Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa 🌿 Oromia Scientific Herbal Med – Evidence-Based Integrative Healthcare Center, Ethiopia. Pharmacognosy, Phytochemistry & Clinical Health Analysis.

Specializing in herbal medicine, liver diseases (HBV), and chronic conditions.

Faayidaa Cimaa Suunqoon yokan Habishiin fayyaa keenyaaf Qabu. Maqaan isaa Ingiliffaan (Fenugreek) Jedhama. Afaan Arabaan...
24/04/2026

Faayidaa Cimaa Suunqoon yokan Habishiin fayyaa keenyaaf Qabu.

Maqaan isaa Ingiliffaan (Fenugreek) Jedhama. Afaan Arabaan (Hulbaa الحلبة) jedhame beekama.

Suunqoon biqiltuu maatii 'Fabaceae' keessatti ramadamu yoo ta’u, seenaa ilma namaa keessatti waggoota kumaatamaaf akka nyaataa fi qorichaatti tajaajilaa tureera. Biqiltuun kun addatti naannoo baha giddu-galeessaa, biyyoota madiitiraaniyaanii fi Eshiyaa kibbaa keessatti bal’inaan kan beekamu yoo ta’u, biyya keenya Itoophiyaa keessattis mi’eessituu nyaataa fi qoricha aadaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Faayidaawwan Suunqoon qabu:

1. Fayyaa Garaachaa fi Mar'imaaniif:

Suunqoo bishaan keessa bulchanii ganama ganama dhuguun Dhukkubbii Garaachaa fi Marimaaniif madaa garaachaa (gastritis) yaaluuf tajaajila.

2. Fayyaa wal qunnamtii saalaa fi Hormoonii Dhiiraa dabaluu (Testosterone Boost)

Qorannoowwan tokko tokko akka agarsiisanitti, dhiironni suunqoo fayyadaman dandeettii walqunnamtii saalaa fi humni isaanii akka dabalu, akkasumas dhibee (libido) akka fooyyessu ni argisiisa.

3. Too’annoo Dhibee Sukkaaraa (Glycemic Control)

Dhibee sukkaaraa ni ittisa akkasumas Suunqoon dandeettii 'hyperglycemia' ykn sukkaara dhiiga keessaa garmalee dabalu ittisuu qaba. Faayibarrii isaa hordoffii nyaataa (digestion) suuta akka ta’u gochuun sukkaarri gara dhiigaatti seenu akka madaalamu taasisa. Kana malee, hojii 'Pancreas' cimsuun insuliiniin akka hojjetu godha.

Rakkoolee Dhibee Sukkaaraa Wajjin Walqabatan kan Akka
ijji ykn Agartuun dadhabuu fi Dadhabina walqunnmtii saalaa, Fincaan namatti baay'atuu fi kkf Namarraa ittisa. Nama dhibee Sukkaaraa qabuuf kana fayyadamuun Barbaachisaadha.

4. Fayyaa Onnee fi Koolestroolii
Qorannoon akka agarsiisutti, suunqoon koolestroolii badaa (LDL) fi 'Triglycerides' hir’isuun koolestroolii gaarii (HDL) akka dabalu taasisa. Kunis dhiphina ujummoo dhiigaa hir’isuun dhibee onnee fi istirookii (stroke) irraa nama eega.

5. Rakkoo marsaa dhiiga Laguu Dubartootaa Dhukkubbii Laguu (Menstrual Pain):

Dhukkubbii fi mallattoolee yeroo laguu dhufan (PMS) hir’isuuf akka qorichaatti tajaajila.
Shaayiin isaa Rakkoo dhiiga Laguu dubartootaa fi dhukkubbii yeroo marsaa dhiigaa dhaga'amu hir'isuuf gargaara. Rakkoo dhiigni Laguu ba'uu diduu fi Mataa Bowwuu fi Miira Of jibbuu fi kkf kan yeroo marsaa dhiiga Laguu Dubartoota tti, dhaga'amu ittisa.

6. Madda Aannan Haadhaa dabaluuf (Galactagogue Properties)

Dubartoonni deessuu aannan harma isaanii hanqate, suunqoo fayyadamuun dandeettii maddisiisa aannanii isaanii dachaan dabaluu danda’u. Kunis Suunqoon qabiyyee hormoonii 'Phytoestrogen' jedhamu of keessaa qabaachuu isaatiin wal qabata.

7. Qufaa fi Dhibee Qoonqoo:
Suunqoo affeelame dammaan makuun dhuguun Utaalloo fi qufaa gogaa ni fayyisa.

8. Fayyaa kalee cimsuu fi cirracha ittisuuf:

Suunqoo Shaayiin isaa yokan bishaan keessa bulchanii dhuguun Fayyaa Kalee jabeessa, Cirracha Kalee fi Infeekshinii Kalee Namarraa ittisa, walitti qabamiinsa Kaalshiyeemii kalee irraa ittisuuf gargaara.

9. Fayyaa onnee Cimsa dhukkuboota onnee namarraa ittisa, Marsaa dhiigaa jabeessa, Dhiiga Gahaa fi fayyaa Qabeessa ta'e akka Argannuuf nu Gargaara, Rakkoo hanqina dhiigaa ittisa.

10. Fayyaa Lafee fi sirna narvii Cimsa jabeessa. Nama Lafeen isaa cabe yokan miidhameef gaariidha. Akka Dafee Fayyuuf Gargaara.

11. Kuufama coomaa ittisa!
Cooma Tiruu fi kutaalee Qaamaa biroo keessatti Kuufamanu, hirrisuu fi Furdina/Ulfaatina Qaamaa Humnaa Olii Hirrisuuf garagaaruu danda'a.

12. Madaa fi Dhiitoo fayyisuu:
Suunqoo bishaan wajjin tumanii madaa irratti hidhuun ykn bishaan isaatiin madaa qulqulleessuun madaan suuta akka fayyu taasisa.

Suunqoon (Trigonella foenum-graecum) qabeenya uumamaa qorichummaa guddaa qabudha. Saayinsiin ammayyaa ragaalee qoricha aadaa keessatti beekaman hedduu kan mirkaneesse yoo ta’u, keessattuu dhibee sukkaaraa, koolestroolii, fi fayyaa dubartootaaf murteessadha.
Faayidaalee kana hunda argachuuf suunqoo bishaan keessa bulchanii dhuguun ykn nyaata keessatti makuun fayyadamuun ni danda’ama.

Suunqoon nyaata akka Dawaa Uumamaa ta'ee nu tajaajilu Yoo ta'u, Qabiyyeewwan soorataa fi Viitaminoota fayyaa keenyaaf Barbaachisoo ta'aniin badhaadhee jira.

Suunqoon
Qabiyyee Nyaata Ijoo kan akka
Kaalorii Pirootiinii, Kaarboohaayidireeti, Faayibarii, Cooma Of keessaa qaba.

đź§Ş Albuudota fi Viitaaminoota
Hamma guyyaatti qaamaaf barbaachisoo kan akka: Iron, Magnesium, Calcium, Potassium Phosphorus, Zinc, Manganese fi kkf akkasumas viitaaminoota kan akka Vitamin B1, Vitamin B2, Vitamin B3, Vitamin B6, Folate (B9) Vitamin C fi kkf badhaadhee jira.

Qabiyyee soorataa kanaan dabalata, suunqoon Kompaawundoota Bioactive 'antioxidants' gurguddoo qaba, isaan keessaa muraasni
Saponins,Flavonoids, 4-hydroxyisoleucin Trigonelline Alkaloyidii fi kkf Of keessaa qaba.

⚠️ Of-eeggannoo fi Miidhaa Dhufuu Danda’an (Precautions and Side Effects) Biqiltuun kun faayidaa guddaa qabaatus, of-eeggannoo armaan gadii barbaada:

❌ Namni Qoricha Dhibee Sukkaaraa Fayyadamaa jiru suunqoo fudhachuu hin qabu.

❌ Namni Garaan isa baasu fi Bokoka Garaa Qabu Suunqoo Fayyadamuu hin Qabu

❌ Nama Alaarjiikii Ujummoo Qilleensaa Qabuu fi Nama Hasaasiyyaa yokan michii Qabuuf Suunqoo Fayyadamuun gaarii miti!.

❌ Dubartiin yeroo Ulfaa Suunqoo Fayyadamuu hin Qabdu.

âś… Dubartiin Erga deesse booda fayyadamuu dandeessi. Dubartiin daa'ima hoosiftu suunqoo yoo fayyadamte Aannan Gaariin Akka harma isii keessaa daa'imaaf maddu Taasisa.

Qorichoota Ammayyaa Armaan gadii Namni fayyadamaa jiru Suunqoo Fayyadamuu hin Qabu yokan yeroo Qorichoota Armaan gadii fayyadamtanu Suunqoo hin fayyadamina Qorichoota Ammayyaa kan Akka (Aspirin) (Ibuprofen) (Naproxen) (Warfarin) (Glimepiride (Rosiglitazone) (Tolbutamide)
Qorichoota kanaa wajjin Suunqoo fayyadamuun hin danda'amu.â›”

Odeeffannoo Fayyaa guyyaa guyyaan argachuuf Toora Facabook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godha

Biqiltuun Suuraa irratti mul'atu kun, faayidaa guddaa qaba.Qorannoo biyya Ingilizii keessatti gaggeeffame akk agarsiisut...
22/04/2026

Biqiltuun Suuraa irratti mul'atu kun, faayidaa guddaa qaba.

Qorannoo biyya Ingilizii keessatti gaggeeffame akk agarsiisutti, biqiltuun kun Qorichoota Ammayyaa Baakteeriyaa Ajjeessu dadhabaniif Humna kennaa. Baakteeriyaa Qorichoota Anti-baayootikii dandamatu yokan qorichaa wajjiin wal baratee fayyuu dideef furmaata ta'uu biqiltuu danda'udha. Yeroo baayyee Infeekshinii baakteeriyaa Kan akka Infeekshinii Ujummoo fincaanii fi Garaachaa, Akkasumas Dhukkuba Dhiiraa yookaan Cobxoo fi kkf Qorichoota Ammayyaa nuti fudhannuu wajjin wal baratanii Fayyuu dudanii yeroo dheeraa nu rakkisuu! Saayinsiin Furmaanni rakkoo kanaa biqiltuu kanaa keessatti akka argamu bira gahee jira.

Biqiltuun kun dawaa Ammayyaa Baakteeriyaa Ajjeessuf Humna dhabeef Humna ta'aa! Akka dawaan dhibee fayyisuuf garagaraa.

Addunyaan keenya yeroo ammaa kana rakkoo fayyaa "Antimicrobial Resistance" (AMR) ykn dandeettii baakteeriyoonni antibaayootikii dandamachuu jedhamuuf furmaata barbaadaa jirti! Furmaanni Dhukkuboota hedduu immoo gara biqiloota uumamaatti akka fuulla deeffannu nu taasisee jira.

Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) dhiyoo agarsiisuutti, baakteeriyoonni dhibee fidan qorichoota nuti fayyadamnuu wajjiin wal barachaa dhufuun isaanii, dhukkuboonni salphaatti yaalamuu danda’an akka gara dhibee ajjeesaatti jijjiiramanu taasisaa jiraa.

Dandeettiin baakteeriyaan Qorichoota antibaayootikii ofirraa ittisuu qabu dabalaa dhufuu fi humni Qorichootaa dadhabaa deemuun balaa fayyaa addunyaa guddachaa dhufeera. Qorichootni Mana Yaalaa nuti amma itti fayyadamnu baay’een isaanii humni isaanii xiqqaataa dhufeera. Kun immoo baasii yaalaa dabaluu, yeroo dheeraa hospitaala turuu fi carraa du’aa dabalaa dhufeera.

Tilmaamni saayinsii "The Lancet" irratti maxxanfame akka agarsiisutti, sababa Baakteeriyaan, Qorichoota Anti-baayootikii dandamatee ofirraa Ittisuuf qofa, waggaatti namoonni miiliyoona tokkoo ol lubbuu isaanii dhabuu.

Malli baakteeriyoonni qoricha ofirraa ittisuuf itti fayyadaman keessaa inni beekamaa fi baay’ee walxaxaan "Efflux Pumps" jedhama. Kunis seellii baakteeriyaa keessatti akka "pompii" qoricha alaatti gatuu ta'ee hojjeta. Tooftaan Baakteeriyaan fayyadamu kun yeroo dheeraa humna Dawaalee dadhabsiisaa ture.

Qorattoonni Yunivarsiitii (UK) qorannoo gadi fageenyaan biqiltuu uumamaa "Centella asiatica" irratti gaggeessaniin, keemikaalli uumamaa "Madecassic Acid" jedhamu tooftaa Baakteeriyaan dawaa Ammayyaa injifachuuf itti fayyadam kana hojii ala gochuun baakteeriyicha harka duwwaa akka hambisu mirkaneessaniiru. Qorannoon kun qaroomman saayinsii madaallii qoricha uumamaa fi ammayyaa gidduu jiru gara sadarkaa haaraatti ceesiseera.

Biqiltuun kana keessaa compound uumamaa "Madecassic acid" Jiru Yoo ta'u, Compounds kun baakteeriyoota irratti faayidaa abdachiisaa agarsiiseera. Qorattoonni qabiyyeen biqiltuu kanaa 'cytochrome bd" jedhamu kan baakteeriyaa keessatti barbaachisaa ta’e gufachiisuu akka danda’u argataniiru Kunis guddina baakteeriyaa dhaabuu danda’a.

Biqiltuun Centella asiatica (yeroo baay’ee "Gotu Kola" jedhamuun beekamu) kanaan dura qoricha aadaa keessatti madaa fayyisuu fi dhiitoota ittisuun beekamaa ture. Hata’u malee, qorannoon saayinsii ammayyaa akka saaxiletti, biqiltuun kun kompaandiiwwan "Triterpenoids" jedhaman keessattuu Madecassic acid, Asiatic acid, fi Asiaticoside kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan kun sochii baayoolojii olaanaa qabu.

Biqiltuun kun qabiyyee "Madecassic Acid" jedhamu qaba. Keemikaalli kun caasaa pirootiinii baakteeriyaa (target proteins) waliin salphaatti wal-qabachuu danda’a. Pirootiinota baakteeriyaan akka meeshaa ittisaatti itti fayyadamu danquu ykn "cufuu" irratti dandeettii addaa qaba.

Baakteeriyoonni qoricha baran (Drug-resistant bacteria) dandeettii "Multi-drug Resistance" (MDR) jedhamu gabbifatu. Adeemsi Madecassic Acid itti kanaan lolu gadi fageenyaan armaan gaditti ibsama:

Cufiinsa Pirootiinii AcrB: Baakteeriyoota akka E. coli fi Acinetobacter baumannii keessatti pompiin qoricha alaatti gatu pirootiinii AcrB jedhamuun ijaarama. qabiyyeen biqiltuu kanaa "Madecassic acid" pirootiinii baakteeriyaa kana keessatti seenee bakka qorichi itti wal-qabatu (binding site) qabachuun pompiin sun akka hin sochoone godha. Yeroo pompiin sun hojii dhaabu, antibaayootikiin dhukkubsatichi fudhate seellii baakteeriyicha keessatti dhangala’a, Kunis humni qorichaa baakteeriyicha ajjeesuuf barbaachisu akka baay’ee dabalu godha. Baakteeriyoonni akka madaatti of-ittisuuf "Biofilm" (Gaachana akka xannachaa) of irratti uumu. Biqiltuun kun Gaachana kana diiguun qorichi gara baakteeriyichaa akka seenu karaa bana.

Yaadni bu’uuraa qorannoo kanaa biqiltuu kana qofaa isaa qoricha gochuu qofa osoo hin taane, antibaayootikota humni isaanii laafe waliin akka kennaa (adjuvant) tajaajiluufi.

Qorichi Antibaayootikii kanaan dura baakteeriyicha irratti hojii dhaabe tokko, yeroo qabiyyee biqiltuu kanaa "Madecassic acid" waliin kennamu deebiee humna argata. Humni isaa yoo dabale Qoricha xiqqoodhaan fayyuun ni danda'ama jechuudha. Qorichoota Anti-baayootikii baay’ee hamma (dose) guddaan kennuun qaama namaa miidhuu danda’a. Qorichoota irratti biqiltuu kana Dabaluun dawaa hamma xiqqaadhaan bu’aa guddaa fiduun summii qorichaa hir’isa

Argannoon kun saayinsii "Bioprospecting" jedhamu keessatti jijjiirama guddaa fida. Qoricha haaraa kalaquuf waggoota 10-15 fi biliyoonaan doolaara waan barbaachisuuf, qorichoota duraan jiran dandeettii isaanii biqiltuu kanaan deebisanii haaromsuun mala yeroo fi baasii qusatuudha.

Gara fuulduraatti yaalii namaa (clinical trials) yoo xumurame, qorichi kun akka dabalataatti antibaayootikoota waliin ajajama. Dawaan uumamaa kun miidhaa cinaa (side effects) xiqqaachuu isaa irraan kan ka’e abdii guddaa qaba.

Qorannoon Yunivarsiitii Kent dhimma Madecassic acid irratti taasise "Injifannoo Saayinsii Ammayyaa" jedhamuu danda’a. Biqiltuun uumamaa Centella asiatica dandeettii baakteeriyoota "superbugs" jedhaman dadhabsiisuu qabaachun isaa, dhibeewwan qorichaan fayyuu dideef furmaanni uumama keessa akka jiru ragaa dha. Madecassic acid baakteeriyoota akka E. coli, S. aureus, fi A. baumannii irratti akka meeshaa lolaa itti fayyadamuun, qaroomman ilma namaa balaa AMR irraa baraaruuf utubaa ta’a.

Odeeffannoo Fayyaa guyyaa guyyaan argachuuf toora Facabook Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godha

Waraanni Ameerikaan Iraan Irratti gaggeessaa turte, kuusaa meeshaalee waraanaa Ameerikaa irratti kisaaraa fi hanqina mis...
22/04/2026

Waraanni Ameerikaan Iraan Irratti gaggeessaa turte, kuusaa meeshaalee waraanaa Ameerikaa irratti kisaaraa fi hanqina misaayilootaa guddaa uumee jira.

Gabaasni guyyaa har'aa (Apr 22, 2026) baafame akka agarsiisutti, waraanni Iraan waliin taasifame, kuusaa meeshaalee waraanaa Ameerikaa irratti dhibbaa guddaa uumuu isaa Qorannoo Dhaabbanni "Center for Strategic and International Studies" baasee ni Agarsiisa.

Ameerikaan torbanoota torba qofa keessatti meeshaalee ishee hedduu Iraan irratti akka itti fayyadamtee fi kuusaan meeshaalee waraanaa ishee heddu akka hir'ate gabaafameera.

Hanqina Misaa’eeloota Gurguddoo
Ameerikaan meeshaalee waraanaa ishee keessaa meeshaalee dhimma maraaf (all-purpose) oolan garmalee fixatteetti. Akka gabaasa CSIS Agarsiisutti, Ameerikaan kuusaa misaa’eeloota ishee keessaa:

Misaa’eeloota Haleellaa Precision Strike Missiles Dhibbeentaa 45% Fayyadamteetti.

Misaa’eeloota ittisa qilleensaa THAAD Walakkaa (50%) fayyadamteetti.

Misaa’eeloota Patriot immoo Dhibbeentaa 40% itti fayyadamteetti.

Misaa’eeloota Tomahawk: Misaa’eelonni kun fageenya dheeraa deemuun diina rukutuuf gargaaru. Iraan keessatti iddoowwan 100 ol rukutuuf baay’inaan waan itti fayyadamaniif, kuusaan isaanii dhibbeentaa 40% ol hir’ateera.

Ameerikaan waraana kanaan hanga yoonaa doolaara biliyoona 100 ol akka baaste ni tilmamama. Waraanni kun erga jalqabee baasii dooniiwwan waraanaa (Aircraft Carriers) bishaan keessatti sochoosuufi xiyyaarota waraanaa F-35 balaliisuuf ba'u dandeettii baajeta Ameerikaa irratti dhibbaa uumeera. Industiriin waraanaa Ameerikaa kan akka (Lockheed Martin fi Raytheon) meeshaalee dhuman kana deebisanii oomishuuf waggaa 5 hanga 10 isaanitti fudhachuu akka danda'u miidiyaan Ameerikaa CNN gabaasee jira. Kun ammoo Ameerikaan yoo waraanni biraa (fakkeenyaaf Chaayinaa waliin) ka'e akka meeshaalee waraanaa dhabduu fi Madaalli injifannoo ishee Kufu ishee taasisa.

Ameerikaan waraana kanaan injifannoo argachuuf dandeettii ishee harka caalu fayyadamteetti. Haa ta'u malee, kuusaan meeshaa ishee dhumuun isaa Ameerikaa akka biyyaatti gara dhiphina nageenyaa keessatti galcheera.

Erga waraanni walii galtee dhukaasa dhaabuun, dhaabbatee booda Dubbiin Tiraamp "Iraan harka kenniteetti" jedhuu fi dhugaan lafa irratti mul'ate garmalee wal-faallessa. Mariin nagaa Paakistaan irratti eegamee ture, hoggantoonni Iraan argamuu diduun isaaniin, jilli Ameerikaa harka duwwaa gara biyyaatti deebi'uun isaa kufaatii dippiloomaasii guddaa ta’eera.

Pireezidaant Tiraamp "waraana injifanneerra" jechuun labsaa jiru:
Tiraamp: "Ulaa Hormuz cufee doonii Iraan adamsee guyyaatti doolaara miliyoona 500 akka dhabdu gochaan jira, kanaf harka kennanii araaramuu fedhu" jedhaniiru.

Dhugaa jiru garuu Iraan Ameerikaa wajjin Araaramuuf fedhii tokko hin agarsiisne! marii Paakistaan irratti taasifamuuf jila ishee hin ergine. Kunis Iraan doorsisa Tiraamp kanaan harka akka hin kennine argisiisa.

Hoggantoonni Ameerikaa (JD Vance dabalatee) Iraan nuu wajjin marayachuuf dhufti jedhanii gara Paakistaan deemuun magaalaa Islaamaabaaditti Iraaniin eegaa turan. Garuu Iraan "Hamma cufiinsi galaanaa (blockade) hin kaanetti mariif hin dhiyaannu" jechuun jila ishee ergachuu diddeetti.

Jilli Ameerikaa Iraaniin eegaa erga turanii booda, harka duwwaa gara Waashingitanitti deebi'uun isaanii "Humiliation" (salphina) dippiloomaasii Tiraamp irratti uumameera.

Ummanni Ameerikaa waraana dheeraa kanaan obsa fixateera: Deeggarsi Tiraamp kanaan dura %45 ol ture, yeroo ammaa gara %35 gadi bu'eera. Kuusaan meeshaa waraanaa Ameerikaa hir'achuun isaa fi baasiin biliyoonaan lakkaawamu ba'uun isaa lammiilee biyyattii dallansiiseera.

Biyyoonni Awurooppaa "Tooftaan Tiraamp waraana malee nagaa fiduu hin dandeenye" jechuun Ameerikaa irraa fagaachaa jiru.

Chaayinaan "Wabii diinagdee" Iraaniif ta'uun ishee, Iraan dhiibbaa Ameerikaa akka damdamattu ishee gargaaraa jira. Gama biraatiin Ammoo Ameerikaan Iraan irraa waan feete argachaa hin jirtu!.

Gabaabaatti, Tiraamp "waraana injifanneerra" jedhee lallabus, Iraan mariif dhiyaachuu diduun ishee fi meeshaan waraanaa Ameerikaa dhumachuu irra gahuun isaa, dhiibbaan Ameerikaa bu'aa eegame akka hin fidin argisiisa. Mariin Islaamaabaad fashalaa'uun isaa fi Tiraamp tarkaanfii nagaa fidu fudhachuu dadhabuun isaa, diinagdee fi nageenya addunyaa dhiphuu keessa galcheera.

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godhaa

Iraan dhimma Nuukleeraa irratti Ameerikaa wajjin mari'achuu fi gabbisa Nuukleraa ishee waggaa 20f dhabuuf walii galtee t...
17/04/2026

Iraan dhimma Nuukleeraa irratti Ameerikaa wajjin mari'achuu fi gabbisa Nuukleraa ishee waggaa 20f dhabuuf walii galtee tti. Jedhan Doonald Tiraamp.

Iraan Waa'ee Nuukleraa irratti Ejjennoo ishee laaffisuun Kun tarkaanfii cimaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti nagaa dhaabbataa fidu, jedhamuun ajandaa Miidiyaalee idil addunyaa ta'eera.

Al-jaziiraan akka gabaasetti Iraan Ulaa galaanaa Hormuuz kan Addunyaa guutu rakkisaa ture Guutummaatti banamuu isaa beeksisteetti!. Kana booda Naafxaa fi kkf bilisaan darbuu danda'u jettee jirti! Kun Itiyoophiyaaf oduu gammachiisaadha. Dabalataanis Iraan Gabbisa yuuraaneemii ishee waggaa 20f nan dhaaba jetteetti.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, ibsa Masraa mootummaa Ameerikaa "White House" irraa kennaniin, Iraan sagantaa gabbisa nukleeraa ishee waggaa 20f dhaabuuf walii galuu ishee beeksisaniiru. Doonaald Tiraamp Gammachuu guddaa qaban ibsatanii, Injifannoo guddaa ta'uu isaa dubbataniiru. Tiraamp Iraaniin kanaan dura biyya Boodatti haftuu jechuun Tuffachaa fi Arrabsaa turan Har'ammo Faallaa kanaa dubbatanii "Iraan Biyya jabduu fi Qaroo, waraana ammayyaa qabdu" jedhani Iraaniin faarsan!.

Muummichi Ministeeraa Israa’el Beenjiyaami Netaaniyaahoo "murtii iraan, murtii seena qabeessa sodaa nukleeraa nurraa kaaseedha" jechuun yaada nagaa kana deeggaraniiru.

Halkan Edaa Preezdaant Doonaald Tiraamp garmalee gammaduun miidiyaalee addunyaaf ibsa kennaniin, "Iraan waa'ee Nuukleeraa kan kanaan dura sarara diimaa mariif hin dhiyaanne jechaa turte dhiiftee marayachuuf waan qophoofteef walitti dhufeenya yaadaa kanaan dura hin yaadamiin irra geenyeerra," jedhan. Walii galteen kun kan dhufe erga mariin nageenyaa Ameerikaa fi Iraan Paakistaan, Islaamaabaad keessatti jalqabamee ture fashalaa'ee booda, dhiibbaa dippilomaasii biyyoota ciccimoo ta'aniin dhalateedha.

Iraan kanaan dura waa'ee nukleeraa mariidhaaf "sarara diimaa" (red line) gochuun didaa turte. Garuu, amma dhiibbaa dippilomaasii Chaayinaa fi Raashiyaa, Turkii fi Sa'uud Arabiyaa irraa dhufee, Tehraan ejjennoo ishee jijjiiruun gabbisa nukleeraa waggaa 20f dhaabuuf tole jetteetti. Tiraamp halkan har’aa Iraaniin "biyya guddoo, qaroo fi loltoota jajjaboo qabdu" jechuun faarsuun isaa, biyyoonni lamaan, muddama kanaan dura jiru, irraa gara kabaja waloo itti ce'uu isaanii agarsiisa.

Ejjennoo ishee laaffisuun Kun kan dhufe Erga jilli marii Paakistaan kan Ajajaan Waraana Paakistaan, Fiild-maarshaal Asiim Muniir, Hoggananamu Gara iraan deemee Qondaaltota Iraan wajjiin marayatee boodadha, qondaaloonni Paakistaan gara Teeraan dhaquun hoggantoota Iraan amansiisuu irratti qooda hangafa taphataniiru. Paakistaan akka riqichaatti tajaajiluun mariin Ameerikaa fi Iraan marsaa lammaffaa akka milkaa'u godhaa jirti.

Amma Paakistaan kophaa ishee hin jirtu! Biyyootni Galoo Galaanaa (GCC) kan akka Sa'ud Arabiyaa, Qaxar fi akkasumas Tarkii fi Chaayinaaniis Ameerikaa fi Iraan akka Araaramaniif gara marii kanaatti makamuun dhiibbaa dippilomaasii gochuun walii galtee kanaaf bu'uura guddaa uumaniiru.

Yeroo Walii galteen kun mallatteeffame Iraan waggaa 20f gabbisa nukleeraa ishee ni dhaabdi. Preezdaant Tiraamp akka mirkaneessanitti, Iraan Yuuraaneemii nukleeraa (enriched uranium) gabbiste hunda biyya alaaf akka dabarsktu tole jetteetti.
Akkasumas Ulaa Hormuuz guutummaatti banameera jedhan.

Ameerikaan gama isheetiin adabbii (sanctions) dinagdee Iraan irratti keesse hunda hatattamaan ni kaasti. Deeggarsa diingadee fi Ijaarsa Bu'uuraalee Misoomaa irratti Ameerikaan Iraan ni deeggarti.

Amma Ameerikaa fi Iraan wanti Araarsuu dhoorku hin jiru! Nukleerri ni dhaabbataa, Nuuklera isa nagaa Ameerikaan Iraaniif ni hojjetti, maallaqni Iraan doolaara biliyoona 150 ol kan qabamee jiru ni gadhiifama, baankii addunyaa fi Ameerikaa fi biyyoota Arabaa irraa deeggarsa deebisanii ijaaruu fi inveestimantii biliyoonaan Lakkaawamu ni argatti, Doonald Tiraamp qaamaan Qondaaltota Iraan wajjiin wal arguun walii galtee seera qabeessa ni mallatteessa. Adduunyaan nagaa ni argatti!.

Maddi odeeffannoo
Reuters, Washington Post ,Axios

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Addunyaan oduu wal-faallessan lama gidduutti dhiphachaa jirti. Iraan Ulaa galaanaa Hormuuz bantee tti, Ameerikaan immoo ...
17/04/2026

Addunyaan oduu wal-faallessan lama gidduutti dhiphachaa jirti. Iraan Ulaa galaanaa Hormuuz bantee tti, Ameerikaan immoo Waraanni koo, Ulaa galaanaa Hormuuz cufeera jette!.

Mootummaan Iraan Ulaan Hormuz guutummaatti daldala addunyaaf banamuu isaa beeksisteetti. Kunis hatattamaan gatiin boba'aa/Naafxaa addunyaa irratti akka gadi bu'uu jalqabu taasiseera. Kun oduu gammachiisaadha! Sababa Naafxaaf jecha itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa keessatti Gatiin Meeshaalee fi geejjibaa dachaan dabaleera! Ulaan Hormuuz banamuun rakkoo kana Guutummaatti furuu danda'a.

Haa ta'u malee, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan Ulaa galaanaa Hormuuz banuu isshee galateeffatanii, garuu nuti Ulaa kana Iraaniif hin banaa hin goonu, tarkaanfii cufiinsa waraana galaanaa keenya itti fufna jedhan, waraanni Ameerikaa (U.S. Navy) ammallee ulaa kana Iraanitti cufee akka itti fufu ajaja kennaniiru.

Gochi Tiraamp Kun gufuu Guddaadha! Sababni isaas Iraan Ulaa galaanaa Hormuuz Addunyaaf bantee, Garuu Ati itti Hin fayyadamtu yoo jedhameen, Ani hin fayyadamu taanaan Isinis hin fayyadamatanu jettee Deebiste cufuu dabdeessi! Gochi Tiraamp Farra Nageenyaa ta'ee fudhatamaa jira.

Erga Iraan Hormuuz bantee booda Gatiin boba'aa gadi bu'aa jiraatus, sodaan waraanaa ammallee guutummaatti hin badne. Hamma Ameerikaan "Blockade" ishee kaastutti, diinagdeen addunyaa guutummaatti tasgabbaa'uu hin danda'u. Guyyoonni itti aanan yeroo nageenyaa akka ta'uuf Tiraamp kallaattiin galaana kana irraa waraana Ameerikaa kaasuu qaba, ta'uu baannaan deebi'ee cufamuun isaa hin Oolu.

Erga Iraan tole jettee Tiraampiin Qaamni Addunyaarraa dhoorku jiraachuu qaba!.

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Mallattoolee Fayyaa Tiruu irratti Rakkoon jiraachu dursani Agarsiisan isaan kami? Fayyaan Tiruu Keenyaa balaa keessa jir...
12/04/2026

Mallattoolee Fayyaa Tiruu irratti Rakkoon jiraachu dursani Agarsiisan isaan kami? Fayyaan Tiruu Keenyaa balaa keessa jiraachuu akkamitti dursinee beekuu dandeenyaa??

Fayyaan Tiruu Wanti xiyyeeffannoo guddaa barbaaduuf, Dhibee Tiruu (Liver Disease) yeroo bay'ee silent dha, dhokataa waan ta'eefidha. !.

Dhukkuboonni Tiruu kan akka Vaayirasii HBV fi kkf Dhibee "ajjeesaa callisaa suuta deemu" (Silent Killer) jedhamanii beekamu. Namni tokko utuu akka Dhibee Tiruu qabu hin beekin dhibeen Tiruu sun gara sadarkaa hamaa (Cirrhosis ykn Kansaarii) ce'uun lubbuu galaafachuu danda'a.

Tiruun (Liver) bu’uura jireenya qaama namaa keessatti qaama bakka bu'aa hin qabne keessaa isa tokkodha. Tiruun Hojiiwwan murtessoo jireenya namaa deeggaran 500 ol guyyaa guyyaatti kan raawwatu yoo ta’u, isaan keessaa summii dhiiga keessaa qulqulleessuu (Detoxification), bullaa’insa nyaataa deeggaruu, anniisaa (Glycogen) kuusuu, fi pirootinoota dhiigni akka ititu taasisan (Clotting Factors) oomishuu irratti gahee bakka bu’aa hin qabne taphata. Tiruun Sababa hojiiwwan namni tokko lubbuun jiraachuuf Barbaachisoo ta'an kanneen raawwatuuf, jireenyii fi fayyaan qaama namaa fayyaa tiruu irratti hirkata.

Tiruun amala addaa tokko qabdi; innis madaa ykn miidhaa ishee irratti ga’u hamma danda’etti dandeettii ofiin of deebisuu (regeneration) qabaachuu isheeti. Amalli kun gama tokkoon gaarii yoo ta’u, gama biraatiin immoo osoo nuti hin beekin lubbuu keenya galaafachuu danda'a sababni isaas Tiruun dhibeen hamma %75-%80 qaama isaa miidhutti mallattoo dhukkubbii ifa ta’e agarsiisuu dhabuu isheeti. Sababa kanaan Dhibeen tiruu yeroo addunyaa irratti sababa du’a namoota miliyoonaan lakkaawwamaniiti.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhimma kana xiyyeeffannoo guddaan ilaalaa bara 2023 guyyaa Hepatitis B irratti mata dureen Dhaadannoo “Tiruu Tokko! Lubbuu Tokko!” (One Liver! One Life!) jedhuun dhimma kana barsiisa. Sababni isaas, tiruu fi lubbuun lama hin jiru; tiruu kee tikfachuun lubbuu kee tikfachuudha.

Tiruun qaama callisaa "Silent Organ" jedhamuun beekamudha. Sababni isaas, tiruun keessoo isaatti (Parenchyma) narvii dhukkubbii dabarsu (Pain Receptors) hin qabu. Kanaan kan ka’e, tiruun madaa’ee ykn kaansariin qabamee hanga %70-%80 miidhamutti mallattoo dhukkubbii ifa ta’e hin agarsiisu. Namni sun osoo tiruun isaa miidhamaa jiruu akka nama fayyaatti ka’ee deema, ni nyaata, hojiis ni hojjeta. Kun immoo dhukkubsattoonni dhibee Hepatitis B Virus ykn HCV qaban, utuma vaayirasichi tiruu isaanii irratti tarkaanfii fudhatuu, akka nama fayyaatti deemuun jireenya isaanii itti fufuu danda’anu taasisa. Sababa kanaan hayyoonni fayyaa tiruu (Hepatologists) dhukkuba tiruu "Ajjeesaa Callisaa" (Silent Killer) jedhanii waamu.

Amalli Tiruu baay'ee rakkisaadha
Tiruun keenya Mallattoo cimaa kennuu baatus mallattoolee jalqabaa fi Akeekkachiisota adda addaa nu agarsiisa, garuu Mallattoolee kunneen yeroo baay’ee akka waan salphaatti dhiifamu!. Xiyyeeffannoo hin argatanu garuu Mallattoowwan kunneen miidhaa dhibeewwan Tiruu dursanii ittiin beekuun danda’amudha. Rakkoon guddaan jiru, namoonni baay’een mallattoolee kana akka dhukkuba biraatti (akka Utaalloo fi dadhabbii hojii, ykn dhibee garaa salphaatti) waan hiikaniif, yeroo dhibichi sadarkaa wal-xaxaa irra ga’u qofa mana yaalaa deemu.

Tiruun yeroo rakkoon jiru jalqaba Mallattoolee Gurguddaa agarsiisuu isaan dura Mallattoolee Armaan gadii argisiisuu danda'a.

Mallattoolee Armaan gadii kunneen Tiruun gargaarsa barbaadaa jiraachuu fi rakkoon fayyaa jiraachuu agarsiisuu:

1. Dadhabbii Cimaa fi Walirraa Hin Cinne (Chronic Fatigue):

Kun mallattoo dhibee tiruu isa dursaati. Namni dhibee tiruu qabu tokko yeroo hunda dadhabbiin itti dhaga’ama. Dadhabbiin kun boqonnaa gahaa yoo fudhataniis nama hin dhiisuu! Keessaahuu naannoo laphee fi morma ol dadhabbii fi miira nuffii guddaa waliin namatti dhufa.

Namni baay'een dadhabbii isatti dhaga'amu "sababa hojiif dadhabeeti" jedhee yaada malee dhibee tiruu itti hin fakkaatu.

2. Fedhii Nyaataa Dhabuu fi Foolii Nyaataa Jibbuu

Namni tiruun isaa miidhame nyaata kanaan dura jaallatu jibbuu danda’a. Nyaata xiqqoo erga nyaatanii booda miirri quufaa guddaan (early satiety) isaanitti dhaga’ama. Yeroo Beela'ee nyaatu Nyaanni dafee isa cufa, danda'e nyaata gahaa hin fudhatu! Akka nama nyaata heddu nyaatatti itti dhagahama, keessaahuu yeroo nyaata cooma yookaan Zayitii qabu fayyadamu Mallattoowwan garaa bokokuu fi nyaanni bullaa'uu dhabuun mul'ata.

Tiruun bullaa’insa nyaataa keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, tiruun hojiin isaa yeroo dadhabu fi hir’atu fedhiin nyaataa ni miidhama, namni tokko dafee akka quufu ykn nyaata jibbuu gochuu danda’a.

3. Lollooijii (Nausea) fi Haqqisuu
Miirri ol-guruu ykn lolloojjiin yeroo baay'ee namatti dhaga'amu.

Kun yeroo baay’ee ganama ykn nyaata erga nyaatanii booda ni mul’ata. Ni haqqisiisa yokan garaa keessaa garagaluu waan haqqisiisu itti fakkaachuu irra deddeebi'ee mul'ata. Kun Rakkoo meetaabolii ykn dhangala'aa bishaan garaachaa dadhabuu wajjin kan walqabatu yoo ta'u, garaan namaa akka namatti hin tolle fida.

4. Bokoka Garaa Gaasii yeroo baayyee:

Tiruun miidhame nyaata caccabsuuf dhangala’aa bullaa’insa nyaataa gahaa oomishuu yeroo hin dandeenyetti, nyaata booda bokoka garaa irra deddeebiin nama mudata.

5. Dhukkubbii mashaalee fi lafee keessa namatti dhagahama:

Yeroo tiruun hojii dadhabu hanqina Vitamin fi hirrina albuudota mudata kanaaf Humneetii Qaamaa kan akka lafee dugdaa fi miillaa fi harka, keessaa dhukkubbiin Namatti dhaga'amu danda'a. Garuu yeroo mana yaalaa deemte fayyaadha wanti mul'atu hin jiru.

6. Foolii fi haalluun Fincaanii jijjiiramu (Stool & Urine Changes)

Fincaan Bifa shaayii (Dark Urine) qabaachuu fi Bifa bishaan Booruu dhoqee ykn biyyee (Pale/Clay-colored Stool) yoo qabaate.
Kun summiin Bilirubin jedhamu uumamaan marrummaa keessaan ba’uu qabu dhiiga keessatti deebi’ee kuusamuu isaa agarsiisa.

Yeroo tiruun dadhabu Fooliin fincaan ni Ajaa,aa, Halluun Fincaanii gara bifa Daalachaatti yokan Hurrii fi keelloo tti jijjiirama. Fincaan yeroo biraa caalaa dukkanaa'aa ta'uu fi haalluun jijjiiramu mallattoo tiruun miidhamuu yokan dadhabuu beekamaadha.

Haalluun fincaanii bifa burtukaana ykn diimaa ta’uu danda’a.

7. Dhukkubbii yokan waraansa naannoo tiruu:

Qoma/lappee gama harka mirgaa
Keessatti Dhukkubbiin Namatti dhaga'ama Keessahuu Halkan yeroo hirriibaaf ciisan, Qoma laphee, gara tiruu keessaa darbee,darbee, dhukkubbiin itti dhagayama nama waraana.

Naannoo tiruun jirtu Garaa Mirga Oliitti Waraansaa fi Dhiibbaa Dhaga’amaa. Akka waan tiruun rarra'ee jirutti namatti dhaga'amu danda'a.


8. Foolii Afaanii ajaa'uu Foolii badaa qabachuu

Fooliin afaanii jijjiiramu Afaan nama ajaa'u, Hafuura ajaa'u garaa keessaa afaaniin ba'a ykn hafuurri Afaaniin foolii badaa qabaata.

Namni Qulqullina afaanii osoo eeguu foolin hin baramne uumamuu danda’a, kunis yaala fayyaatiin Fetor Hepaticus jedhamuun beekama.

Tiruun seeraan yoo hin hojjenne, dhangala’oon summaa’aa Dimethyl Sulfide jedhamu dhiiga keessaa qulqullaa’uu dadhabee hafuura hargansuu keessaan gara alatti ba’a. Kun mallattoo dhibee tiruu sadarkaa jalqabaa irratti argamudha.

9. Gogaan qaamaa hooksisu (Itching/Pruritus):

Utuu dhibee gogaa hin qabaatin gogaan hooksisa, keessattuu harka fi faana miillaa keessa hooksisa.
Namni baay’een gogaan isaa yoo hooksise dhibee gogaa (Allergy) qaba jedhaanii yaadu. Garuu gogaan kee utuu hin dhiitayin, utuu madaa hin qabaatin yoo si hooksise, keessattuu faana miilaa fi harka kee, kun mallattoo tiruuti.

kun mallattoo dhangala’oo tiruu hadhooftuu (Bile Salts) gogaa jala sassaabamuuti.

10. Miira ulfaatina salphaa garaa mirgaa gubbaa Naannoo tiruu:

Akka waan tiruun gadi rarra'ee yokan fannifamee jirutt namtti dhagahama.

Mallattoon kun miira dhiibbaa ykn ulfaatina salphaa garaa mirgaa gubbaa, bakka tiruun jirutti mul’atudha. Tiruu Xiqqoo guddachuu ykn inflammation salphaa tishuu Tiruu keessatti jiraachuu agarsiisuu danda’a.

11. Afaan Goguu fi Dheebuu Garmalee:

Madaalliin meetaabolii qaamaa yeroo jeeqamu seelonni dhangala’aa xiqqaa qabachuun afaan goguu fi yeroo baay’ee dheebuu fiduu danda’u. Mallattoon kun xiqqaa fakkaachuu danda’a, garuu yeroo tokko tokko rakkoon haala hojii tiruu bu’uuraa irratti jiraachuu calaqqisiisuu danda’a.

12. Madaallii Hormoonii jeeqamuu (Hormonal Imbalance):

Tiruun hormoonota akka Estrogen dhiiga keessaa madaalee qulqulleessa. Yoo tiruun miidhame hojii kana rawwachuu baate:

Dhiira Irratti: mallattoo Harmi dhiita’uu (Gynecomastia), fedhiin saalaa xiqqaachuu, fi rifeensi qaamaa dhumachuu mul'ata.

Dubartoota Irratti: dhiigni Laguu madaallii dhabuu fi dhangala’oon qaama saalaa hamma idilee ol dhangala’uu fi jeeqamuu Mul'achuu danda'a.

13. Sammuu fi yaada keessatti jijjiiramni jiraachu (Cognitive Changes):

Yeroo baay’ee waan tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu, waan hunda dammaqinaan raawwachuu dhabuu fi dagannaa/Irraanfi baay'isu.

Tiruun Yeroo dadhabe sirnaan hin hojjenne summiin walitti qabamee burjaajaĘĽuu fi yaada baayyisuu
Hojii tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu irra deddeebi'ee namatti mul'ata. Akkasumas yeroo tokko tokko Hirriba dhabuu fi halkan sammuun jeeqamu, rafuu dadhabuu fi kkf fidu danda'a.

Tiruun yoo dhibee qabaate summiin Ammonia gara sammuu deemuun sirna neervii to’ata. Kun dhibee Hepatic Encephalopathy jedhamuun beekama.

14. Dhangala'aa Afaani Lolloocii baay'achuu.

Nama rakkoo fayyaa Tiruu qabu, Dhangala'aa afaan keessatti baay'ata, Gogorra yokan Lolloocii irra deddeebi'ee Mul'ata, dhangala'aatu Afaan isaa keessa baayyata. Akkasumas sababa tokko malee afaan nama hadhaawa, Nyaata nama jibbisiisa.

15. Dhiita’uu/bokokuu Miillaa fi faana jela:

Yeroo Tiruun sirriitti hojjetaa jiraachuu baate! Miillaa naannoo jilbaa fi faana jelaan, dhiita'uu bokokuu fi diimaa ta'uu fi ulfaatinni dabaluu mul'achuu danda'a. Akkasumas Faana miillaa fi Koomeen sababa malee baqaquu Gogaan isaa akka malee Goggogaa ta'uu danda'a.

Kun kan Uumamuuf, Sababa dadhabbii Tiruutiin haalli vaayitaamiinotaa gaarii ta'uu dhabuu fi kkf irraa kan ka'e, fayyaa gogaa irratti dhiibbaa qaba, Akkuma suuraa irratti mul'atuun gogaa faana miillaa baqaqa.

16. Jaundice, ykn gogaa fi ija keelloo ta'uu:

Haalluu ijaa fi gogaa gara Bifa keelloo, yokan bicaatti, yokan gara Daalachaatti jijjiiramaa deemaa. Miidhaan tiruu yeroo qaqqabu gogaa fi ija keelloo ta’uu taasisa.

Mallattoon Kun yeroo baay'ee tiruun sadarkaa ulfaataa ta'een booda mul'atu danda'a.

Mallattoolee Armaan olitti ibsaman kunneen Tiruun rakkoo keessa jiraachuu kan Argisiisanidha.

Hubachiisa namni tokko Mallattoowwan Armaan olitti ibsaman qabaatee qofaaf dhibee Tiruu qaba jechuun hin danda'amu! Mallattoolee kana dhabeefis fayyaadha hin jedhamu. Karaan inni sirriin dhibee addaa baasuu dandeenyu qorannoo Fayyaa laaboraatoorii fi kkf gaggeessuudha.

Mallattoowwan Armaan olitti ibsaman kanneen keessaa lama yookiin sadii irra deddeebi'ee mul'ate Gara mana yaalaa deemee Qorannoo fayyaa gochuu qaba!. Mallattoolee kanneen tuffachuu hin qabnu!.

Dhibeen tiruu yeroo hedduu mallattoo dhaabbataa ta'e agarsiisuu dhabuu danda'a! Akkuma armaan olitti ibsame Tiruun neervii dhukkubbii keessoo isaa irratti hin qabu. Rakkoon fayyaa tiruu keessa utuu Jira, garuu Mallattoowwan dhukkubbii cimaa fakkaatee mul'achuu dhabuu danda'a.
Namni tokko fayyaadha fooyyee qaba Utuu jedhamuu dhibee sadarkaa of booda Deebisuun hin danda'amne bira gahuu fi namni battalumatti lubbuu isaa dhabuu danda'a!.

Mallattoowwan gurguddaan dhukkuba tiruu kan akka halluun ijaa fi gogaan keelloo ta'uu yokan (jaundice) fi garaan bokokuu dhiita'uu fi kkf kan nama irratti mul'atan yeroo baayyee erga tiruun miidhamee gara sadarkaa cirrhosis ykn kaansarii tiruu (HCC) ga'e boodadha yeroo hedduu sadarkaa kanatti furmaata dhabuu danda'a.

Walumaa galatti fayyaa Tiruu Eeggachuuf osoo mallattoo hin jiraatinis yoo xiqqaate waggaa keessatti yeroo lama Mana yaalaa deemnee Qorannoo fayyaa gochuu qabna. Yoo mallattoo agarre immoo Ogeessa Fayyaa waliin mari’achuun, Qorannoo gaggeessuu Yaala sirrii fudhachuun dirqama!.

Dhibeewwan Tiruu gosa hundaaf dawaa Uumamaa amansiisaa fi Saayinsaawaa ta'e Yaala Dhukkuboota Tiruu Argachuuf
091 033 3944 Irratti karaa Telegiraamii fi Whtsapp irratti messege nuuf Erguun argachuu dandeessu.

Odeeffannoo fayyaa fi barnoota adda addaa Argachuuf Facabook
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa:

Share