
09/04/2022
Obsaan Dubbisa..page keennaa follow fi like..
Mucaan saalihaa tokko waan ajaa'ibaa arge abjuudhaan Ni jedhe Abbaan koo nama muslimaa salaata isaa tikfatu irraahi ture garuu darbee darbee yeroo salaataa dabarsee salaata ture Abbaan koo dhukkubsatanii du'an yeroon isaan du'an Salaanni zuhrii gahuudhaaf yeroo muraasattu hafe Nutis kaanee Jinaazaa dhiqnee kafannee qopheessinee eegne hanga ummanni salaataaf masjiidaatti wal gahu irratti salaachuuf
Yeroo abbaa koo dhiqnu fuulli abbaa kootii haala nama sodaachisuun gurraacha tahee ture Baay'een rifadhe osoma teenyee eegnuu hanga ummanni wal gahu salaata zuhriif masjiidatti hirriibni na qabee xiqqoo rafee manaama ajaa'ibaan arge
Mamtichi uffata adii uffatu farda adii yaabbatee fageenyaa deemee dhufee irraa bu'ee fuula abbaa koorraa banee irraa xarage yeroo kana fuulli abbaa kootii gurraacharraa adiitti jijjiirrame Nuurri fuula isaatii haguuge yeroo inni deemuuf ka'e eenyu ati jedheen gaafadhe? Nan beektuu jedhee naaf deebise siin beekne jedheen innis Ani Muhammad ibnu abdallaaﷺ Ani Ergamaa Rabbiitiﷺ naan jedhe abbaan kee tarkaanfii takka hin tarkaanfatu ture salawaata narratti buusu malee kun shafa'aa kiyya kan addunyaati aakiraattis argachuuf taa'a inshaa allaa naan jedheﷺ
Anilleen waanin argaa jiru irraa rifadheen dammaqe dhugeessuu dadhabe yeroon ka'e abbaa kiyyarra banee laaluun qaba jedhee yeroon fuula isaatii irraa banu fuulli isaa gurraachi gara adiitti jijjiirramee ifeera san booda niin gammade hubadhee wantin arge akka dhugaa tahe niin hubadhe Akkuma Ergamaan Rabbiiﷺjedhan Namni manaamaan na arge dhugumatti na arge sheyxaanni anatti fakkeessuu hin dandeessuu jedhan
Rasuulli Akkana jedhan Namni guyyaa qiyaamaa akkaan natti dhiyaatu warra salawaata narratti buusuu Heddummeessuudha jedhan
Page keennaa Ammu follow godhaa
اللهم صل وسلم على سيدنا محمد