18/12/2024
Haala fi fuula gaariin yaalamuu feetuu?
****************************************
Gaaffii Hordoftootaa: Yeroo baayyee mana yaalatti Haakimoonni fi Narsoonni maaliif nama lolu ykn amala gaarii dhabu? seeraan nama hin keessummeessan. Maaliif?
DEEBII
*******
Mana yaalaa dhuftanii seeraa keessummoftanii galuuf wantoota armaan gadii kana gochuun isin gargaara:
1. Waan ogeessi isin gaafatu duwwaa deebisaa , dhumarratti wanta hafe himachuu ni dandeessu.
2. Gosa qaama keessan isin dhukkuba hakimatti hin himinaa , kunis kalee , onnee yookin qaama biraa na dhukkuba jettanii ogeessa fayyatti hin himinaa ( yoo kanan dura ogeessa fayyaan isinitti himame malee) , mallattoo fi bakka isin dhukkubu qofa itti himaa gosa dhukkuba keessan ogeessaf dhiisaa.
3. Ogeessa fayyaa kabajaa kunis maqaa kabajaa isaanin waamuu.
4. Wanta namarra dhageessaniin yookin “Google” irraa argitaniin ogeessa fayyaa hin morminaa.
5. Ogeessa fayyaatin jechoota akka mucaa , “Abbaat” , obboleessa (brother) yookin obboleettii hin jedhanii baayyee jibbisiisadha. Maqaa kabajaa isaanin waamuu yaalaa.
6.Gaafa ogeessi fayyaa isinitti dubbatu sirritti caqasaa , waan isinii hin galle gaafadhaa. Waa’ee dhukkuba keessanii waan barbaaddan gaafachuu dandeessu.
7. Rakkoo waan hundumaaf kanneen akka laboratoorii , raajii fi kanneen biroo ogeessa fayyaa biraa dhaqxanii hin komaatinaa isa hin ilaallatu.
8. Nama ciisee yaalamuuf homtuu hin godhamnee , lilmoon yookin gulukosii hin kennamneef ( yoo ajajamuu isaa sirritti beektan malee) hin jedhinaa rakkoo keessan duwwaa itti himadhaa.
9. Gosa qoricha barbaaddanii kunis lilmoo ykn kiniina barbaada jettenii hakima hin dirqisiisinaa, filannoo jiru isa gaafadhaa.
10. Ogeessi fayya akkuma nama kamuu dadhabuu , aaruu fi amaloota biro agarsiisuu akka danda’u beekaa.
Horaa bulaa …..Fayyaa hin dhabinaa!
Qopheessan :Doctor Oliyad