21/01/2026
ALTIRAASAAWUNDII(Sonogram)
Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ+Γ
β Soonogiraafiin tajaajila fayyaa keessatti qorannoo namoota hedduuf godhamu dha. Tajaajila qorannoo fi yaalaaf ni oola. Kan hojjatus danbalii sagalee dhageettii gurra namaatii ol taβe fayyadamuudhaani.
β Qorannoon Altiraasaawundii caarallaa qaama miidhu (ionizing radiations) HIN qabu. Kanaaf, qorannoo ulfaatiif filatamaa dha.
β Qaamota akka tiruu, Rajiijii, Barxaxxee, Kalee, Hadhooftuu, Afuuffaa fincaanii, Piroosteetii, fi Gadaamessaa ilaaluun, rakkoo jiru adda baasuuf gargaara. Firiin garuu dandeettii nama ilaaluu ykn qoratuu san irratti hundaaβa.
β Altiraasaawundiin onnee (Echo) sosochii maashaa fi valvii, bal'ina kutaalee onnee, hamma dhiigaa onnee seenuu fi bahu, dhiitaβaa fi kantaruu dhiigaa onnee keessaa qorachuuf gargaara.
Altiraasaawundiin wal'aansa (yaala) irrattis, faayidaalee akka:
β’ Meeshaaleen yaalaaf oolan qaama keessatti iddoo barbaadamanitti, altiraasaawundiin ilaalaa kaa'uuf ykn qoricha kennuuf.
β’ Osoo opireeshiiniin (baqaqsanii) hin banin, qaamota keessaa irraa waan akka siriinjii (lilmee) fayyadamuun samuuda qorannoof fuudhachuuf.
β’ Danbalii sagalee cimaa taβe fayyadamuun, tishuuwwan sochosuu fi hooβisuuf, dhiiga kantare bittinsuuf (facaasuuf) tajaajiluu dandaβa.
011-366 38 77
0915-95 93 83
Credit : Dr N.L.