Dr.Atinaaf

Dr.Atinaaf Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr.Atinaaf, Doctor, London.

23/02/2024

Guddachuu Xannacha piroostaatii (Benign prostatic hyperplasia (BPH)
dhukkuba dhiirota miidhu yoo ta’u, yeroo baay’ee namoota umurii isaanii naannoo 50 oli miidha.
BPH kan uumamu xannachi piroostaatii kan ujummoo fincaanii jalatti argamu fi ujummoo fincaanii marsee jiru yeroo guddatudha. Sababni sirrii BPH ammallee hin beekamne, garuu umurii fi jijjiiramni hormoonii gahee akka qabu amanama.

Mallattoolee Dhibee BPH
-Fincaan jalqabuu fi dhaabuuf rakkachuu
-Fincaan sirriitti yaa'uu diduu
-Halkan deddebi'anii Fincaaniif ka'uu
-Fincaan nama sarduu
Mallattoowwan kun qulqullina jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu.

Wal’aansi isaas hamma mallattoolee fi haala dhuunfaa irratti hundaa’a.
Isaanis jijjiirama akkaataa jireenyaa fi qoricha irraa kaasee hanga baqaqsanii Yaaluutti ta’uu danda’u.
Mallattoolle armaan olii yoo argitan ogeessa fayyaa marsisuun gaariidha.

Fayyaa ta'aa!!!
Dr Tahir Hirpo

01/11/2022

Faayidaa Aannan Loonii
********************************************
Aannaan loonii qabiyyee nyaataatiin baayyee baadhaadhaa. Keessattuu viitaaminoota fi albuudoota qaamaaf barbaachisaa sirritti of keessaa qaba.
Viitaamina B12 viitaamina D, albuuda kaalsiyemii fi pootaasiyemii kan nyaanni baayyeen sirritti ofkeessaa hin qabneen badhaadhee jira.

* Aannan Loonii madda keessaa nyaataa kan " pirootoonii guutuu/ complete protein" of keessaa qabuudha. Amiinoo asiidii barbaachisoo saglan qaamni keenya qixa sirriitiin akka hojjatu gargaaru hunda of keessaa qaba.
Pirootooniin hojiilee barbaachisoo qaamni keenya hojjatu kan akka guddina qaamaa,seelii miidhamte suphuu fi Madiinummaa qaamaa keenya to'achuurratti gahee olaanaa bahata

* Fayyaa fi jabeenya lafeetiif barbaachisaadha.
Albuuda kaalsiyemii, foosfarasii, pootaasiyemii fi viitaamina k waan of keessaa qabuuf fayyaa lafeetiif murteessaadha
Galatoomaa!!

14/10/2022

Yeroo tokko tokko osoodhuma taa'anii onneen akka waan akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ka'uu mlaa? Yoo maal ta'e mana yaalaa deemuu qabnaa?
************************************************
1. Waantoota qaama si'eessan kamiyyuu kan akka: bunaa, jimaa, tamboo, kookaayinii fi kkf yoo fayyadaman.
2. Jijiirrama hoormoonii qaamaa, keessumaa dubartoota keessatti kan akka marsaa laguu, ulfaa (pregnancy, fi marsaan laguu hafuu (menopause)
3. Sababa kamiin illee gaafa qaamni keenya ho'u ykn dhaqna gubaa (fever) yoo qabaatan.
4. Sochii qaamaa cimaa (straneous exercise) yoo taasisan.
5. Miirota kanneen akka aarii, sodaa fi gadda cimaa ta'an yoo namatti dhaga'aman.
6. Hoormooniin xannacha taayirooyidii irraa maddu (thyroxine) yoo haga barbaadamuu ol oomishamamee qaama keessa faca'u, fkn ucuba mormaa (goiter) yoo hormoonii kana oomishu.
********************************************
Waantoonni armaan olitti kaasne kun kan ofii isaaniin dhiisanii fi yeroo baay'ee kan miidhaa hin qabnedha. Garuu yoo dha'achuun onnee cimaa ta'ee (osuma taa'ani akka nama fiiguutti dha'atee) fi waantoo armaan gadii kana walfaana qabaanne mana yaalaa deemnee ogeessa haasofsiisuu qabna.
1. Miira dhukkuubbii ykn namatti ulfaachuu laphee (chest)
2. Yoo waa hojjachuuf jedhan haafurri nama cituu (shortness of breath).
3. Ofwallaaluu, lafaan maramuu (fainting or dizziness).
********************************************

07/10/2022

Jinjibila / Zinjibila /Ginger
*****************
Keemikaalli "Gingerol" jedhamu kan Jinjibila keessatti argamu, faayidaalee armaan gadii nuuf kenna:

- Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala.
- Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa.
- Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir'isa
- Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega.
- Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun fooyyee nuu kenna.
- Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir'isa.
- Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa.
- Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka.
- Qabiyyee qaamaa yoo baay'ate dhukkuba.
Fayyaan faaya
**************
Fayyaan Faaya

25/09/2022

BAAROLLEE( TENIA VERSICOLOR)

Baarolleen dhukkuba gogaa fangasii ‘malassezia furfur’ jedhamuun kan dhufu yoo ta’u halluu gogaa namaa jijjiiruudhaan ni beekama.
MAALTU NU SAAXILA?
👉Yeroo baay’ee wantootni dhukkuba kanaaf nama saaxilan adda bahanii hin beekamani,garuu kanneen armaan gadii waliin wal qabata jedhamee yaadama.
-1..Waqtii qilleensa jiidhaa(warm season)
-2..Akka malee dafquu(hyperhydrosis)
-3..Qorichoota akka ‘glucocorticoids’ jedhaman fayyadamuu
-4..Dibataalee tokko tokko fkn ‘cocoa butter’ kan jedhaman gogaa ofiitti dibachuu
Hubadhu: gosti dhibee kanaan walfaakkatu jiraatuus, garuu Baarolleen tasumaa namaa gara namaatti hin daddarbu!!

MAALLATTOON ISAA MAAL FAAKKAATU?
-A..Jijjiirama halluu gogaa(addaachuu ykn boorachuu gogaa): hypopigmented orhyperpigmented
-B..Jijjiramni halluu gogaa kun naannoo laphee,dugda duuba, irree harkaa,gudeeda miilaa fi morma jalatti mul’ata

AKKAMIIN YAALUU DANDEENYA?
👉Baarolleen qorichoota armaan gadiitiin salphaadhumatti yaalamuu danda’a.
1.’selenium sulfide 2.5% lotion or shampoo’: Torbee tokkoof guyyaatti yeroo tokko iddoo baarolleen sun jirutti daqiiqaa 10f erga dibannee booda dhiqachuu.
2.’ketoconazole 2% cream’ : Akkuma armaan oliitti fayyadami
3.’terbinafine 1% solution’: Guyyaatti yeroo lama torbee tokkoof dibachuu
HUB: Baarolleen hanqina qulqullina dhuunfaa wajjin wal-hin qabatu!!
By Dr Jirenyaa

03/09/2022

Namoota DHUKKUBA MADAA'UU GAARAACHAA qabdaniif:

NB: Dhukkuba madaa'uu garaachaa fiduudhaan ga'ee ol aanaa kan qaban QORICHOOTA DHUKKUBBII ITTISUUF GARGAARAN (Ibuprofen, diclofenac, endomethacin) fi baakteeriyaa garaachaa H.PYLORI jedhamu dha.

Walumaa galatti namoonni dhibee madaa'uu mar'imaanii kana qabdan fayyummaa gaaracha Keessaniif:

1. Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman (keessumaa kan dhukkubbii hir'isuuf oolan akka ibuprofen fi kkf) fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu.

2. Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.

3. Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne
garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.

4. Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.

***************
Fayyaan faaya

03/09/2022


Wantoota hormoniiwwan gammachuu qaama keenyaa akka maddan godhan keessaa dhungoon isa tokkoodha. Hormoniiwwan gammachuu sadan kunniinis, hormonii Oxytocin, dopamine fi serotonin kan jedhaman fa'aa dha. Gammachuu maddisiisuudhaan dabalata waldhungoon faayidalee biroo hedduus qaba. Isaanis :-
*Bowwoo mataa namatti fooyyessuudhaaf ni gargaara
*Rafuudhaan dura waldhungachuun hirriba gaariifi qulqullina qabu akka rafnuuf heddu gargaara
*Dhiphinafi yaaddoo ni hir'isa
*Dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa waliin walqabatanii dhufan nurraa ittisa
*Dandeettii dhibee dandamachuu qaamaa ni dabala
*Bareedinafi miidhagina fuulaaf heddu tola (waldhungachuun fuula dargaggummaa akka qabaataniif ni gargaara)
*Hariiroo jaalalaa ni cimsa
*Fedhii walqunnamtii saalaa dabaluufi walhoo'isuudhaaf filatamaadha.
*Dhukkubbii garaa yeroo marsaa laguu ni hir'isa
*Ofitti amanamummaa ni dabala
*Namoonni tokko tokko dhungoo qofaan fedhii walqunnamtii saalaa akka bahan ni gargaara
*Umrii ni dabala (namoonni ganama ganama yeroo hunda osoo hojii hin deemin waldhungatan umrii dheeraa jiraatu jedhameera)
Kanaaf, jara adda hin qabinaa faayidalee kanniin yaa dhandhamatanii!!
Hirmaannaa keessaniif guddaa galatoomaa!!

21/08/2022

Yeroo Walqunnamtii Saalaa
Wantoota Dubartiin Jibbitu🙅‍♂️
======================

①. Yeruma Xiqqoof qaama hoo'isuu (short foreplay) : Yeruma tokkoon qaqqabachuun, dhungachuu fiiganiituma raawwachuu dubartiin kamuu hin jaalattu. Fedhiin dhiiraa dafee dhufaa dafee qorras, dubartiin garuu fedhiin ishii dafee hin dhufusii ho'inaan immoo daftee hin dhabamtu. Kanaaf qaama ho'isuun yeroo dheeraf raawwachuu qabda.

②. Yaada hin taane laachuu : Maali intaloo maal fakkaattaa, qaamni kee maal fakkaataa, dabbasaan kee oogana natti jejjedhaa, dafqa dafqa jetta bishaan biyyarra hin jiru moo fi wantoota kana fakkaatan jechuun akka ofitti qaanoftu gochuu hin qabdu. Yeroo walqunnamtii saalaa wantoota gaggaarii qofa dhaga'uu waan barbaadduuf waanuma gurraaf tolu qofa itti hasaasi.

③. Kan of jaalatu : Dhiirri fedhii isaa qofaaf dhimmamu heedduu dubartii biratti jibbama. Kan isaa fixatee achi gargalee xaxatee kan ciisu dhiiraa miti. Intaluma amma si gammachiifte tana akkamitti irraa gargalata? Ammuma fedh e yoo fedhiin kee dafee kan dhufu yoo ta'eyyuu ishii fedhii baasuuf dhamaatiin ati taasiftu ishii biratti gatii qaba.

④. Fedhii ishii kan hin eegne : Callisteetuma dhungachuu, tuttuquu, itti bubbu'uun hin barbaachisu. Yeroo dhungattu deebii ishii fuularraa dubbisaa ta'uu qaba. Itti hin tolle taanan jijjiiruu yookin dhiisudha. Eessa akka tuqxu, eessa akka dhungattu, akkamitti ta'uu akka qabu fedhii ishii jiddu galeeffachuu qabda.

⑤. Irratti shaakaluu : Warri adii yookin yeroo fiilmii garaa garaa ilaaltu dubartoonni yeroo akka malee iyyanii maraatan ni agarta. Mana keetti yeroo galte garuu jaalallee/niitiin kee hin iyyitu. Si'i garuu iyyisiisuun hawwii keeti. Dubartiin biyya keenyaa yeroo walqunnamtii saalaa kan iyyitu yoo dhukkube qofa. Kanan ala sagalee xiqqoo ni dhageessifti (ni aaddi). Gooftaa koo fiilmii sobaa jaalallee/haadha ijoollee keetii irratti practice ba'uu hin hawwin.

⑥. Amma amma gaafachuu : Ofii kee erga fedhii baatee raawwii dhaabdeen booda ati hoo fixxee jettee a

19/08/2022

👉👉Nyaatota namoota dhukkubbii garaacha / gastritis / PUD qabaniif gaarii ta'an keessa muraasni:
1. Damma/ honey - madaa fayyisuu danda'a akkasuma baakteeriyaa H.pyoris ni ittisa .
2. Qullubbii - baakteeriyaa ni hir'isa , madaan haroyni akka hin uumamneef ni gargaara.
3. Baaduu- probiotic dha madaa fayyisuuf ni gargaara. Baakteeriyaa H.pylori ni ittisa
4. Kuduraalee fi fuduraalee biroo kanneen nama hin gubne fi asiidummaa hin qabne . Fkn kan akka goomana keessatti cuunfa isaa , muuzii , appilii, hundee diimaa, watermelon ykn habab, dinnicha fi kkf.
5.jinjibila- madawuu ni ittisa . Sooranni sirnaan bullaayee akka darbu waan taasisuuf fi amala beezii waan qabuuf gahee madaa fayyisuu qaba.
6. Nyaata pirootinaan badhaadhan kan akka killee.
7.bishaan ganama garaa qullaatti dhuguu.
👉Nyaatota gaarii hin taane. Kanneen namatti jabeessuu danda'an :-
1.alkoolii- gosa kamuu
2.buna fi shaayii
3. Nyaata coomaa fi zayita baayyatan
4.nyaata barbaree qabani fi soogiddi itti baayyatu
5.kuduraalee fi fuduraalee asidii qaban fkn akka loomii , burtukaana, timaatima,qaaraa.
6.chocolate
7.nyaatota fi juusota firijii keessatti garmalee qorran .

Gaafii keessan isinif deebiyaa jedhen yaada

✍✍✍✍Galatoomii!! Dr Nimoonaa bonsoo
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.

Address

London

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Atinaaf posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category