
02/06/2025
An BSc Nurse dhaan Buufata Fayyaa biyya kanaa tokko keessa hojjadha. Gaabbi qabaadhus jaaladhee filadhee gatii guddaa baasee baradhe waan ta'ee hojjachaa jira. Namni Sponsor naaf ta'e na barsiise nama uffata hodhee Ofii, maatii fi namootaa biroo gargaara jiraachisudha. An College dhuunfaa waan baradheef yeroo san mallaqa baay'ee fi yaadan ana deegara ture. Gaabbiinkoo inni duraa gaarumma nama kanarraa baradheen
1 nama gargaaru dadhabuun koo "Osoo yeroo san barumsa dhiise hojii biroo hojjadheera ta'e har'a jireenya nyaadhe garaa na hin quubsine kana hin jiraadhu akkasuma namni Kunis firii facaase ana irraa hin dhabu ture😭” inni jedhu yeroo hundumaa mataa na jeeqa.
2 Kutaa MCH fi Under five irra waanan tajaajiluuf Hojiin an hojjachaa jiru humnaa oliidha garuu mindaakoo harka garaa afaanii qofa. “Hojii ofii hojjatee namni ofirra darbee namaaf gaha animmo cubbuu maal hojjadhe ofii kootu dadhabe” inni jedhu gaafii kooti. akki kuu Maaliif ta'e?
3 Yeroo ammaa immoo mootummaanis hawaasnis Ogeessa fayyaa ergachuu fi Ajajachuu malee takka kabaja hin qabaniif. “Inni tokko 12 xumuree ykn Akkuma koo collage tokkoo kadhatee barate wal qixatti hin ilaalamnu maaliif? akkas?
✍️