Sabboonaa Abdii

Sabboonaa Abdii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sabboonaa Abdii, AIDS Resource Center, Robe.

https://talent.insa.gov.et/talent/registerhttps://talent.insa.gov.et/talent/register*Carraa kanatti Barattootni keenya a...
25/06/2024

https://talent.insa.gov.et/talent/registerhttps://talent.insa.gov.et/talent/register

*Carraa kanatti Barattootni keenya akka Fayyadaman Taasiisa!!*

Teeknooloojiin lafee dugdaa bara kana akka ta’e ni beekama. Keessa iyyuu guddina qunnamtii, eegumsa fayyaa, barnootaa fi industirii irratti shora olaanaa qaba. AI irraa kaasee hanga Intarneetii Wantootaatti, teknooloojiin akkaataa itti jiraannuu fi hojjennu jijjiiraa kan jiruufi odeeffannoo bal’aa ta’e kennuudhaan namoota dhuunfaa fi hawaasa illee ni humneessa.
INSA barattoota cicimoo bilisa gannaa kana leenjisuuf carraa kennera. Waan kana ta’eef; “INSA Cyber Summer Campus” leenjii gannaa keessa bilisan kennamu irratti akka barattootni kenya galmaa’anii dorgomanii taasiisa. Yeroon galmee baay’ee gabaaba waan ta’eef, halkanuma kana wal dabarsatti ijoolleen akka galmoftu taasisa. Link iraatti galmaa’anis *https://talent.insa.gov.et/talent/register* dha.

Carraa Kanatti Fayyadamaa!= = = = = = = =Beeksisni kun hojjettoota magaalaa shaggar osoo hin dabalatiin hojjettoota moot...
06/05/2024

Carraa Kanatti Fayyadamaa!
= = = = = = = =
Beeksisni kun hojjettoota magaalaa shaggar osoo hin dabalatiin hojjettoota mootummaa naannoo Oromiyaa hunda fayyada.

Waajjirri komunikeeshinii magaalaa Shaggar beeksisa jijjiirraa bakkaa keessaafi alaa baasee jira.

Namoonni sin hin ilaallanne warra ilaallatuuf share godhaa!👇

Maliif Rassuulli Rabbii (S A W) hulaa ka'abaa🕋haala banaa tateen balbala irra dhaabbatee bilaal gaafatee nija'e naayaama...
21/03/2024

Maliif Rassuulli Rabbii (S A W) hulaa ka'abaa🕋haala banaa tateen balbala irra dhaabbatee bilaal gaafatee nija'e naayaamaa bilaal ja'ee eegasii akkana ja'e Yaa qureeshiiiiiii ! Guyyaan arraa kun guyyaa bilaal keessa azzabame balbala ka'abaa🕋tana duratti 👌

Hugguma bilaal dhufe Ergamaan rabbii (S A W) bilaaliin nija'e yaa bilaal seeni namni tokkolleen nawajjiin hin salaatu ka'abaa🕋 tana keessatti simalee ja'een 👌

Rassuulli Rabbii (S A W) wanni inni akkas godheef kabajaa fi guddina inni qabu ummatatti argisiisee barsiisuufi waan inni islaaminnaan duratti qixaaxa hamaa keessa tureefi 👌

Erga ka'abaa🕋keessatti waliin salaatan booda Ergamaan rabbii (S A W) bilaaliin nija'e koottuu ka'abaa🕋tana gubbatti ol bahi 🕋 hugguma utubaa isiirra olbahuudhaaf ka'e mucucaattee gudeeda isaa irra ol baasuu dadhabe yeroo kana Ergamaan rabbii (S A W) laalee yeroo kana sahaabaa irraa Umarii fi abuu bakri(isaan lachuu rabbiin irraa haa jaalatuu) isa cinaa dhaabbatanii jiranii isaan akka isa ol fuudhanii olbaasan barbaade akkasitti bilaal miila isaa kan mirgaa morma umar kabajamaa san irra kaayyatee miila isaa kan bitaa morma abuu bakrii kabajamaa sanirra kaayyatee ka'abaa🕋gubbatti ol bahe👌

Ergamaan rabbii (S A W) isaan nija'e Yaa bilaal RABBII isa malee gabbaramaan tokkolleen hin jirretti kakadhee ka'abaan🕋 tun RABBI biratti goddoodha wallaahi arra siitu ka'abaa🕋 tanarra guddaadha siitu kabajamaadha RABBI biratti ja'een 👌

Yoo dubbiftee xumurte Ergamaa rabbii nabi mohammad S A W irratti sallaallaahuu Aleeyi wasallam
🤲🤲🤲🤲🤝🤲🤲🤝🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲🤲

  Muudama.Aadde Warqiyyaa sulxaan IG waajjira Dhimma Dubartiif Daa'immanii Godina Baalee Bahaa kan turan Itti Gaafatamtu...
29/02/2024

Muudama.

Aadde Warqiyyaa sulxaan IG waajjira Dhimma Dubartiif Daa'immanii Godina Baalee Bahaa kan turan Itti Gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Baalee Bahaa Tta'uudhaan Muudamaniira.

Kana beektuu laata?Hoteelli guddaan Addunyaa Maqaan isaa Abraj Kudai jadhamu Sa'uudi Arabiyaa Magaalaa Makkaa keessatti ...
29/02/2024

Kana beektuu laata?

Hoteelli guddaan Addunyaa Maqaan isaa Abraj Kudai jadhamu Sa'uudi Arabiyaa Magaalaa Makkaa keessatti argama. Hoteelli kun Dooraalii Biiliyoona 3.6 kan ijaarameedha. Hoteelli kun kutaalee ciisichaa 10,000, mana nyaataa 70 fi Helikooptarii Afur qubsiisu danda'a! Hoteelli kun haala qilleensa gammoojjii giddugaleessa godhachuun kan ijaarameedha. Hoteelli kun abbaa darbii 45ti. Hoteelli kun masaraawwan 12 kan of keessaa qabu yoo ta'u. mana daldala, buufata konkolaataa fi galma bal'aa baay'ee namatti tolu of keessaa qaba. Hoteelli kun Masjiidas of keessaa qaba. Kana malees kutaaleen 12 Ilmaan mootii Sa’uudii Arabiyaa qofaaf kan qabamaniidha! Walumaagalatti Hoteelli kun sadarkaa Idil-Addunyaatti Hoteelli sadarkaa 1ffaa irratti argamuudha!!👏

"Kuullee¿¿¿"Tibba kana "Qubee Afaan Oromoo" haaraa  "uumne" miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa jiru irratti namni keenya w...
04/02/2024

"Kuullee¿¿¿"

Tibba kana "Qubee Afaan Oromoo" haaraa "uumne" miidiyaa hawaasaa
irra naanna’aa jiru irratti namni keenya walqoodee yaadaan walitti bu’aa jira. Namootni tokko tokkos biirooleen dhimmi ilaallatu ibsa osoo itti kennanii jechuun keessaan nu gaafachaa jirtu.Waan al-idilee akkanaa kanaaf deebii idilee kennuun barbaachisaadha jennee hinamannu. Garuu akka qaama hawaasa kanaatti yaadan kenna.

“Foon lafa jiruuf allaattiin samii irratti walnyaatti, “ akkuma jedhamu yoo ta’e malee dhimmi Qubeefi Afaan Oromoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhimma tumamee bubbuleedha . kana jechuun Qubeen Afaan Oromoo rakkoo qaba jedhameetuu osoo itti amanamee qorachiisee uummata mariisisee kan heera kana jijiiru caffeedhuma malee nama dhuunfaa tasuma ta’uu hindanda’u . Kanaaf yaada qorataa tokkoo irraa ka’ame akka dhimma guddaa tokkootti hafarsuun badaa barbaachisaa miti . 'Academic excercise' ta'a akka hinjenneef rakkoo Qubeen Afaan Oromoo kana jedhee waan ibse hinqabu. Dhimmi kun karaa al-idilee ta’een deemaa jira malee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gaye hinjiru.Kanaaf akka allaattii samii irraa waan lafa jiruuf walfixuun barbaachisaa miti.

Hubannoof akka toluuf; biyya addunyaa 195 keessaa 141 ykn 72.3 % qubee Laatiniitiin fayyadamu. Kun kan ta’e sababa malee miti . Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin maaliif dhimma bahuun barbaachise kan jedhu Dr.Abdulsamad Mahaammad namoota guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gayee qaban kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad faa waabeffatuun haalaan Katabeera. Hubannoo keessan bal’ifachuf yaada isaa websaayitii irraa dubbisaa . Dr.Abdulsamd Mahaammad Afaan Oromoo wayita hojii jalqabu Afaan Oromoo waaltessuu keessatti jira wiirtuu jedhamee beekamu keessatti nama gayee guddaa qabuudha.

Hayyoota kana lamaan Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad Mootummaan Naannoo Oromiyaa gayee isaan guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gumaachan hubachuun siidaa yaadannoo dhaabeefii jira.

04/02/2024
 Biyya Itoophiyaa keessatti ijaarsa sirna mootummaa fi biyyaa irraa eegaluun seenaa Oromoo dabalatee seenaa sabaa fi sab...
04/02/2024



Biyya Itoophiyaa keessatti ijaarsa sirna mootummaa fi biyyaa irraa eegaluun seenaa Oromoo dabalatee seenaa sabaa fi sablammoota Itoophiyaa haaluutu ture. Seenawwan haalaman kanneen keessaa tokko injifannoo sabaa fi sablammoonni Itoophiyaa waloon gonfatan kan garee tokkoon argamee fi kan moototaa qofa godhanii qooda sabaa fi sablammoota Itoophiyaa haalun ifatti muldhateera. Injifannoon Adwaa injifannoo uummata biyya keenyaa, keessattuu hirmaannaa olaanaa jeneraalotaa fi loltoota Oromoo kan ifatti itti mul'ate ta'ee osoo jiruu dhugaan kun haalamuun Oromoon akka qooda keessaa hin qabneetti himamaa ture.

Dhugaa injifannoo Adwaa Artistiin qaalin Haacaaluu Hundeessaa babbaysee dirretti baasee gumaata Oromoo dirretti mul'ise. Har'a magaalaa Finfinnee keessatti Godaamban injifannoo Adwaa kan dhugaa dhokatte ifatti mul'isuu fi agarsiisu ijaaramee xumuramuun seenaa haarawa ijaaruudha. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee seenaa dabe sirreessuu fi mallattoo siidaa tokkummaa uummattoota Itoophiyaa Adwaa akkaataa biyya kana keessatti ijaarsi ijaaramee hin beekne ijaarudhaan seenaa haaressuu, tokkummaa saboota biyyaa cimsuu fi ijaarsa biyyaa jabeessuu keessatti hojii gumaata olaanaa qabu hojjataniiru. Ijaarsi kun godaambaa qofa osoo hin taane calaqqee tokkummaa fi injifannoo sabaa fi sablammoota Itoophiyaa hundaati.

 !.  Guddittii Abbaayi-2 yeroo jalqabaaf fe'isa Itoophiyaa qabattee Buufata Jibuutii ga'uun dhaga'ame.Qabsoo gooticha Ab...
02/02/2024

!.

Guddittii Abbaayi-2 yeroo jalqabaaf fe'isa Itoophiyaa qabattee Buufata Jibuutii ga'uun dhaga'ame.
Qabsoo gooticha Abbaa Malaa keenya kunoo ifatti hojiitti hiikameera. "Osuma mortuun mortuu ni hora abbaan horu!" jechuun dhugaadha!

Galatoomi Abbichuuko!🙏

Abbaa ofii waa Hundaa oli rabbii gaditti
24/01/2024

Abbaa ofii waa Hundaa oli rabbii gaditti

 .  Jaarsoo Boruu Dhugumatti Dr Abiy Ahmed Ali  lammaaffaa nama jechisiisa, Akkuma Dr Abiy Iddoo seena qabeessaa fi Haww...
18/01/2024

.

Jaarsoo Boruu Dhugumatti Dr Abiy Ahmed Ali lammaaffaa nama jechisiisa, Akkuma Dr Abiy Iddoo seena qabeessaa fi Hawwata Turiziimii irraatti xiyyeeffannaa guddaa kennee hojachaa jiru, Bulchaan Godina Baalee bahaa Aab Jaarsoo boruus Iddoo seenaa qabbeessa Dirree Sheek Husseen Misoomsuuf Onnatee ka'eera.
Aab Jaarsoo Boruu Iddoo seenaa qabeessa kanatti Imaluun Eerga rakkoo jiruu hawaasa waliin mari'ate booda Iddoo kana misoomsuuf karoora hawaasni Godina Baalee bahaa hunduu itti gammadu karoorfatee guyyaa muraasa booda nutti gadii bahuuf jira jabaadhu rabbi sii haa gargaaru jennaan.
Akka Oromiyaatti Bulchaan manni Aamantaa hundaa keessaatti Du'aa'ii godhameefii jabbeessaa gargaaraa jedhan Seenaa jiruu kiyyaa keessaatti Aab Jaarsoo boruu qofa Arge. kanaaf nama Akkana argachuun Uummata godina baalee bahaa carraa guddaadha, haa jabeefannuun dhaamsa keenya.

Address

Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sabboonaa Abdii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Sabboonaa Abdii:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram