17/12/2025
Hariiroo Itiyoophiyaa fi Hindii irratti:
Waa'ee Ilma Oromoo biyya Hindii bulchaa ture—MALIK AMBAAR—dhageessanii beektuu?
Yeroon inni jiraate wolakkaa jaarraa 16ffaa hanga kurmaana jalqabaa jaarraa 17ffaa ture. Erga babaldhatiinsi Oromoo jaarraa 16ffaa dhumatee booda— Malik Ambar naannoo magaalaa Harariitti, bara 1548, maatii Oromoo irraa dhalate. Maqaan maatiin isaa jalqaba baasaniif Chaapuu ture. Chaapuun maatii harka-qalleessa irraa dhalate. Bara inni dhalate san keessa daldalli garbaa (slave) baratamaa fi hoo’aa ture. Wogga woggaan yoo xiqqaate namoonni kuma kudhaanii ol ta’an Baha Afrikaa kana irraa fuudhamanii akka garbaatti Hindiyaa, Araba, Chaayinaa fi Pershiyaa (Iraanitti) gurguramu ture.
Rakkoo diinagde cimaa qaban irraa maatiin ilma isaanii gabaa garbaatiif akka dhiheessan galmeeleen seenaa tokko tokko addeessanis, isaan hafan ammoo akka tiksummaa beeyladootaa irraa dirqiin fuudhatameetti kan dhiheessanis ni jiru. Chaapuun ijoollee ta’ee akka garbaatti fudhatame.
Worri isa bites fudhatanii Galaana Diimaa ceesisanii magaalaa Mocha (Mookaa) Yemenitti argamtutti nama galii jiddugaleessa qabutti dabarsanii gurguratan. Mookaan yeroo sanitti magaalaa balbala galaanaa (port city) sochii daldalaa hoo’aa qabdu turte. Mookaa erga turee boodas, namni isa bulchaa ture fuudhee gara magaalaa Baagdaad (Baghdad) geesse. Baagdaad yeroo sanitti magaalaa jiddugala beekumsaa, diinagdee, saayinsii fi qarooma addunyaa Islaamaa turte.
Bagdaaditti daldalaan Qaasim jedhamuu Chaapuu nama Yemenitti isa bulchaa ture irraa bitatee horachuu eegale. Qaasim Baagdaaditi Chaapuu Afaan Arabaa barreessuu fi dubbisuu, akkasumas Quraanaa fi barnoota amantii barsiisee daandii amantaa Islaamaa irratti guddise.
Dandeettiin Chaapuun waa qayyabachuu fi hubachuu irratti qabu baay’ee waan isa dinqisiiseef —Qaasim— Chaapuu maqaa “Ambaar” jedhu baaseef. Ambaar jechuun hiikkaa nama hubataa/xiinxallaa cimaa (Intelligent one) jedhu qaba. Qaasimis Ambaar (Chaapuu) Galaana Arabiyaa ceesisee Garba Hindii irraan fuudhee biyya amma Hindi (India) jedhamtu fidaan.
Yeroo san biyyi amma Hindi (India) jedhamtu akka mootummaa tokkootti hin turre. Naannoon tulluuwwan Dekkaan (Deccan) Hindi keessatti argamu mootiiwwan (sulxaanota) shan kan—Berar, Bahmani, Bijapur, Golcondaa fi Ahmadnagar— jedhaman qaba ture. Chaapuun (Ambaar) lafa mootiwwaan shanan Deekkaan kana keessaa tan Ahmadnagaar jedhamtutti nama isa horataa ture (Qaasim) wojji dhaqan. Qaasimis nama ministera mootii (sulxaanota) Ahmadnagaar keessaa tokko kan ta’e, Chengiizi, jedhamutti dabarsee gurgurate.
Mootiiwwan (sulxaanonni) Deekkan shanan kun bara san gara kiibbaatiin Impaayera Mughul irraa yaaliin weeraraa cimaan deddeebiin isaan mudata ture. Akkasumas, ofii isaaniitii wol moyatanii wolbulchuuf lola adda addaa wolirratti godhu ture. Lola angoo fudhachuuf godhame keessaa tokko irratti horataan haaraan Amabaar, ministerri sulxaanota Ahmadnagaar keessaa tokko kan ture, Chengiiz, bara 1576, ni ajjeefama. Kana hordofee, Ambaar (Chaapuun), garba ta’uu irraa gara nama bilisaatti dhufa.
Ambaar, erga garba ta’uu jalaa bahee bilisummaa qabaatee booda, loltoota maallaqni kaffalamee lolan ofii isaatii leenjisuu jalqabe. Suutuma jedhee loltoota ciccimoo gugsii fardaatiin loluu danda’an 150 qabaate. Jidduu bara 1576 hanga bara 1595 Ambaarii fi loltuuwwan inni leenjise kun Sulxaanota Deeccan (Hindii) keessaa Bijapurii fi Golkoondaa jedhaman keessatti hokkaraa fi fincila ka’u kaffaltiin kaffalamee to’ataa turan. Booda irra dandeetti addaa hokkara ka’u to’achuu irratti agarsiiseen maqaan “Malik” jedhamu eda’ameefi. San boodas “Malik Ambaar“ jedhamaa waamamuu jalqabe. Jidduma bara kanaa dubartii Kariimaa jedhamtu fuudhee, isii irraa ilmaan afur hora.
Bara 1595 Impaayerii Moghul, Sulxaanota Dekkaan keessaa kan inni itti jalqaba dhaqe—Sulxaanota Ahmadnagaar— weeraraan qabachuuf woraana jalqaba. Malik Ambaaris, loltoota qabuun dabalata, ummata sulxaanota Dekkaan keessa jiran dammaqsuunii fi hidhachiisuun woraana kuma torba (7,000) ta’u horata. Bara 1597 yeroo Impaayerri Moghul, mootitti Ahmadnagaar yeroo sanii injifatee turetti, Malik Ambar dhageettii, dandeetti woraanaa fi fudhatama qabutti fayyadamuun worra Moghul erga ari’e booda — inni sanyii mootii irraa waan hin dhalataniif bulchuuf waan fudhatama hin qabneef— maatii sulxaanotaa keessaa mucaa tokko akka sulxaana (mootii) Ahmadnagaar ta’u godhe.
Mucaa mootii akka ta’u godhe kanattis, mucayyoo isaa itti heerumsiise. Achii haala kanaan innis miseensa maatii sulxaanotaa ta’e. Mucaan akka sulxaanatti (mootitti) angoo irra haa taa’u malee, murteewwan siyaasaa fi diinagdee murteessoo kan dabarsuu fi ajaju Malik Ambaar ture.
Bara 1605 Malik Ambaar mootota shanan Dekkaan tokkoomsuun, woraana cimaa loltuuwwan kuma shantamaa qabu erga horate booda, Impaayeera jabaa yeroo sanii Moghul Impaayer, lafa Dekkaan isaan qabatan irraa ari’uun bilasa baasuu danda’e.
Erga isaan ari’e booda magaalaa bareeduu yeroo sanii Khirkii (Khuladabad) jedhamtu ijaare. Magaalaan tunis masaraa mootummaa babbareedoo ta’an, iddoowwan bashannaanaa fi finca’aa adda addaatiin, akkasumas sochii dinagdee hoo’aan guddataa dhufuun jiraattota kuma dhibba lamaa ol horatte. Malik Ambaar magaalattiitti ujummoo sarara bishaanii diriirsuun magaalaa jireenyaaf gaarii fi filatamtuu akka taatu godhe.
Bara 1610, mucaan inni akka mootitti irra kaayee mucatti isaa itti heerumsiisee ture sun, sakkoo badee intala biraa fuudhee, intala fuudhe san wojjiin, jaartii isaa tan duraa intala Malik Ambar san diinonfachuu jalqabe. Malik Ambaaris, mootichaa fi jaartii isaa haaraa san summiidhaan dhabama isaan gochuun; ilma mooticha kan mucattiin isaa deettu, kan inni akaakkayyutti ooluuf mootii akka ta’u gubbaa irra kaayee ofii bulchuu itti fuufe. Worri maatii sulxaanotaas akka hin komanneef faayidaa adda addaa kenneefii lafa raabseef.
Worri Impaayera Moghul yeroo irra deebiin Sulxaanota Dekkaan, Ahmadnagaar fa’a, weeraruuf ka’an, Malik Ambaar lolee lolchiisee afoo dhaabbachuun isaan dhaabsise. Kanatti aaree mootiin Moghul yeroo sanii suuraa Malik Ambaar fi isaa, kan inni (mootichi) Moghul Malik Ambaar xiyyaan itti woraanu hojjisiifatee masaraa isaa kaayee ture. Garuu akka hawwe san argee Malik Ambaar woraanee ajjeesuus, ta’ee mo’achuu hin dandeenye.
Malik Ambaar magaalaa ofi ijaare Khuladabad keessatti soodduu guddaa ijaarate. Otoma bulchaa jiruu bara 1626 dhukkubsatee du’aan boqate. Soodduu isaa suuraa irratti argitan kana, kan ammas magaalaa Hindii Khuladabad jedhamtu keessatti argamu, keessatti awwaalame. Soodduun kun ammas kan jiru yoo ta’u, Hindi keessatti akka hambaa seenaa murteessaa tokkotti ilaallama.