Tullu Gudo Medium Clinic

Tullu Gudo Medium Clinic Magaalaa sulultaa, mana barumsaa sadarkaa 2ffaa duubatti argamna!

17/05/2024

Of-ajjeesuu
===============================
Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa ibsutti waggaatti namoonni 800,000 oli ofiin of-ajjeesu
Keessumaa dargaggootaa umuriin isaanii waggaa 15-19 jiran keessatti akka kahumsa du'aa 3ffaatti ilaalalama.

Namni maaliif of-ajjeesa?
1. Dhiphina sammuu hamaa(depression)
2. Alkoolii garmalee dhuguu
3. Rakkoo diinagdee hamaa
4. Hiriyaa jaalataniin gargar bahuu
5. Dhukkuba ykn dhukkubbii qaamaa namaaf yeroo dheeraa namarraa ture
6. Balaa uumamaa
7. Nama waliin walitti buhuu
8. Miirri gad-aantummaa namatti dhagahamuu

Rakkoo kana ofirraa ittisuun ni danda'ama. Akkamitti?
1. Wantoota yeroo baay'ee namoonni ittiin of-ajjeesuuf fayyadaman kanneen akka qoricha farra aramaa, qoricha summii qaban garaagaraa, meeshaa qara qaban, funyoo,meeshaa waraanaa namoota amala armaan olii qaban irraa fageessuu
2. Barumsa akkasii karaa saab-qunnamtii hawaasni akka of eeggatuuf hubannoo kennuu
3. Amaloota rakkoo kanaaf kakaasan Dafanii adda baasuu fi yaala xiinsammuu akka argatan gochuu
4. Araada garaagaraa irraa fagaachuu

Fayyaa hin dhabinaa

Dr Nafyad Getu

04/05/2024

BAGA AYYAANA FAASIKAA GEESSAN

እንኳን ለፋሲካ በዓል አደረሳችሁ

Happy Easter!

Tullu Gudo Medium Clinic

Yoo Gifirri (measles) nuun ykn ijoollee keenya qabe maal gochuu qabna?- Akkuma beekamu dhibee gifiraa fayyisuuf qorichi ...
07/04/2024

Yoo Gifirri (measles) nuun ykn ijoollee keenya qabe maal gochuu qabna?

- Akkuma beekamu dhibee gifiraa fayyisuuf qorichi kennamu hin jiru, dhukkubichi ofumaa isaaf torbanoota 2-3 booda ni dhaabbata. Xaxaa akka hin uumneef garuu ittisuun ni danda'ama
1. Hatattamaan mana yaalaa deemuu fi dhukkubicha adda baasuu
2. Hoo'ina qaamaa too'achuu
3. Dhangala'aa sirritti fudhachuu
4. Ashaboo bishaaniin bulbulanii funyaan keessatti gochuu
5. Vit A fudhachuu
6. Nama kan biraatti akka hin tamsaaneef adda baasuu
7. Naannoo weerarri gifiraa ka'etti ijoolleen umurii ji' a 6 egalee jiran talaalamuu qabu
8. Boqonnaa gahaa fudhachuu ykn daa'immanii haala mijataa uumuu
9. Gifirri waan fayyuu danda'u waan ta'eef of hin dhiphisinaa!
10. Ija keessaniif boqonnaa kennuu. Fkn. Ija haguuggachuu, ifa ilaaluu irraa of qusachuu,

Dabalataan yeroo yerootti ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.

Kiliinika Tulluu Guddoo!

ኩፍኝ እኛን ወይም ልጃችንን ከያዘ ምን ማድረግ አለብን?

አንደሚተወቀው ኩፍኝ አንዲድን የሚሰጠው ማድሃኒት የለም, ህመሙ በራሱ ከ 2-3 ሳምንታት ቡሃላ ይቆማል:: ዉስብስብ አንዳይሆን መከላከል ይቻላል ::

1. በፍጥነት ወደ ጤና ተቁአም በመሄድና ህመሙን መለየት
2. የሰዉነት ሙቀት መቆጣጠር
3. ፈሳሽ በደንብ መዉሰድ
4. ጨው በዉሃ አድርጎ አፍንጫ ዉስጥ ማድረግ
5. ቪታሚን A መዉሰድ
6. ወደ ሌላ ሰው አንዳይዘምት የተመመውን ለብቻ ማቆየት
7. ኩፍኝ ወረርሽኝ በተነሳበት አካባቢ ከ 6 ወር አድሜ ጀምሮ ያሉትን ለጆች ማስከተብ
8. በቂ አረፍት መዉሰድ
9. አላመጨናነቅ
10. ለአይናችን በቂ አረፍት መስጠት

Dr Feyisa Hirphaye

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkam...
25/03/2024

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu ta’e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii ta’uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!
Dr. Gurmeessa

Kalee Fayyaalessa Nama hundumaaf! Bitootessa 14/2024  guyyaa kalee Addunyaati. Fayyummaa kalee keenya eeggachuuf maal go...
14/03/2024

Kalee Fayyaalessa Nama hundumaaf!
Bitootessa 14/2024 guyyaa kalee Addunyaati.

Fayyummaa kalee keenya eeggachuuf maal gochuu qabna?
1. Bishaan ga'aa ta'e (litira 2 guyyaatti dhuguu. Yoo fincaan nama qabu yeroo dheeraaf ittisuu dhiisuu.
2. Qorichoota ajaja ogeessaan ala fudhachuu dhiisuu.
3. Ashaboo baay'isanii nyaachuu dhiisuu.
4. Alkoolii baay'isanii dhuguu dhiisuu fi tamboo tasuma xuuxuu dhiisuu.
5. Hirriba ga'aa ofiif kennuu danda'uu fi Infekshinoota xixiqqoo osoo hin tuffatiin yaalamuu.
6. Dhiibbaa dhiigaafi hamma sukkaraa qoratamuun, dhibeewwan kanaan yoo qabamtan yeroon yaalamuu.

Qorannoofi yaala fayyaa kamiifuu kiliinika keessan Tullu Gudo Medium Clinic koottaa!
Teessoon: Sulultaa, mana barumsaa sad. 2ffaa duubarra!
Nagaa qabaadhaa!
Dr Mo’iiboon

Ulfaatinni gar-malee dhibee wal-xaxaafi cimaadha. Kanaaf ulfaatina keenyaa haa eeggannu
05/03/2024

Ulfaatinni gar-malee dhibee wal-xaxaafi cimaadha.

Kanaaf ulfaatina keenyaa haa eeggannu

Obesity is a complex & chronic disease.

To prevent obesity, people can

✅ limit total fat & sugar intake
✅ eat more fruit, vegetables, whole grains & nuts
✅ do regular physical activity

Remember, obesity is PREVENTABLE!

DU'A GURRAACHA(BLACK DEATH)-Dhukkuba jaarraa 14 keessa uummata awurooppaa harka 1/3ffaa fixe.Uummata addunyaammoo hanga ...
03/03/2024

DU'A GURRAACHA(BLACK DEATH)
-Dhukkuba jaarraa 14 keessa uummata awurooppaa harka 1/3ffaa fixe.Uummata addunyaammoo hanga uummata miiliyoona 200 tti galaafate! Namoonni dhibee kanaan du'an jalqaba kan mul'atan bara 1347 doonii kiriimiyaa irraa ka'uudhaan qarqara odola siisilii biyya xaaliyaaniitti argamtu qubatte irrattidha.

DHIBEE KANA KAN FIDU MAALI?
-Du'i gurraachi yookiis plague kan dhufu baakteeriyaa yeersiiniyaa peestis jedhamuuni.

AKKAMITTIIN DADDARBA?

-Jalqabatti bineensota akka hantuutaa(rodents) jedhaman kan hubu yoo ta'u tafkiin dhiiga hantuuta dhibee kanaan hubame sooratte yeroo hatuutichi dhibee kanan du'u soorata barbaacha namatti dabarsiti.)
-Namarraa namatti immoo kara qilleensaatiin somba keenya qabachuun fi tuttuqaa qaamaatiin illee ni darba

MALLATTOOLEE DHIBEE KANAA

-dhibeen kun mallattoo inni agarsiisu qaama inni hube irratti hundaa'uudhaan;
1.Bubonic plague(infeekshinii xannachoota qabatee keessatti akka dhiigan gochuudhaan mudaamuddii fi bobaa dhiitessee halluun gurraachatti akka jijjiiramu godha)
2.Primary septicemic plague(baakteriyichi dhiiga keessa tamsa'uudhaan mallattoolee akka gubaa qaamaa,mataa bowwuu,qorrisiisuu fida.Akkasumas qaama keenya akka tiruu fi rajiijii s ni huba)
3.Pneumonic plague(Infeekshinii sombaa fiduudhaan mallattoolee akka qufaa ,hafuura kutaa,dhukkubbii laphee fi akkee dhiigan makate nutti fida)

AKKAMITTI ITTISUUN DANDA'AMA
-Nama dhibee kanaan qabame addatti baasuu
-nannoo itti dhibeen kun tamsa'ee jirutti qoricha farra bookee biifuu
-bineeldota ofiin du'an tuttuquurraa of eeguu
-Maaskii fayyadamuudhaan akka somba keenya hin qabanne gochuu
-yoo naannoo dhibeen kun tamsa'etti saaxilamne immoo qoricha akka dhibeen kun nun qabneef fudhatamu(post exposure antibiotic) fudhachuu

XAXAA(COMPLICATIONS)
--infeekshinii onnee,sammuu,fi ijaallee fiduu da'a.

AKKAMITTI WAL'AANAMA
-Qorichoota akka (Gentamycin,streptomycin,Ciprofloxacin,Doxycycline........) dhukkubsataa irratti hundaa'uudhaan laatamu.

Waayee dhibee kanaa waloo oromoo ani baay'ee jaalladhu Obbo Zalaalam Abarraa waggaa kudhan dura akkasittiin walaleessanii ture.Guutuu walaloo isaa immoo link youtube asii gaditti argamurraa akka dhaggeeffattanin isin affeera.
-Nagaa hin dhabiinaa!!!!!!
Dr.Firaa'ol Lachiisaatiin.

=DU'A GURRAACHA=
dhukkuba akka oodaa
kan qoricha hin qabne
kan isaan qabame
kan tasa hin fayyine.
yemmuu nama qabee
lafaan nama dha'u
ayyaana abbaaf haadhaa
waaman hin dhaga'u
tokkorraa isa kaanitti
maaliin akka darbu
akkaataa deemsasaa,
beekaan quba hin qabu.

Qaalluun waansaa hin beeku
moorri hin muldhisu.
xaaxessaafi koobaan,
homaa hin fayyisu.
qalan hin sooratu,
dhibaayyuu hin simatu.

ofiisaaf gorra'a.
dhibba,dhibbaan nyaatee
ammayyuu ni beela'a
nama galaafatee
waaqa gojoma'a!

kaaniif kotteen kaata,
kaaniif koochoo qaba.
muummee namaan lixa
tulluu namaan yaaba.
mormafaa dhiitessee
mudaamuddiif bobaa
dhullaafi dhiitoodhaan
micciireetu sarbaa
ciriqii hudheetuu
liqimsituuf somba
afuura booji'ee
humna nama sarba........................
tulluu guddoo filannoo keessan jalqabaa ha ta'u.
kan argamnu : magaala sulultaa bakka addaa kaajimaa jedhamu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa duuba.

"Du'a Gurraacha (The Black death)1347-1351..... Obbo Zalaalam Aberraa Hogbarruu Afaan Oromoo keessatti ogummaa qaban fayyadamuun Walaloo dhaggeeffatamanii hi...

Akkam jirtu jaallatamtoonni maatii kiliinika keenya hundi, nagaa keessaan haa baay'atu.Bakka jirtanitti fayyaa keessaan ...
03/03/2024

Akkam jirtu jaallatamtoonni maatii kiliinika keenya hundi, nagaa keessaan haa baay'atu.

Bakka jirtanitti fayyaa keessaan eeggachuu hin dagatiinaa. Fayyaan qabeenya, qabeenya bakka bu'aa hin qabne. Kanaaf of eeggachuun filannoo miti dirqama.

Yaalaa fi yaada kamifuu gara kiliinika keessan Tulluu Guddoo goraa😍

Bishaan!Qaamni keenya 70% bishaani.Sammuun keenya 75% bishaani.Sombi keenya 90% bishaani.Dhiigni keenya 85% bishaani.Gog...
01/03/2024

Bishaan!
Qaamni keenya 70% bishaani.
Sammuun keenya 75% bishaani.
Sombi keenya 90% bishaani.
Dhiigni keenya 85% bishaani.
Gogaan keenya 80% bishaani.
Lafeen keenya 24% bishaani.
Bishaan dhuguu haa amaleeffannu!

Tullu Gudo Medium Clinic

Balaa tiraafiikaa Guyyaa kaleessaa magaala Duukamitti balaa tiraafiikaa mudateen lubbuun nama 7 darbuu fi nama 11 irratt...
26/02/2024

Balaa tiraafiikaa

Guyyaa kaleessaa magaala Duukamitti balaa tiraafiikaa mudateen lubbuun nama 7 darbuu fi nama 11 irratti miidhaa cimaa gahee jira.

Kiliinikni keenyi maatii, hiriyyoota akkasumas ummata hundumaaf jajjabina hawwaa, balaa tasaa sin haa oolchu.

✓Yaalii jalqabaa bakka balaa tasaan mudatetti godhamu qabu barreeffama biraan siniif dhiyeessina.

Fayyaa hin dhabinaa!

Deeggartoonnii kilaaba Liverpool baga gammaddan jechaa sagantaa tilmaamaa badhaafamaa keenya irraati namni tilmaama sirr...
25/02/2024

Deeggartoonnii kilaaba Liverpool baga gammaddan jechaa sagantaa tilmaamaa badhaafamaa keenya irraati namni tilmaama sirrii kennee hin jiru.

>Liverpool 1:0 Chelsea

✓Taphoota xumuraa itti aanaanitti walitti deebina.

✓Hirmaannaa keessannif guddaa galatoomaa

Liverpool ♥️ versus Chelsea 🔵    Tapha xumuraa guyyaa har'aa  gaggeeffamuu  nama sirriin tilmaamee lamaaf badhaasaa kaar...
25/02/2024

Liverpool ♥️ versus Chelsea 🔵



Tapha xumuraa guyyaa har'aa gaggeeffamuu nama sirriin tilmaamee lamaaf badhaasaa kaardii qopheessinee jirra.
Tilmaama keessaan nuuf eeraa. Goodluck☺️

LIVERPOOL ♥️ ♥️♥️
Vs
CHELSEA 🔵🔵??🔵






Hub: page kana Like gochuu fi share gochuun dirqama.
Comment gochuun dorgommii keessaa nama baasa.

badhaafamaa!

Address

Sululta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tullu Gudo Medium Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram