12/04/2026
Mallattoolee Fayyaa Tiruu irratti Rakkoon jiraachu dursani Agarsiisan isaan kami? Fayyaan Tiruu Keenyaa balaa keessa jiraachuu akkamitti dursinee beekuu dandeenyaa??
Fayyaan Tiruu Wanti xiyyeeffannoo guddaa barbaaduuf, Dhibee Tiruu (Liver Disease) yeroo bay'ee silent dha, dhokataa waan ta'eefidha. !.
Dhukkuboonni Tiruu kan akka Vaayirasii HBV fi kkf Dhibee "ajjeesaa callisaa suuta deemu" (Silent Killer) jedhamanii beekamu. Namni tokko utuu akka Dhibee Tiruu qabu hin beekin dhibeen Tiruu sun gara sadarkaa hamaa (Cirrhosis ykn Kansaarii) ce'uun lubbuu galaafachuu danda'a.
Tiruun (Liver) bu’uura jireenya qaama namaa keessatti qaama bakka bu'aa hin qabne keessaa isa tokkodha. Tiruun Hojiiwwan murtessoo jireenya namaa deeggaran 500 ol guyyaa guyyaatti kan raawwatu yoo ta’u, isaan keessaa summii dhiiga keessaa qulqulleessuu (Detoxification), bullaa’insa nyaataa deeggaruu, anniisaa (Glycogen) kuusuu, fi pirootinoota dhiigni akka ititu taasisan (Clotting Factors) oomishuu irratti gahee bakka bu’aa hin qabne taphata. Tiruun Sababa hojiiwwan namni tokko lubbuun jiraachuuf Barbaachisoo ta'an kanneen raawwatuuf, jireenyii fi fayyaan qaama namaa fayyaa tiruu irratti hirkata.
Tiruun amala addaa tokko qabdi; innis madaa ykn miidhaa ishee irratti ga’u hamma danda’etti dandeettii ofiin of deebisuu (regeneration) qabaachuu isheeti. Amalli kun gama tokkoon gaarii yoo ta’u, gama biraatiin immoo osoo nuti hin beekin lubbuu keenya galaafachuu danda'a sababni isaas Tiruun dhibeen hamma %75-%80 qaama isaa miidhutti mallattoo dhukkubbii ifa ta’e agarsiisuu dhabuu isheeti. Sababa kanaan Dhibeen tiruu yeroo addunyaa irratti sababa du’a namoota miliyoonaan lakkaawwamaniiti.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhimma kana xiyyeeffannoo guddaan ilaalaa bara 2023 guyyaa Hepatitis B irratti mata dureen Dhaadannoo “Tiruu Tokko! Lubbuu Tokko!” (One Liver! One Life!) jedhuun dhimma kana barsiisa. Sababni isaas, tiruu fi lubbuun lama hin jiru; tiruu kee tikfachuun lubbuu kee tikfachuudha.
Tiruun qaama callisaa "Silent Organ" jedhamuun beekamudha. Sababni isaas, tiruun keessoo isaatti (Parenchyma) narvii dhukkubbii dabarsu (Pain Receptors) hin qabu. Kanaan kan ka’e, tiruun madaa’ee ykn kaansariin qabamee hanga %70-%80 miidhamutti mallattoo dhukkubbii ifa ta’e hin agarsiisu. Namni sun osoo tiruun isaa miidhamaa jiruu akka nama fayyaatti ka’ee deema, ni nyaata, hojiis ni hojjeta. Kun immoo dhukkubsattoonni dhibee Hepatitis B Virus ykn HCV qaban, utuma vaayirasichi tiruu isaanii irratti tarkaanfii fudhatuu, akka nama fayyaatti deemuun jireenya isaanii itti fufuu danda’anu taasisa. Sababa kanaan hayyoonni fayyaa tiruu (Hepatologists) dhukkuba tiruu "Ajjeesaa Callisaa" (Silent Killer) jedhanii waamu.
Amalli Tiruu baay'ee rakkisaadha
Tiruun keenya Mallattoo cimaa kennuu baatus mallattoolee jalqabaa fi Akeekkachiisota adda addaa nu agarsiisa, garuu Mallattoolee kunneen yeroo baay’ee akka waan salphaatti dhiifamu!. Xiyyeeffannoo hin argatanu garuu Mallattoowwan kunneen miidhaa dhibeewwan Tiruu dursanii ittiin beekuun danda’amudha. Rakkoon guddaan jiru, namoonni baay’een mallattoolee kana akka dhukkuba biraatti (akka Utaalloo fi dadhabbii hojii, ykn dhibee garaa salphaatti) waan hiikaniif, yeroo dhibichi sadarkaa wal-xaxaa irra ga’u qofa mana yaalaa deemu.
Tiruun yeroo rakkoon jiru jalqaba Mallattoolee Gurguddaa agarsiisuu isaan dura Mallattoolee Armaan gadii argisiisuu danda'a.
Mallattoolee Armaan gadii kunneen Tiruun gargaarsa barbaadaa jiraachuu fi rakkoon fayyaa jiraachuu agarsiisuu:
1. Dadhabbii Cimaa fi Walirraa Hin Cinne (Chronic Fatigue):
Kun mallattoo dhibee tiruu isa dursaati. Namni dhibee tiruu qabu tokko yeroo hunda dadhabbiin itti dhaga’ama. Dadhabbiin kun boqonnaa gahaa yoo fudhataniis nama hin dhiisuu! Keessaahuu naannoo laphee fi morma ol dadhabbii fi miira nuffii guddaa waliin namatti dhufa.
Namni baay'een dadhabbii isatti dhaga'amu "sababa hojiif dadhabeeti" jedhee yaada malee dhibee tiruu itti hin fakkaatu.
2. Fedhii Nyaataa Dhabuu fi Foolii Nyaataa Jibbuu
Namni tiruun isaa miidhame nyaata kanaan dura jaallatu jibbuu danda’a. Nyaata xiqqoo erga nyaatanii booda miirri quufaa guddaan (early satiety) isaanitti dhaga’ama. Yeroo Beela'ee nyaatu Nyaanni dafee isa cufa, danda'e nyaata gahaa hin fudhatu! Akka nama nyaata heddu nyaatatti itti dhagahama, keessaahuu yeroo nyaata cooma yookaan Zayitii qabu fayyadamu Mallattoowwan garaa bokokuu fi nyaanni bullaa'uu dhabuun mul'ata.
Tiruun bullaa’insa nyaataa keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, tiruun hojiin isaa yeroo dadhabu fi hir’atu fedhiin nyaataa ni miidhama, namni tokko dafee akka quufu ykn nyaata jibbuu gochuu danda’a.
3. Lollooijii (Nausea) fi Haqqisuu
Miirri ol-guruu ykn lolloojjiin yeroo baay'ee namatti dhaga'amu.
Kun yeroo baay’ee ganama ykn nyaata erga nyaatanii booda ni mul’ata. Ni haqqisiisa yokan garaa keessaa garagaluu waan haqqisiisu itti fakkaachuu irra deddeebi'ee mul'ata. Kun Rakkoo meetaabolii ykn dhangala'aa bishaan garaachaa dadhabuu wajjin kan walqabatu yoo ta'u, garaan namaa akka namatti hin tolle fida.
4. Bokoka Garaa Gaasii yeroo baayyee:
Tiruun miidhame nyaata caccabsuuf dhangala’aa bullaa’insa nyaataa gahaa oomishuu yeroo hin dandeenyetti, nyaata booda bokoka garaa irra deddeebiin nama mudata.
5. Dhukkubbii mashaalee fi lafee keessa namatti dhagahama:
Yeroo tiruun hojii dadhabu hanqina Vitamin fi hirrina albuudota mudata kanaaf Humneetii Qaamaa kan akka lafee dugdaa fi miillaa fi harka, keessaa dhukkubbiin Namatti dhaga'amu danda'a. Garuu yeroo mana yaalaa deemte fayyaadha wanti mul'atu hin jiru.
6. Foolii fi haalluun Fincaanii jijjiiramu (Stool & Urine Changes)
Fincaan Bifa shaayii (Dark Urine) qabaachuu fi Bifa bishaan Booruu dhoqee ykn biyyee (Pale/Clay-colored Stool) yoo qabaate.
Kun summiin Bilirubin jedhamu uumamaan marrummaa keessaan ba’uu qabu dhiiga keessatti deebi’ee kuusamuu isaa agarsiisa.
Yeroo tiruun dadhabu Fooliin fincaan ni Ajaa,aa, Halluun Fincaanii gara bifa Daalachaatti yokan Hurrii fi keelloo tti jijjiirama. Fincaan yeroo biraa caalaa dukkanaa'aa ta'uu fi haalluun jijjiiramu mallattoo tiruun miidhamuu yokan dadhabuu beekamaadha.
Haalluun fincaanii bifa burtukaana ykn diimaa ta’uu danda’a.
7. Dhukkubbii yokan waraansa naannoo tiruu:
Qoma/lappee gama harka mirgaa
Keessatti Dhukkubbiin Namatti dhaga'ama Keessahuu Halkan yeroo hirriibaaf ciisan, Qoma laphee, gara tiruu keessaa darbee,darbee, dhukkubbiin itti dhagayama nama waraana.
Naannoo tiruun jirtu Garaa Mirga Oliitti Waraansaa fi Dhiibbaa Dhaga’amaa. Akka waan tiruun rarra'ee jirutti namatti dhaga'amu danda'a.
8. Foolii Afaanii ajaa'uu Foolii badaa qabachuu
Fooliin afaanii jijjiiramu Afaan nama ajaa'u, Hafuura ajaa'u garaa keessaa afaaniin ba'a ykn hafuurri Afaaniin foolii badaa qabaata.
Namni Qulqullina afaanii osoo eeguu foolin hin baramne uumamuu danda’a, kunis yaala fayyaatiin Fetor Hepaticus jedhamuun beekama.
Tiruun seeraan yoo hin hojjenne, dhangala’oon summaa’aa Dimethyl Sulfide jedhamu dhiiga keessaa qulqullaa’uu dadhabee hafuura hargansuu keessaan gara alatti ba’a. Kun mallattoo dhibee tiruu sadarkaa jalqabaa irratti argamudha.
9. Gogaan qaamaa hooksisu (Itching/Pruritus):
Utuu dhibee gogaa hin qabaatin gogaan hooksisa, keessattuu harka fi faana miillaa keessa hooksisa.
Namni baay’een gogaan isaa yoo hooksise dhibee gogaa (Allergy) qaba jedhaanii yaadu. Garuu gogaan kee utuu hin dhiitayin, utuu madaa hin qabaatin yoo si hooksise, keessattuu faana miilaa fi harka kee, kun mallattoo tiruuti.
kun mallattoo dhangala’oo tiruu hadhooftuu (Bile Salts) gogaa jala sassaabamuuti.
10. Miira ulfaatina salphaa garaa mirgaa gubbaa Naannoo tiruu:
Akka waan tiruun gadi rarra'ee yokan fannifamee jirutt namtti dhagahama.
Mallattoon kun miira dhiibbaa ykn ulfaatina salphaa garaa mirgaa gubbaa, bakka tiruun jirutti mul’atudha. Tiruu Xiqqoo guddachuu ykn inflammation salphaa tishuu Tiruu keessatti jiraachuu agarsiisuu danda’a.
11. Afaan Goguu fi Dheebuu Garmalee:
Madaalliin meetaabolii qaamaa yeroo jeeqamu seelonni dhangala’aa xiqqaa qabachuun afaan goguu fi yeroo baay’ee dheebuu fiduu danda’u. Mallattoon kun xiqqaa fakkaachuu danda’a, garuu yeroo tokko tokko rakkoon haala hojii tiruu bu’uuraa irratti jiraachuu calaqqisiisuu danda’a.
12. Madaallii Hormoonii jeeqamuu (Hormonal Imbalance):
Tiruun hormoonota akka Estrogen dhiiga keessaa madaalee qulqulleessa. Yoo tiruun miidhame hojii kana rawwachuu baate:
Dhiira Irratti: mallattoo Harmi dhiita’uu (Gynecomastia), fedhiin saalaa xiqqaachuu, fi rifeensi qaamaa dhumachuu mul'ata.
Dubartoota Irratti: dhiigni Laguu madaallii dhabuu fi dhangala’oon qaama saalaa hamma idilee ol dhangala’uu fi jeeqamuu Mul'achuu danda'a.
13. Sammuu fi yaada keessatti jijjiiramni jiraachu (Cognitive Changes):
Yeroo baay’ee waan tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu, waan hunda dammaqinaan raawwachuu dhabuu fi dagannaa/Irraanfi baay'isu.
Tiruun Yeroo dadhabe sirnaan hin hojjenne summiin walitti qabamee burjaajaĘĽuu fi yaada baayyisuu
Hojii tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu irra deddeebi'ee namatti mul'ata. Akkasumas yeroo tokko tokko Hirriba dhabuu fi halkan sammuun jeeqamu, rafuu dadhabuu fi kkf fidu danda'a.
Tiruun yoo dhibee qabaate summiin Ammonia gara sammuu deemuun sirna neervii to’ata. Kun dhibee Hepatic Encephalopathy jedhamuun beekama.
14. Dhangala'aa Afaani Lolloocii baay'achuu.
Nama rakkoo fayyaa Tiruu qabu, Dhangala'aa afaan keessatti baay'ata, Gogorra yokan Lolloocii irra deddeebi'ee Mul'ata, dhangala'aatu Afaan isaa keessa baayyata. Akkasumas sababa tokko malee afaan nama hadhaawa, Nyaata nama jibbisiisa.
15. Dhiita’uu/bokokuu Miillaa fi faana jela:
Yeroo Tiruun sirriitti hojjetaa jiraachuu baate! Miillaa naannoo jilbaa fi faana jelaan, dhiita'uu bokokuu fi diimaa ta'uu fi ulfaatinni dabaluu mul'achuu danda'a. Akkasumas Faana miillaa fi Koomeen sababa malee baqaquu Gogaan isaa akka malee Goggogaa ta'uu danda'a.
Kun kan Uumamuuf, Sababa dadhabbii Tiruutiin haalli vaayitaamiinotaa gaarii ta'uu dhabuu fi kkf irraa kan ka'e, fayyaa gogaa irratti dhiibbaa qaba, Akkuma suuraa irratti mul'atuun gogaa faana miillaa baqaqa.
16. Jaundice, ykn gogaa fi ija keelloo ta'uu:
Haalluu ijaa fi gogaa gara Bifa keelloo, yokan bicaatti, yokan gara Daalachaatti jijjiiramaa deemaa. Miidhaan tiruu yeroo qaqqabu gogaa fi ija keelloo ta’uu taasisa.
Mallattoon Kun yeroo baay'ee tiruun sadarkaa ulfaataa ta'een booda mul'atu danda'a.
Mallattoolee Armaan olitti ibsaman kunneen Tiruun rakkoo keessa jiraachuu kan Argisiisanidha.
Hubachiisa namni tokko Mallattoowwan Armaan olitti ibsaman qabaatee qofaaf dhibee Tiruu qaba jechuun hin danda'amu! Mallattoolee kana dhabeefis fayyaadha hin jedhamu. Karaan inni sirriin dhibee addaa baasuu dandeenyu qorannoo Fayyaa laaboraatoorii fi kkf gaggeessuudha.
Mallattoowwan Armaan olitti ibsaman kanneen keessaa lama yookiin sadii irra deddeebi'ee mul'ate Gara mana yaalaa deemee Qorannoo fayyaa gochuu qaba!. Mallattoolee kanneen tuffachuu hin qabnu!.
Dhibeen tiruu yeroo hedduu mallattoo dhaabbataa ta'e agarsiisuu dhabuu danda'a! Akkuma armaan olitti ibsame Tiruun neervii dhukkubbii keessoo isaa irratti hin qabu. Rakkoon fayyaa tiruu keessa utuu Jira, garuu Mallattoowwan dhukkubbii cimaa fakkaatee mul'achuu dhabuu danda'a.
Namni tokko fayyaadha fooyyee qaba Utuu jedhamuu dhibee sadarkaa of booda Deebisuun hin danda'amne bira gahuu fi namni battalumatti lubbuu isaa dhabuu danda'a!.
Mallattoowwan gurguddaan dhukkuba tiruu kan akka halluun ijaa fi gogaan keelloo ta'uu yokan (jaundice) fi garaan bokokuu dhiita'uu fi kkf kan nama irratti mul'atan yeroo baayyee erga tiruun miidhamee gara sadarkaa cirrhosis ykn kaansarii tiruu (HCC) ga'e boodadha yeroo hedduu sadarkaa kanatti furmaata dhabuu danda'a.
Walumaa galatti fayyaa Tiruu Eeggachuuf osoo mallattoo hin jiraatinis yoo xiqqaate waggaa keessatti yeroo lama Mana yaalaa deemnee Qorannoo fayyaa gochuu qabna. Yoo mallattoo agarre immoo Ogeessa Fayyaa waliin mari’achuun, Qorannoo gaggeessuu Yaala sirrii fudhachuun dirqama!.
Dhibeewwan Tiruu gosa hundaaf dawaa Uumamaa amansiisaa fi Saayinsaawaa ta'e Yaala Dhukkuboota Tiruu Argachuuf
091 033 3944 Irratti karaa Telegiraamii fi Whtsapp irratti messege nuuf Erguun argachuu dandeessu.
Odeeffannoo fayyaa fi barnoota adda addaa Argachuuf Facabook
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa