07/09/2023
Dhukkuba sombaa daaâimman irratti (Pneumonia in children) (saanbaa michii)
Dhukkubni sombaa gosa infeekshinii sirna hargansuu gara gadii tahee fi cimaa kan somba miidhudha. Sombi kiisha xixiqqoo alveoli jedhaman irraa kan ijaarame yoo taâu, isaanis yeroo namni fayyaa taâe hafuura baafatu qilleensaan guutamu. Dhukkuboota du'a daa'imman waggaa 5 gadii fidan hunda keessaa dhukkubni sombaa isa tokkodha. Dhukkubni sombaa kunis vaayirasii, baakteeriyaa ykn fangasiitiin dhufuu dandaâa. Dhukkubni sombaa talaallii, soorata gahaa fi qulqullina naannoo eeguun ittifamuu dandaâa.
Qabatama dhukkuba sombaa daaâimman irratti
Dhukkubni sombaa addunyaa irratti sababa du'a daa'immanii daddarboo tokkicha. Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa addeessuti dhukkubni sombaa bara 2019tti daaâimman umuriin isaanii waggaa 5 gadi taâe 740,180 kan ajjeese yoo taâu, duâa daaâimman waggaa 5 gadi taâan hunda keessaa 14% yoo taâu, duâa daaâimman waggaa 1 hanga 5 jiran hunda keessaa 22% taâa. Dhukkubni sombaa bakka hundatti daaâimmanii fi maatii kan miidhu yoo taâu, duuti daaâimmanii garuu kibba Eeshiyaa fi Biyyoota Afrikaa odola Sahaaraa gadiitti baayâinaan mulâata.
Sababoota dhukkuba sombaa daaâimmanii!
Dhukkubni sombaa vaayirasii, baakteeriyaa fi fangasii dabalatee wantoota daddarboo hedduudhaan kan dhufudha. Kanneen baayâinaan mulâatan kanneen armaan gadiiti.
⢠Streptococcus pneumoniae dhukkuba sombaa baakteeriyaa daaâimman irratti baayâinaan dhufudha.
⢠Haemophilus influenzae type b (Hib) sababa dhukkuba sombaa baakteeriyaatiin dhufu isa lammaffaadha.
⢠Vaayirasiin sirna hargansuu (respiratory syncytial virus) sababa vaayirasii dhukkuba sombaa baayâinaan mulâatudha.
⢠Daaâimman HIVn qabaman keessatti, Pneumocystis jiroveci sababoota dhukkuba sombaa baayâinaan mulâatan keessaa tokko yoo taâu, yoo xiqqaate duâa dhukkuba sombaa daaâimman HIVn qabaman hunda keessaa harka afur keessaa tokkoof itti gaafatamummaa qaba.
Daaâimman akkamiin dhukkuba sombaan qabamuu maluu?
Dhukkubni sombaa karaa hedduudhaan babalâachuu dandaâa. Vaayirasiin fi baakteeriyaan yeroo baayâee funyaan ykn qoonqoo daaâimaa keessatti argaman yoo afuura baafaman somba bira deemuun infeekshinii uumuu dandaâu. Akkasumas karaa copha qilleensaa yeroo qufaa ykn haxxiffannaa irraa dhufuun babalâachuu dandaâu. Kana malees, dhukkubni sombaa karaa dhiigaatiin babalâachuu dandaâa, keessumaa dahumsaa booda.
Daaâimman dhukkuba sombaaf saaxiluu dandaâaa?
Daaâimman fayyaa taâan baayâeen isaanii ittisa uumamaa isaaniitiin dhukkuba kana ofirraa ittisuu kan dandaâan yoo taâu, daaâimman sirni ittisa qaamaa isaanii balaadhaaf saaxilame ammoo dhukkuba sombaatiin qabamuuf carraa guddaa qabu.
⢠Daaâimman harma haadhaa qofa osoo hin hodhiin hafan
⢠Hanqina nyaataa ykn nyaata gadi aanaa
⢠Dhukkuboonni duraan turan kan akka HIVn qabamuu fi gifiraa
⢠Faalama qilleensa mana keessaa bobaâaa nyaata bilcheessuun
⢠Maatiin tamboo xuuxuu
⢠Mana tokko keessa walitti baayyachuu maatii
⢠Talaallii akka fudhatan gochuu dhabuu
⢠Aduutti baasuu dhabuun hanqina vaayitaminootaaf saaxilamuu faâa.
⢠Xuuxxoon fayyadamuu
Mallattoolee dhukkuba sombaa daaâimman irratti
Mallattoon dhukkuba sombaa vaayirasii fi baakteeriyaan dhufuu walfakkaachuu dandaâa. Haa taâu malee, mallattoon dhukkuba sombaa vaayirasii mallattoolee sombaa baakteeriyaa caalaa baayâachuu dandaâa.
Daaâimman umuriin isaanii waggaa 5 gadi:-
⢠Qufaa
⢠Hafuura baafachuun rakkachuu,
⢠Hoâa qaamaa qabaachuus qabaachuu dhiisuus malu.
⢠Aaduu
⢠Daddaffiin harganuu
⢠Ol deebisuu
⢠Garaa kaasaa faâa tahuu mala.
Daaâimman bicuu waggaa tokkoo gadi irratti:-
⢠Harma hodhuu dadhabuu ykn inumaa dhaabuu
⢠Of wallaaluu
⢠Hoâa qaamaa ol kaâaa ykn immoo hoâi qaamaa gadi buâuu dabalata
⢠Qufaa
⢠Harganuu
⢠Aaduu
⢠Ol deebisuu fi garaa kaasaa
Wal'aansa isaahoo maalii?
⢠Walâaansi dhukkuba sombaa daaâimman irratti cimina dhukkubichaa irratti hundaaâa. Dhukkuba sombaa salphaa yoo tahe farra baakteeriyaa bifa shirooppiin fudhachuun gahhadha. Dhukkuba sombaa cimaa yoo tahe garuu karaa hidda dhiigaa fudhachuu qabu.
⢠Erga hakiima ofii agarsiisnee booda akkaataa ajaja hakiimaan fudhachuu barbaachisa; adda muruun daaâima ofii irratti rakkoo dhaluudha.
⢠Dhangalaâaa dabalataa kennuu
⢠Daaâimman harka hodhan hanga duraa irra daddafnee hoosisuu qabdu.
⢠Nyaata madaalamaa akka argatan gochuu.
⢠Qoricha hoâa qaamaa hirâisu akkaataa ajaja hakiimaan kennuu qabna.
⢠Boqonnaa gahaa akka argatan gochuu qabna
Tooftaalee Ittisa dhukkuba sombaa
Dhukkuba sombaa daaâimmanii ittisuun tooftaa duâa daaâimmanii hirâisuuf qophaaâe keessatti qaama barbaachisaa dha. Tooftaaleen armaan gadiis ni jiru. Isaanis:-
1. Talaalliin Hib, pneumococcus, measles fi peerchuusis jedhamu dhukkuba sombaa ittisuuf karaa hunda caalaa buâa qabeessa taâedha.
2. Nyaanni gahaan ittisa uumamaa daaâimmanii fooyyessuuf furtuudha, jiâoota 6 jalqabaa jireenya isaanii keessatti harma qofa hoosisuu.
3. Nyaata madaalaa akka sooratan gochuu
4. Vaayitaaminoota akka vaayitaminii D aduu irraa argatanii fi soorata keessa akka argatan gochuu
5. Qulqullina naannoo fi dhuunfaa eeguu.
6. Dhimma naannoo kan akka faalama qilleensa mana keessaa fi mana namaan guutame keessatti qulqullina gaarii jajjabeessuu
7. Tuttuqqii daaâimman fi namoota gurguddoo dhukkuba kanaan qabamanii fi utaalloon qabaman dhiisuu qabu.
8. Daaâimman xixiqqoo waggaa tokko gadii irratti xuuxxoo fayyadamuu dhiisuu faâa.
9. Tamboo mana keessatti xuuxamu irraa fageessuu
10. Aara mana keessaa hirâisuu (Cilee, nyaata mana keessatti bilcheessuu fi naafxaa bobeessuu faâa dabalata)
11. Daaâimman HIVn qabaman hordoffii barbaachisu gochuun qorichoota barbaachisan akka argatan gochuu.
12. Harka dhiqachuu
Yoom hatattamaan mana yaalaa geessuu qabnaa?
Akkuma armaan olitti ibsame dhukkubni sombaa duâa daaâimmaniif sababa tokkodha. Kanaafuu mallattoolee armaan gadii yoo argine hatattamaan mana yaalaa geessuun duâa daaâimaa hambisuudha. Isaanis:-
⢠Daddaffiin harganuu, aaduu, jeeqamuu
⢠Harma hodhuu ykn nyaata nyaachuu hirâisuu/dhaabuu
⢠Ol deebisuu walitti fufaa tahee
⢠Garaa kaasaa irra deddeebbiin dhufu
⢠Of wallaaluu
⢠Erga qoricha eegalee guyyaa lama keessatti fooyyee agarsiisuu yoo dhabe
⢠Erga qoricha eegalee gidduun mallattoo addaa yoo mulâise
⢠Qoricha ajajame yoo akka ajajameen fudhachuu didan.
Fayyaan Daa'immaniif
By Dr. Sabona - Pediatrician