04/12/2023
Biiroon Nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Hararii nageenya keessummoota Guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummatootaa kabajuuf Harar qaxxaamuranii imalaniif qophiin gahaan xumuramuu beeksise.
Naannichatti Keessummoota guyyaa sabootaa, Sab-lammootaa fi ummatootaa kabajuuf gara naannoo Somaalee Magaalaa Jijjigaatti imalaniif simannaan taasifamaa akka jirus eerameera.
Akka hogganaan Biiroo Nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Hararii Obbo Toofiq Mohaammad jedhanitti, nageenya amma naannicha keessatti mullatu itti fufsiisuuf hawaasa hirmaachisuun murannoon hojjatamaa jira.
Keessumattuu keessummoonni guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummatoota Itoophiyaa 18ffaa kabajuuf gara naannoo Somaalee imalan haala guutumatti nagaa ta'een akka socho'an qophiin taasifamuu eeraniiru.
Kanaafiis humnoonni nageenyaa naannichaa humnoota tikaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa waliin qindoomuun qophii barbaachisu taasiseera jedhaniiru.
Obbo Tofiq itti dabaluudhaanis ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramuuf naannolee fi magaalota ollaa waliin qindoominaan hojjetamaa jirra jedhaniiru.
Ummanni naannichaas,Harar kan ittiin beekkamtu duudhaalee gaarii nageenyaa,jaalalaa, wal danda’uu fi keessummaa hammachuu calaqqisiisuun keessummoota akka simatan waamicha dhiheessaniiru.
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaan Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti mata duree "sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyoolessaatiif" jedhuun kan kabajamu ta'uun ibsameera.