Nafishe Drug Store

  • Home
  • Nafishe Drug Store

Nafishe Drug Store Nafi

23/07/2025

Mee share waliif godhaa
Page kanas follow godhaa🙏🙏🙏

22/07/2025

Kana beektuu laata
Odeeffannoo fayyaa argachuuf page kana follow godhaa🙏🙏🙏

22/07/2025

Odeefffannoo Qorichaan walqabatu argachuuf
Akkasumas dhimmoota Fayyaa wajjin wal qabatu dafee akka isin bira ga'uuf
Page kana like,share,follow godhaa🙏🙏🙏

 Kuni Cirracha kalee dhukkubsataa tokko keessaa baheedha. Kanaan Cirracha jechuun iyyuu ni ulfaata!!!Ogeessonni keenya y...
21/07/2025


Kuni Cirracha kalee dhukkubsataa tokko keessaa baheedha. Kanaan Cirracha jechuun iyyuu ni ulfaata!!!
Ogeessonni keenya yaala kana irratti hirmaattan cufti galata qabdu!!!

 ’imman_Dhungachuun mudachuu danda’an!Namni hunduu yeroo daa’imman argu dhungachuuf itti deema. Haa ta’u malee daa’imman...
21/07/2025

’imman_Dhungachuun mudachuu danda’an!
Namni hunduu yeroo daa’imman argu dhungachuuf itti deema. Haa ta’u malee daa’imman dhungachuun miidhaa mataa isaa qaba. Naannoo afaanii(hidhii) isaanii dhungachuun waantota hedduu haa fiduyyu malee,qaama daa’immanii bakka hundaayyu dhungachuun rakkoo adda addaa fiduu mala. Isaan keessaa gurguddoon;-
1.Michii/urgaa (Fever Blisters/cold sores/oral herpes) akka qabaman taasisa. Dhibeen kun vaayireesii HSV-1 jedhamuun kandhufu ta’ee kan daddarbus hancufaanii.
Namoonni gurguddoon Kanaan dura dhibee kana godhatanii kan turan yoo ta’ee,sababa vaayiraasiin kun mallattoo agarsiisuu baatullee hancufa isaanii keessa jiruuf osooma nagaa fakkaatanii ijoolleef dhungachuun isaanitti dabarsu.
2.Vaayireesii “RSV (Respiratory Syncytial Virus)” jedhamu kan somba daa’iimmanii miidhuun beekamu akka isaanitti dabarsinuuf sababa ta’a. keessumaa kan waan akka mallattoo utaalloo qaban ta’e dhungachuu haa turuu itti siqanii taa’uu fi baachuunuu ni daddabarsa.
3.Sinsinnaa’uu qaamaa fiduu mala (Allergic Reactions)
Nutti fakkaachuu haadhiisu malee waantonni akka chaappistikii,lippistikii fi nyaata adda addaa nyaannee osoo saamunaan afaan hin dhiqatiin jirru achirra jiru sinsinnaa’uu qaamaa(allerjii) isaanitti fiduu mala
4.Dhibee”Hand, Foot, and Mouth Disease” jedhamuuf isaan saaxila.
Dhibeen kun shiffitaan Naannoo afaanii,harkaa,lukaa fi miilla daa’imaatti akka ba’u kan taasisu dha.
5.Dhibee “Kissing Disease/ ‘mononucleosis” jedhamu kan hancufaan daddarbuun qaama guutuu irratti mallattuu adda addaa agarsiisuun dhukkubaaf saaxilaman taasisa.
6.Nyaatamuu ilkaanii ‘dental caries”—hancufni baacteeriyaa akka ilkaan nyaatamu taasisu kan “streptococcus mutans” jedhamu gara daa’iimatti dabarsuun akka ilkaan isaanii nyaatamuuf sababa tokko ta’uu mala. hanga danda’ametti daa’imman dhungachuu dhiisuun gaariidha. Addatti Naannoo afaan isaanii dhungachuu fi yeroo mallattoo utaalloo fi kkf qabnutti qaama isaanii dhungachuu dhiisuu qabna .

Page kana follow yoo goote odeeffannoo fayyaa daftee argatta‼️

CUUNFAA LOOMII*******************Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:* Vaayitamiin C dhaan kan ba...
21/05/2025

CUUNFAA LOOMII
*******************
Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:

* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta'uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan guddaa keenyafis gaariidha.
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta'u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si'eessa.
* Bu'aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta'anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa'a ta'uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.
---
Fayyaa ta'aa! Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

04/03/2025

🙏🙏🙏

Wantoota Dandeettiii Dhukkuba Loluu Qaama Keenyaa (Immunity) CIMSAN.1. Hirriba ga'aa rafuu (sa'aa 6 haga 8).2. Sochii qa...
04/03/2025

Wantoota Dandeettiii Dhukkuba Loluu Qaama Keenyaa (Immunity) CIMSAN.

1. Hirriba ga'aa rafuu (sa'aa 6 haga 8).
2. Sochii qaamaa taasisuu (torbanitti guyyaa 4 ol guyyaatti daqiiqaa 30 oliif).
3. Sammuun dhiphachuu (stress) dhiisuu.
4. Nyaata kuduraa fi muduraan (fruits and vegetables) itti baay'ate soorachuu.
5. Tasumaa tamboo fi waantoota tamboo fakkaatan aarsuu dhiisuu.
6. Alkoolii kan dhuguu dhiisuu yoo kan dhugan ta'e ammoo xiqqeessanii dhuguu.
7. Dhukkuboota akka dhukkuba sukkaaraa fi kkf yoo qabaanne qoricha dhukkuboota sanaaf nuu kennaman sirriitti fudhachuu.
8. Ulfaatina qaamaa akka garmalee hin daballe yokaan hin xiqqaanne sirrii irratti eeguu.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa H

24/02/2025

Share waliif godhaa maaloo🙏🙏🙏

24/02/2025

Daa'imni Marfee baqatte kkkkkk

Address


Telephone

+251920408233

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nafishe Drug Store posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share