachuu waan danda’uuf carraan dhukkubsachuu guddaa qabu.

🧠 ✍️ Akka qorannoon mul’isutti daa’imman ji’oota jalqabaa ja’an keessatti aannan harma haadhaarraa argatan qofa soorachuun guddina sammu fi guutummaa qaama isaaniif albuuda isaan gargaaru guutuu argachuu danda’u.

🏋️‍♀️ ✍️ Hanga ji’a ja’aatti daa’imman aannan harma haadhaa yoo kan sooratan ta’an, ciminnaa fi guddinna qaamaa akkasumas dhukkuba dandamatoo tahanii guddatu.

🚫🍬 ✍️ Akka amantaa namoota hedduutti daa’imman haara dhalataniif guyyoota jalqabaa muraasaaf aannan kennuufiin gaarii akka hin taane dubbatu. Namoonni kunneen bishaan sukkaaran yoo daa'ima kichuu amma dhalatteef kenname fayyaa isaaniif gaarii taha jedhanii haasayu. Lammiiwwan keenya baay’een beekumsa dhabuun kana godhu. Haa tahu malee barsiifati kun sirrii miti. Bishaan sukkaaraa fayyaa daa’imman keessanii miidha. Kanaaf harma haadha qofa kennaafi.

🕐 ✍️ Daa’imni akkuma dhalatteen sa’aatiiwwaan jalqabaa keesaatti harma haadhaa argachuu qabu.

🥗 ✍️ Haati takka aannan ga’aa fi qulqullina gaarii qabu daa’ima isii sooruuf, ofii isiitiif nyaata ga’aa ta’e soorachuu qabdi.

💚🌸 Xumuraan: Daa’imni harma haadha qofa soorate fayyaa, jabina fi gammachuu guutuu qaba.

Waajjira Fayyaa Aanaa Harannaa Bulluq hojii gaarii hojjataa jirtuu jabaadha
27/10/2025

Waajjira Fayyaa Aanaa Harannaa Bulluq hojii gaarii hojjataa jirtuu jabaadha

24/10/2025
 Waajjirri Fayyaa Godina Arsii, Balaa Konkolaataa guyyaa Onkoloolessa 12/2018 - Godina Shawaa Bahaa, naannoo Magaala Ool...
22/10/2025


Waajjirri Fayyaa Godina Arsii, Balaa Konkolaataa guyyaa Onkoloolessa 12/2018 - Godina Shawaa Bahaa, naannoo Magaala Oolancitiitti Ogeeyyii Fayyaa Aanaalee Godina Arsii irraa qormaata fooyyeeffannaa barnootaaf gara Yunivarsiitii Haramayyaa imalaa osoo jiran miidhaa hamaa lubbuu galaafateefi miidhaa qaamaa sadarkaa gara garaa geesseen; ogeessota fayyaa kutannoo qaban hedduun wareegamuu isaanii ilaalchisee GADDA GUDDAA itti dhagahame ibsaa,

Tajaajila isaan ummataaf kutannoon,gara-nyaattoon,hamilee fi ga'uumsaan of-danda’inii umrii isaanii guutuu hawaasa isaaniitiif gumaachaa turan yommuu kan yaadatamu ta'uu isaas ni ibsina.

Maatii,hiriyootaafi firoottan isaanii akkasumas hawaasa bal'aa tajaajilaa turan hundaafis obsaafi jaajjabina hawwina.

18/10/2025

Address

Robe Town
Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Magaala Roobee Buufata Fayyaa Baha Biiftu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram