Waa'ee Fayyaa

Waa'ee Fayyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waa'ee Fayyaa, Doctor, Selale.

Ganama gara duwwaatti bishaan bircuqqoo 1-2 dhuguun fayyaaf faayidaa hedduu qaba !Waa'ee Fayyaa
16/09/2025

Ganama gara duwwaatti bishaan bircuqqoo 1-2 dhuguun fayyaaf faayidaa hedduu qaba !

Waa'ee Fayyaa

Waa'ee Kaffaltii Mindaa Ogeessota Fayyaa
08/09/2025

Waa'ee Kaffaltii Mindaa Ogeessota Fayyaa

ALARJII (Allergies)................❶. Alarjiin Maali*Yeroo qaamni farra alagaa wantoota uumamaan rakkoo hin qabne irratt...
29/08/2025

ALARJII (Allergies)................
❶. Alarjiin Maali
*Yeroo qaamni farra alagaa wantoota uumamaan rakkoo hin qabne irratti dheekamsa(lola) uumudha
*Alarjiin rakkoo baayyee xixiqqoo irraa kaasee rakkoo hamaa amma lubbuu baasutti nama geessisuu danda'uudha
*Alarjii gosa adda addaatu jira.
*Baay'inaan sanyiidhan kan daddarbu ta'us nama kamiyyuu qabuu ni danda'a!.....
❷.Wantoonni alarjii namatti kaasan maal fa'a??
1.Nyaata-baayyee beekamoon=Hanqaaquu, aannan sa'aa,qamadii,garbuu...
2.Ilbiisota mana keessaa kan akka bararoowwanii fi rifeensa, gogaa fi finacaan bineeldota manaa
3.Daraaraa(abaaboo) fi biqiltuu adda addaa
4.Uffata(laastikii) adda addaa
5.kanniisni yoo nama hidde
6.Dhukkee/awwaara
7.foolii keemikaala adda addaa kan akka sh*ttoo,aara,fooli kophee.......
❸.Mallatoo
Gosa alarjii irratti hundaa'ee adda adda

◉ Alarjii Foolii (allergic rhinitis)
👉 Ijaa fi funyaan nama nyachuu/hooqsisuu
👉 Haxxissuu
👉 imimmaan baay'inaan dhangala'uu,iji diimachuu
👉 Dhangala'aan funyaanin yaa'uu
👉 Funyaan cufuu

◉ Alarjii Gogaa (Atopic)
👉 Nama hooqsisuu/nyaachuu
👉 Gogaan diimachuu
👉 Gogaan qunca'uu

◉ Alarjii Ciniinnaa ilbiisotaa(summii)
*Iddoo ciniinname/hiddame irra baayyee dhiita'uu
*Qaama guutuu nama nyaachuu/hooqsisuu
*Hafuura baafachuu dadhabuu, qufaa

◉ Alarjii Qorichaa
👉Dhukkubbii garaa,albaatii,hooqqisa

◉ Asmii

◉ Alarjii Nyaataa
garaa, bokoksuu, albaatii, hooqqisa, dhaqna nama hooqsisuu

◉Anaafilaksis (anaphylaxis)
-kuni gosa alarjii baayyee hammaataa dafee yaala yoo hin arganne yeroo gabaabaa keessatti lubbuu nama baasuu danda'uudha....
❹.Yaala
👉waliigalatti furmaanni isaa wanta alarjii namatti kaasu irraa of eegudha

👉 Garuu yoo dhibichi namatti ka'e qorichoota adda addaa kan akka antihistamine,steroids, epinephrine....fudhachuun mallattoo irra fayyuun ni danda'ama

👉 Qorichoonnii kun mallattoo yaaluf malee kan guutumaa guututti (gara fulduratti) nama fayyisu miti

Waa'ee Fayyaa

Addunyaarratti biyyoonni 'Niwukilara' hidhachuun isaanii mirkanaa'e 9 qofa; isaanis1. Russsia: 4,3092. United States: 3,...
19/06/2025

Addunyaarratti biyyoonni 'Niwukilara' hidhachuun isaanii mirkanaa'e 9 qofa; isaanis

1. Russsia: 4,309

2. United States: 3,700

3. China: 600

4. France: 290

5. United Kingdom: 225

6. India: 180

7. Pakistan: 170

8. Israel: 90

9. North Korea: 50

FAAYIDAA AANNANII👉Aannan dhangala’aa gosa nyaataa adda addaa kan akka Pirootinii,Vaayitaminii,Albuudotaa fi Faatiin kan ...
18/06/2025

FAAYIDAA AANNANII

👉Aannan dhangala’aa gosa nyaataa adda addaa kan akka Pirootinii,Vaayitaminii,Albuudotaa fi Faatiin kan badhaadheedha.
👉Faayidaawwan aannanii qorannoodhaan mirkanaa’an keessaa muraasni:

➊.Jabeenya Ilkaaniif
Aannan viitaminii D fi kaalsiyeemii waan of keessaa qabuuf ilkaan akka hin tortoree fi salphaatti hin nyaatamne godha

❷..Fayyaa Lafeef
Aannan nyaata fayyaa fi jabeenya lafeetiif barbaachisaa ta’an kan akka Kaalsiyeemii,Viitaminii D,Foosfarasii fi maginiziyeemii of keessaa qaba;isaan kun immoo jabeenya lafeetiif baayyee barbaachisaadha

❸.Guddina Maashaawwaniif
Aannaan pirootinii qaamaaf barbaachisoo ta’aniin kan badhaadheedha,pirootiniin immoo akkuma beekamu ijaarsa qaamaaf baayyee barbaachisaadha

❹.Dhiphina Sammuu Ni Hir’isa
Vaayitaminoonnii fi albuudonni aannan keessaati argaman dhiphina hirs’isuuf fayyadu,kanaaf namoonni sa’aatii dheeraaf hojii irra turan gidduutti aannan dhuguun faayidaa qabeessa.

❺.Akka Mi’eessituuttti ni Fayyada
Aannan buna,daabboo,shoorbaa…..waliin yoo fudhatame akka mi’eessituutti fayyaduu danda’a

❻.Dhukkuboota Tokko Tokko Ni Hir’isa
Aannaan olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa,istirookii,dhukkubbii laphee fi kkf hir’isuuf ni tajaajila

❼.Madda Anniisaati

❽.Ulfaatina Qaamaa Hir’isuuf

WAA'EE QORICHA DICLOFENAC 👉 Diclofenac  qoricha garee Nonsteroidal anti-inflammatory drugs (NSAIDs) jedhamuuti👉 Dhukkubb...
14/06/2025

WAA'EE QORICHA DICLOFENAC

👉 Diclofenac qoricha garee Nonsteroidal anti-inflammatory drugs (NSAIDs) jedhamuuti
👉 Dhukkubbii fi kulkula garagaraa yaaluf gargaara

🔹 Faayidaa diclofenac muraasni
︎ 👉 Dhukkubbii mataa
👉 Dhukkubbii qaamaa/maashaa
👉 Dhukkubbii yeroo marsaa laguu
👉 Dhukkubbii dugdaa
👉 dhukkubbii ︎buusaa fi lafee

🔹 Namoota of eeggannoo addaa gochuu qaban

1. Namoota alarjii qoricha NSAIDs jedhaman qaban

2. Namoota Tamboo xuuxan

3. Namoota alkoolii dhugan

4. Namoota dhibee onnee ,dhiibbaa dhiigaa, madaa'uu garaachaa, asmii, tiruu, kalee, Istirookii fi kkf qaban

5. Dubartiin ulfaa fi haadha hoosistu

6. Ijoolleen waggaa 18 gadii

❗️ Qoricha Diclofenac fayyadamuun Rakkoolee cicimoo akka dhiiguu garaachaa fi mar'iimaaniif nama saaxiluu waan maluuf qoricha kana of eeggannoon fayyadamuu qabnaa.

🔹 Miidhaalee cinaa/side effect
👉 Dadhabii qaamaa
👉 Garaa kaasaa
👉 Gubaa laphee
👉 Fedhii nyaataa dhabuu
👉 Garaan goguu
👉 Dhiibbaan dhiigaa dabaluu.
👉 Gurra keessaa nama wacuu/iyyuu
👉 Rakkoo gogaa /alarjii
👉 Dhiiguu garaachaa

✍️ Mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginaan qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabun ogeessa mariisisuun barbaachisaadha

© Dr

Wantoota Sammuu Namaa miidhan 151.Ciree nyaachuu dhabuu2.Garmalee nyaachuu (overeating)3.Nyaata sukkaara  of keessaa qab...
07/06/2025

Wantoota Sammuu Namaa miidhan 15

1.Ciree nyaachuu dhabuu

2.Garmalee nyaachuu (overeating)

3.Nyaata sukkaara of keessaa qabu baay’inaan soorachuu

4.Alkoolii gar-malee dhuguu

5.Bishaan gahaa dhuguu dhabuu

6.Hirriba gahaa rafuu dhabuu-Namni tokko guyyaatti giddu galeessan sa'aatii 7 rafuu qaba

7.Boqonnaa gahaa dhabuu

8. Sa'aatii dheeraa dukkana keessatti dabarsuu

9.keemikaalota sammuu nama hadoochan kan akka tamboo, shiishaa, kokeenii, wiidii, gaanjaa fi k.k.f xuuxuu ykn fayyadamuu

10. Faalama qilleensaa

11. Dhiphina sammuu cimaa (stress)

12. Boqonnaa malee sa'aatii dheeraaf hojii hojjechuu

13. Kophummaa ykn jireenya hawaasummaa dhabuu

14. Yeroo hunda yaada negatiiva yaaduu

15. Sochii qaamaa gahaa gochuu dhabuu

© Dr

Ogeessonni fayyaa mana hidhaa jiran dararaan qaamaa/reebichi akka irra ga'aa jiru himan
28/05/2025

Ogeessonni fayyaa mana hidhaa jiran dararaan qaamaa/reebichi akka irra ga'aa jiru himan

Doktora ta'uu kootti hin gaabbu ❤❤❤Haalli jiru gaarii ta'uu baatus, mootummaan kabaja nuuf dhabus, baay'ee dhama'ee kaff...
27/05/2025

Doktora ta'uu kootti hin gaabbu ❤❤❤
Haalli jiru gaarii ta'uu baatus, mootummaan kabaja nuuf dhabus, baay'ee dhama'ee kaffaltii xiqqoo argadhus itti hin gaabbu !
sababni isaas
1. Jaaladhee fi filadheen seene
2.Ummata hiyyeessa osoo hin baratin na barsiisen gargaaraa oola
3.Guyyaa tokko sirni fayyaa /health system/ biyya kanaa ni jijjiirama jedheen yaada...qabsoo guddaa boodas ta'u

❤ I love being a doctor ⚖️

© Dr

Of EeggannooDhukkubni Mpox (monkeypox = maariiyyee jaldeessaa) jedhamu magaalaa Moyaalee keessatti mul'atee jira jedhama...
25/05/2025

Of Eeggannoo
Dhukkubni Mpox (monkeypox = maariiyyee jaldeessaa) jedhamu magaalaa Moyaalee keessatti mul'atee jira jedhamaa jira..

Maariyyee Jaldeessaa/ Monkey pox

👉Dhaabbanni fayyaa Addunyaa(WHO) weerarri dhukkuba "Monkey pox " Baha Aafrikaatti akka ka'e ibsee jira
Waa'ee Dhukkuba kana waan beekuu qabnu
♨️Dhukkubni Monkey pox(Maariyyee jaldeessaa) jedhamu kun kan inni dhufu Vaayirasii "Monkey pox" jedhamuun yoo ta'u dhukkuba baay'ee daddarbaa ta'eedha........
♨️ Mallattoolee Isaa
👉 Shiftoo qaamaa
👉 Dhaqna gubaa /hoo'ina qaamaa
👉 Dhukkubbii huuba qoonqoo
👉 Bowoo mataa
👉 Dhukkubii qaamaa/maashaa
👉 Dhiitoo xixinnaa nama dhukkubu
👉 Humna dhabuu

♨️ Karaa Ittiin Daddarbu
👉 Tuttuqqii qaamaa
👉 Walitti siqanii haasawuu
👉 harka walfuudhuu
👉Afaan keessa waldhungachuu(kissing)
👉 Walqunnamtii saalaa
👉 Uffata nama dhukkbni qabee uffachuu
👉Beeylada dhukkuba kanaan qabameen ciniinamuu,boccooramuuu

♨️ Yaala Isaa
👉Dhukkubni kun hanga ammaa yaala kana jedhamu hin qabu. Deeggarsa garaagaraa taasisuu fi ittisuurran kan hafe.
Ittisa:
Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda'ama?
👉Talaallii dhukkubichaa fudhachuu
👉Nama dhukkubichaan qabame qofaatti baasuu(Isolate) gochuu
Namni dhukkubichaan qabame maal gochuu qaba?
👉Qofaa isaa mana turuu
👉Qaama isaa bakka shiftoon jiru akkuma tuqeen harka dhiqachuu
👉Maaskii godhachuu
👉Qaama isaa uwwisuu dhiisuu
👉Meeshaalee garaagaraa tuquu dhiisuu
👉Bishaanitti soogidda xinnoo godhee afaan lulluuqqachuu
👉Bishaan hoo'atti soogidda godhanii qaama dhiqachuu,keessattuu bakka dhiitoo fi shiftoon jiru.

Maaltu godhamuu hin qabne?
💀 Qaama bakka shiftoon jiru hooquu dhiisuu.sababni isaas hooqun akka madichi hin fayyinee fi bakka biraatti darbu godha waan ta'eef .
💀 Bakka shiftoon Drru sanarraa hanga baduttiDrifeensa haaduu dhiisuu.

© Dr

Waa'ee ULFAA fi DA'UMSAA kana beektuu laata?********1. Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii kan duraa irratti Kg...
08/05/2025

Waa'ee ULFAA fi DA'UMSAA kana beektuu laata?
********
1. Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii kan duraa irratti Kg 8-12 ni dabala.

2. Qabiyyeen (volume) dhiiga ishii kan duraa irra dhibbeentaa 40 - 50 (40% - 50%) ni dabala.

3. Dha'annaan onnee ishii haga duraa irra daqiiqaatti 10 - 15 ni dabala.

4. Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa'amee ji'a 4 - 5 tti eegala.

5. Mucaan garaa keessa jiru/tu guyyaatti yoo xiqqaate si'a 12 socho'a/ti.

6. Ulfaatinni obbaatii (placenta) 1/6 ffaa ulfaatina mucaati.

7. Dubartiin tokko erga deessee, madaan qaama hormaata isheerra hin jiru tanaan yeroo kamittuu walqunnamtii saalaa rawwachuu dandeessi (gama fayyaatiin).

8. Dubartiin tokko erga desseen ykn erga irraa baheen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 3 - 4 keessatti ulfa'uu dandeessi.

9. Harma hossisuun ulfa itti aanu ittisuuf ni gargaara (Garuu ulfa ittisuuf ga'aa ta'uuf sirriitti hoosisuu qabdi).

Fayyaan Faaya

Waa'ee Fayyaa

Mallattoolee Dhukkuba Kalee 👉 Dhiitoo qaamaa-yeroo baay'ee naannoo ijaa fi fuulaa irraa eegaluun gara qaama biraatti kan...
05/05/2025

Mallattoolee Dhukkuba Kalee

👉 Dhiitoo qaamaa-yeroo baay'ee naannoo ijaa fi fuulaa irraa eegaluun gara qaama biraatti kan babal’atu

👉 Fincaan nama mudduu fi dafee dafee nama qabuu

👉 Dadhabbii qaamaa/humna dhabuu

👉 Fedhiin nyaataa hir’achuu

👉 Joonja'uu

👉 Hoo'ina qaamaa, hooqqisuu

👉 Haalluun fiincaanii diimachuu/dhiiga makachuu

👉 Hammi fincaanii hir’achuu

👉 Fincaan foolii addaa godhachuu

© Waa'ee Fayyaa

Address

Selale

Telephone

+251938012472

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waa'ee Fayyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category