23/08/2025
Part-III-About Renal (Kidney ) Disease
🎯 Dhiibee Kaleef Saaxilamoo eenyuufadha? (Who is at Risk of Kidney Disease?)
• Warra sukkaaraa (Diabetes Mellitus) ykn dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) qaban – yoo gadifageenyan hinyaalamne yeroo dheeraa booda kalee irratti miidhaa fidu ni danda’a.
• Namoota maatii isaanii keessatti dhukkuba kalee qaban.
• Warra yeroo hedduu madaa kalee ykn infeeshni kalee (UTI – Urinary Tract Infection) qaban – yoo yeroon hin yaalamne kalee miidhuu danda’a.
• Warra qoricha dhukkubaaf (painkiller) ykn qoricha aadaa yeroo dheeraaf fayyadaman – qorichi kunni yeroo dheeraaf yo fayyadamne kalee irratti miidhaa fidu ni danda’a.
• Warra ulfaatina qaamaa (obesity) garmalee qaban – ulfaatinni kun dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa waan nama saaxiluf danda’uuf.
• Namoota umurii ol’aanaa qaban fi kkf.
Akkamitti Dhukkuba Kalee Ittisuu fi Yaalu Dandeenya?
✅ Ittisa Dhukkuba Kalee (Prevention)
Dhukkuba kalee dura ittisuun ulfaataa ta’uu danda’a, garuu namni hundi gochaalee armaan gadii irratti xiyyeeffachuun carraa dhukkuba kana irraa of eegu danda’a:
• Dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa to’achuun: Namoota dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa qaban keessatti dhukkubni kalee saffisaan dhufa; kanaaf qorannoo dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa yeroo yerootti taasifachuun barbaachisa.
• Nyaata soogidaa hedduu irraa of qusachuu: Soogidaa baay’inaan nyaachuun dhiibbaa dhiigaa akka dabalu taasisaa; dhiibbaa dhiigaan ammoo kalee miidhuu danda’a.
• Bishaan gahaa dhuguu: Bishaan sirnaan dhuguun kalee hojii isaa akka sirriitti hojjetu gargaara. Haa ta’u malee, namoota dadhabna kalee qaban keessatti bishaan hedduu dhuguun rakkisadha; kanaaf ogeessa fayyaa waliin mari’achuu barbaachisa.
• Qoricha dhukkubaa (painkiller) fi qoricha aadaa yeroo dheeraa itti fayyadamuun dhiisuu: Qorichoonni kun yeroo dheeraaf fudhataman kalee miidhuu danda’u.
• Ulfaatna qama garmalee (obesity) ittisuu: Ulfaatni qama olaanaa dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraaf nama saaxilaa; sochii qaamaa (exercise) yeroo yerootti gochuu and haala soorata keenyaa irratti jijjirama gochuun akka ulfaatna to’achuu dandeenyu nu gargaara.
• Qorannoo fayyaa yeroo yerootti (screening) taasifachuu: Keessumaa namoota maatii isaanii keessatti dhukkuba kalee qaban, yeroo yerootti qorannoo kalee fi dhiigaa godhachuun dhukkuba dursee beekuu fi ittisuuf ni gargaara.
✅ Yaalii Dhukkuba Kalee (Treatment)
Dhukkuba kalee yeroo mul’atu, yaaliiwwan armaan gadii barbaachisa ta’aa:
• Sababa dhukkuba kalee fide sirnaan yaaluun: Sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, infekshini fi sababaaleen biroo yeroo sirnaan yaalamu, akka dhukkubni kalee saffisaan hin guddane ykn miidhaan cimaa hin dhufne ni taasisaa.
• Qoricha ajaje sirnaan fudhachuu: Qoricha osoo hin dhiisin yeroo fi haala ajajamen fudhachuu barbaachisa.
• Nyaata soogida xiqqeessuu: Soogida (salt) hedduu nyaachuun dhiibbaa dhiigaa akka dabalu waan taasiisuuf, kanaaf nyaata soodii xiqqeessuun yaalii keessatti barbaachisaadha.
• Dhukkubni kalee cimaan akkamitti yaalama?:
🔹 Haemodialysis ykn Peritoneal dialysis: -fayyadamuun hojii kalee bakka busuun yaalu.
🔹 Kidney Transplant: Kalee nama biratiin bakka busuun yaala godhumudha.kunis dhukkuba kalee sadarka dhuma (end stage renal disease) waldhaansa gochuf gargaara.
://t.me/RaajiiCareClinicPLC # #2025
This page belongs to Raajiicare Medium Clinic PLC, and its purpose is to provide basic information about the organization, provide health education, and healthcare services