21/07/2025
’imman_Dhungachuun mudachuu danda’an!
Namni hunduu yeroo daa’imman argu dhungachuuf itti deema. Haa ta’u malee daa’imman dhungachuun miidhaa mataa isaa qaba. Naannoo afaanii(hidhii) isaanii dhungachuun waantota hedduu haa fiduyyu malee,qaama daa’immanii bakka hundaayyu dhungachuun rakkoo adda addaa fiduu mala. Isaan keessaa gurguddoon;-
1.Michii/urgaa (Fever Blisters/cold sores/oral herpes) akka qabaman taasisa. Dhibeen kun vaayireesii HSV-1 jedhamuun kandhufu ta’ee kan daddarbus hancufaanii.
Namoonni gurguddoon Kanaan dura dhibee kana godhatanii kan turan yoo ta’ee,sababa vaayiraasiin kun mallattoo agarsiisuu baatullee hancufa isaanii keessa jiruuf osooma nagaa fakkaatanii ijoolleef dhungachuun isaanitti dabarsu.
2.Vaayireesii “RSV (Respiratory Syncytial Virus)” jedhamu kan somba daa’iimmanii miidhuun beekamu akka isaanitti dabarsinuuf sababa ta’a. keessumaa kan waan akka mallattoo utaalloo qaban ta’e dhungachuu haa turuu itti siqanii taa’uu fi baachuunuu ni daddabarsa.
3.Sinsinnaa’uu qaamaa fiduu mala (Allergic Reactions)
Nutti fakkaachuu haadhiisu malee waantonni akka chaappistikii,lippistikii fi nyaata adda addaa nyaannee osoo saamunaan afaan hin dhiqatiin jirru achirra jiru sinsinnaa’uu qaamaa(allerjii) isaanitti fiduu mala
4.Dhibee”Hand, Foot, and Mouth Disease” jedhamuuf isaan saaxila.
Dhibeen kun shiffitaan Naannoo afaanii,harkaa,lukaa fi miilla daa’imaatti akka ba’u kan taasisu dha.
5.Dhibee “Kissing Disease/ ‘mononucleosis” jedhamu kan hancufaan daddarbuun qaama guutuu irratti mallattuu adda addaa agarsiisuun dhukkubaaf saaxilaman taasisa.
6.Nyaatamuu ilkaanii ‘dental caries”—hancufni baacteeriyaa akka ilkaan nyaatamu taasisu kan “streptococcus mutans” jedhamu gara daa’iimatti dabarsuun akka ilkaan isaanii nyaatamuuf sababa tokko ta’uu mala. hanga danda’ametti daa’imman dhungachuu dhiisuun gaariidha. Addatti Naannoo afaan isaanii dhungachuu fi yeroo mallattoo utaalloo fi kkf qabnutti qaama isaanii dhungachuu dhiisuu qabna .
Page kana follow yoo goote odeeffannoo fayyaa daftee argatta‼️