27/05/2025
DHIBEE CITTOO!
……………
MAALTU FIDA?
● Cittoon ilbisa xiqqoo ijaan hin mulla’anne ‘Sarcoptes scabies’ jedhamtuun kan dhufu dha.
● Ilbisi kun erga gogaa namaa irra qubattee booda, gogaa namaa gadi qotuudhaan boolla uummattee keessatti hanqaaquu buusuudhaan wal horuu eegalti, achumaanis mallattoo argisiisuu eegalti.
MALLATTOO
● Garmalee hooksisuu, hooksisuun kun guyyaa caalaa halkan kan hammaatuudha.
● Madaan xixiqqoo gogaa irraa xiqqoo olkaatu, keessumaa yoo ciminaan kan hooqan ta’e haga dhiiguutti deemtu.
● Mallattoon dhukkuba cittoo kun namoota dhukkuba dabalataa akka HIV/AIDs qaban irratti baay’ee kan hammaattuudha.
● Erga gogaan namaa sababa cittoo kanaan miidhamee madaa’ee booda, baakteeriyaan adda addaa kan duraan gogaa uranii seenuu hin dandeenye, carraa uumameef kanatti fayyadamuudhaan nama hubuu malu. Yeroo kana gogaan haga malaa (pus) yaa’uutti madaa’uu danda’a.
Cittoon qaama namaa keessaa bakka jallaattu qabdi, isaanis: quba gidduu, bobaa jala, naannoo buusaa barruu harkaa, ciqilee, faana miillaa, naannoo harmaa, naannoo qaama saalaa dhiiraa, teessuma fi jilba fa’i.
DAA’IMMAN BIRATTI
Cittoo ijoolleef biratti waantonii nama guddaa irraa xiqqoo adda taasisu, waanti kun caalamaan gogaa mataa, fuulaa, mormaa, Buusaa harkaa fi koomee lukaatu yeroo hedduu irra hubama.
AKKAMIIN DADDARBA?
● Waltuttuqqaa nama dhukkuba kanaan qabame fi nama fayyaa yoo ta’u.
● Uffataa (keessumaa uffata kan qaamatti aanu) yoo kan namoota dhukkuba kana qaban waliin kan qooddatan ta’eedha.
• Cittoo yaalamuu dhabuun dhukkuba gogaa biroo kan bakteriyoota gara garaatiin dhufaniif nama saaxiluu danda'a.
• Dabalataan namoota dandeetti dhukkuba ittisuu isaanii gad aanaa ta'e (fkn HIV, Kaansarii qaban fa'a) irratti gogaa qaamaa woliin gahuufi hammataa ta'uu danda'a.
YAALAA FI ITTISA
● Cittoon qorichaan (qoricha qaama hubametti dibatamuun) kan guutummaatti fayya.
● Kanaaf akkuma mallattoo kana ofirratti arganiin, mana yaalaa deemanii qoricha fudhachuun dirqama.
● Uffata qaamaa fi uffata siree ciisicha namni cittoodhaan qabame fayyadame hunda altakkaa saamunaadhaan sirriitti miicuu, achiis sirriitti akka goguuf aduutti baasuu.
● Waantoota miicamuu hin dandeenye ammoo plaastika keessa kaa’uudhaan bakka namni hin geenye tirban muraasaaf tursiisuudha. Kunis jarmootni cittoo fidan kun beela’anii waan du’aniifi dha.
XAXAALEE
• Cittoo yaalamuu dhabuun dhukkuba gogaa biroo kan bakteriyoota gara garaatiin dhufaniif nama saaxiluu danda'a.
• Dabalataan namoota dandeetti dhukkuba ittisuu isaanii gad aanaa ta'e (fkn HIV, Kaansarii qaban fa'a) irratti gogaa qaamaa woliin gahuufi hammataa ta'uu danda'a.
Teessoo:
Yaala Aadaa Kuush
– Daandii gara baalee geessu Bakka karaa Abbaa ‘30’ jedhamee beekamu kallattiin lixaatiin Gamoo H/ Kuyyuu Aynoo keessaatti Argamna.
Tajaajila: Guyyoota torban hundaa sa’aatii 7/24 nu argattuu.
- Naannawa 105 jedhamuun beekamu.
Torbaanitti Guyyaa Sanbataa fi. Dilbataa qofa nu argattu.
Yaala Aadaa Kuush follow godhaa
Karaa telegrama nuhordofuuf
https://t.me/yaalaAadaaKush
https://t.me/yaalaAadaaKush
Channel what's App keenyaan nu hordofuuf
https://whatsapp.com/channel/0029Vb5UB8sK5cD8wwhfcU2g
TikTok Nu hordofuuf
tiktok.com/
tiktok.com/
Odeeffannoo dabalataatiif
090 931 6243
0928795750
Yaala Mana Qoricha Aadaa Kuush
fayyaan faaya.
Share Like Godhaa