21/07/2024
Medical Errors/Dogongora Yaala Fayyaa Waliin Wal-qabatee Mu'latu/
=======================================================
Medical errors ykn dogongora yaala fayyaa uumame kan jedhamu dhukkubsataan akka yaallamuu irra jiraatutti ykn yaallamuu isaaf/isheef malutti yoo yaallamuu dhaban yookiin immoo akka karoora yaalaa dhukkubsataaf karoorfameen yaallamuu yoo dhabaniidha.
Biyya Ameerikaa waggaa tokko keessatti namoonni dogongora yaala fayyaan wal-qabatee miidhaan fayyaa irra gahu 400,000 yoo ta'an, namoonni 200,000 immoo dogongoruma kanaan lubbuu dhabu.
Kana jechuunis biyyattii keessatti dhibee onnee fi kaansariitti aanee kan lammiilee ishee du'aaf saaxilu dogongora yaala fayyaa(Medical errors) wajjiin wal-qabateedha.
Gosoota Dogongora Yaala Fayyaa(Types of Medical Errors)
1.Diagnostic errors(Dhibee dhukkubsataa adda baafachuu dhabuu ykn yeroon beekuu dhabuun kan mul'atu)
2.Surgical errors(Yeroo baqaqsanii yaalan rakkoolee dagannaan mul'atan fkn meeshalee baqaqsanii yaaluuf oolan dhukkubsataa keessatti irranfachuu, ija dhukkubsataa yaaluf ija isa fayya baqaqsuu/wrong site)
3.Medication errors(Qoricha dogongoraa kennuu, nama alerjii qabuuf qoricha alerjii itti kaasu kennuu, hamma qorichaa ykn dose garmalee ol ka'aa kennuu)
4.Equipment failures(Mashiniin hargansuuf dhukkubsataa gargaaruu hojii yoo dhaabe, oksiijinii yoo fixe yeroo dheeraaf dhukkubsataan yoo otuu hin ilaallamiin hafe rakkoo umamu)
Gara biraan dogongorri yaala fayyaan wal-qabatee umamuu malu, active fi latent jedhame adda baha. Fakkenya active errors warri ta'an dhukkubsataa yaaluf miilla dhukkubsataa dhiisanii kan fayyaa irratti opirashenii hojjechuu fi qoricha sirri hin taane dhukkubsataaf kennuu fa'a. Active errors warri jedhaman tasuma dogongora umamuu hin qabneefi ija seeraa fi ethics fayyaa keessatti fudhatama kan hin qabneedha. Latent errors warri jedhaman mashiniin dhukkubsata akka hafuura baafatu gargaaru tasa hojii dhaabuu(Mechanical ventilator failure).
Biyya keenya keessatti qorannoon gaggeeffame jiraachuu haa baatu malee, dogongorri yaala fayyaa waliin wal-qabatee lubbuun nama darbuun ni mul'ata.
Akkamitti dongongora yaala fayyaa dhorkuu dandeenya?
1. Dogongorri hospitaala ykn mana yaalaa keessatti yoo umame dhoskuu otuu hin ta'iin saaxiluu fi akka gar funduraa dogongorri walfakkataa hin umamne ni gargaara.
2.Communication: ogeessi fayyaa dhukkubsataa waliin otuu yaala hin kenniin yeroo fudhatee waa'ee dhibee isaafii filannoo yaala jiran haasa'uun barbaachisaadha.
3. Ogeessi fayyaa gucawwan safety dhaaf dhoobbaman ykn barrahan dubbisuu fi hordofuun murteessadha.
4.Dhukkubsataan gaafa ogeessa fayyaa kamiinuu ilaallamu ykn yaala argatu gaaffii yaalin kun maalif barbaachisee, qoricha kun miidhaa maal narraan geessisuu danda'a, fi kkf gaafachuu mirgas qaba, fayyummaa isaatif/isheetifis murteessadha. Keessumaa dhibee beekkamaa qabu fi alerjii qorichaa yoo qabate ogeessa faayyatti himuun barbaachisaadha.
5. Barattoota ogummaa fayyaa baratan ykn ogeessota fayyaa hojiif haaraa ta'an supervise gochuu ykn hordofuun baay'ee barbaachisaadha.